Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Dubbiin Waaqayyo Keenyaa . . . Bara Baraan Jabaatee Dhaabata”

“Dubbiin Waaqayyo Keenyaa . . . Bara Baraan Jabaatee Dhaabata”

“Margichi in coollaga, daraarichis in harca’a, dubbiin Waaqayyo keenyaa garuu bara baraan [“jabaatee dhaabata, NW”].” —ISA. 40:8.

FAARFANNAA: 95, 97

1, 2. (a) Utuu Kitaabni Qulqulluun hin jiru taʼee jireenyi maal fakkaata ture? (b) Keessumaa Dubbii Waaqayyoo irraa fayyadamuu kan dandeenyu yoo maal taʼe dha?

KITAABNI QULQULLUUN utuu hin jiruu taʼe, jireenyi kee maal fakkaachuu akka dandaʼu yaaddee beektaa? Gorsa amansiisaa guyyaa hundumaa si fayyadu argachuu hin dandeessu. Akkasumas gaaffii Waaqayyoon, jireenyaa fi waaʼee gara fuulduraa ilaalchisee qabduuf deebii quubsa hin argatu. Kana malees, maatii ilmaan namootaa kanaan dura turanii wajjin haala wal qabateen wanta Yihowaan raawwate beekuu hin dandeessu turte.

2 Kan nama gammachiisu garuu, nuti haala gaddisiisaa akkasii keessa hin jirru. Yihowaan Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii taʼe nuuf kenneera. Kana malees, ergaan achii keessa jiru bara baraaf jabaatee akka dhaabatu nuuf mirkaneesseera. Pheexiros ergamaan Isaayaas 40:8 irraa caqaseera. Caqasni kun kallattiidhaan waaʼee Kitaaba Qulqulluu kan hin dubbanne taʼus, jechoonni geggeessaa hafuuraatiin barreeffaman kun ergaa Kitaaba Qulqulluu argisiisuufis ni hojjetu. (1 Pheexiros 1:24, 25 dubbisi.) Dhugaa dha, Kitaaba Qulqulluu irraa faayidaa argachuu kan dandeenyu keessummaa afaan sirriitti hubannuun kan argamu yoo taʼe dha. Namoonni Dubbii Waaqayyoo jaallatan kun, dhugaa kana kan hubatan yeroo dheeraa dura ture. Namoonni garaa qulqulluu qaban kana gochuun yeroo hunda salphaa isaaniif taʼuu baatus, Kitaaba Qulqulluu hiikuu fi raabsuu irratti jaarraawwan hedduudhaaf jabaatanii hojjetaniiru. Hawwiin isaanii fedhii Waaqayyoo wajjin haala wal simuun, “akaakuun namootaa hundi akka fayyanii fi beekumsa dhugaa isa sirrii taʼe akka argatan” gochuu ture.—1 Xim. 2:3, 4.

3. Mata duree kana keessatti waaʼee maalii qoranna? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

3 Mata duree kana keessatti Dubbiin Waaqayyoo (1) jijjiirama afaanii, (2) jijjiirama siyaasaa afaan namoonni hedduun ittiin walii galan irratti dhiibbaa godhee fi (3) mormii hojii hiika irra gaʼe keessatti jabaatee kan dhaabbate akkamitti akka taʼe ilaalla. Kana qoruun keenya kan nu fayyadu akkamitti? Dinqisiifannaa Dubbii Waaqayyootiif qabnu nuuf guddisa. Akkasumas jaalala Abbaa Kitaaba Qulqulluu isa faayidaa keenyaaf jechaa kitaaba kana nu kenneef qabnu nuuf guddisa.—Mik. 4:2; Rom. 15:4.

JIJJIIRAMA AFAANII

4. (a) Afaanonni yeroodhaa gara yerootti kan jijjiiraman akkamitti? (b) Waaqni keenya afaan kamiif iyyuu akka hin loogne maaltu argisiisa? Kun hoo maal akka sitti dhagaʼamu godha?

4 Afaanonni yeroodhaa gara yerootti ni jijjiiramu. Jechi tokko hiika isa duraan qabu irraa guutuumaatti adda taʼe qabaachuu dandaʼa. Tarii afaan ati dubbattu illee hammam akka jijjiirame ni yaadda taʼa. Afaan Ibrootaa fi Giriikii warra kutaan Kitaaba Qulqulluu hedduun ittiin barreeffamee wajjin haala wal qabateenis kun dhugaa dha. Afaan Ibrootaa fi Giriikii yeroo ammaa jiru isa yeroo Kitaabni Qulqulluun barreeffamutti dubbatamu irraa baayʼee adda dha. Kanaafuu, namoota afaan Ibrootaa ykn Giriikii yeroo ammaa jiru dandaʼan dabalatee, namni Dubbii Waaqayyo hubachuu barbaadu hundi Kitaaba Qulqulluu hiikame dubbisuu qaba. Namoonni tokko tokko Kitaaba Qulqulluu Afaan jalqaba ittiin barreeffameen dubbisuuf, Afaan Ibrootaa fi Afaan Giriikii isa durii barachuu akka qaban isaanitti dhagaʼameera. Taʼus, kun akka isaan yaadan taʼuu dhiisuu dandaʼa. * Kana nama gammachiisu garuu, guutummaan ykn gar tokkoon Kitaaba Qulqulluu gara Afaan 3,000tiin hiikameera. Yihowaan namoonni ‘sabaa fi gosaa’ adda addaa keessa jiran, akkasumas ‘qooqa’ adda addaa qaban hundi Dubbii isaa irraa fayyadamuuf carraa akka argatan akka barbaadu ifa dha. (Mulʼata 14:6 dubbisi.) Kun Waaqa keenya isa jaalala qabeessaa fi namoota wal hin caalchisnetti caalaatti akka dhihaattu si hin kakaasuu?—HoE. 10:34.

5. Wanti Kiingi Jamsi Varshiniin iddoo guddaa akka qabaatu godhe maali dha?

5 Jijjiirama afaanii ilaalchisee dhugaan jiru kun afaanota Kitaabni Qulqulluun itti hiikame irrattis kan hojjetu dha. Hiikkaan Kitaaba Qulqulluu jalqaba irratti salphaatti hubatamu ture yeroo booda salphaatti hubatamuu dhiisu dandaʼa. Mee akka fakkeenyatti Kitaaba Qulqulluu Afaan Ingiliffaan hiikame tokko haa ilaalu. Kitaabni Qulqulluun Kiingi Jamsi Varshin jedhamu jalqaba kan qophaaʼe bara 1611⁠tti ture. Kitaabni kun Kitaabota Qulqulluu afaan Ingiliffaatiin jiran keessaa beekama kan taʼe siʼa taʼu, afaan Ingiliffaa irraatti dhiibbaa guddaa geessiseera. Dhugaa dha, kitaabni kun maqaa Waaqayyootiif xiyyeeffannaa guddaa hin kennine. Kitaabni kun caqasoota muraasa irratti “Yihowaa” kan jedhe siʼa taʼu, caqasoota Kitaaba Qulqulluu afaan Ibrootaa bakka maqaan Waaqayyoo jiru kaan irratti garuu qubee guguddaadhaan “GOOFTAA” jedhee hiikeera. Maxxansawwan sana booda baʼanis caqasoota Kitaaba Qulqulluu afaan Giriikii tokko tokko irratti qubee guguddaadhaan “GOOFTAA” jedhaniiru. Kana gochuudhaan Kitaabni Qulqulluun Kiingi Jamsi Varshin iddoo maqaan Waaqayyo isa Kakuu Haaraa jedhamu keessatti qabuuf beekamtii akka kennu argisiiseera.

6. Hiika Addunyaa Haaraa argachuu keenyaaf galateeffachuu kan qabnu maaliifi?

6 Haa taʼu malee, jaarraawwan hedduu booda, jechoonni Kiingi Jamsi Varshin keessa jiran hedduun boodatti hafaa taʼaniiru. Jechoonni Kitaabota Qulqulluu bara duriitti afaan birootiin hiikaman keessa jiranis akkasuma taʼaniiru. Kanaafuu, Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa afaan ammayyaatiin qophaaʼe argachuu keenyatti galateeffachuu hin qabnuu? Hiikkaan kun guutummaan isaa ykn gar tokkoon isaa afaan 150 oliin waan qophaaʼeef, namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun argachuu ni dandaʼu. Jechoonni Kitaaba kana keessa jiran ifa waan taʼaniif ergaan Dubbii Waaqayyo keessa jiru gara keenya ni tuqa. (Far. 119:97) Hunda caalaa immoo, Hiikni Addunyaa Haaraa maqaa Waaqayyoo iddoo isaa isa sirrii duraan turetti deebiseera.

AFAAN NAMOONNI HEDDUUN ITTIIN WALII GALAN

7, 8. (a) Dh.K.D. jaarraa sadaffaatti Yihudoonni hedduun Kitaaba Qulqulluu afaan Ibrootaa kan hin hubanne maaliif ture? (b) Saptuujantiin Giriikii maali dha?

7 Yeroo tokko tokko jijjiiramni gama siyaasaatiin dhufu, yeroo murtaaʼe tokkootti namoonni hedduun afaan kamiin walii galu akka qaban dhiibbaa godha. Waaqayyoo jijjiiramni akkasii Dubbiin isaa namootaaf ifa akka hin taane akka dhowwu kan hin heyyamnee akkamitti? Fakkeenyi bara durii tokkoo deebii kanaa argachuuf nu gargaara. Kitaabota Kitaaba Qulqulluu 39n jalqabaa kan barreessan Israaʼeloota ykn Yihudoota turan. Isaan namoota jalqaba “dubbiin Waaqayyoo inni qulqulluun imaanaadhaan isaanitti kenname” turan. (Rom. 3:1, 2) Haa taʼu malee, Yihudoonni Dh.K.D. jaarraa sadaffaa keessa turan hedduun afaan Ibrootaa hin hubatan turan. Maaliif? Kun kan taʼe, Aleeksaandar inni Guddichi biyyoota hedduu weeraruudhaan Mootummaa Giriik waan babalʼiseef ture. (Dan. 8:5-7, 20, 21) Bulchiinsi sun babalʼachaa yommuu adeemu, Afaan Giriikii Yihudoota biyyaa balʼaa sana keessa faffacaʼanii jiran dabalatee, afaan namoonni hedduun ittiin walii galan taʼe. Kanaaf, Yihudoonni baayʼeen afaan Giriikii dubbachuu yommuu jalqaban, Kitaaba Qulqulluu afaan Ibrootaa hubachuun baayʼee isaaniitti ulfaatee ture. Furmaanni isaa maal ture ree?

8 Dhaloota Kiristoos Dura gara walakkeessa jaarraa sadaffaatti kitaabonni Kitaaba Qulqulluu jalqabaa shanan afaan Ibrootaa irraa gara afaan Giriikiitti hiikaman. Kitaabonni Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa hafan immoo, Dh.K.D. jaarraa lammaffaatti hiikamanii xumuraman. Kitaabonni walitti qabaman kun Saptuujantii Giriikii jedhaman. Hiikaan Saptuujantii Kitaaba Qulqulluu afaan Ibrootaa guutummaatti qabate isa jalqabaa ture.

9. (a) Saptuujantiinii fi hiikkaawwan jalqabaa kaan namoota Dubbii Waaqayyoo dubbisan irratti dhiibbaa gaarii kan godhan akkamitti? (b) Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessaa kutaan baayʼee jaallatu isa kami?

9 Saptuujantiin, Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa, Yihudoota afaan Giriikii dubbatanii fi warra kaaniif salphaatti kan dubbifamu ture. Namoonni kun, Dubbii Waaqayyoo qooqa afaan itti hiikkataniin dhagaʼuun ykn dubbisuun isaanii hammam akka isaan gammachiise yaadaa! Yeroo booda kutaawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko afaanota namoonni hedduun dubbatan kaan, kan akka Siiriyaak, Gootikii fi Laatiinii jiranitti hiikamaniiru. Namoonni Kitaaba Qulqulluu afaan hubataniin dubbisan sun, akkuma nuti yeroo harʼaatti kutaa Kitaaba Qulqulluu jaallannu tokko qabaannu, isaanis kutaa Kitaaba Qulqulluu jaallatan tokko akka qabaatan beekamaa dha. (Faarfannaa 119:162-165 dubbisi.) Eeyyee, afaan namoonni hedduun ittiin walii galan yoo jijjiirame iyyuu Dubbiin Waaqayyoo jabaatee dhaabachuu isaa itti fufeera.

MORMII HOJII HIIKKAA KITAABA QULQULLUU IRRA GAʼE

10. Namoonni yeroo Joon Wikiliif jiraatetti turan hedduun Kitaaba Qulqulluu kan hin qabaanne maaliif ture?

10 Yeroo tokko tokko namoonni aangoo guddaa qaban Kitaabni Qulqulluun afaan namoonni hedduun ittiin walii galanitti akka hin hiikamne gochuuf yaalii godhaniiru. Taʼus, namoonni garaa qulqulluu qaban tokko tokko mormii akkasiitiif harka hin kennine. Fakkeenyaaf hayyuu amantii Joon Wikiliif jedhamuu fi jaarraa 14⁠ffaatti jiraate ilaalaa. Namni kun namoonni hundi Dubbii Waaqayyoo irraa fayyadamuu akka qaban cimsee amana ture. Haa taʼu malee, yeroo inni turetti, namoonni Ingilaandi keessa jiranii fi iddoo guddaa hin qabne hedduun Kitaaba Qulqulluu hin qaban turan jechuun ni dandaʼama. Maaliif? Sababiin inni tokko, Kitaabni Qulqulluun harkaan waan garagalfamuu fi gatiin isaa miʼaa waan tureef, namoonni hedduun kitaaba dhuunfaa isaanii bitachuu hin dandaʼan turan. Kana malees, namoonni baayʼeen hin baranne turan. Taʼus, gara waldaa yommuu deemanii fi caqasoonni yommuu dubbifaman dhagaʼuu dandaʼu turan. Taʼus, wanta dhagaʼan sana hubachuun isaanii kan nama shakkisiisu ture. Maaliif? Sababiin isaas Kitaabni Qulqulluun (Vulgeet​) Waldaa keessatti itti hojjetamu afaan Laatiiniin kan barreeffame ture. Yeroo sanatti garuu afaan Laatiinii afaan boodatti hafaa taʼee ture! Kanaafuu, ergaa Kitaaba Qulqulluu iddoo guddaa qabu hubachuu kan dandaʼan akkamitti ree?—Fak. 2:1-5.

Joon Wikliifii fi namoonni kaan, namni hundi Dubbii Waaqayyoo akka argatu gochuuf fedhii qabu turan. Atoo? (Keeyyata 11 ilaali)

11. Kitaabni Qulqulluun Wikiliif dhiibbaa akkamii geessisee ture?

11 Bara 1382⁠tti, hiikni afaan Ingiliffaa yeroo booda Kitaaba Qulqulluu Wikiliif jedhame ni qophaaʼe. Kitaabni kun utuma baayʼee hin turin hordoftoota Wikiliif biratti beekamtii argate. Namoonni bakka adda addaa deemanii lallabanii fi Loolaardi jedhaman kun, guutummaa Ingilaandi keessa miillaa isaaniitiin deemuudhaan Dubbii Waaqayyoo sammuu fi garaa namoota iddoo guddaa hin qabne keessa kaaʼuuf yaalii guddaa godhaniiru. Yeroo baayʼee Loolaardonni namoota argataniif Kitaaba Qulqulluu Wikiliif irraa kutaawwan tokko tokko dubbisu, akkasumas koppii harkaan barreeffame isaaniif kennu turan. Carraaqqiin isaan godhan kun namoonni Dubbii Waaqayyootiif fedhii akka qabaatan gochuu irratti jijjiirama guddaa fideera.

12. Qeesonni Wikliifii fi hojii isaa maal godhan?

12 Yeroo kanatti qeesonni maal godhan? Wikiliifiif, Kitaaba Qulqulluu inni hiikee fi hordoftoota isaatiif jibba guddaa akka qaban argisiisaniiru. Namoonni amantii keessatti taayitaa qaban Loolaardota irra ariʼatama geessisuudhaan, Kitaaba Qulqulluu Wikiliif qopheesse barbaadanii argatan hunda ni balleessu turan. Wikiliif erga duʼee booda illee, nama amantii gane akka taʼetti balaaleffatama ture. Dhugaa dha, nama lubbuudhaan hin turre tokko adabuun hin dandaʼamu. Taʼus qeesonni lafee Wikiliif awwaala keessaa baasanii gubuudhaan, daaraa isaa bishaan yaaʼu keessatti bittinnsaniiru. Haa taʼu malee, Waldaan fedhii guddaa namoonni Dubbii Waaqayyoo dubbisuu fi hubachuuf qaban ukkaamsuu hin dandeenye. Jaarraawwan sana booda turanitti, namoonni biyyoota Awurooppaa fi iddoo kaanitti argaman hedduun, namoota hedduu fayyaduuf jecha, Kitaaba Qulqulluu hiikuu fi raabsuu jalqaban.

“ISA WANTA WAAʼEE SIIF BAASU SI BARSIISU”

13. Waaʼee maalii mirkanaaʼoo taaneerra? Kun hoo amantii keenya kan cimsu akkamitti?

13 Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiran hiikkaan Saptuujantii, Kitaaba Qulqulluu Wikiliif, Kiingi Jamsi Varshin ykn hiikkaawwan kan biraan geggeessaa hafuura Waaqayyootiin akka hojjetaman godhanii yaaduun isaan hin barbaachisu. Taʼus seena hiikkaawwan kanaa fi warra kaan maxxanfaman hedduu yommuu qorru, akkuma Yihowaan waadaa galee ture Dubbiin isaa jabaatee akka dhaabatu hubanna. Kun waadaa Yihowaan gale kaan hundis akka raawwataman amantii qabdu siif hin cimsuu?—Iya. 23:14.

14. Dubbiin Waaqayyoo jaalala isaaf qabnu kan nuuf guddisu akkamitti?

14 Kitaabni Qulqulluun waggoota hedduudhaaf jabaatee dhaabachuu isaa qoruun keenya amantii keenyaa cimsuu malees, jaalala Yihowaadhaaf qabnu nuuf guddisa. * Hunda caalaa garuu Yihowaan Dubbii isaa kan nuuf kenne maaliifi? Akkasumas eegee tursuuf waadaa kan gale maaliif? Waan nu jaallatuu fi wanta waaʼee nuuf baasu nu barsiisuu waan barbaaduufi. (Isaayaas 48:17, 18 dubbisi.) Ajajawwan isaa hojii irra oolchuudhaan jaalala Yihowaan nutti argisiiseef nutis deebsnee isa jaallachuun keenya waanuma eegamu dha.—1 Yoh. 4:19; 5:3.

15. Mata duree itti aanu irratti maal qorra?

15 Dubbii Waaqayyootiif dinqisiifannaa waan qabnuuf guutummaatti faayidaa irraa argachuuf yaaduun keenya sirrii dha. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu dhuunfaa keenya irraa caalaatti faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti? Tajaajila irratti namoonni Kitaaba Qulqulluu irratti akka xiyyeeffatan gochuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Namoonni waltajjii irraa barsiisan barumsi isaanii Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe gochuu kan dandaʼan akkamitti? Deebii gaaffiiwwan kanaa mata duree itti aanu irratti qorra.

^ key. 4 Mata duree “Afaan Ibrootaa fi Giriikii barachuun si barbaachisaa?” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa Sadaasa 1, 2009 irratti baʼe ilaali. (Amaariffa)

^ key. 14 Saanduqa “ Ofuma Keessanii Kottaa Ilaalaa!” jedhu ilaali.