Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Dubbiin Waaqayyoo . . . Humna Qabeessa Dha”

“Dubbiin Waaqayyoo . . . Humna Qabeessa Dha”

“Dubbiin Waaqayyoo jiraataa fi humna qabeessa dha.”—IBR. 4:12.

FAARFANNAA: 96, 94

1. Dubbiin Waaqayyoo humna qabeessa akka taʼe kan hin shakkine maaliifi? (Fakkii fi suuraa jalqaba irra jiru ilaali.)

SABA Yihowaa waan taaneef, Dubbiin Waaqayyoo, jechuunis ergaan inni ilmaan namootaatiif kenne, “jiraataa fi humna qabeessa” akka taʼe hin shakkinu. (Ibr. 4:12) Hedduun keenya Kitaabni Qulqulluun humna jireenya namaa jijjiiru akka qabu ragaa taana. Obbolootaa fi obboleettota keenya keessaa tokko tokko duraan kan hatan, qoricha sammuu namaa hadoochu kan fudhatan ykn kan ejjan turan. Kaan immoo addunyaa kana keessatti hamma tokko milkaaʼina kan argatan taʼus, jireenya isaanii keessatti wanti tokko akka isaanitti hirʼate isaanitti dhagaʼama ture. (Lal. 2:3-11) Namoonni abdii kan hin qabne turan, Kitaaba Qulqulluu isa humna nama jijjiiru qabuun daandii jireenyatti geessu argataniiru. Tarii muuxannoo hedduu mata duree Masaraa Eegumsaa “Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa ni Jijjiira” jedhu jalatti walitti aansuudhaan baʼu dubbisuun baayʼee isin gammachiisa taʼa. Kiristiyaanonni erga dhugaa fudhatanii booda illee, gargaarsa Kitaaba Qulqulluutiin gama hafuuraatiin guddina gochuu isaanii yommuu itti fufan argitaniittu.

2. Jaarraa jalqabaatti Dubbiin Waaqayyoo humna qabeessa akka taʼe kan mulʼate akkamitti?

2 Yeroo harʼaatti namoonni hedduun Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu isaaniitiin jijjiirama guddaa gochuun isaanii nu dinqisiisuu qabaa? Matumaa! Muuxannoon akkasii obbolootaa fi obboleettota jaarraa jalqabaa abdii samii irra jiraachuu qaban nu yaadachiisa. (1 Qorontos 6:9-11 dubbisi.) Phaawulos ergamaan namoota Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalle hedduu erga tarreessee booda, “Isin keessaa tokko tokkos namoota akkanaa turtan” jedheera. Haa taʼu malee, gargaarsa Kitaaba Qulqulluu fi hafuura qulqulluutiin jijjiiramaniiru. Taʼus erga dhugaa fudhatanii booda illee, tokko tokko rakkina hafuuraa cimaa moʼuu qabu turan. Kitaabni Qulqulluun Kiristiyaana dibamaa jaarraa jalqabaatti gumiitii baafamuu qabuu tokko caqaseera; namni kun garuu yeroo booda gumiitti deebiʼeera. (1 Qor. 5:1-5; 2 Qor. 2:5-8) Obboloonnii fi obboleettonni keenya, humna Dubbiin Waaqayyoo qabuun jijjiirama hedduu gochuu dandaʼuun isaanii kan nama jajjabeessu dha.

3. Mata duree kana keessatti waaʼee maalii qorra?

3 Dubbiin Waaqayyoo inni humna guddaa qabu nu harka waan jiruuf, akka gaariitti itti fayyadamuu barbaanna. (2 Xim. 2:15) Kanaaf mata duree kana keessatti, humna Dubbiin Waaqayyoo qabu, (1) jireenya keenya keessatti, (2) yommuu tajaajila irratti hirmaannuu fi (3) waltajjii irraa yommuu barsiisnu guutummaatti itti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla. Yaadachiisawwan akkasii, jaalalaa fi galateeffannaa Abbaa keenya isa samii jaalala qabeessa faayidaa mataa keenyaaf nu barsiisuuf qabnu argisiisuuf nu gargaaru.—Isa. 48:17.

JIREENYA KEENYA KEESSATTI

4. (a) Dubbiin Waaqayyoo akka nu jijjiiruuf maal gochuu qabna? (b) Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf yeroo argachuu kan dandeessu akkamitti?

4 Dubbiin Waaqayyoo akka nu jijjiiruuf yeroo hunda, yoo dandaʼame immoo guyyaa guyyaadhaan dubbisuu nu barbaachisa. (Iya. 1:8) Baayʼeen keenya hojiin akka nutti baayʼatu beekamaa dha. Taʼus, itti gaafatamummaa keenya dabalatee, wanti kam iyyuu barsiifata dubbisa Kitaaba Qulqulluu keenyatti gufuu akka taʼu hin heyyamnu. (Efesoon 5:15, 16 dubbisi.) Sabni Yihowaa hedduun, ganama ykn galgala ykn guyyaa keessatti yeroo taʼe tokkotti Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf haala mijeeffataniiru. Isaanis akkuma faarfaticha isa, “Ani seera kee attam nan jaalladha! Ani guyyaa guutuu irra-deddeebiʼee itti nan yaada” jedhee barreessee sanaa isaanitti dhagaʼama.—Far. 119:97.

5, 6. (a) Xiinxaluun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (b) Karaa buʼa qabeessa taʼeen xiinxaluu kan dandeenyu akkamitti? (c) Dubbii Waaqayyoo dubbisuu fi irratti xiinxaluudhaan dhuunfaatti faayidaa akkamii argatteetta?

5 Kitaaba Qulqulluu dubbisuu qofa utuu hin taʼin, wanta dubbisne irratti xiinxaluun keenya barbaachisaa dha. (Far. 1:1-3) Ogummaa achi keessatti argamuu fi yeroon itti hin darbine, dhuunfaatti hojii irra oolchuu kan dandeenyu yoo akkas goone qofa dha. Kitaaba Qulqulluu kan dubbisnu isa waraqaadhaan maxxanfame irraas taʼe meeshaa elektirooniksii irraa, galmi keenya wanti dubbisnu garaa keenya keessa akka seenu gochuu taʼuu qaba.

6 Karaa buʼa qabeessa taʼeen xiinxaluu kan dandeenyu akkamitti? Namoonni hedduun kutaa Kitaaba Qulqulluu tokko erga dubbisanii booda, takka dhaabatanii gaaffiiwwan akka armaan gadii jiran irratti yaaduun gaarii akka taʼe hubataniiru: ‘Yaanni kun waaʼee Yihowaa maal na barsiisa? Dhugaa buʼuuraa kutaa Kitaaba Qulqulluu kana keessa jiru jireenya koo keessatti hojii irra oolchaa kanan jiru karaawwan kamiini? Fooyyaʼiinsa gochuun kan na barbaachisu karaa kamiini?’ Kadhannaadhaan Dubbii Waaqayyoo irratti xiinxaluun keenya, gorsa achi keessa jiru hojii irra oolchuuf caalaatti nu kakaasa. Dhuguma iyyuu, humna achi keessa jiru jireenya keenya keessatti caalaatti hubachuu dandeenya.—2 Qor. 10:4, 5.

TAJAAJILA IRRATTI

7. Dubbii Waaqayyoo tajaajila keenya irratti akka gaariitti itti fayyadamuu kan qabnu akkamitti?

7 Dubbii Waaqayyoo tajaajila keenya irratti akka gaariitti itti fayyadamuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Tarkaanfiin inni jalqabaa yommuu lallabnuu fi barsiisnu yeroo hunda itti fayyadamuu dha. Obboleessi tokko kana ilaalchisee akkana jedheera: “Utuu Yihowaa wajjin manaa gara manaa lallabaa jirta taʼee, ofuma kee qofa dubbatta moo innis akka dubbatu carraa isaaf kennita?” Yaanni isaa kana ture: Tajaajila keenya irratti kallattiidhaan Dubbii Waaqayyoo irraa yommuu dubbisnu, Yihowaan nama sanatti akka dubbatuuf carraa isaaf kennaa jirra. Caqasni itti yaadamee filatame tokko wanta jechuu dandeenyu kam iyyuu caalaa humna qabeessa dha. (1 Tas. 2:13) Akkana jedhaa of gaafadhaa: ‘Namoota ani misiraachoo itti himuutti Dubbii Waaqayyoo irraa yaada tokko isaaniif hiruuf carraan argadhe hundatti nan fayyadamaa?’

8. Yeroo lallabnu caqasa dubbisuun keenya qofti gaʼaa kan hin taane maaliifi?

8 Dhugaa dha, namoota haasofsiisnuuf caqasa Kitaaba Qulqulluu dubbisuun qofti gaʼaa miti. Maaliif? Sababiin isaas namoonni hedduun Kitaaba Qulqulluu hin hubatan ykn hubannaa xinnoo qabu. Haalli akkasii jaarraa jalqabaatti jira ture; yeroo harʼaattis jira. (Rom. 10:2) Kanaaf, waan caqasa tokko dubbisneef qofa namni sun yaada caqasa sanaa ni hubata jennee yaaduu hin qabnu. Yeroo fudhannee caqasa sana keessaa, tarii jechoota ijoo taʼan dubbisuu fi hiika isaanii ibsuu qabna. Akkas gochuun keenya, ergaan Dubbii Waaqayyoo keessa jiru sammuu fi garaa namoota nu dhaggeeffatanii akka tuqu gochuuf gargaara.—Luqaas 24:32 dubbisi.

9. Karaa Kitaaba Qulqulluutiif kabaja akka qabaatan godhuun caqasa tokko beeksisuu kan dandeenyu akkamitti? Fakkeenya kenni.

9 Kana malees, karaa Kitaaba Qulqulluutiif kabaja akka qabaatan godhuun caqasa tokko beeksisuun keenya gaarii dha. Fakkeenyaaf, “Dhimma kana ilaalchisee wanta Uumaan keenya jedhu haa ilaallu” jechuu dandeenya. Nama Kiristiyaana hin taanee yommuu haasofsiisnu immoo, “Wanta Barreeffamoonni Qulqulluun nutti himan kana hubadhu” jechuu dandeenya. Yookiin nama amantiidhaaf dantaa hin qabneef yommuu lallabnu, “Jechama bara durii kana dhageessee beektaa?” jennee isa gaafachuu dandeenya. Eeyyee, namoonni hundi ilaalcha adda addaa waan qabaniif, ittiin lixa keenya akkuma haala isaatiif taʼutti mijeessuu nu barbaachisa.—1 Qor. 9:22, 23.

10. (a) Muuxannoo obboleessi tokko argate dubbadhu. (b) Tajaajila kee irratti humna Dubbiin Waaqayyoo qabu kan argite akkamitti?

10 Obboloonni hedduun Dubbii Waaqayyoo tajaajila irratti fayyadamuun isaanii, namoota isaaniif lallaban irratti dhiibbaa guddaa geessisuu akka dandaʼu hubataniiru. Fakkeenya tokko haa ilaallu. Obboleessi tokko maanguddoo waggoota dheeraadhaaf barreeffamoota keenya dubbisaa turaniif deddeebii gaaffii gochaa ture. Obboleessi kun Masaraa Eegumsaa haaraa tokko akkasumaan isaaniif kennuu mannaa, caqasa barruu sana keessa jiru tokko isaaniif dubbisuuf murteesse. Yaada 2 Qorontos 1:3, 4 irra jiruu fi “Waaqaa fi Abbaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos . . . rakkina keenya hunda keessatti nu jajjabeessa” jedhu dubbiseef. Maanguddoon sun caqasa kanatti waan gammadaniif, obboleessi sun caqasicha irra deebiʼee akka isaaniif dubbisu isa gaafatan. Isaanii fi haati manaa isaanii hangam jajjabinni isaan barbaachisee akka ture kan dubbatan siʼa taʼan, yeroo kanatti ergaa Kitaaba Qulqulluutiif fedhii argisiisan. Maarree Dubbiin Waaqayyoo tajaajila keenya irratti humna qaba jedhamuun isaa sirrii sitti hin fakkaatuu?—HoE. 19:20.

WALTAJJII IRRAA YOMMUU BARSIISNU

11. Obboloonni waltajjii irraa barsiisan itti gaafatamummaa akkamiitu isaan irra jira?

11 Hundi keenya walgaʼiiwwan gumii fi walgaʼiiwwan guguddaa irratti argamuun nu gammachiisa. Kaayyoon walgaʼiiwwan kana irratti argamnuuf inni guddaan Yihowaa waaqeffachuu dha. Kana malees, barumsa hafuuraa kennamu irraa faayidaa guddaa arganna. Obboloonni yeroowwan kanatti waltajjii irraa haasaa kennan mirga guddaa kana argachuu isaanitti ni gammadu. Taʼus, itti gaafatamummaa guddaan akka isaan irra jiru hubachuu qabu. (Yaq. 3:1) Wanti isaan barsiisan guutummaatti Dubbii Waaqayyoo irratti kan hundaaʼe taʼuu isaa yeroo hunda mirkaneessuu qabu. Waltajjii irraa akka barsiistu yoo ramadamte, haasaa kee irratti humna Kitaabni Qulqulluun qabu akkamitti itti fayyadamuu dandeessa?

12. Obboleessi tokko haasaan isaa Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe taʼuu isaa mirkaneessu kan dandaʼu akkamitti?

12 Haasaan ati dhiheessituu Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe taʼuu isaa mirkaneessi. (Yoh. 7:16) Kun maalfaa dabalata? Tokkoffaa, muuxannoon, fakkeenyi ykn akkaataan itti dhiheessitu, caqasa Kitaaba Qulqulluu ati caqastu akka dhoksu ykn caqasicha irratti akka hin xiyyeeffanne akka isaan hin goone of eeggachuu qabda. Akkasumas caqasoota hedduu dubbisuun kee qofti Kitaaba Qulqulluu irraa barsiisuu akka hin taane yaadachuu qabda. Dhugaa isaa dubbachuuf, caqasoota hedduu fayyadamuun dhaggeeffattoonni tokkoo isaa illee akka hin yaadanne isaan gochuu dandaʼa. Kanaaf caqasoota ijoo taʼan filadhu, dubbisuuf, ibsuuf, fakkeenyaan deggeruu fi akkamitti hojii irra oolchuun akka dandaʼamu ibsuuf yeroo ramadi. (Nah. 8:8) Haasaan kee toorii jaarmiyichi qopheessee irratti kan hundaaʼe yoo taʼe, toorichaa fi caqasoota achi keessa jiran qoʼadhu. Yaadawwan tooricha irra jiranii fi caqasoonni achi keessa jiran walitti dhufeenya akkamii akka qaban hubachuuf yaali. Achiis qabxiiwwan toorii sana irra jiran barsiisuuf caqasoota filatamanitti fayyadami. (Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirraa Fayyadami jedhamu, qayyabannaa 21 hanga 23 jiran irraa yaadawwan gaarii argachuu dandeessa.) Hunda caalaa garuu, Yihowaan barumsa Dubbii isaa keessa jiruu fi faayidaa guddaa qabu sirriitti barsiisuu akka dandeessuuf akka si gargaaru kadhannaadhaan gaafadhu.—Izraa 7:10; Fakkeenya 3:13, 14 dubbisi.

13. (a) Akkaataan caqasoonni walgaʼii Kiristiyaanaa irratti itti ibsaman obboleettii tokko irratti jijjiirama kan fide akkamitti? (b) Barumsa walgaʼiiwwan keenya irratti kennamu irraa kan fayyadamte akkamitti?

13 Obboleettiin Awustiraaliyaa jiraattu tokko, akkaataan caqasoonni walgaʼii Kiristiyaanaa tokko irratti itti ibsaman jijjiirama guddaa ishii irratti fideera. Akkaataan guddinaa ishii kan nama gaddisiisu taʼus, ergaa Kitaaba Qulqulluu fudhattee Yihowaadhaaf of murteessitetti. Taʼus, Yihowaan akka ishii jaallatu amanuun ishiitti ulfaatee ture. Yeroo booda garuu, Waaqayyo akka ishii jaallatu amantee fudhatteetti. Xumura kana irra akka geessu kan ishii gargaare maali dha? Jijjiirama kana akka gootu kan ishii kakaase, caqasa walgaʼii keenya irratti ibsame tokko caqasoota Kitaaba Qulqulluu kaanii wajjin akkamitti akka wal qabatu xiinxaluu ishii ture. * Atoo caqasoonni Kitaaba Qulqulluu walgaʼiiwwan gumii fi walgaʼiiwwan guguddaa irratti ibsaman si tuqanii beekuu?—Nah. 8:12.

14. Dinqisiifannaa Dubbii Yihowaatiif qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

14 Yihowaan Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii isaa taʼe nuu kennuu isaatti isa hin galateeffannuu? Inni Kitaaba Qulqulluu jaalalaan kakaʼee maatii ilmaan namootaatiif kennuu qofa utuu hin taʼin, waadaa dubbiin isaa jabaatee akka dhaabatu gales eegeera. (1 Phe. 1:24, 25) Dhuguma iyyuu, Dubbii Waaqayyoo yeroo hunda dubbisuun, jireenya keenya keessatti hojii irra oolchuu fi yeroo warra kaan gargaarru itti fayyadamuun keenya barbaachisaa dha. Kana gochuu keenyaan jaalalaa fi dinqisiifannaa kennaa Waaqayyoo taʼe kanaaf qabnu qofa utuu hin taʼin, hunda caalaa immoo Yihowaa isa Abbaa kitaaba kana taʼeef jaalalaa fi dinqisiifannaa akka qabnu argisiisna.

^ key. 13 Saanduqa “ Yeroon Itti Jijjiirame” jedhu ilaali.