Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Ija Jabaadhaa, Hojjedhaas!’

‘Ija Jabaadhaa, Hojjedhaas!’

“Egaa cimi, ija jabaadhuu hojjedhu! Waaqayyo gooftaan . . . sii wajjin waan jiruuf, hin sodaatin, hin naʼinis!”—1 SEN. 28:20.

FAARFANNAA: 38, 34

1, 2. (a) Solomoon hojii guddaa akkamiitu isaaf kenname? (b) Daawit waaʼee Solomoon wanta isa yaaddesse kan dubbate maaliifi?

SOLOMOON hojii ijaarsaa mana qulqullummaa guddaa Yerusaalemitti ijaaramu akka toʼatu ajajamee ture. Ijaarsi kun ‘baayʼee guddaa waan taʼuuf, maqaan isaa fi miidhaginni isaa saba lafa irraa hundumaa biratti kan beekamu taʼa.’ Hunda caalaa immoo, manni qulqullummaa kun ‘mana Waaqayyoo’ taʼa. Yihowaan, Solomoon ol aantummaadhaan hojii kana akka toʼatu ajaja kennee ture.—1 Sen. 22:1, 5, 9-11.

2 Daawit Mootichi, Solomoon “mucaa wallaalaa” taʼus, deggersa Waaqayyo akka argatu amanannaa qaba ture. Solomoon hoo hojii mana qulqullummaa ijaaruu kana fudhachuuf ija jabina qabaataa laata? Moo mucaa wallaalaa taʼuun isaa gufuu isatti taʼa? Solomoon gama kanaan milkaaʼina argachuuf, ija jabaachuu fi hojii sana hojjechuu qaba.

3. Solomoon abbaa isaa irraa waaʼee ija jabinaa maal barachuu dandaʼa?

3 Solomoon abbaa isaa irraa waaʼee ija jabinaa waan hedduu barachuu hin oolu. Daawit dargaggummaa isaatti, bineensota bosonaa hoolota abbaa isaa nyaachuu dhufan rukutee ajjeesa ture. (1 Sam. 17:34, 35) Loltuu jabaa taʼe tokkoo wajjin yommuu wal lolettis ija jabina guddaa argisiiseera. Eeyyee, Daawit gargaarsa Waaqayyoo fi dhagaa tokkoon Goliyaadiin injifateera.—1 Sam. 17:45, 49, 50.

4. Solomoon ija jabeessa taʼuun kan isa barbaachise maaliifi?

4 Boodas Daawit, Solomoon ija jabeessa akka taʼuu fi mana qulqullummaa akka ijaaru gorsuun isaa sirrii ture! (1 Seenaa 28:20 dubbisi.) Solomoon utuu ija jabeessa taʼuu baatee, sodaan humna isa dhabsiisuu fi hojii hojjechuu irraa duubatti akka jedhu isa gochuu dandaʼa ture; hojicha hojjechuu dhiisuun immoo kana caalaa hammaata; kanaa mannaa immoo hojicha jalqabe utuu isaaf hin milkaaʼin hafuu wayya.

5. Ija jabinni kan nu barbaachisu maaliifi?

5 Akkuma Solomoon, ija jabeeyyii taʼuu fi hojicha raawwachuuf gargaarsi Yihowaa nu barbaachisa. Akkas gochuuf garuu, fakkeenyota namoota bara durii ija jabeeyyii turan irratti xiinxaluu dandeenya. Akkasumas ija jabeeyyii taʼuu fi hojii keenya raawwachuu akkamitti akka dandeenyu yaaduu dandeenya.

IJA JABINA ARGISIISUUDHAAN FAKKEENYA KAN TAʼAN

6. Ija jabinni Yoseef argisiise kan si dinqisiisu maaliifi?

6 Ija jabina Yoseef yommuu haati manaa Phoxiifaar ishii wajjin akka ejju isa qortetti argisiise ilaalaa. Yoo ishii dide miidhaa guddaan isa irra gaʼuu akka dandaʼu beekee akka ture hin shakkisiisu. Taʼus, harka kennuu mannaa, ija jabinaan tarkaanfii guddaa fudhateera.—Uma. 39:10, 12.

7. Ija jabina Rahaab argisiiste ibsi. (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

7 Ija jabina argisiisuu irratti fakkeenyi kan biraan immoo Rahaab dha. Gaaddonni Israaʼeloota taʼan gara mana ishii isa Yerikoo keessa jiru yommuu dhaqan sodaadhaaf moʼamtee isaan deebisuu dandeessi turte. Haa taʼu malee, Yihowaatti amanamtee ija jabinaan isaan dhoksuudhaan nagaadhaan akka miliqan isaan gargaarteetti. (Iya. 2:4, 5, 9, 12-16) Rahaab, Yihowaan Waaqa dhugaa taʼuu isaa fi biyyicha Israaʼelootaaf akka kennu amanteetti. Mootii Yerikoo fi namoota isaa dabalatee, sodaan namootaa akka ishii moʼu hin heyyamne. Kanaa mannaa, karaa ishiis taʼe maatii ishii badiisa irraa oolchuun tarkaanfii fudhatteetti.—Iya. 6:22, 23.

8. Ija jabinni Yesuus ergamoota isaa irratti dhiibbaa kan geessise akkamitti?

8 Ergamoonni Yesuus amanamoo taʼanis ija jabina argisiisuu irratti fakkeenya taʼu. Ija jabina Yesuus argisiise arganiiru. (Mat. 8:28-32; Yoh. 2:13-17; 18:3-5) Fakkeenyi kun ija jabina qaban akka guddifatan isaan gargaareera. Saduqoonni maqaa Yesuusiin akka hin barsiisne kan isaan morman taʼus, ergamoonni barsiisuu isaanii hin dhaabne.—HoE. 5:17, 18, 27-29.

9. Yaanni 2 Ximotewos 1:7 irra jiru madda ija jabinaa isa guddaa beekuuf kan nu gargaaru akkamitti?

9 Yoseef, Rahaab, Yesuusii fi ergamoonni, jabina guddaa hojii gaarii hojjechuuf isaan kakaasu akka qaban argisiisaniiru. Ija jabinni isaanii garmalee ofitti amanuu irratti kan hundaaʼe hin turre. Yihowaatti amanamuu irraa kan madde ture. Nutis haalawwan ija jabina akka qabaannu gaafatan nu mudatu. Yeroo kanatti ofitti amanamuu mannaa, Yihowaatti amanamuu qabna. (2 Ximotewos 1:7 dubbisi.) Mee kallattii jireenya keenya keessatti ija jabeeyyii taʼuu qabnu lama haa ilaallu: maatii keessattii fi gumii keessatti.

HAALAWWAN IJA JABINA QABAACHUU GAAFATAN

10. Dargaggoonni Kiristiyaana taʼan ija jabinni kan isaan barbaachisu maaliifi?

10 Dargaggoonni Kiristiyaana taʼan Yihowaa tajaajiluu irratti haalawwan ija jabeeyyii taʼuu gaafatan hedduun isaan mudatu. Fakkeenya Solomoon isa mana qulqullummaa ijaaree xumuruuf murtoo ogummaa irratti hundaaʼe gochuuf ija jabina argisiise irraa barachuu fi hordofuu dandaʼu. Dargaggoonni Kiristiyaanaa warra isaanii irraa qajeelfama argachuu kan dandaʼanii fi argachuu kan qaban taʼus, murtoo guddaan isaan gochuu qaban jira. (Fak. 27:11) Michoota gaarii filachuu, bohaartii sirrii filachuu, naamusa qulqulluu qabaachuu fi cuuphaan, murtoowwan ogummaa irratti hundaaʼanii fi ija jabina gaafatani dha. Kun kan taʼe dargaggoonni akkasii fedhii Seexanaa isa Waaqayyoon arrabsu sana mormaa waan jiraniifi dha.

11, 12. (a) Museen ija jabina argisiisuu irratti fakkeenya gaarii akkamii taʼa? (b) Dargaggoonni fakkeenya Musee hordofuu kan dandaʼan akkamitti?

11 Murtoo guddaan dargaggoonni gochuu qaban keessaa tokko galma isaanii wajjin kan wal qabate dha. Biyyoota tokko tokko keessatti, dargaggoonni galma barumsa ol aanaa fi hojii miindaa guddaa argamsiisu irratti xiyyeeffate akka baafatan dhibbaan isaan irratti godhama. Biyyoota biraatti immoo, haalawwan dinagdee dargaggoonni gama qarshiitiin maatiiwwan isaanii gargaaruu irratti xiyyeeffachuu akka qaban akka isaanitti dhagaʼamu godha taʼa. Haalawwan kana keessaa isa tokko keessatti kan argamtu yoo taʼe, fakkeenya Musee irratti xiinxali. Intalli Faraʼoon waan isa guddisteef, galmawwan beekamummaa argachuu ykn qabeenya hedduu kuufachuu baafachuu dandaʼa ture. Galma kana akka baafatu maatii isaa warra Gibxoota taʼan, barsiisotaa fi gorsitoota isaa irraa dhiibbaa guddaan isa irra gaʼee taʼuu qaba! Museen harka kennuu mannaa ija jabinaan waaqeffannaa dhugaa cina dhaabateera. Museen takkaa qabeenya Gibxii dhiisee erga baʼee booda, Yihowaatti amanameera. (Ibr. 11:24-26) Kun yeroo sanatti Museedhaaf eebba argamsiiseera; gara fuulduraattis eebbi kana caalu akka isa eeggatu hin shakkisiisu.

12 Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan dargaggoota ija jabinaan galmawwan hafuuraa baafachuuf carraaqanii fi fedhii Mootummichaatiif dursa kennan ni eebbisa. Yihowaan wanta maatii isaaniitiif barbaachisu akka argatan isaan gargaara. Jaarraa jalqabaatti Ximotewos inni dargaggeessa ture galmawwan hafuuraa irratti xiyyeeffateera; isinis akkas gochuu dandeessu. *Filiphisiyus 2:19-22 dubbisi.

Kallattii jireenya kee hundaan ija jabeessa taʼuuf murteessiteettaa? (Keeyyata 13-17 ilaali)

13. Ija jabinni shamarreen tokko galma ishii irra akka geessu kan ishii gargaare akkamitti?

13 Obboleettiin Alaabaamaa Ameerikaa keessa jiraattu tokko, galmawwan hafuuraa baafachuuf ija jabinni ishii barbaachisee ture. Akkana jettee barreessiteetti: “Ijoollummaa kootii jalqabee baayʼee ija laafettiin ture. Balbala namoota hin beeknee rurrukutuun haa hafuutii, Galma Walgaʼii keessatti illee namoota haasofsiisuu hin dandaʼun ture.” Shamarreen kun gargaarsa warri ishii fi obboloonni gumii keessa jiraniin, galma qajeelchaa yeroo hundaa taʼuuf baafatte irra gaʼuu dandeesseetti. Akkana jetteetti: “Addunyaan Seexanaa barumsa ol aanaa, beekamtii, qarshii fi qabeenya hedduu kuufachuu irratti xiyyeeffachuun galma gaarii akka taʼee fi baafachuu akka qaban jajjabeessa. Galmawwan kana hordofuun yeroo baayʼee dhiphinaa fi rakkina hedduu geessisa. Yihowaa tajaajiluun garuu, gammachuu guddaa fi milkaaʼina naaf argamsiiseera.”

14. Haalawwan warri ija jabina akka qabaatan gaafatan tokko tokko maalfaʼi?

14 Kiristiyaanonni warra taʼanis ija jabinni isaan barbaachisa. Fakkeenyaaf, namni isin qacare yeroo isin waaqeffannaa maatii, tajaajila dirree fi walgaʼiiwwan Kiristiyaanaatiif ramaddan, jechuunis yeroo hunda galgalaa fi dhuma torbaniitti saʼaatii dabalataa akka hojjetan isin gaafachuu dandaʼa. Gaaffii yeroo hunda dhihaatu kana diduu fi ijoollee keessaniif fakkeenya gaarii taʼuun ija jabina gaafata. Yookiin immoo warri gumii keessa jiran tokko tokko wanta isin ijoolleen keessan akka hojjetan hin barbaanne akka hojjetan isaaniif heyyamu taʼa. Warri akkasii sababii ijoolleen keessan sochiiwwan akkanaa irratti hin hirmaanne isin gaafatu. Sababii murtoo akkasii itti gootan ija jabinaa fi malaan isaaniif ibsuu dandeessuu?

15. Faarfannaan 37:25 fi Ibroonni 13:5 warra gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

15 Ijoolleen keenya galmawwan hafuuraa akka baafatanii fi galmawwan kana irra akka gaʼan gargaaruun ija jabina gaafata. Fakkeenyaaf, warri tokko tokko ijoolleen isaanii qajeelchaa akka taʼan, Betʼel akka galan, bakka babalʼistoonni caalaatti barbaachisan akka deeman ykn hojii ijaarsaa tiʼookraasii irratti akka hirmaatan jajjabeessuu irraa duubatti jedhu taʼa. Warri yeroo dulloomanitti ijoolleen isaanii ofii isaaniis taʼe nuun gargaaruu hin dandaʼan jedhanii sodaatu. Haa taʼu malee, warri ogeeyyii taʼan ija jabina argisiisuudhaan abdii Yihowaan kennetti amanamu. (Faarfannaa 37:25; Ibroota 13:5 dubbisi.) Karaan ija jabina itti argisiistanii fi Yihowaatti amanamtan kan biraan immoo, ijoolleen keessanis akkasuma akka godhan isaan gargaaruu dha.—1 Sam. 1:27, 28; 2 Xim. 3:14, 15.

16. Warri tokko tokko ijoolleen isaanii galmawwan hafuuraa akka baafatan kan gargaaran akkamitti? Kun hoo buʼaa akka qabu kan argame akkamitti?

16 Hiriyoonni gaaʼelaa Yuunaayitid Isteetis jiran tokko ijoolleen isaanii galmawwan hafuuraa akka baafatan gargaaran. Abbaan manaa akkana jedheera: “Ijoolleen keenya utuu isaan afaan hin hiikkatinii fi deemuu hin jalqabin, qajeelchaa taʼuu fi gumii tajaajiluun gammachuu akka argamsiisu dubbanna turre. Amma kun galma isaanii taʼeera. Ijoolleen keenya galmawwan hafuuraa baafachuu fi isaan irra gaʼuuf carraaquun isaanii, dhiibbaa addunyaan Seexanaa kun isaan irraan geessisu dandamachuu fi wanta barbaachisaa taʼe irratti xiyyeeffachuuf isaan gargaareera.” Obboleessi ijoollee lama qabu tokko akkana jedhee barreesseera: “Warri hedduun ijoolleen isaanii ispoortii, bohaartii fi barumsaa ilaalchisee galma baafatan irra akka gaʼan gargaaruuf ni dhamaʼu, akkasumas baasii hedduu baasu. Ijoolleen keenya galmawwan Yihowaa duratti ejjennoo gaarii qabaachuuf baafatan irra akka gaʼan gargaaruuf, carraaqqii gochuu fi baasii guddaa baasuun caalaatti gaarii taʼa. Wanti gammachuu guddaa nuuf argamsiisu ijoolleen keenya galmawwan hafuuraa irra yommuu gaʼan arguu qofa utuu hin taʼin, gammachuu isaanii irraa hirmaachuu dandeenyeerra.” Waaqayyo, warra ijoollee isaanii galmawwan hafuuraa akka baafatanii fi galma isaanii irra akka gaʼan gargaaran akka eebbisu mirkanaaʼoo taʼa.

GUMII KEESSATTI IJA JABINA QABAACHUU

17. Fakkeenya gumii keessatti ija jabinni akka barbaachisu ibsu kenni.

17 Gumii keessattis ija jabina qabaachuun barbaachisaa dha. Fakkeenyaaf, jaarsoliin dhimmawwan murtii wajjin wal qabatan yommuu ilaalan ykn namoota yaalii fayyaa cimaa gochuun isaan barbaachisu yommuu gargaaranitti ija jabinni isaan barbaachisa. Jaarsoliin tokko tokko immoo namoota mana hidhaa jiran karaa hafuuraa gargaaruuf isaan gaafatu. Obboleettota qeentee ilaalchisee hoo maal jechuutu dandaʼama? Yeroo ammaatti qajeelchaa taʼuudhaan, bakka babalʼistoonni caalaatti barbaachisan deemuudhaan, Kutaa Diizaayinii/Ijaarsaa Naannoo wajjin hojjechuudhaan, akkasumas Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa galuudhaan tajaajila isaanii balʼifachuu dandaʼu. Warri tokko tokko immoo Mana Barumsaa Giilʼaad illee galuu dandaʼaniiru.

18. Obboleettonni maanguddoo taʼan ija jabina argisiisuu kan dandaʼan akkamitti?

18 Obboleettonni maanguddoon gumiidhaaf eebba dha. Kanaaf obboleettota kana garaadhaa isaan jaallanna! Isaan keessaa tokko tokko tajaajila Waaqayyoo keessatti hamma kanaan duraa raawwachuu baatanis, ija jabina argisiisuu fi hojii irratti hirmaachuu dandaʼu. (Tiitoo 2:3-5 dubbisi.) Fakkeenyaaf, obboleettiin maanguddoon tokko akkaataa uffannaa sirrii taʼe ilaalchisee, obboleettii shamarree taate akka haasofsiistu yoo gaafatamte ija jabina qabaachuu qabdi. Akkaataa uffannaa ishii ilaalchisee ishii ceephaʼuu mannaa, akkaataan uffannaa ishii warra kaan irratti akkamitti dhibbaa akka geessisu itti himuudhaan akka irratti yaaddu ishii jajjabeessuu dandeessi. (1 Xim. 2:9, 10) Wanti jaalalaan dubbatame akkasii buʼaa gaarii qaba.

19. (a) Obboloonni cuuphaman ija jabeeyyii taʼuu kan dandaʼan akkamitti? (b) Filiphisiyus 2:13 fi 4:13 obboloonni ija jabeeyyii akka taʼan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

19 Dhiironni cuuphamanis ija jabinaan hojjechuun isaan barbaachisa. Dhiironni ija jabeeyyiin itti gaafatamummaa dabalataa fudhachuuf fedhii qaban gumichaaf eebba taʼu. (1 Xim. 3:1) Haa taʼu malee, obboloonni tokko tokko galma kana irra gaʼuuf kutatoo miti. Tarii obboleessi tokko kanaan dura dogoggora waan hojjeteef, amma tajaajilaa ykn jaarsa gumii taʼuuf gaʼumsa akka hin qabaanne isatti dhagaʼama taʼa. Obboleessi kan biraan tokko immoo hojii tokko raawwachuuf gaʼumsa hin qabu jedhee yaada taʼa. Akkas kan sitti dhagaʼamu yoo taʼe, Yihowaan ija jabina akka qabaattu si gargaaruu dandaʼa. (Filiphisiyus 2:13; 4:13 dubbisi.) Museen yeroo taʼe tokko hojii isaaf kennameef gaʼumsa akka hin qabaanne isatti dhagaʼamee akka ture yaadadhaa. (Bau. 3:11) Taʼus, Yihowaan yeroo booda Museen ija jabina hojii isaa raawwachuuf isa dandeessisu akka horatu isa gargaareera. Obboleessi cuuphame tokko kadhannaa garaadhaa maddeen gargaarsa Waaqayyoo gaafachuu fi guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan ija jabina akkasii horachuu dandaʼa. Seenaawwan waaʼee ija jabinaa ibsan irratti xiinxaluunis gargaaruu dandaʼa. Jaarsoliin gumii akka isa leenjisan gad of qabuudhaan gaafachuu fi yeroo barbaachisu hundatti gargaarsa kennuuf of dhiheessuu dandaʼa. Obboloonni cuuphaman hundi ija jabeeyyii akka taʼanii fi gumiidhaaf jabaatanii akka hojjetan isaan jajjabeessina!

‘WAAQAYYO SII WAJJIN JIRA’

20, 21. (a) Daawit, Solomooniif maal mirkaneesse? (b) Waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?

20 Daawit Mootichi, hojiin ijaarsa mana qulqullummaa hamma xumuramutti Yihowaan isaa wajjin akka taʼu Solomooniin yaadachiisee ture. (1 Sen. 28:20) Solomoon wanta abbaan isaa dubbate sammuu fi garaa isaa keessatti qabatee waan tureef, ijoollummaan isaa fi muuxannoo dhabuun isaa gufuu akka isatti taʼu hin heyyamne. Ija jabina guddaa argisiisuudhaan hojiitti kan seene siʼa taʼu, gargaarsa Yihowaatiin mana qulqullummaa dinqisiisaa taʼe sana waggaa torbaa fi walakkaa gidduutti ijaaree xumureera.

21 Yihowaan akkuma Solomooniin gargaare, nutis ija jabina akka argisiisnuu fi hojii maatii keessattis taʼe gumii keessatti qabnu raawwachuu akka dandeenyu nu gargaaruu dandaʼa. (Isa. 41:10, 13) Waaqeffannaa Yihowaa irratti ija jabina kan argisiisnu yoo taʼe, ammas taʼe gara fuulduraatti eebba isaa akka argannu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Kanaaf, ‘ija jabaadhaa, hojjedhaas!’

^ key. 12 Yaadawwan galmawwan mata duree kana keessatti ibsaman baafachuuf si gargaaran, Masaraa Eegumsaa Adoolessa 15, 2004 irraa mata duree “Uumaa Keetiif Ulfina Kennuuf Galmawwan Hafuuraa Baafadhu” jedhu ilaaluu dandeessa. (Amaariffa)