SEENAA JIREENYAA
Namoota Hafuuraa Wajjin Hojjechuu Kootiin Eebbifameera
WALAKKEESSA bara 1930mmaniitti haati koo fi abbaan koo Jeessee fi Jeemsi Siinkileer bulchiinsa addaa Niiwu Yoorki Siitii, Bironkis jedhamtu keessa jiraachuu dhaqan. Namoota achitti jalqaba wal baran keessaa dubartii Wiilee Isneedan jedhamtuu fi akkuma isaanii Iskootilaandiitii dhufte dha. Akkuma wal baraniin sadan isaanii iyyuu waaʼee maatii isaanii haasaʼuu jalqaban. Kun kan taʼe, ani dhalachuu koo waggoota muraasa dura dha.
Haati koo Waraana Addunyaa Isa Tokkoffaa yeroo muraasa dura abbaan ishii fi obboleessi ishii hangafti bidiruun isaan qurxummii ittiin qaban fanjiitti buʼee lamaanuu galaanaan akka nyaataman Wiileetti himte. Wiileenis “Abbaan kee siiʼol keessa jira ka!” jettee deebisteef. Wiileen Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko siʼa taatu, haati koo haala nama naasisuun dhugaa Kitaaba Qulqulluu kan dhageesse yeroo kanatti ture.
Haati koo abbaan ishii nama gaarii taʼuu isaa waan beektuuf wanti Wiileen itti himte ishii aarse. Wiileen garuu itti fuftee, “Yesuus iyyuu siiʼolitti gad buʼee akka ture yoon sitti hime si dinqisiisaa laata?” jetteen. Haati koos kadhannaa mana kadhataa dhaqaa turtetti baratte, jechuunis Yesuus siiʼolitti akka gad buʼee fi guyyaa sadaffaatti akka kaʼe ibsu yaadatte. Kanaaf, ‘Siiʼol bakka namoonni hamoon itti gubatan erga taʼee, Yesuus achi kan dhaqe maaliifi?” jettee of gaafatte. Kunis haati koo yeroo jalqabaatiif dhugaadhaaf fedhii akka qabaatu taasise. Achiis walgaʼiiwwan Gumii Bironkis irratti argamuu kan jalqabde siʼa taʼu, bara 1940tti cuuphamte.
Yeroo sanatti, warri Kiristiyaana taʼan ijoollee isaanii Kitaaba Qulqulluu akka qoʼachiisan jajjabinni addaa isaaniif hin kennamu ture. Yeroon mucaa xinnoo turetti, yommuu haati koo gumii dhaqxuu fi dhuma torbanitti tajaajila irratti hirmaattu abbaan koo immoo kunuunsa naaf godha ture. Waggoota muraasa booda, anii fi inni haadha koo wajjin walgaʼii irratti argamuu jalqabne. Haati koo misiraachoo lallabuu irratti hinaaffaadhaan kan hirmaattu taʼuu ishii irra iyyuu, namoota fedhii argisiisan hedduudhaaf qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessiti turte. Namoonni ishiin qoʼachiistu tokko tokko walitti dhihoo waan taʼaniif gareedhaan yeroo ishiin isaan itti qoʼachiistu illee jira. Anis yeroo manni barumsaa cufamutti ishii wajjinan tajaajila baʼa ture. Haala kanaan waaʼee Kitaaba Qulqulluu fi wanta inni dubbatu namoota kan biraa barsiisuu ilaalchisee wantoota hedduu baradheera.
Yeroon ani ijoollee turetti dhugaadhaaf dinqisiifannaa guddaa kan hin qabne taʼuun koo na gaddisiisa. Akkuma salphaattan ilaala ture. Haa taʼu
malee, yommuu umuriin koo gara waggaa 12 taʼu babalʼisaa Mootummichaan taʼe; yeroo sanaa eegalees yeroo hunda tajaajila irratti nan hirmaadha ture. Yommuu umuriin koo waggaa 16 taʼu immoo, of murteessuudhaan Adoolessa 24, 1954tti walgaʼii naannoo Toorontoo, Kaanaadaatti godhamee ture irrattin cuuphame.BETʼEL KEESSA TAJAAJILUU
Gumii keenya keessa obboloonni miseensota maatii Betʼel turanii fi ammas kan taʼan jiru turan. Isaanis fakkeenya guddaa naaf taʼaniiru. Dandeettii isaan haasaa itti dhiheessanii fi dhugaa Kitaaba Qulqulluu itti ibsan baayʼee na dinqisiisa ture. Barsiisonni koo yunivarsiitii akkan galu kan barbaadan taʼus, galmi koo garuu Betʼeliin galuu ture. Kanaaf, walgaʼii naannoo Toorontootti godhame irratti foormii Betʼel guute. Walgaʼii naannoo bara 1955tti Yaanikee Istaadiyomii, Niwuu Yoorki Siitiitti godhame irrattis dabalee guuteen ture. Utuma baayʼee hin turin yommuu umuriin koo waggaa 17 taʼu, Fulbaana 19, 1955tti Betʼel isa Biruukiliin jiru galee akkan tajaajilun afeerame. Betʼeliin galee guyyaa lammaffaatti, kutaa kitaaba walitti hidhan Adaamsi Istirit 117 jiru keessa hojjechuun jalqabe. Utuma baayʼee hin turin, maashinii kutaa kitaabotaa fuula 32n walitti qaqqabee, maashinii kitaabota hodhutti kennu irra hojjechuun jalqabe.
Gara jiʼa tokkoof bakka kitaaba walitti hodhan ergan turee booda, taayippiidhaan barreessuu waanan beekuuf gara Kutaa Barruuttin ergame. Yeroo sanatti, obboloonnii fi obboleettonni teessoo namoota haaraa Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa! kontiraata galan isteensiliidhaan barreessu turan. Jiʼoota muraasa booda immoo, Kutaa Barreeffama Dooniidhaan ergu keessa hojjechuun jalqabe. Ilaaltuun ol aanaa kutaa kanaa Kilaawus Jeensan obboleessa konkolaataa guddaa kaartoonii barreeffamootaa addunyaa maratti ergaman bakka dooniin buufatu geessuu oofuu wajjin akkan hojjedhu na gaafate. Akkasumas keeshaawwan barreeffama qabatanii fi gumiiwwan guutummaa Yunaayitid Isteetis keessa jiraniif akka ergamaniif gara waajjira poostaatti geeffaman jiru turan. Obboleessi keenya Jeensan hojii humnaa hojjechuun akka naaf wayyu
yaaduu isaa dubbatee ture. Yeroo sanatti ulfaatinni koo kiilogiraama 57 qofa kan ture taʼuu isaa irra iyyuu, baayʼee huqqataan ture. Bakka buufata doonii fi waajjiraa poostaatti deddeebiʼuun koo jabina qaamaa akkan qabaadhu na gargaareera. Dhuguma iyyuu obboleessi keenya Jeensan wanta anaaf wayyu hubatee ture!Kana malees, Kutaan Barruu foormii gumiiwwan barruulee argachuuf ergan guuta ture. Kanaan kan kaʼes, waaʼee qooqawwan barruuleen keenya Biruukiliinitti maxxanfaman fi kutaa addunyaa gara garaatti ergaman beekuu dandaʼeera. Qooqawwan kana matumaa dhagaʼee kan hin beekne taʼus, barruuleen kumaatama hedduudhaan lakkaaʼaman bakka fagootti akka ergaman beekuun koo na gammachiiseera. Yeroo sanatti beekuu baadhus, waggoottan dhufanitti biyyoota sana keessaa hedduu isaanii daawwachuuf mirga argadheera.
Bara 1961tti, ilaaltuu ol aanaa Giraanti Suutar jalatti kutaa Biroo Qarshii keessa akkan hojjedhun ramadame. Waggoota muraasa booda immoo, waajjira Naataan Noor isa yeroo sanatti hojii addunyaa maratti geggeeffamu toʼachaa ture keessa akkan hojjedhun waamame. Innis obboloota waajjira kana keessa hojjetan keessaa tokko, Mana Barumsaa Tajaajila Mootummichaa jiʼa tokkoof akka dhaquu fi yeroo achi deebiʼus Kutaa Tajaajilaa keessa akka hojjetu natti hime. Kanaaf, iddoo obboleessa sanaa buʼee Doon Adaamsii wajjin akkan hojjedhun ramadame. Akka tasaa taʼee immoo, foormii Betʼel ani walgaʼii naannoo bara 1955tti guute kan na harkaa fuudhe obboleessa keenya Doon ture. Obboloonni gara biraan lama Roobarti Woolanii fi Chaarlas Moolohaan jedhaman durumaan iyyuu waajjira kana keessa hojjetu turan. Arfan keenya waggoota 50 oliif waliin hojjenneerra. Namoota hafuuraa amanamoo kanaa wajjin tajaajiluun baayʼee nama gammachiisa!—Far. 133:1.
Bara 1970 eegalee, waggaa waggaadhaan ykn waggaa lamatti torban muraasaaf waajjiroota damee Wooch Taawar Soosaayitii hedduu yeroo sanatti ilaaltuu ol aanaa zoonii jedhamu taʼee akkan
daawwadhuuf ramadameen ture. Kun immoo, maatiiwwan Betʼelii fi misiyoonota addunyaa mara irra jiran daawwachuu, jajjabina hafuuraa kennuu, akkasumas galmee waajjira damee sakattaʼuu dabalata. Obboloota Mana Barumsaa Giilʼaad warra jalqabaa irraa eebbifamanii fi amma iyyuu amanamummaadhaan biyyoota alaa tajaajilaa jiran tokko tokkoo wajjin wal arguun baayʼee nama gammachiisa! Hojii kanaa wajjin haala wal qabateen biyyoota 90 ol daawwachuun mirgaa taʼuu isaa irra iyyuu gammachuu guddaa dha.MICHUU AMANAMTUUN ARGADHE
Miseensonni maatii Betʼel Biruukiliin jiran hundi gumii naannoo Niiwu Yoorki Siitii jiran keessatti ramadamu. Gumiin ani itti ramadamee ture Bironkisi keessatti argama. Gumiin jalqaba magaalaa kana keessa ture guddatee gargar hiramee ture. Gumiin jalqaba ture sun Gumii Appar Bironkisi kan jedhame siʼa taʼu, anis gumii kana keessan ture.
Walakkeessa bara 1960mmaniitti, maatiin Dhugaa Baatota lammii Laatviyaa taʼan gumii kaaba Bironkisitti dhugaa fudhatan gara naannoo gumii kanaa dhufan. Intalli isaanii hangafaa Liiviijaa jedhamtu akkuma mana barumsaa sadarkaa lammaffaa xumurteen qajeelchaa yeroo hundaa taate. Jiʼoota muraasa booda, bakka babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan tajaajiluuf gara Maasaachuseet deemte. Anis waaʼee gumii keenyaa wanta haaraa itti himuuf xalayaan barreessaaf ture; ishiinis milkaaʼina tajaajila ishii naannoo Boostanitti argatte naaf barreessiti turte.
Waggoota muraasa booda immoo, Liiviijaan qajeelchaa addaa taatee muudamte. Tajaajila Yihowaa keessatti hamma ishiidhaaf dandaʼame hunda hirmaachuuf fedhii waan qabduuf, Betʼeliin galuuf foormii guuttee, bara 1971tti akka galtu afeeramte. Kun yaada Yihowaa biraa dhufe fakkaata ture! Achiis Onkoloolessa 27, 1973tti gaaʼela kan godhanne siʼa taʼu, haasaa gaaʼelaa keenya kan dhiheesse obboleessa keenya Noor ture. Fakkeenyi 18:22, “Namni haadha manaa isaaf taatu argatu, wanta gaarii in argata, Waaqayyo biraas ayyaana in argata” jedha. Kanaaf, anii fi Liiviijaan tajaajila Betʼel irratti waggoota 40 ol waliin dabarsineerra. Amma iyyuu gumii jalqaba naannoo Bironkisi ture sana gargaaraa jirra.
OBBOLOOTA KIRISTOOSII WAJJIN HOJJECHUU
Obboleessa keenya Noorii wajjin hojjechuun baayʼee nama gammachiisa. Inni hojjetaa nuffii tokko malee dhugaadhaaf hojjetuu fi misiyoonota addunyaa mara irra jiraniif dinqisiifannaa guddaa qabu ture. Misiyoonota kana keessaa hedduun isaanii biyyoota ramadamanitti Dhugaa Baatota warra jalqabaa turan. Obboleessi keenya Noor bara 1976tti dhukkuba kaansariitiin yommuu dhiphatu arguun baayʼee nama gaddisiisa. Yeroo tokko, utuu dhukkubsatee ciisaa jiruu, barreeffama maxxanfamuuf jedhu tokko akkan isaaf dubbisu na gaafate. Obboleessi keenya Firaanzis dhufee wanta dubbifamu kana akka dhaggeeffatuuf akkan isa waamu na gaafate. Yeroo booda obboleessi keenya Firaanzi iji isaa arguu waan dadhabeef obboleessi keenya Noor barreeffamoota akkasii isaaf dubbisuudhaan yeroo dheeraa akka isaa wajjin dabarsu hubadheera.
Obboleessi keenya Noor bara 1977tti kan duʼe siʼa taʼu, namoonni isa beekanii fi isa jaallatan jireenya isaa lafa irraa amanamummaadhaan xumuruu isaatti jajjabaataniiru. (Mul. 2:10) Sana boodas, obboleessi keenya Firaanzi hojicha geggeessuu jalqabe.
Yeroo sanatti, ani obboleessa keenya Miiltan Heenshel isa waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif obboleessa keenya Noorii wajjin hojjechaa tureef barreessaa taʼeen hojjedha ture. Obboleessi keenya Heenshel itti gaafatamummaan ani Betʼel keessatti qabu inni guddaan, karaa barbaachisaa taʼe hundaan obboleessa keenya Firaanzi gargaaruu akka taʼe natti hime. Anis barreeffamni tokko maxxanfamuu isaa dura yeroo hunda isaafan dubbisa ture. Obboleessa keenya Firaanzi dandeettii yaadachuu guddaa kan qabu taʼuu isaa irra iyyuu, wanta dubbifamu irratti guutummaatti xiyyeeffachuu dandaʼa ture. Muddee 1992 hamma jireenya isaa lafa irraa xumuretti gama kanaan isa gargaaruu dandaʼuun koo baayʼee na gammachiiseera!
Waggoonni 61 ani Betʼel keessatti dabarse saffisaan darbaniiru. Haati koo fi abbaan koo Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii kan duʼan siʼa taʼu, anis yeroon addunyaa isa kana irra wayyu keessatti deebiʼee isaan itti simadhu hawwiidhaan eegaan jira. (Yoh. 5:28, 29) Wanti addunyaan moofaan kun dhiheessu kam iyyuu, mirga guddaa namoota addunyaa mara irratti Waaqayyoof amanamoo taʼanii wajjin hojjechuun argamsiisuun matumaa wal hin gitu. Anii fi Liiviijaan yeroo tajaajila Yihowaa keessatti dabarsine ilaalchisee dhugumatti, ‘gammachuun inni [Yihowaan] kennu jabina keenya’ jechuu dandeenya.—Nah. 8:10.
Jaarmiyaan Yihowaa nama kam irratti iyyuu kan hundaaʼe waan hin taaneef, hojiin dhugaa Mootummichaa babalʼisuu ittuma fufa. Waggoota hedduudhaaf obboloota gara kuteeyyii fi amanamoo taʼanii wajjin hojjechuuf mirga argachuun koo baayʼee na gammachiisa. Obboloota dibamoo ani wajjin hojjechaa ture baayʼeen isaanii amma jireenya isaanii isa lafa irraa xumuraniiru. Taʼus, tajaajila Yihowaa keessatti obboloota amanamoo kanaa wajjin hojjechuu kootti guddaan galateeffadha.