Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 34

“Dhugaa Keessa Deddeebiʼaa”

“Dhugaa Keessa Deddeebiʼaa”

“Dhugaa keessa deddeebiʼaa.”—3 YOH. 4.

FAARFANNAA 111 Sababa Itti Gammannu

QABIYYEE *

1. “Dhugaa” kan dhageenye akkamitti akka taʼe mariʼachuun keenya kan nu fayyadu akkamitti?

 “DHUGAA kan dhageesse akkamitti?” Gaaffiin kun yeroo baayʼee akka siif dhihaate hin shakkisiisu. Obboleessa tokko wajjin yeroo wal barru gaaffiin jalqabarratti nu gaafatu keessaa tokko kanadha. Obboloonni fi obboleettonni keenya waaʼee Yihowaa kan baratanii fi isa kan jaallatan akkamitti akka taʼe dhagaʼuun nu gammachiisa; dhugaa dhagaʼuu keenyaan miira nutti dhagaʼaame isaanitti himuunis nu gammachiisa. (Rom. 1:11) Obboloota keenya wajjin marii akkanaa gochuun keenya dhugaan gatii guddaa akka qabu nu yaadachiisa. Murtoo ‘dhugaa keessa deddeebiʼuuf’ goones nuuf cimsa. Karaa eebba Yihowaa nuuf argamsiisuu fi isa biraatti fudhatama nuuf argamsiisuun jiraachuu keenya itti fufuu barbaanna.—3 Yoh. 4.

2. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

2 Mata duree kana keessatti sababii dhugaa itti jaallannu tokko tokko ilaalla. Achiis kennaa gatii guddaa qabu kanaaf jaalala qabnu argisiisuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe qorra. Mareen kun Yihowaan gara dhugaatti nu harkisuu isaatiif dinqisiifannaa qabnu akka nuuf guddisu hin shakkisiisu. (Yoh. 6:44) Fedhii dhugaa warra kaanitti himuuf qabnus nuuf guddisa.

“DHUGAA” KAN JAALLANNU MAALIIFI?

3. Sababii guddaan dhugaa itti jaallannu maalidha?

3 Dhugaa jaallachuuf sababii hedduu qabna. Hunda caalaa Yihowaa isa Madda dhugaa taʼe ni jaallanna. Karaa Kitaaba Qulqulluu Yihowaan qaama humna guddaa qabuu fi samii fi lafa uume qofa utuu hin taʼin, Abbaa jaalala qabeessa garaadhaa nuuf yaadu taʼuu isaas baranneerra. (1 Phe. 5:7) Waaqni keenya “Waaqa araara qabeessaa fi gara laafessa taʼe, aariidhaaf suuta kan jedhu, jaalalli isaa inni amanamaanii fi dhugaan isaa baayʼee kan taʼe” akka taʼe beekna. (Bau. 34:6) Yihowaan haqa jaallata. (Isa. 61:8) Yeroo dhiphannu baayʼee gadda, rakkina nurra gaʼu hundumaa yeroo itti balleessuus hawwidhaan eega. (Er. 29:11) Nutis yeroo kun itti taʼu hawwidhaan eegna. Kanaafuu, Yihowaa baayʼee jaallachuun keenya nama hin dinqisiisu.

Dhugaan Kitaaba Qulqulluu Akkuma . . . . . . Qofoo Dooniiti

Akkuma qofoon bidiruun tokko iddoo isaatii akka hin sochoone godhu, abdiin keenya inni Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼes yeroo qorumsaatti jabaannee akka dhaabbannu nu gargaara. Dhugaan Kitaaba Qulqulluu abdii keenya warra kaanitti himuufis nu kakaasa (Keeyyata 4-7 ilaali)

4-5. Phaawulos ergaman abdii keenya qofoo dooniitti kan fakkeesse maaliifi?

4 Sababiin dhugaa itti jaallannu kan biraan maalidha? Dhugaan faayidaa guddaa nuuf argamsiisa. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Dhugaan Kitaaba Qulqulluu abdii gara fuulduraa dabalata. Phaawulos ergaman gatii guddaa abdiin kun qabu fakkeenyaan yeroo ibsu, “Abdii jabaa fi amansiisaa akka qofoo dooniitti lubbuu qabee dhaabu kana qabna” jedheera. (Ibr. 6:19) Akkuma qofoon bidiruun iddoo isaatii akka hin sochoone godhu, abdiin keenya inni Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼes jireenya keenya keessatti yeroo qorumsi nu mudatu jabaannee dhaabbachuuf nu gargaara.

5 Phaawulos asirratti dubbachaa kan jiru waaʼee abdii samii Kiristiyaanonni dibamoon qabaniiti. Taʼus, wanti inni dubbate Kiristiyaanota lafarra bara baraaf jiraachuuf abdii qabaniifis ni hojjeta. (Yoh. 3:16) Dhugumayyuu, waaʼee abdii jireenya bara baraa beekuun keenya jireenyi gammachiisaa akka nuuf taʼu godheera.

6-7. Ivaan dhugaa waaʼee gara fuulduraa ibsu barachuun ishii kan ishii fayyade akkamitti?

6 Mee muuxannoo obboleettii Ivaan jedhamtuu haa ilaallu. Ivaan kan guddatte dhugaa keessatti miti; ijoollummaa ishiitti duʼa baayʼee sodaatti turte. Yaada, “Guyyaa tokko ni duuta” jedhu dubbistee akka turte ni yaadatti. Akkana jettetti: “Jechoonni kun halkan dammaqee waaʼee yeroo gara fuulduraa akkan yaadu na taasisaniiru. ‘Jireenyi kanarra wayyu jiraachuu qaba; kanan uumame maaliifi?’ jedheen yaada ture. Duʼuu hin barbaadu.”

7 Boodas Ivaan umurii waggoota kurnanii keessa yeroo turtetti Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin wal argite. “Lafa jannata taaturra bara baraaf jiraachuuf abdii qabaachuu akkan dandaʼu amanuun jalqabe” jetteetti. Dhugaa barachuun ishii obboleettii keenya kan fayyade akkamitti? Itti dabaluudhaan, “Halkan dammaqee waaʼee yeroo gara fuulduraa ykn waaʼee duʼaa dhiphachuu dhiiseera” jetteetti. Akkuma atis tilmaamuu dandeessu Ivaan dhugaa barachuu ishiitti baayʼee gammaddeetti. Abdii gara fuulduraa warra kaanitti himuunis baayʼee ishii gammachiisa.—1 Xim. 4:16.

Dhugaan Kitaaba Qulqulluu Akkuma . . . . . . Qabeenyaati

Yeroo ammaatti Yihowaa tajaajiluunis taʼe Mootummaa isaa jalatti bara baraaf isa tajaajiluuf abdii qabaachuun akkuma qabeenyaati. Qabeenya kana argachuuf aarsaa akkamiiyyuu yoo kaffalle kan nu gaabbisiisu miti (Keeyyata 8-11 ilaali)

8-9. (a) Fakkeenya Yesuus dubbate tokkorratti akka ibsametti, namichi tokko qabeenya argateef iddoo guddaa akka kennu kan argisiise akkamitti? (b) Dhugaadhaaf iddoo akkamii kennita?

8 Dhugaan Kitaaba Qulqulluu misiraachoo waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ibsus kan dabalatudha. Yesuus dhugaa waaʼee Mootummaa kanaa ibsu qabeenya dhokfameetti fakkeesseera. Yesuus Maatewos 13:44 irratti akkana jedheera: “Mootummaan samii qabeenya guddaa maasii keessa dhokfamee wajjin wal fakkaata; namni tokko qabeenya kana argatee dhokse; gammaduu isaa irraa kan kaʼes wanta qabu hunda gurguree maasicha bitate.” Namichi kun qabeenya kana barbaadaa akka hin turre hubadhu. Yeroo argatetti garuu, kan ofii isaa godhachuuf aarsaa guddaa kaffaleera. Eeyyee, wanta qabu hundumaa gurgureera. Maaliif? Qabeenyi kun hammam gatii guddaa akka qabu waan hubateefi. Qabeenya kana argachuuf wanta qabu kamiyyuu dhabuun kan isa gaabbisiisu miti.

9 Ati dhugaadhaaf miira akkasii qabdaa? Akka qabdu beekamaadha! Wanti addunyaan kun nuuf dhiheessu kamiyyuu, gammachuu yeroo ammaatti Yihowaa tajaajiluudhaan argannuu fi jireenya bara baraa gara fuulduraatti Mootummaa isaa jalatti argannu wajjin wal bira qabamuu akka hin dandeenye beekna. Yihowaa wajjin dhuunfaatti hariiroo cimaa qabachuuf aarsaa akkamiyyuu kaffaluun kan nama gaabbisiisu miti. Wanti gammachuu guddaa nuuf argamsiisu “guutummaatti isa gammachiisuu” dha.—Qol. 1:10.

10-11. Mikaaʼel jireenya isaa keessatti jijjiirama guddaa gochuuf kan isa kakaase maalidha?

10 Baayʼeen keenya Yihowaa duratti fudhatama argachuuf aarsaa guddaa kaffalleerra. Obboloonni tokko tokko, hojii addunyaa keessatti bakka guddaa qabu dhiisaniiru. Tokko tokkommoo, sooressa taʼuuf carraaqqii gochuu dhiisaniiru. Obboloonni kaanimmoo, waaʼee Yihowaa yeroo baratan akkaataa jireenyaa isaanii guutummaatti jijjiiraniiru. Wanti Mikaaʼel godhes kanuma. Mikaaʼel kan guddate dhugaa keessatti miti. Dargaggummaa isaatti maarshaal aartii leenjiʼeera. Akkana jedheera: “Dhaabbii gaarii qabaachuuf carraaqqii guddaan godha ture; kanattis baayʼeen boona. Yeroo tokko tokko eenyuuyyuu akka na hin moone natti dhagaʼama ture.” Mikaaʼel yeroo Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu eegalu garuu ilaalcha Yihowaan lolaaf qabu barate. (Far. 11:5) Mikaaʼel hiriyoota gaaʼelaa isa qoʼachiisan ilaalchisee akkana jedheera: “Maarshaal aartii akkan dhaabu natti himanii hin beekan; kanaa mannaa, dhugaa Kitaaba Qulqulluu na barsiisuu isaanii itti fufan.”

11 Mikaaʼel hammuma waaʼee Yihowaa barachaa deeme jaalalli isaaf qabus ni dabale. Keessumaa gara laafinni Yihowaan tajaajiltoota isaatiif qabu garaa isaa tuqeera. Yeroo booda Mikaaʼel murtoo jireenya isaa jijjiiru gochuu akka qabu hubate. Akkana jedheera: “Keessumaa kaaraatee dhiisuun baayʼee akka natti ulfaatu beekan ture. Taʼus, akkas gochuun koo Yihowaa akka gammachiisu beekeera. Yihowaa tajaajiluuf aarsaa akkamiiyyuu kaffaluun koo akka na hin gaabbisiisne mirkanaaʼaan ture.” Mikaaʼel dhugaan barate gatii guddaa akka qabu hubachuun isaa jireenya isaa keessatti jijjiirama guddaa gochuuf isa kakaaseera.—Yaq. 1:25.

Dhugaan Kitaaba Qulqulluu Akkuma . . . . . . Ibsaati

Ibsaan humna qabu dukkana keessa daandiin keenya akka nutti mulʼatu godha. Haaluma wal fakkaatuun, Dubbiin Waaqayyoo addunyaa Seexanaa dukkana taʼe kana keessatti daandiin inni sirriin akka nutti mulʼatu godha (Keeyyata 12-13 ilaali)

12-13. Maayiliin dhugaa Kitaaba Qulqulluu barachuun ishii kan ishii gargaare akkamitti?

12 Kitaabni Qulqulluun gatii dhugaan qabu yeroo ibsu, ibsaa dukkana keessatti ifu wajjin wal bira qaba. (Far. 119:105; Efe. 5:8) Maayiliin ishiin Azarbaajaan jiraattu beekumsa dhugaa Dubbii Waaqayyoo irraa argatteef dinqisiifannaa guddaa qabdi. Kan guddatte maatii amantaadhaan wal qoqqoode keessattidha. Abbaan ishii Musliima ture, haati ishiimmoo Yihudii turte. Akkana jetteetti: “Waaqayyo jiraachuu isaa kanan hin shakkine taʼus wantoonni na burjaajessan tokko tokko jiru turan. ‘Waaqayyo namoota kan uume maaliifi? Umurii isaanii guutuu dararamaa erga jiraatanii booda bara baraaf ibidda qilee keessatti kan gubatan maaliifi?’ jedheen yaada ture. Namoonni, ‘Wanti taʼu hundi fedhii Waaqayyooti’ yeroo jedhan waanan dhagaʼuuf, ‘Waaqayyo qaama namoonni yommuu dhiphatan ilaalee bashannanudhaa?’ jedheen yaada ture.”

13 Maayiliin gaaffilee ishiitiif deebii argachuuf qorannoo gochuu ishii itti fufte. Yeroo boodas affeerraa Kitaaba Qulqulluu akka qoʼattu ishiidhaaf dhihaate fudhattee gara dhugaatti dhufte. Akkana jetteetti: “Yaadni amansiisaan Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu ilaalchan jireenyaaf qabu guutummaatti jijjiireera. Ibsi amansiisaan Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu nagaa sammuu naaf argamsiiseera.” Hundi keenyayyuu akkuma Maayilii Yihowaa “isa dukkana keessaa gara ifa isaa isa dinqisiisaa taʼetti [nu] waame “ ni jajanna.—1 Phe. 2:9.

14. Jaalala dhugaadhaaf qabnu guddifachuu kan dandeenyu akkamitti? (Saanduqa, “ Wantoota kan Biroo Dhugaan Kitaaba Qulqulluu Itti Fakkeeffame” jedhus ilaali.)

14 Hanga ammatti kan ilaalle muuxannoowwan dhugaan gatii guddaa akka qabu argisiisan muraasa qofa dha. Atis muuxannoowwan akkasii hedduu akka beektu hin shakkisiisu. Qoʼannaa dhuunfaa keerratti maaliif sababiiwwan dhugaa itti jaallannu kan biroo beekuuf hin yaaltu? Hammuma dhugaa jaallachaa deemne karaawwan dabalataa jaalala dhugaadhaaf qabnu itti argisiisnus hubachaa deemna.

DHUGAA AKKA JAALLANNU KAN ARGISIISNU AKKAMITTI?

15. Karaan jaalala dhugaadhaaf qabnu itti argisiisnu tokko isa kami?

15 Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluurraatti hundaaʼan yeroo hunda qoʼachuudhaan dhugaa akka jaallannu argisiisuu dandeenya. Dhugaa keessa kan turre yeroo hammamiitiifiyyu yoo taʼe, barachuu keenya itti fufna. Maxxansi Masaraa Eegumsa inni jalqabaa yaada akkana jedhu qabateera: “Dhugaan akkuma abaaboo xinnoo lafa onaa keessatti biqiltee fi aramaadhaan marfamtee liqimfamtee jirtuuti. Argachuu yoo barbaadde barbaaddachuu qabda. . . . Kan ofii godhachuu yoo barbaadde argachuuf carraaqqii gochuu qabda. Abaaboo dhugaa tokkittii argachuu kee qofatti hin gammadin. . . . Dabalataan argachuuf carraaqqii godhi.” Qoʼachuun hojii salphaa miti; taʼus si kiisa.

16. Malli qoʼannaa buʼa qabeessa taʼee argatte isa kami? (Fakkeenya 2:4-6)

16 Dubbisuu fi qoʼachuu kan jaallatu hunda keenya miti. Taʼus, Yihowaan dhugaa caalaatti akka hubannuuf ‘barbaaduu keenya akka itti fufnu’ nu affeereera. (Fakkeenya 2:4-6 dubbisi.) Carraaqqii akkasii yommuu goonu faayidaa arganna. Kooreyi qoʼannaa dhuunfaa isaa ilaalchisee yommuu ibsu al takkatti caqasa tokkorratti akka xiyyeeffatu dubbateera. Akkana jedheera: “Miiljalee hunda nan dubbisa, caqasa biratti kenname hunda nan ilaala, akkasumas qorannaa dabalataan godha. . . . Mala kanatti fayyadamee dubbisuu kootti faayidaa guddaa argadheera.” Malli fayyadamnu kanas taʼe kan biraa dhugaa gad fageenyaan beekuuf yeroo kan ramadnuu fi carraaqqii kan goonu yoo taʼe dinqisiifannaa dhugaadhaaf qabnu mulʼisaa jirra.—Far. 1:1-3.

17. Dhugaadhaan jiraachuu jechuun maal jechuu dha? (Yaaqoob 1:25)

17 Dhugaa akka gaariitti beekuun qofti gaʼaa akka hin taane beekna. Faayidaa guutuu argachuuf, dhugaa baranne sana jireenya keenya keessatti hojiirra oolchuu qabna. Dhugaan gammachuu dhugaa kan nuuf argamsiisu yoo akkas goone qofa dha. (Yaaqoob 1:25 dubbisi.) Maarree, dhugaa jireenya keenya keessatti hojiirra oolchaa akka jirru mirkaneeffachuu kan dandeenyu akkamitti? Akkuma obboleessi tokko dubbatetti kallattii itti hojjechaa jirru beekuu fi kallattii fooyyessuun itti nu barbaachisu beekuuf of qoruun keenya gaariidha. Phaawulos ergamaan, “Guddina hammamii iyyuu yoo goone, daandiidhuma kana irra seeraan deddeebiʼuu keenya itti haa fufnu” jedheera.—Filp. 3:16.

18. ‘Dhugaa keessa deddeebiʼuuf’ carraaqqii kan goonu maaliifi?

18 ‘Dhugaa keessa deddeebiʼuuf’ carraaqqii gochuun keenya faayidaa hammamii akka nuuf argamsiise yaadi. Dhugaa beekuun keenya jireenya keenya fooyyessuu qofa utuu hin taʼin, Yihowaa fi obboloota keenya gammachiisuufis nu dandeessiseera. (Fak. 27:11; 3 Yoh. 4) Kun sababii gaarii dhugaa jaallachuu fi dhugaa keessa deddeebiʼuuf nu kakaasu mitii?

FAARFANNAA 144 Badhaasicha Irratti Xiyyeeffadhu!

^ Yeroo baayʼee akkaataa jireenyaa keenyaa fi wanta itti amannu “dhugaa” jennee waamna. Warri dhiheenyatti dhugaa dhageenyes taʼe warri umurii keenya guutuu dhugaa keessa jiraanne sababii dhugaa itti jaallannu qoruudhaan faayidaa guddaa arganna. Akkas gochuun keenya Yihowaa duratti fudhatama argachuuf kutannoo goone nuuf cimsa.