Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 35

“Wal Ijaaruu Keessan Itti Fufaa”

“Wal Ijaaruu Keessan Itti Fufaa”

“Wal jajjabeessuu fi wal ijaaruu keessan itti fufaa.”—1 TAS. 5:11.

FAARFANNAA 90 Wal Jajjabeessaa

QABIYYEE *

1. Akka 1 Tasalonqee 5:11 irratti ibsametti hundi keenyayyuu hojii akkamiirratti hirmaachaa jirra?

 GALMI WALGAʼII haaraan isiniif ijaaramee ykn galmi keessan haareffamee beekaa? Taanaan, yeroo jalqaba galma sana keessatti itti walitti qabamtan akka hin irraanfanne beekamaadha. Yeroo sanatti Yihowaa baayʼee galateeffatte. Tarii baayʼee gammaduu keetiin kan kaʼe imimmaan si hudhee faarfannaa isa jalqabaa faarfachuunillee sitti ulfaatee ture taʼa. Galmawwan keenya akka gaariitti ijaaraman Yihowaadhaaf ulfina fidu. Hojii ijaarsaa kan biraarratti yeroo hirmaannummoo kana caalaa Yihowaadhaaf ulfina finna. Kun gamoo ijaaruu caalaa gatii guddaa qaba. Hojichi namoota waaqeffannaadhaaf gara iddoowwan kanaa dhufan ijaaruu kan dabalatudha. Phaawulos ergamaan yeroo yaada 1 Tasalonqee 5:11 irra jiruu fi mata dureen keenya irratti hundaaʼe barreessetti gosa ijaarsaa kana sammuutti qabatee ture.—Dubbisi.

2. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

2 Phaawulos ergamaan obboloota isaa ijaaruurratti fakkeenya guddaa nuuf taʼa. Isaaniif ni gadda ture. Mata duree kana keessatti obboloonni isaa (1) qorumsa akka dandamatan, (2) nagaadhaan akka waliin jiraatan, akkasumas (3) amantii Yihowaarratti qaban akka cimsatan kan gargaare akkamitti akka taʼe ilaalla. Mee yeroo harʼaatti fakkeenya isaa hordofuudhaan obboloota keenya ijaaruu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.—1 Qor. 11:1.

PHAAWULOS OBBOLOONNI ISAA QORUMSA AKKA DANDAMATAN GARGAAREERA

3. Phaawulos ilaalcha madaalamaa akkamii qaba ture?

3 Phaawulos obboloota isaa baayʼee jaallata ture. Innis qorumsa garaa garaa keessa waan darbeef, obboloota qorumsa keessa jiraniif garaa ni laafa, akkasumas isaaniif gadda. Yeroo tokko Phaawulos maallaqni jalaa dhumee waan tureef ofii isaas taʼe obboloota isa wajjin tajaajilan gargaaruuf hojii hojjechuun isa barbaachisee ture. (HoE. 20:34) Phaawulos hojii dunkaana hodhuu hojjechuu ni dandaʼa ture. Yeroo gara Qorontos deemetti jalqabarratti Aqiilaa fi Phirisqiilaa wajjin hojii dunkaana hodhuu hojjeta ture. Haa taʼu malee, “yeroo hundumaa guyyaa sanbataa” Yihudootaa fi Giriikotaaf lallaba ture. Boodas Siilaasii fi Ximotewos gara isaa yeroo dhufan “Phaawulos guutummaatti dubbicha lallabuudhaan qabame.” (HoE. 18:2-5) Phaawulos jireenya isaa keessatti kaayyoo isaa isa guddaa, jechuunis Yihowaa tajaajiluu matumaa dagatee hin beeku. Jabaatee waan hojjetuuf obboloota isaa jajjabeessuu dandaʼeera. Rakkinni jireenya keessatti isaan mudatuu fi carraaqqiin wanta maatii isaaniitiif barbaachisu dhiheessuuf godhan “wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan,” jechuunis waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhiheessan akka isaan dagachiisu akka hin heyyamne isaan yaadachiiseera.—Filp. 1:10.

4. Phaawulosii fi Ximotewos obboloonni isaanii ariʼatama akka dandamatan kan gargaaran akkamitti?

4 Gumiin Tasalonqee hundeeffamee utuu baayʼee hin turin amantoonni haaraan sun mormii cimaan isaanirra gaʼuu jalqabe. Gareen mormitootaa baayʼee aaran tokko Phaawulosii fi Siilaasiin yeroo dhaban “obboloota tokko tokko lafa irra harkisanii gara bulchitoota magaalattiitti geessuudhaan,” “Namoonni kun . . . wanta seera Qeesaariin mormu gochaa jiru” jedhanii iyyan. (HoE. 17:6, 7) Namoonni dhiheenyatti Kiristiyaanota taʼan kun namoonni magaalatti akka isaan morman yommuu beekan hammam naʼanii akka turan tilmaamuu dandeessaa? Obboloonni kun hinaaffaa tajaajila Yihowaatiif qaban laaffisuu dandaʼu turan; Phaawulos garuu kun akka taʼu hin barbaanne. Innii fi Siilaas achii deemuun isaan barbaachisee kan ture taʼus, gumiin haaraan kun akka gaariitti kunuunsa kan argatu taʼuu isaa mirkaneeffataniiru. Phaawulos obboloota Tasalonqee keessa jiraniin, “Amantii keessanitti akka isin cimsuu fi akka isin jajjabeessuuf obboleessa keenya Ximotewos . . . ergine; kunis namni kam iyyuu rakkoowwan kanaan akka hin raafamneefi” jedheera. (1 Tas. 3:2, 3) Ximotewos magaalaa keessatti guddatetti, jechuunis Lisxiraatti ariʼatamni isa mudachuu hin oolu. Ximotewos, Phaawulos obboloota achi jiran akkamitti akka jajjabeesse argeera. Yihowaan obboloota sana akkamitti akka gargaare waan argeef, haalli obboloota dhiheenyatti Kiristiyaanota taʼan kanaas akka fooyyaʼu isaaniif mirkaneessuu dandaʼeera.—HoE. 14:8, 19-22; Ibr. 12:2.

5. Obboleessi Biriyaanti jedhamu gargaarsa jaarsi tokko isaaf godherraa kan fayyadame akkamitti?

5 Karaan Phaawulos obboloota isaa itti jajjabeesse kan biraan maalidha? Phaawulosii fi Barnaabaas yeroo gara Lisxiraa, Iqooniyumii fi Anxokiyaa deebiʼanii dhaqanitti “tokkoon tokkoon gumiiwwanii keessatti jaarsolii isaaniif muudan.” (HoE. 14:21-23) Obboloonni muudaman sun akkuma jaarsolii yeroo harʼaa jiranii gumichaaf madda jajjabinaa taʼanii akka turan hin shakkisiisu. Obboleessi Biriyaanti jedhamu maal akka jedhe hubadhu: “Yeroon waggaa 15 taʼu abbaan koo mana dhiisee deeme, haati koommoo gumiidhaa baafamte. Yeroo sanatti akkan gatame natti dhagaʼamee fi abdii kutadheen ture.” Maarree, Biriyaanti haala rakkisaa kana akka dandamatu maaltu isa gargaare? Akkana jedheera: “Jaarsi gumii Toonii jedhamu yeroo walgaʼiittii fi yeroo biraatti na haasofsiisa ture. Waaʼee obboloota utuma qorumsi isaanirra gaʼee jiruu gammadoo taʼanii natti hima ture. Faarfannaa 27:10 natti argisiiseera; yeroo baayʼee waaʼee Hisqiyaas isa utuu abbaan isaa fakkeenya gaarii isaaf hin taʼin amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilee natti hima ture.” Gargaarsi isaaf godhame kun kan isa fayyade akkamitti? Biriyaanti, “Jajjabina Tooniin naaf godheen yeroo booda tajaajila yeroo guutuu keessatti gammachuudhaan hirmaachuu dandaʼeera” jedheera. Jaarsoliin warra akkuma Biriyaanti “dubbii gaarii” dhagaʼuun isaan barbaachisu jajjabeessuuf dammaqoo taʼuu qabu.—Fak. 12:25.

6. Phaawulos obboloota isaa jajjabeessuuf seenaa jireenyaatti kan fayyadame akkamitti?

6 Phaawulos “dhugaa [baatonni] akka duumessa guddaa” taʼan gargaarsa Yihowaatiin haala rakkisaa dandamachuu akka dandaʼan obboloota isaa yaadachiiseera. (Ibr. 12:1) Phaawulos seenaan namoota bara duriitti rakkina garaa garaa milkaaʼinaan dandamatanii, obboloonni isaa ija jabina akka qabaatanii fi “magaalaa Waaqa jiraataa” irratti xiyyeeffachuu isaanii akka itti fufan gargaaruu akka dandaʼu hubateera. (Ibr. 12:22) Yeroo harʼaattis haalli isaa akkasuma. Yihowaan Giidewon, Baaraaq, Daawitii fi Saamuʼeliin dabalatee tajaajiltoota isaa hedduu akkamitti akka gargaare yeroo dubbisnu baayʼee jajjabaanna. (Ibr. 11:32-35) Muuxannoo obboloota amanamoo bara keenya jiranirraas jajjabina guddaa arganna. Obboloonni hedduun muuxannoo Dhugaa Baatota Yihowaa bara keenyatti argamanii fi amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilanii erga dubbisanii booda xalayaa amantiin isaanii akka cime ibsu waajjira muummee keenyatti ni ergu.

PHAAWULOS AKKAMITTI NAGAADHAAN JIRAACHUU AKKA DANDAʼAN OBBOLOOTA ISAA BARSIISEERA

7. Gorsa Phaawulos Roomaa 14:19-21 irratti kennerraa maal baranna?

7 Gumii keessatti yommuu nagaa babalʼisnu obboloota keenya ijaarra. Ilaalchi garaa garaa qabnu akka nu qoqqoodu hin heyyamnu. Dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu wajjin hamma wal hin faallessinetti yaada keenya ni jijjiirra. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Gumiin Roomaa keessa ture Yihudootaa fi namoota Yihudoota hin taane kan of keessatti qabate ture. Kiristiyaanonni Seera Musee jala waan hin taaneef seera nyaata tokko tokko akka hin nyaanne ajaju hordofuun isaanirraa hin eegamu. (Mar. 7:19) Kanaafuu, Kiristiyaanonni Yihudoota taʼan tokko tokko nyaata akaakuu kamiyyuu nyaachuuf bilisummaan isaanitti dhagaʼamee ture. Kiristiyaanonni Yihudoota taʼan kan biroon garuu akkas gochuuf bilisummaan isaanitti hin dhagaʼamne. Kanaan kan kaʼes, gumicha keessatti qoqqoodinsi ni uumame. Phaawulos nagaa isaanii eeggachuun akka isaan barbaachisu isaan hubachiisuuf akkana jedhe: “Obboleessa kee kan gufachiisu yoo taʼe, foon nyaachuu yookiin daadhii wayinii dhuguu yookiin wanta akkamii iyyuu gochuu dhiisuun gaarii dha.” (Roomaa 14:19-21 dubbisi.) Phaawulos karaa kanaan falmiin akkasii obboloota tokko tokkos taʼe guutummaa gumichaa hammam akka miidhu akka hubatan isaan gargaareera. Warra kaan akka hin gufachiisneef jedhee amala isaa jijjiiruuf fedhii akka qabus argisiiseera. (1 Qor. 9:19-22) Nutis dhimmoota dhuunfaarratti falmii kaasuurraa fagaachuudhaan warra kaan ijaaruu fi nagaa keenya eeggachuu ni dandeenya.

8. Phaawulos yeroo dhimmi cimaan nagaa gumichaa booressuu dandaʼu uumametti maal godhe?

8 Phaawulos yommuu dhimmoota ciccimoo irratti walii galuu dadhabnu nagaa keenya eeggachuu irrattis fakkeenya gaarii nuuf taʼa. Fakkeenyaaf, obboloonni gumii jaarraa jalqabaa keessa turan tokko tokko obboloonni Yihudoota hin taane dhaqna akka qabatan dhiibbaa godhu turan; tarii kana kan yaadan Yihudoonni akka isaan hin qeeqneef jedhanii taʼuu dandaʼa. (Gal. 6:12) Phaawulos yaada kana cimsee mormeera; taʼus yaada isaa akka fudhatan dhiibbaa gochuu mannaa, gad of qabuudhaan dhimmicha ergamootaa fi jaarsolii Yerusaalem keessa turaniif dhiheesseera. (HoE. 15:1, 2) Phaawulos dhimmicha karaa kanaan qabuun isaa Kiristiyaanonni sun gumii keessatti gammachuu isaanii fi nagaa isaanii akka eeggatan isaan gargaareera.—HoE. 15:30, 31.

9. Fakkeenya Phaawulos hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

9 Waldhabiinsi cimaan yoo uumame, warra gumicha akka kunuunsaniif Yihowaan muuderraa qajeelfama barbaaduudhaan nagaa babalʼisuu dandeenya. Yeroo baayʼee Qajeelfamni Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼe barreeffamoota keenyarraa ykn qajeelfama jaarmiyichi qopheesserraa argachuu ni dandeenya. Ilaalcha mataa keenyaa babalʼisuu mannaa, qajeelfamoota kanarratti kan xiyyeeffannu yoo taʼe nagaa gumichaatiif gumaacha goona.

10. Phaawulos gumii keessatti nagaan akka babalʼatu gochuuf wanta kan biraa akkamii godhe?

10 Phaawulos dadhabina obboloota isaarratti utuu hin taʼin, amaloota gaggaarii isaan qaban irratti xiyyeeffachuudhaan nagaa babalʼiseera. Fakkeenyaaf, xalayaa warra Roomaatiif barreesse gara dhumaarratti namoota baayʼee maqaa isaanii caqaseera, akkasumas waaʼee isaanii yaada gaarii ykn odeeffannoowwan tokko tokko ibseera. Amaloota gaggaarii obboloonni keenya qaban ifatti dubbachuudhaan fakkeenya Phaawulos hordofuu dandeenya. Yeroo akkas goonu obboloonni keenya caalaatti akka walitti dhihaatanii fi jaalalli isaan gidduu jiru akka cimu gumaacha goona.

11. Yeroo nu gidduutti waldhabiinsi uumamu nagaa buusuu kan dandeenyu akkamitti?

11 Darbee darbee Kiristiyaanonni bilchina qabanillee walii galtee dhabuu ykn wal falmuu dandaʼu. Haalli akkasii Phaawulosii fi michuu isaa Barnaabaas gidduutti uumamee ture. Adeemsa misiyoonummaa ittaansuudhaan godhanirratti Maarqosiin fuunee deemuu qabna moo dhiisuu qabna jedhanii cimsanii wal falmanii turan. “Falmii guddaan isaan gidduutti waan kaʼeef” waliin deemuu dhaaban. (HoE. 15:37-39) Taʼus Phaawulos, Barnaabaasii fi Maarqos deebiʼanii nagaa uumuudhaan nagaa fi tokkummaa gumichaatiif iddoo guddaa akka kennan argisiisaniiru. Phaawulos yeroo booda waaʼee Barnaabaasii fi Maarqos wanta gaarii dubbateera. (1 Qor. 9:6; Qol. 4:10) Nutis waldhabiinsa nu gidduutti uumamuuf furmaata kennuu qabna; achiis amaloota gaggaarii warri kaan qabanirratti xiyyeeffachuu keenya itti fufuu qabna. Karaa kanaan nagaa fi tokkummaan akka babalʼatu goona.—Efe. 4:3.

PHAAWULOS AMANTII OBBOLOOTA ISAA CIMSEERA

12. Rakkoowwan obboloota keenya mudachaa jiran tokko tokko maalfaʼi?

12 Obboloonni keenya amantii Yihowaarratti qaban akka cimsatan isaan gargaaruudhaan isaan ijaarra. Obboloonni keenya tokko tokko miseensonni maatii isaanii hin amanne, namoonni wajjin hojjetan ykn ijoolleen wajjin baratan isaanitti qoosu. Warri kaanimmoo dhibee fayyaa cimaa taʼe ykn miidhaa miiraa isaanirra gaʼe dandamachuuf waldhaansoo godhu. Obboloonni tokko tokko cuuphamanii Kiristiyaanota kan taʼan waggoota hedduu dura waan taʼeef, yeroo dheeraadhaaf dhuma sirna kanaa eegaa turaniiru. Haalawwan kun yeroo harʼaatti amantii Kiristiyaanotaa ni qoru. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaatti turanis rakkoowwan akkasii isaan mudataniiru. Maarree, Phaawulos obboloota isaa cimsuuf maal godhe?

Akkuma Phaawulos warra kaan ijaaruu kan dandeenyu akkamitti? (Keeyyata 13 ilaali)  *

13. Phaawulos obboloota sababii amantii isaaniitiin mormiin isaanirra gaʼe kan gargaare akkamitti?

13 Phaawulos amantii obboloota isaa ijaaruuf Kitaabota Qulqulluutti fayyadameera. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanonni Yihudoota taʼan miseensota maatii isaanii hin amannee fi amantaan Yihudii Kiristiyaanummaarra akka caalutti yaadaniif akkamitti deebii akka kennan hin beekan taʼa. Xalayaan Phaawulos Ibrootaaf barreesse Kiristiyaanota sana baayʼee akka cimse hin shakkisiisu. (Ibr. 1:5, 6; 2:2, 3; 9:24, 25) Yaada amansiisaa isaaniif barreessetti fayyadamanii miseensota maatii isaanii hin amanneef deebii kennuu dandaʼu. Yeroo harʼaas obboloonni keenya mormiin isaan mudatu barreeffamoota Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼanitti fayyadamanii wanta itti amananiif ragaa akka dhiheessan isaan gargaaruu dandeenya. Dargaggoonni keenya Uumaatti amanuu isaaniitti kan isaanitti qoosamu yoo taʼe ragaawwan isaan fayyadan akka argatan isaan gargaaruu dandeenya; birooshura Jireenyi Uumamaan Argamee? (Amaariffa) jedhamuu fi Madda Jireenyaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Deebii Argachuu Qaban Shan jedhamutti fayyadamanii jireenyi kan argame uumamaan akka taʼe kan amanan maaliif akka taʼe ragaa dhiheessuu dandaʼu.

Akkuma Phaawulos warra kaan ijaaruu kan dandeenyu akkamitti? (Keeyyata 14 ilaali)  *

14. Phaawulos hojii lallabuu fi barsiisuutiin qabamee kan ture taʼus maal godhe?

14 Phaawulos obboloonni isaa “hojii gaarii” hojjechuudhaan jaalala akka argisiisan isaan jajjabeesseera. (Ibr. 10:24) Phaawulos dubbiidhaan qofa utuu hin taʼin gocha isaatiinis obboloota isaa gargaareera. Fakkeenyaaf, yeroo obboloonni Yihudaa keessa jiran beelli isaan mudatetti wantoota isaan barbaachisan isaaniif raabsuurratti gargaarsa godheera. (HoE. 11:27-30) Hojii lallabuu fi barsiisuutiin qabamee kan ture taʼus, yeroo hundumaa carraa warra karaa foonii gargaarsi isaan barbaachisu itti gargaaru ni barbaaddata ture. (Gal. 2:10) Akkana gochuudhaan obboloonni isaa Yihowaan akka isaan kunuunsu amanannaa qaban isaaniif cimseera. Harʼas yeroo balaan uumamaa gaʼutti, warra kaan gargaaruuf yommuu fedhiidhaan kakaanee yeroo, humnaa fi dandeettii keenya aarsaa goonu amantii obboloota keenyaa cimsina. Hojii addunyaa maraatiif dhaabbataadhaan buusii gochuudhaanis gargaarsa gochuu dandeenya. Karaa kanaafi karaawwan kan birootiin obboloonni keenya Yihowaan yoomiyyuu akka isaan hin gatne amanannaa akka qabaatan isaan gargaarra.

Akkuma Phaawulos warra kaan ijaaruu kan dandeenyu akkamitti? (Keeyyata 15-16 ilaali)  *

15-16. Warra amantiin isaanii laafe gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

15 Phaawulos warra amantiin isaanii laafetti abdii hin kutanne. Gara laafina isaanitti argisiiseera, akkasumas karaa isaan jajjabeessuun isaan haasofsiiseera. (Ibr. 6:9; 10:39) Fakkeenyaaf, xalayaa Ibrootaaf barreesserratti yeroo baayʼee jecha “nuti” jedhutti fayyadamuudhaan innis gorsa sana hojiirra oolchuu akka qabu argisiiseera. (Ibr. 2:1, 3) Nutis akkuma Phaawulos warra amantiin isaanii laafetti abdii hin kutannu. Kanaa mannaa, garaadhaa akka isaaniif yaannu argisiisuudhaan isaan ijaarra. Akkana gochuudhaan jaalala isaanitti argisiisna. Wanta dubbannuun qofa utuu hin taʼin, akkaataa itti dubbannuunis obboloota keenya ijaaruu ni dandeenya.

16 Phaawulos Yihowaan hojii isaanii isa gaarii akka argu obboloota isaatiif mirkaneesseera. (Ibr. 10:32-34) Nutis obboleessa amantiin isaa laafe tokko yeroo gargaarru akkasuma gochuu dandeenya. Gara dhugaatti kan dhufe akkamitti akka taʼe isa gaafachuu ykn yeroo deggersa Yihowaa akka argate isatti dhagaʼamee ture irratti akka yaadu isa jajjabeessuu dandeenya. Carraa kanatti fayyadamnee Yihowaan gocha jaalalaa kanaan dura raawwate akka hin irraanfannee fi gara fuulduraattis akka isa hin gatne isaaf mirkaneessuu dandeenya. (Ibr. 6:10; 13:5, 6) Marii akkasii gochuun keenya obboloonni keenya jaallatamoon Yihowaa tajaajiluu isaanii akka itti fufan jajjabeessuu dandaʼa.

‘WAL JAJJABEESSUU KEESSAN ITTI FUFAA’

17. Dandeettii isa kam guddifachuu keenya itti fufuu qabna?

17 Akkuma namni hojii ijaarsaa hojjetu tokko dandeettiisaa yeroodhaa gara yerootti fooyyessaa deemu nutis wal ijaaruurratti caalaatti buʼa qabeeyyii taʼuu dandeenya. Warra kaanitti muuxannoo namoota kanaan dura qorumsa dandamatanii himuudhaan isaanis qorumsa keessatti jabaatanii akka dhaabbatan gargaaruu dandeenya. Obboloota keenyatti wanta gaarii isaanirratti arginu isaanitti himuudhaan, yeroo rakkinni uumamu nagaa keenya eeggachuudhaan, akkasumas yeroo waldhabiinsi jiraatutti nagaa uumuudhaan nagaa babalʼisuu dandeenya. Dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu barbaachisoo taʼan isaanitti himuudhaan, gargaarsa isaaniif gochuudhaan, akkasumas warra karaa hafuuraa dadhaban deggeruudhaan amantii obboloota keenyaa ijaaruu keenya itti fufuu ni dandeenya.

18. Maal gochuuf murteessiteetta?

18 Obboloonni keenya hojii ijaarsaa tiʼookraasiirratti hirmaatan gammachuu guddaa argatu. Nutis obboloota keenya karaa hafuuraa ijaaruudhaan gammachuu guddaa argachuu dandeenya. Ijaarsa gamoo yeroo booda baduu dandaʼurraa haala adda taʼeen buʼaan hojii keenyaa bara baraaf kan itti fufuudha. Kanaafuu, ‘wal jajjabeessuu fi wal ijaaruu keenya itti fufuuf’ haa murteessinu.—1 Tas. 5:11.

FAARFANNAA 100 Keessummummaa Isaan Simadhaa

^ Jireenyi sirna kanaa baayʼee ulfaataadha. Obboloonni keenya dhiibbaa hedduutu isaanirra gaʼa. Karaa itti isaan jajjabeessinu kan barbaannu yoo taʼe dhugumaan eebba isaaniif taana. Fakkeenya Phaawulos ergamaa qoruun keenya kana gochuuf nu kakaasa.

^ IBSA FAKKII: Abbaan tokko intalli isaa dhiibbaa Ayyaana Qillee akka kabajju ishiirratti godhamu dandamachuuf yaada barreeffamoota keenyarra jirutti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ishiitti argisiisaa jira.

^ IBSA FAKKII: Hiriyoonni gaaʼelaa tokko yeroo balaa uumamaatti gara kutaa biyyattii kan biraa deemanii gargaarsa gochaa jiru.

^ IBSA FAKKII: Jaarsi tokko obboleessa amantiin isaa laafe jajjabeessaa jira. Suuraawwan waggaa dheeraa dura yeroo Mana Barumsaa Tajaajila Qajeelchitootaarratti waliin hirmaatanitti kaʼan itti argisiisaa jira. Suuraawwan sun yeroo gammachiisaa waliin dabarsan isa yaadachiisaniiru. Kanaafuu, gammachuu yeroo Yihowaa tajaajilaa turetti qabu qabaachuuf hawwuu jalqabe. Yeroo boodammoo, gara gumiitti deebiʼe.