MATA DUREE QOʼANNAA 33
Yihowaan Saba Isaa ni Ilaala
“Ijji Yihowaa warra isa sodaatan . . . ni ilaala.”—FAR. 33:18.
FAARFANNAA 4 “Yihowaan Tiksee Koo Ti”
QABIYYEE *
1. Yesuus duuka buutota isaatiif eegumsa akka godhu Yihowaa kan kadhate maaliifi?
YESUUS galgala duʼuu isaa dura turetti gara Abbaa isaatti kadhannaa adda taʼe tokko dhiheessee ture. Duuka buutota isaa akka eegu Yihowaa gaafateera. (Yoh. 17:15, 20) Yihowaan yeroo hunda saba isaa ni ilaala, akkasumas eegumsaa fi kunuunsa isaaniif ni godha. Yesuus, Seexanni duuka buutota isaarratti mormii cimaa akka geessisu beeka. Kana malees, haleellaa hamaa Diyaabilos isaanirraan geessisu dandamachuuf gargaarsi Yihowaa akka isaan barbaachisu hubateera.
2. Akka Faarfannaa 33:18-20 irratti ibsametti rakkinni yeroo nurra gaʼu sodaachuun kan nu hin barbaachisne maaliifi?
2 Sirni Seexanaa Kiristiyaanota yeroo harʼaa jiran irratti dhiibbaa guddaa geessisa. Rakkoowwan abdii nu kutachiisuu dandaʼanii fi amanamummaa Yihowaadhaaf qabnu qoran nu mudatu. Haa taʼu malee, akkuma mata duree kana keessatti ilaallu, sodaachuun nu hin barbaachisu. Yihowaan nu ilaalaa waan jiruuf, rakkoowwan nu mudatan ni arga, akkasumas akka dandamannu nu gargaaruuf qophaaʼaa dha. Kanatti aansuudhaan fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu ‘Yihowaan warra isa sodaatan ilaalaa’ akka jiru argisiisan lama qorra.—Faarfannaa 33:18-20 dubbisi.
YOMMUU KOPHUMMAAN NUTTI DHAGAʼAMU
3. Kophummaan kan nutti dhagaʼamu yoom taʼu dandaʼa?
3 Gumii keessaa obbolootaa fi obboleettota hedduu kan qabnu taʼus, darbe darbee kophummaan nutti dhagaʼama taʼa. Fakkeenyaaf, dargaggoonni hiriyoota daree isaanii duratti yommuu waaʼee amantii isaanii ibsan ykn yommuu gara gumii haaraa deeman kophummaan isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Nu keessaa tokko tokko miira gaddaa fi dhiphinaa wajjin walʼaansoo gochaa jirra taʼa. Tarii miirawwan kana kophuma keenya dandamachuu akka qabnu nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Namni miira keenya nuuf hubatu hin jiru jennee yaaduudhaan wanta nutti dhagaʼamu warra kaanitti himuurraa duubatti jenna taʼa. Yeroo tokko tokko immoo, namni nuuf yaadu tokkollee akka hin jirre nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Sababiin isaa maal iyyuu yoo taʼe, miirri kophummaa akka gatamne akka nutti dhagaʼamuu fi yaaddoodhaan akka liqimfamnu gochuu dandaʼa. Yihowaan akkas akka nutti dhagaʼamu matumaa hin barbaadu. Akkas kan jennu maaliifi?
4. Eeliyaas raajichi “Kan hafe anuma qofa dha” kan jedhe maaliifi?
4 Mee fakkeenya Eeliyaas isa nama amanamaa taʼee haa ilaallu. Eeliyaas, Iizaabel isa ajjeesuuf kakattee waan turteef lubbuu isaa oolfachuuf guyyaa 40f baqachaa ture. (1 Mot. 19:1-9) Dhumarratti kophaa isaa yeroo holqa tokko keessa turetti Yihowaadhaan, “[Raajiin] hafe anuma qofa dha” jedhee ture. (1 Mot. 19:10) Garuu biyyatti keessa raajonni kan biroon jiru turan. Fakkeenyaaf, Obaadiyaan, Iizaabel jalaa isaan oolchuuf raajota 100 dhoksee ture. (1 Mot. 18:7, 13) Maarree, Eeliyaas hamma kana kophummaan kan isatti dhagaʼame maaliifi? Raajonni Obaadiyaan dhokse akka dhuman yaadeetii laata? Gaara Qarmelos irratti Yihowaan Waaqa dhugaa taʼuu isaa erga mirkaneessee booda namni isa faana Yihowaa tajaajiluu jalqabe waan hin jirreef kophummaan isatti dhagaʼameetii? Tarii balaa cimaa keessa akka jiru namni beeku ykn namni isaaf yaadu akka hin jirre waan isatti dhagaʼameefii? Seenaan isaa miira Eeliyaasitti dhagaʼame guutummaatti hin ibsu. Haa taʼu malee, Yihowaan Eeliyaasitti kophummaan kan dhagaʼame maaliif akka taʼee fi akkamitti isa gargaaruu akka dandaʼu akka beeku mirkanaaʼoo taʼu dandeenya.
5. Yihowaan, Eeliyaas kophaa isaa akka hin taane kan isaaf mirkaneesse akkamitti?
5 Yihowaan karaa adda addaatiin Eeliyaasiin gargaareera. Miira isaa akka ibsu isa jajjabeesseera. Siʼa lama, “Asii maal hojjetta?” jedhee isa gaafateera. (1 Mot. 19:9, 13) Yeroo lamaanuu Yihowaan, Eeliyaas miira isaa yeroo isaaf ibsu isa dhaggeeffateera. Yihowaan isa cinaa akka jiruu fi humna guddaa akka qabu isatti argisiisuudhaan deebii isaaf kenneera. Namoonni Yihowaa waaqeffatan kan biroo hedduun akka jiranis isaaf mirkaneesseera. (1 Mot. 19:11, 12, 18) Eeliyaas miira isaa Yihowaadhaaf erga ibsee fi deebii Yihowaa erga dhagaʼee booda boqonnaa guddaan akka isatti dhagaʼame hin shakkisiisu. Yihowaan hojiiwwan barbaachisoo garaa garaa Eeliyaasiif kenneera. Hazaaʼeliin Sooriyaa irratti, Yehuu immoo Israaʼel irratti mootii godhee akka muudu, akkasumas Eelsaaʼiin raajii godhee akka muudu isatti himeera. (1 Mot. 19:15, 16) Yihowaan Eeliyaasiif hojiiwwan kana kennuudhaan wantoota gaggaariirratti akka xiyyeeffatu isa gargaareera. Kana malees, michuu isatti dhihaatu isaaf kenneera, innis Eelsaaʼi. Atoo yeroo kophummaan sitti dhagaʼamu gargaarsa Yihowaa argachuu kan dandeessu akkamitti?
6. Yommuu kophummaan sitti dhagaʼamu waaʼee maalii kadhachuu dandeessa? (Faarfannaa 62:8)
6 Yihowaan kadhannaadhaan akka isatti dhihaattu si afeereera. Inni rakkina sirra gaʼaa jiru ni arga, akkasumas kadhannaa yeroo kamittiyyuu dhiheessitu akka dhagaʼu siif mirkaneesseera. (1 Tas. 5:17) Yihowaan kadhannaa tajaajiltoonni isaa dhiheessan dhagaʼuun isa gammachiisa. (Fak. 15:8) Yommuu kophummaan sitti dhagaʼamu waaʼee maalii kadhachuu dandeessa? Akkuma Eeliyaas wanta garaa kee keessa jiru hundumaa isatti himi. (Faarfannaa 62:8 dubbisi.) Wantoonni akka yaaddoftu si taasisan maalfaa akka taʼanii fi wantoonni kun miirri akkamii akka sitti dhagaʼamu akka godhan isatti himi. Miira sitti dhagaʼamu dandamachuuf akka si gargaaru kadhadhu. Fakkeenyaaf, mana barumsaatti kophummaan yoo sitti dhagaʼamee fi dhugaa baʼuu yoo sodaatte ija jabina yaada kee ibsuuf si gargaaru akka siif kennu Yihowaa kadhadhu. Ogummaa wantoota itti amantu malaan ibsuuf si gargaaru akka siif kennus kadhachuu dandeessa. (Luq. 21:14, 15) Dhiphina sitti dhagaʼamu wajjin walʼaansoo gochaa jirta taanaan Kiristiyaana muuxannoo qabu tokko haasofsiisuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu. Yihowaan namni miira kee itti himtu sun akka si hubatu akka isa gargaarus kadhachuu dandeessa. Wanta garaa kee keessa jiru Yihowaatti himi, kadhannaa keetiif akkamitti deebii akka kennu hubadhu, akkasumas gargaarsa warra kaanii fudhadhu. Yoo akkas goote kophummaan sitti dhagaʼamu ni hirʼata.
7. Fakkeenya Maarisiyoorraa maal baratte?
7 Yihowaan hunda keenyaaf hojii iddoo guddaa qabu kenneera. Wanta gumii keessattii fi tajaajilarratti raawwattu hundumaa akka arguu fi iddoo guddaa akka kennuuf mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. (Far. 110:3) Yommuu kophummaan sitti dhagaʼamu hojii kanaan qabamuun kee kan si gargaaru akkamitti? Mee fakkeenya obboleessa dargaggeessa Maarisiyoo jedhamuu haa ilaallu. * Maarisiyoon cuuphamee utuma baayʼee hin turin michuun isaa isatti dhihaatu tokko suutuma suuta dhugaa dhiisuu jalqabe. Maarisiyoon akkana jedheera: “Yommuu inni Yihowaa dhiisu arguun koo ofitti amanannaa na dhabsiisee ture. ‘Waadaa yeroon Yihowaadhaaf of murteessetti gale eeguu fi kutaa maatii Yihowaa taʼee itti fufuu nan dandaʼaa laata?’ gaaffiin jedhu natti uumamee ture. Kophaa akkan taʼee fi namni miira koo naaf hubatu akka hin jirre natti dhagaʼame.” Maarree, haala kana akka dandamatu maaltu isa gargaare? Akkana jedheera: “Tajaajila koo nan balʼifadhe. Kunis ofirrattii fi miira natti dhagaʼamurratti qofa akkan hin xiyyeeffanne na gargaareera. Warra kaan wajjin tajaajilarratti hirmaachuun koo gammachuu akkan argadhuu fi kophummaan natti dhagaʼamu akka hirʼatu godheera.” Obboloota wajjin qaamaan tajaajiluu yeroo hin dandeenyettillee xalayaa fi bilbilaan isaan wajjin tajaajiluun keenya baayʼee nu jajjabeessa. Wanti Maarisiyoo gargaare kan biraan maalidha? Akkana jedheera: “Hojiiwwan gumiitiinis qabameen ture. Kutaa barattootaa qophaaʼuu fi dhiheessuuf carraaqqiin godha. Kutaan barataa naaf kennamuun isaa Yihowaanii fi obboloonni kaan iddoo guddaa akka naaf kennan akka natti dhagaʼamu godheera.”
QORUMSI CIMAAN YOMMUU NURRA GAʼU
8. Yommuu qorumsi cimaan nurra gaʼu maaltu nutti dhagaʼama?
8 Guyyoota dhumaa kanatti qorumsi garaagaraa akka nurra gaʼu beekna. (2 Xim. 3:1) Yeroo tokko tokko garuu qorumsi hin eegne akkuma tasaa nu mudata. Akkuma tasaa rakkinni diinagdee nu mudachuu, dhukkuba cimaadhaan qabamuu ykn nama jaallannu duʼaan dhabuu dandeenya. Yeroo akkasiitti baayʼee dhiphanna; qorumsi akkasii keessumaa walitti aansee ykn takkaatti yeroo nu mudatu dhiphinaan liqimfamuu fi abdii kutachuu dandeenya. Haa taʼu malee, Yihowaan haala keessa jirru akka beeku haa yaadannu; gargaarsa isaatiin qorumsa nu mudata kamiyyuu dandamachuu ni dandeenya.
9. Qorumsa Iyyoobirra gaʼe tokko tokko ibsi.
9 Yihowaan Iyyoob isa nama amanamaa taʼe kan gargaare akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Iyyoob yeroo gabaabaa keessatti qorumsi ulfaataa taʼe hedduun isarra gaʼeera. Guyyuma tokko keessatti beeladoota isaa akka dhabee fi tajaajiltoonni isaa akka ajjeefaman dhagaʼeera. Kanarra kan hammaatummoo, ijoolleen isaa akka duʼan guyyuma kanatti dhagaʼe. (Iyo. 1:13-19) Iyyoob utuma gadda cimaarra jiruu, dhibee dhukkubbii cimaa qabuu fi bifa isaa balleessuun qabame. (Iyo. 2:7) Haalli inni keessa ture baayʼee ulfaataa taʼuu isaatiin kan kaʼe, “Jireenya koo baayʼeen jibbe; jiraachuu koo itti fufuu hin barbaadu” jedheera.—Iyo. 7:16.
10. Yihowaan qorumsa isa mudate akka dandamatu Iyyoobiin kan gargaare akkamitti? (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)
10 Yihowaan, Iyyoobiin ilaalaa ture. Waan isa jaallatuuf qorumsa isarra gaʼe milkaaʼinaan akka dandamatu isa gargaareera. Yeroo isa haasofsiisetti ogummaa daangaa hin qabne akka qabuu fi uumamawwan isaatiif akka yaadu isa yaadachiiseera. Waaʼee bineeldota dinqisiisoo taʼan hedduu isatti himeera. (Iyo. 38:1, 2; 39:9, 13, 19, 27; 40:15; 41:1, 2) Kana malees, dargaggeessa amanamaa Eliihuu jedhamutti fayyadamee isa cimseera, akkasumas isa jajjabeesseera. Eliihuun, Yihowaan tajaajiltoota isaa jabaatanii dhaabbatan yeroo hundumaa akka badhaasu isaaf mirkaneesseera. Taʼus, Yihowaan Eliihuutti fayyadamee gorsa jaalala irratti hundaaʼes isaaf kenneera. Eliihuun namoonni Yihowaa isa waan hundumaa uume wajjin yommuu wal bira qabaman baayʼee xinnoo akka taʼan isa yaadachiisuudhaan ofii isaarratti akka hin xiyyeeffanne isa gargaareera. (Iyo. 37:14) Kana malees, Yihowaan Iyyoobiif hojii tokko kenneera; michoota isaa cubbuu raawwatan sadaniif akka kadhatu isatti himeera. (Iyo. 42:8-10) Yihowaan yeroo harʼaatti yommuu qorumsi cimaan nu mudatu kan nu gargaaru akkamitti?
11. Kitaabni Qulqulluun qorumsi yommuu nurra gaʼu kan nu jajjabeessu akkamitti?
11 Yihowaan akkuma Iyyoobiin haasofsiise kallattiidhaan nu hin haasofsiisu. Kanaa mannaa, karaa Dubbii isaa Kitaaba Qulqulluu nu haasofsiisa. (Rom. 15:4) Yeroo gara fuulduraa ilaalchisee abdii nuu kennuudhaan nu jajjabeessa. Yaadawwan Kitaaba Qulqulluu yommuu qorumsi nu mudatu nu jajjabeessan muraasa haa ilaallu. Yihowaan Kitaaba Qulqulluu keessatti qorumsawwan nu mudatan dabalatee wanti kamiyyuu ‘jaalala isaa irraa gargar nu baasuu’ akka hin dandeenye nuuf mirkaneesseera. (Rom. 8:38, 39) Kana malees, ‘warra isa waammatan hundumaatti dhihoo akka taʼe’ nutti himeera. (Far. 145:18) Yihowaan yoo isatti amanamne qorumsa kamiyyuu keessatti jabaannee dhaabbachuu akka dandeenyuu fi utuma qorumsi nurra gaʼuu gammadoo taʼuu akka dandeenyu nutti himeera. (1 Qor. 10:13; Yaq. 1:2, 12) Kana malees, Dubbiin Waaqayyoo qorumsi nurra gaʼu eebbawwan bara baraaf argannu wajjin yommuu wal bira qabamu yeroodhaaf kan turuu fi gabaabaa akka taʼe nu yaadachiisa. (2 Qor. 4:16-18) Yihowaan warra madda qorumsa nurra gaʼuu taʼan, jechuunis Seexanaa fi warra akkuma isaa hammina raawwatan hundumaa haxaaʼee akka balleessu waadaa galeera. (Far. 37:10) Caqasoota Kitaaba Qulqulluu qorumsawwan gara fuulduraatti si mudatan dandamachuuf si gargaaran sammuutti qabatteettaa?
12. Yihowaan Dubbii isaarraa guutummaatti fayyadamuu yoo barbaanne maal akka goonu nurraa eega?
12 Yihowaan yeroo hundumaa Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi wanta dubbisnerratti gadi fageenyaan yaaduuf yeroo akka ramadnu nurraa eega. Wanta baranne yommuu hojiirra oolchinu amantiin keenya ni cima, akkasumas gara Abbaa keenya isa samiitti caalaatti dhihaanna. Kunimmoo jabina qorumsa dandamachuuf nu gargaaru nuuf kenna. Kana malees, Yihowaan warra Dubbii isaatti amanamaniif hafuura isaa ni kenna. Hafuurri qulqulluun immoo ‘humna humna caaluu’ fi qorumsa nu mudatu kamiyyuu dandamachuuf nu gargaaru nuuf kenna.—2 Qor. 4:7-10.
13. Nyaanni hafuuraa “garbichi amanamaanii fi ogeessi” nuuf qopheessu qorumsa dandamachuuf kan nu gargaaru akkamitti?
13 “Garbichi amanamaanii fi ogeessi” gargaarsa Yihowaatiin barreeffamoota, viidiyoowwanii fi muuziqaawwan amantii keenya cimsuu fi karaa hafuuraa dammaqoo taanee itti fufuuf nu gargaaran nuuf qopheessaa jira. (Mat. 24:45) Wantoota yeroo sirrii taʼetti nuuf qophaaʼan kanarraa guutummaatti fayyadamuu qabna. Obboleettiin Yuunaayitid Isteetis jiraattu takka dhiheenya kana dinqisiifannaa nyaatawwan hafuuraa dhihaatan hundumaaf qabdu ibsitee turte. Akkana jetteetti: “Yihowaa tajaajiluu ergan jalqabee waggaa 40 taʼeera. Waggoottan kana keessatti amanamummaan koo yeroo garaa garaatti qorameera.” Obboleettiin kun qorumsi garaa garaa ishiirra gaʼeera. Akaakayyuun ishii konkolaachisaa machaaʼee oofuun balaan irra gaʼee duʼe, warri ishii baayʼee dhukkubsatanii duʼan, ishiinis siʼa lama kaansariidhaan qabamtee turte. Maarree, haala kana dandamachuuf maaltu ishii gargaare? Akkana jetteetti: “Yihowaan yeroo hunda kunuunsa naaf godha. Nyaanni hafuuraa inni karaa garbicha amanamaa fi ogeessaa qopheessu jabaadhee dhaabbachuuf na gargaareera. Nyaata hafuuraa argadhuun kan kaʼe akkuma Iyyoob, ‘Hamman duʼutti amanamummaa koo hin dhiisu!’ jechuu nan dandaʼa.”—Iyo. 27:5.
14. Yihowaan yeroo qorumsi nurra gaʼu nu deggeruuf obboloota keenyatti kan fayyadamu akkamitti? (1 Tasalonqee 4:9)
14 Yihowaan akka wal jaallatanii fi yeroo rakkinaatti akka wal jajjabeessan saba isaa leenjiseera. (2 Qor. 1:3, 4; 1 Tasalonqee 4:9 dubbisi.) Obboloonni fi obboleettonni keenya fakkeenya Eliihuu hordofuudhaan yeroo rakkinni nu mudatu amanamummaa keenya akka eeggannu nu gargaaruuf fedhii guddaa qabu. (HoE. 14:22) Fakkeenyaaf, Diyaan yeroo abbaan manaa ishii dhukkuba cimaadhaan dararamaa turetti, obboloonni gumii ishii jiran karaa hafuuraa cimtuu taatee akka itti fuftuuf kan ishii jajjabeessanii fi kan ishii cimsan akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Akkana jetteetti: “Haalli isaa ulfaataa ture; taʼus jiʼoota baayʼee ulfaataa taʼan sanatti Yihowaan akka nu cimsee fi jaalala akka nutti argisiise nutti dhagaʼama. Gumiin keenya nu deggeruuf wanta baayʼee godheera. Obboloonni keenya dhufanii nu gaafachuun isaanii, nuuf bilbiluun isaanii, akkasumas nu hammachuun isaanii jabaannee dhaabbachuuf nu gargaareera. Konkolaataa waanan hin oofneef, obboloonni fi obboleettonni walgaʼiiwwanirratti akkan argamuu fi yeroon dandaʼutti tajaajilarratti akkan hirmaadhu na gargaaru turan.” Kutaa maatii jaalala qabeessa taʼe kanaa taʼuun mirga guddaadha!
KUNUUNSA YIHOWAA ISA JAALALARRATTI HUNDAAʼEEF GALATEEFFACHUU
15. Qorumsa dandamachuu akka dandeenyu mirkanaaʼoo kan taane maaliifi?
15 Hunda keenyayyuu qorumsi garaagaraa nu mudata. Haa taʼu malee, akkuma olitti ilaalle qorumsa kan dandamannu kophaa keenya miti. Akkuma abbaa jaalala qabeessa taʼe tokkoo Yihowaanis yeroo hundumaa nu ilaala. Inni nu cinaa jira, kadhannaa keenya dhagaʼuuf qophaaʼaa dha, nu deggeruufis fedhii guddaa qaba. (Isa. 43:2) Yihowaan gaarummaadhaan kakaʼee wanta jabaannee dhaabbachuuf nu barbaachisu hunda waan nuu kennuuf qorumsa kamiyyuu dandamachuu akka dandeenyu amanannaa qabna. Yihowaan mirga kadhannaa, Kitaaba Qulqulluu, nyaata hafuuraa hedduu taʼe, akkasumas obboloota jaalala qabeeyyi yeroo barbaachisuutti nu gargaaran nuuf kenneera.
16. Kunuunsa Yihowaa argachuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti?
16 Abbaan keenya inni samii xiyyeeffannaa waan nuu kennuuf baayʼee isa galateeffanna. “Garaan keenya isatti ni gammada.” (Far. 33:21) Qophii nu gargaaruuf godhe hundumaatti fayyadamuudhaan kunuunsa inni jaalalaan kakaʼee nuuf godhu akka dinqisiifannu argisiisuu dandeenya. Kunuunsa Waaqayyoo argachuu keenya itti fufuuf gaʼee keenya raawwachuu qabna. Karaa kan biraatiin Yihowaadhaaf ajajamuu fi wanta isa duratti sirrii taʼe raawwachuuf wanta dandeenyu kan goonu yoo taʼe, Yihowaan bara baraaf nu ilaala, jechuunis xiyyeeffannaa nuuf kenna.—1 Phe. 3:12.
FAARFANNAA 30 Abbaa Koo, Waaqa Koo fi Michuu Koo
^ Rakkinoota yeroo harʼaatti nu mudatan dandamachuuf gargaarsi Yihowaa nu barbaachisa. Mata dureen kun Yihowaan saba isaatiif xiyyeeffannaa akka kennu nuuf mirkaneessa. Yihowaan rakkina tokkon tokkoon keenya mudatu ni hubata, gargaarsa rakkina sana mooʼuuf nu barbaachisus nuuf kenna.
^ Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.