Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Abbaa Hundarra Caalu

Abbaa Hundarra Caalu

Waaqayyotti Dhihaadhu

Abbaa Hundarra Caalu

Maatewos 3:16, 17

“ABBAA.” Jechoonni muraasni miira namootaa tuquu danda’u. Abbaan dhugumaan ijoolleesaa jaallatu akka milkaa’an isaan gargaara. Macaafni Qulqulluun Waaqa keenya Yihowaa “Abbaa” jedhee ibsuunsaa sirriidha. (Maatewos 6:9) Yihowaan Abbaa akkamiiti? Gaaffii kana deebisuuf, jechoota Yihowaan yommuu Yesus cuuphametti dubbate haaqorru. Kana malees, akkaataan abbaan tokko ijoolleesaatti dubbatu abbaa akkamii akka ta’e argisiisa.

Yesus Dh.K.B. naannoo Onkoloolessa 29⁠tti cuuphamuudhaaf gara Laga Yordaanos dhaqe. Macaafni Qulqulluun wanta yeroosanatti raawwatame akkas jechuudhaan ibsa: “Yesus cuuphamee bishaanicha keessaa akkuma ba’een, kunoo, bantiiwwan waaqaa hundinuu [isaaf] banaman; achumaanis hafuurri Waaqayyoo akka gugeetti gad dhufee isa irra bu’uu isaa in arge. Kunoo, sagaleen immoo, ‘Inni kun ilma koo isa jaallatamaa dha, gammachuun koos isatti in raawwatama’ jedhee waaqa irraa in dubbate.” * (Maatewos 3:16, 17) Jechoonni gaarummaa argisiisaniifi Yihowaan dubbate kun, inni Abbaa akkamii ta’uusaa ilaalchisee waan baay’ee nutti himu. Wanta Yihowaan Ilmasaatiin jedhe sadan hubadhu.

Tokkoffaa, Yihowaan ‘inni kun ilma kooti’ jechuunsaa ‘Ani Abbaakee ta’uukootti nan boona’ jechuusaa argisiisa. Abbaan hubannaa qabu, hawwii ijoolleensaa beekamummaafi xiyyeeffannaa argachuuf qaban isaanii guuta. Ijoolleen miseensota maatii keessaa tokko akka ta’an akka isaanitti dhaga’amu gochuun barbaachisaadha. Yesus yeroo sanatti ga’eessa ta’us jecha kana Abbaasaarraa dhaga’uusaatti maaltu akka itti dhaga’ame yaadi.

Lammaffaa, Yihowaan Ilmasaa “jaallatamaa” jedhee waamuudhaan jaalala Yesusiif qabu ifatti ibseera. Abbaansaa yommuu akkas jedhu ‘sin jaalladha’ jechuusaa ture. Abbaa gaariin ijoolleesaa baay’ee akka jaallatu isaanitti hima. Jechoonni jaalala dhugaadhaan dubbataman akkasii, ijoolleen haala gaariidhaan akka guddatan gargaaru. Yesus, Abbaansaa akka isa jaallatu yommuu ibsu dhaga’uunsaa hammam garaasaa tuquu akka danda’u yaadi!

Sadaffaa, Yihowaan “gammachuun koos isatti in raawwatama” jechuudhaan Ilmasaatti akka gammadu ibseera. Kana jechuunsaa ‘Ilmakoo, wanta ati gootetti baay’ee gammadeera!’ akkuma jedhetti ilaalama. Abbaan ijoolleesaa jaallatu, wanti gaariin ijoolleensaa jedhan ykn godhan akka isa gammachiise isaanitti himuuf carraa barbaada. Ijoolleen warrisaanii akka isaanitti gammadan yommuu ibsaniif humnaafi ija jabina argatu. Yesus Abbaansaa akka isatti gammadu yommuu ibsu dhaga’uunsaa, akka isa jajjabeesse homaa hin shakkisiisu!

Dhugumayyuu, Yihowaan Abbaa hundarra caaludha. Abbaa akkasii qabaachuu barbaaddaa? Taanaan, Yihowaa wajjin walitti dhufeenya qabaachuu akka dandeessu beekuunkee si jajjabeessa. Amantiidhaan waa’eesaa yoo baratteefi garaa qajeelaadhaan isa tajaajiluuf yaalii yoo goote, inni si gargaara. Macaafni Qulqulluun: “Waaqayyotti dhi’aadhaa, innis isinitti in dhi’aata” jedha. (Yaaqoob 4:8) Yihowaa, isa Abbaa hundarra caaluu wajjin walitti dhufeenya gaarii uumuu caalaa wanti eegumsa akka qabdu akka sitti dhaga’amu godhu jiraa?

[Footnotes]

^ key. 5 Akka seenaan Wangeela Luqaas yaada walfakkaatu ibsutti Yihowaan jecha “ati” jedhuufi maqaa bakka bu’uun fayyadamee: “Ati ilma koo isa jaallatamaa dha; gammachuun koos sitti in raawwatama” jedheera.—Luqaas 3:22.