Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Barumsi Jijjiirama Tirannaa Macaafa Qulqulluu Wajjin Walsimaa?

Barumsi Jijjiirama Tirannaa Macaafa Qulqulluu Wajjin Walsimaa?

Barumsi Jijjiirama Tirannaa Macaafa Qulqulluu Wajjin Walsimaa?

WAAQAYYO bineensotarraa nama uumuuf jijjiirama tirannaatti fayyadamee ta’uu danda’aa? Waaqayyo baakteeriyaan guddatee gara qurxummiitti akka jijjiiramu, achiis guddachaa adeemuudhaan bineensota munyuuqan achiimmoo bineensota hoosisan akka ta’uufi dhumarrattis sanyii qamalee namoonni irraa argaman akka ta’u godheeraa? Saayintiistonniifi geggeessitoonni amantii hedduun, barumsawwan jijjiirama tirannaattis Macaafa Qulqulluuttis akka amanan ni dubbatu. Seenaan macaafa Uumamaarra jiru mammaaksadha jedhu. Tarii atis, ‘Barumsi jijjiirama tirannaa namoonni bineensotarraa argaman jedhu Macaafa Qulqulluu wajjin walsimaa?’ jettee of gaafatteetta ta’a.

Madda keenya hubachuun, eenyummaa keenya, garamitti akka adeemnuufi akkamitti jiraachuu akka qabnu beekuuf nu gargaara. Waaqayyo rakkinni akka jiraatu maaliif akka heyyameefi ilmaan namootaatiif kaayyoo akkamii akka qabu beekuun kan danda’amu, maddi ilmaan namootaa maal akka ta’e yoo beekne qofadha. Waaqayyo Uumaa keenya ta’uusaa yoo shakkine, isaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu hin dandeenyu. Kanaaf uumama namootaa, haala yeroo ammaatti keessatti argamaniifi abdii gara fuulduraatti qaban ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu haa’ilaallu. Achiis barumsi jijjiirama tirannaa Macaafa Qulqulluu wajjin kan walsimu ta’uusaafi dhiisuusaa ilaalla.

Yeroo Namni Tokko Qofaan Ture

Namoonni jijjiirama tirannaatti amanan, yeroo ta’e tokkotti namni tokko qofti akka ture haaluudhaan, sanyiin namootaa sanyii bineensotaarraa jijjiirama tirannaatiin dhufe jedhanii falmu. Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun yaada kanarraa guutummaatti adda ta’e qaba. Nama tokkorraa jechuunis Addaamirraa akka argamne dubbata. Seenaan Macaafa Qulqulluu Addaam nama lafarra ture ta’uusaa ibsa. Maqaa haadha manaasaafi maqaa ijoolleesaa tokko tokkoon nutti hima. Wanta inni godhe, wanta inni jedhe, yeroo inni itti jiraateefi yoom akka du’e bal’inaan nutti hima. Yesus seenaa kana mammaaksa warra hin baratiniif barreeffame akka ta’etti hin ilaalle. Yommuu geggeessitoota amantiitti dubbachaa turetti: “Waaqayyo inni jalqabatti isaan uume ‘Dhiiraa fi dubartii akka uume’ hin dubbifnee ree?” jedheera. (Maatewos 19:3-5) Ittaansuudhaan Yesus jechoota Uumama 2:24⁠rratti waa’ee Addaamiifi Hewwaan dubbatan caqase.

Luqaas inni barreessaa Macaafa Qulqulluufi barreessaa seenaa ta’e, Addaamis akkuma Yesus nama yeroo ta’e tokkotti lafarra ture ta’uusaa ibseera. Luqaas seenaa dhalootaa Yesusirraa ka’ee gara nama jalqaba uumameetti lakkaa’eera. (Luqaas 3:23-38) Phaawulosis, abbootii falaasamaa, manneetii barumsaa Giriikii beekamoo ta’anitti baratan dabalatee, namoota isa dhaggeeffachaa turaniif akkas jechuudhaan dubbateera: “Waaqayyo, biyya lafaa, kan isa keessa jirus hundumaa kan uume, . . . Sanyiin namaa hundinuu namicha tokkicha irraa argamanii, irra lafaa hundumaa irra akka jiraatan godhe.” (Hojii Ergamootaa 17:24-26) Macaafni Qulqulluun hundi keenya “namicha tokkicha irraa” dhufuu keenya akka barsiisu kanarraa ifatti hubachuun ni danda’ama. Haala namoonni jalqaba keessa turan ilaalchisee wanti Macaafni Qulqulluun jedhu barumsa jijjiirama tirannaa wajjin kan walsimudhaa?

Namni Cubbuutti Kufuusaa

Akka Macaafni Qulqulluun jedhutti Yihowaan nama jalqabaa mudaa kan hin qabne godhee uume. Waaqayyo wanta mudaa qabu hin uumu. Seenaan uumamaa akkas jedha: “Waaqayyo akka bifa isaatti nama uume . . . Waaqayyo waanuma hojjete hundumaa in ilaale; kunoo, innis baay’ee gaarii ture.” (Uumama 1:27, 31) Namni mudaa hin qabne maal fakkaata?

Namni mudaa hin qabne, filannaa gochuuf mirga kan qabuufi guutummaatti amalawwan Waaqayyoo qabaachuu kan danda’udha. Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Waaqayyo nama yaada qajeelaa qabu uume; namoonni immoo yaada baay’ee warra ofii isaaniitii qopheessan duukaa bu’uu in barbaadu.” (Lallaba 7:29) Addaam Waaqayyorratti ka’uu filate. Kana gochuusaatiinis innis ta’e ijoolleensaa mudaa akka qabaatan godheera. Namoonni cubbuutti kufuunsaanii, wanta gaarii gochuu utuma barbaannu yeroo baay’ee wanta kana raawwachuu kan hin dandeenye maaliif akka ta’e argisiisa. Phaawulos ergamaan “Ani waanan jibbun hojjedha malee, waanan jaalladhu hin hojjedhu” jechuudhaan barreesseera.—Roomaa 7:15.

Akka Macaafni Qulqulluun jedhutti, namni mudaa hin qabne, fayyaa guutuu qabaachuudhaan barabaraan jiraachuu danda’a. Wanta Waaqayyo Addaamiin jedherraa hubachuun akka danda’amutti, namni jalqabaa utuu Waaqayyoof abboomameera ta’ee matumaa hin du’u ture. (Uumama 2:16, 17; 3:22, 23) Namni utuu akka dhukkubsatuufi Waaqayyorratti akka ka’u godhamee uumameera ta’ee, Waaqayyo uumamni namootaa “baay’ee gaarii ture” jedhee hin dubbatu ture. Qaamni namootaa haala dinqisiisaa ta’een kan uumame ta’us, hir’ina qaamaafi dhukkubaaf saaxilamuun keenya cubbuu akka dhaalle argisiisa. Macaafni Qulqulluun namoonni nama yeroo tokkotti mudaa hin qabneefi yeroo boodammoo mudaa qabaate tokkorraa argaman yommuu jedhu, barumsi jijjiirama tirannaa garuu namoonni suutuma suuta bineensa fooyyee argisiisaa dhuferraa argaman waan jedhuuf, Macaafa Qulqulluu wajjin wal hin simu.

Yaanni, Waaqayyo namoota uumuuf jecha jijjiirama tirannaatti fayyadameera jedhu, wanta Macaafni Qulqulluun amala Waaqayyoo ilaalchisee dubbatuu wajjin kan wal hin simnedha. Waaqayyo utuu jijjiirama tirannaatiin fayyadameera ta’ee, ilmaan namootaa akka dhukkubsataniifi akka dhiphatan kan godhe Waaqayyodha jechuun ni danda’ama ture. Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun Waaqayyoon ilaalchisee akkas jedha: “Inni kattaa jabaa dha, wanti inni godhus mudaa hin qabu, karaan isaa hundinuus qajeelaa dha, inni Waaqayyo amanamaa dha, jal’innis isa keessa hin jiru, inni dhuga-qabeessaa fi qajeelaa dha. Isaan isa irratti balleessaa hojjechuu isaaniitiin waan yeellaasifamaniif, si’achi ijoollee isaa hin jedhaman.” (Keessa Deebii 32:4, 5) Kanaaf, rakkinni ilmaan namootaarra kan ga’u, Waaqayyo jijjiirama tirannaatiin waan isaan uumeef miti. Kanaa mannaa, namni tokko Waaqayyorratti ka’uudhaan innis ta’e sanyiinsaa mudaa akka qabaatan gochuusaatiin kan dhufedha. Hamma ammaatti waa’ee Addaam ilaalleerra; ammammoo waa’ee Yesusitti haaceenu. Barumsi jijjiirama tirannaa wanta Macaafni Qulqulluun Yesusiin ilaalchisee dubbatuu wajjin walsimaa?

Jijjiirama Tirannaattis Kiristiyaanummaattis Amanuu Ni Dandeessaa?

“Kristos cubbuu keenyaaf du’eera.” Barumsawwan Kiristiyaanummaa keessaa kun tokko akka ta’e beekta ta’a. (1 Qorontos 15:3; 1 Phexros 3:18) Barumsi jijjiirama tirannaa jecha olitti ibsame kanaa wajjin akka wal hin simne hubachuuf, jalqaba Macaafni Qulqulluun maaliif cubbamoota jedhee akka nu waamuufi cubbuun maal akka nurraan geessise hubachuu qabna.

Hundi keenya amalawwan Waaqayyoo warra gurguddaa jechuunis jaalalasaafi firdii qajeelaa inni qabu guutummaatti argisiisuu waan hin dandeenyeef cubbamootadha. Macaafni Qulqulluun: “Hundinuu yakkaniiru, ulfinni Waaqayyoos isaanitti hir’ateera” kan jedhu kanaafi. (Roomaa 3:23) Macaafni Qulqulluun duuti sababii cubbuutiin akka dhufe barsiisa. Qorontos Inni Duraa 15:56, “Arfiin du’atti nama oofu cubbuu dha” jedha. Akka dhukkubsannu kan nu godhu sababiin inni guddaan cubbuu dhaalledha. Yesus, dhukkubaafi cubbuu dhaalle gidduu walitti dhufeenyi akka jiru ibseera. Nama dhagnisaa garri tokko du’een: “Cubbuun kee hundinuu siif dhiifameera” erga jedheenii booda namichi fayyeera.—Maatewos 9:2-7.

Duuti Yesus kan nu gargaaru akkamitti? Macaafni Qulqulluun garaa garummaa Addaamiifi Yesus gidduu jiru akkas jechuudhaan ibsa: “Harkisaa Addaamiin namoonni hundinuu akka du’an akkasuma immoo harkisaa Kristosiin namoonni hundinuu in jiraachifamu.” (1 Qorontos 15:22) Yesus lubbuusaa aarsaa godhee kennuudhaan cubbuu Addaamirraa dhaalleef gatii kaffaleera. Kanaaf, namoonni Yesusitti amananiifi isaaf abboomaman hundi, wanta Addaam nu dhabsiise jechuunis abdii jireenya barabaraa argatu.—Yohannis 3:16; Roomaa 6:23.

Barumsi jijjiirama tirannaa Kiristiyaanummaa wajjin kan wal hin simne ta’uusaa hubatteettaa? “Harkisaa Addaamiin namoonni hundinuu akka du’an” kan shakkinu yoo ta’e, ‘harkisaa Kristosiin namoonni hundinuu akka jiraachifaman’ akkamitti abdachuu dandeenya?

Namoonni Jijjiirama Tirannaatti Kan Amanan Maaliifi?

Macaafni Qulqulluun barumsawwan kan akka jijjiirama tirannaa akkamitti namoota hedduu biratti fudhatama akka argatan nuu ibsa. Akkas jedha: “Barri itti namoonni barsiisa sirrii fudhachuu jibban dhufuuf jira; bara sanas akka hawwa isaaniitti, barsiisota wanta gurra isaaniitti tolu isaan barsiisan walitti in sassaabbatu. Isaan dubbii dhugaa dhaga’uu irraa garagalanii, gara mammaaksa amantiitti in goru.” (2 Ximotewos 4:3, 4) Barumsi jijjiirama tirannaa afaan saayinsaawaatiin haadhihaatu malee, maddisaa barumsa amantiiti. Barumsi jijjiirama tirannaa falaasamaafi namoonni Waaqayyoof ilaalcha akkamii qabaachuu akka qaban kan barsiisudha. Barumsisaa namoota ilaalcha ofittummaa qabaniifi Waaqayyorraa adda ba’uu barbaadan kan gowwoomsudha. Namoonni barumsa jijjiirama tirannaatti amanan hedduun, Waaqayyottis akka amanan ni dubbatu. Haata’u malee, waa’ee Waaqayyoo yommuu yaadan inni uumaa akka hin taane, dhimmawwan namootaa keessa kan hin galleefi namootatti kan hin faranne godhanii isa yaadu. Barumsi akkasiimmoo wanta gurra namootaatti toludha.

Namoonni barumsa jijjiirama tirannaa deggeran, yeroo baay’ee dhugaarratti utuu hin ta’in ‘hawwa isaaniirratti’ hundaa’u. Hawwiinsaanii kunis, tarii hawaasa saayinsiitti amanuufi barumsa jijjiirama tirannaatiif bakka guddaa kennu biratti fudhatama argachuudha. Piroofeesara baayookeemistirii kan ta’an Maayikil Biihiin, wantoota wal xaxoo seelii jiraataa keessatti raawwataman qorachuudhaan bara dheeraa kan dabarsan yommuu ta’u, namoonni seeliin bifa kan qabaate jijjiirama tirannaatiin akka ta’e barsiisan wanta itti amanan kanaaf ragaa akka hin qabne ibsaniiru. Jijjiiramni tirannaa wanta baay’ee xiqqoo ta’e kanarraa jalqabuu danda’aa? Namichi kun, “Jijjiiramni tirannaa saayinsiirratti kan hundaa’e miti” jechuudhaan barreessaniiru. ‘Barruulee beekamoofi kitaabota dabalatee, barreeffamni saayinsii jijjiiramni tirannaa hubachuuf rakkisaa ta’e kun akka raawwatames ta’e kana booda akka raawwatamu ibsu tokkoyyuu hin jiru. . . . Barumsi Daarwiin jijjiiramni tirannaa raawwatameera jechuudhaan barsiise sobadha.’

Namoonni jijjiirama tirannaarratti ibsa kennuu hin danda’an taanaan, yaadasaanii kana oftuulummaadhaan kan babal’isan maaliifi? Biihiin: “Saayintiistota kabajamoo dabalatee namoonni hedduun yaada Uumaan jira jedhu fudhachuu waan hin barbaanneef qofadha” jechuudhaan sababiisaa ibsaniiru.

Barumsi jijjiirama tirannaa luboota beektota fakkaatanii mul’achuu barbaadan hedduutti ni tola. Namoonni kun Kiristiyaanota Roomaatti argamaniifi Phaawulos akkas jechuudhaan isaanii barreessee wajjin walfakkaatu: “Waa’ee Waaqayyootiif beekuun kan namaaf danda’amu isaaniifis hubatamaa dha, . . . Bifni isaa ijaan hin argamne; garuu humni isaa inni bara baraa, waaqummaan isaas erga biyyi lafaa uumamee jalqabee waan inni uume irratti qalbifatamee yaadatti argamuu in danda’a; kanaafis waan itti qabatan hin qaban. Waaqayyoon utuma beekanii, akka Waaqayyootti ulfina hin laanneef, galatas isaaf hin galchine; garuu yaada isaaniitiin waan waa’ee hin baafne duukaa bu’an, sammuun isaanii inni duudaanis in dukkaneeffame. Ogeessota utuma ofiin jedhanii gowwooman.” (Roomaa 1:19-22) Barsiisota sobduudhaan gowwoomfamuurraa ooluu kan dandeessu akkamitti?

Ragaarratti Hundaa’uudhaan Uumaatti Amanuu

Macaafni Qulqulluun amantiin maal akka ta’e yommuu ibsu, ragaan barbaachisaa ta’uusaa dubbata. Akkas jedha: “Amantiin waan abdatan ‘Dhuguma in ta’a’ jedhanii eeggachuu dha; ragaa wantoota ijaan hin argamne mirkaneessudha.” (Ibroota 11:1, NW) Amantaa dhugaan Waaqayyorratti qabnu ragaawwan Uumaan jiraachuusaa mirkaneessanirratti kan hundaa’e ta’uu qaba. Macaafni Qulqulluun ragaawwan kana eessaa argachuu akka dandeessu ibsa.

Daawit inni geggeessaa hafuura qulqulluutiin Macaafa Qulqulluu barreesse: “Isa ati guddaa dinqisiisaa gootee na uumteef, ani galata siif nan galcha” jedheera. (Faarfannaa 139:14) Yeroo fudhannee akkaataa qaamni keenya itti ijaarameefi wantoonni lubbu qabeeyyii ta’an kaan itti uumamanirratti xiinxaluun keenya, ogummaa Uumaan keenya qabu akka ajaa’ibsiifannu nu gargaara. Sirnawwan kumaatamatti lakkaa’amaniifi qaama keenya keessatti walta’anii hojjechuudhaan akka jiraannu nu gargaaran hundi itti yaadamanii kan hojjetamanidha. Kana malees, uumamni cufti inni ijaan argamu kun sirriitti kan herregameefi seera kan qabudha. Daawit: “Bantiiwwan waaqaa ulfina Waaqayyoo himaa jiru, wanti bantii waaqaa jalaan mul’atus hojii harka isaa in labsa” jechuudhaan barreesseera.—Faarfannaa 19:1.

Macaafni Qulqulluun waa’ee Uumaa keenyaa ragaa hedduu qabateera. Kitaabonnisaa 66 ta’an kan walsiman ta’uusaanii, amala ilaalchisee seera bu’uuraa hundarra caalu kan qabate ta’uusaafi raajiiwwan achi keessatti barreeffaman sirriitti raawwatamuusaanii yeroo ramadanii qoruudhaan, abbaan baroo macaafa kanaa Uumaa ta’uusaatiif ragaa hedduu argachuun ni danda’ama. Barumsawwan Macaafa Qulqulluu hubachuunis macaafichi dhugumaan Dubbii Uumaa ta’uusaatiif ragaa sii kenna. Fakkeenyaaf, maddi rakkinaa eenyu akka ta’e, waa’ee Mootummaa Waaqayyo, abdii ilmaan namootaa gara fuulduraatti qabaniifi gammachuu argachuuf maal gochuu akka qabnu wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu yommuu hubattu, Waaqayyo ogummaa akkamii akka qabu hubatta. Atis akkuma Phaawulos akkas jechuudhaan barreesse sitti dhaga’ama: “Badhaadhummaan araara Waaqayyoo hammam guddata! Ogummaan isaa fi beekumni isaa hammam gad fagaata! Akka inni itti murtoo godhu, namni qoree bira hin ga’u! Karaa isaas namni faana dha’ee hin hubatu!”—Roomaa 11:33.

Ragaa dhihaate qoruudhaan amantaankee guddachaa yeroo adeemu, yommuu Macaafa Qulqulluu dubbistu Uumaakee dhaggeeffachaa akka jirtu sitti dhaga’ama. Yihowaan akkas jedheera: “Ani lafa uumeen, namootas isa irratti uume; bantiiwwan waaqaa anatu harka kootiin diriirse, macca isaanii hundumaas anatu abboome.” (Isaayaas 45:12) Yihowaan Uumaa waan hundumaa ta’uusaa mirkaneessuuf carraaqqii gootanitti akka hin gaabbine homaa hin shakkisiisu.

[Fakkii fuula 14rra jiru]

Phaawulos namoota Giriikii barumsa guddaa barataniin: ‘Waaqayyo sanyiin namaa hundinuu namicha tokkicha irraa akka argaman godhe’ jedheera

[Fakkii fuula 15rra jiru]

Barumsi jijjiirama tirannaa namoonni yeroo ammaatti argaman bineensota fooyya’aa dhufanirraa kan argamanidha jedha. Macaafni Qulqulluun garuu, namoonni yeroo ammaatti argaman nama yeroo tokkotti mudaa hin qabneefi booda cubbuudhaan kuferraa argaman jedha

[Fakkii fuula 16rra jiru]

“Jijjiiramni tirannaa saayinsiirratti kan hundaa’e miti”

[Fakkii fuula 17rra jiru]

Akkaataan uumama lubbu qabeeyyii inni dinqisiisaa ta’e, guddina Uumaa keenyaa akka dinqisiifannu nu godha