Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dubbistootaaf

Dubbistootaaf

Dubbistootaaf

MAXXANSA kanaa jalqabee, qophii Masaraa Eegumsaarratti jijjiiramni tokko tokko godhamuusaa yeroo isin beeksisnu gammachuutu nutti dhaga’ama. Addaddummaasaa ibsuu keenya dura wantoota akka jiranitti itti fufan haa’ilaallu.

Maqaan barruu kanaa, Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu jedhu hin jijjiiramu. Kanaaf, Masaraan Eegumsaa Yihowaa isa Waaqa dhugaa ta’eef ulfina kennuusaafi misiraachoo waa’ee Mootummaasaa ibsu dhiheessuudhaan dubbistoota jajjabeessuusaa itti fufa. Matadureen fuula 5 hanga 9⁠tti jiru, Mootummaan sun maal akka ta’eefi yoom akka dhufu ibsu. Kana malees, Masaraan Eegumsaa kun akkuma kanaan dura waggoota dhibbaa ol ta’aniif gochaa ture, amantii dubbistoonni Yesus Kiristosiifi dhugaa Macaafa Qulqulluurratti qaban kan guddisu ta’uusaarrayyuu, wantoonni yeroo har’aatti raawwatamaa jiran raajiiwwan Macaafa Qulqulluu wajjin walitti dhufeenya maalii akka qaban ibsa.

Jijjiiramni godhame maalidha? Wantoota maxxansa afaan Oromootiin ji’a sadiitti al tokko ba’an adda taasisan tokko tokko isiniif haa’ibsinu. *

Yaadawwan nama hawwatan baay’een maxxansa kana keessatti ni ba’u. Matadureen “Kana Beektaa?” jedhu yaadawwan Macaafa Qulqulluu filatamanirratti hubannaa bal’ina qabu argachuuf gargaara. Matadureen “Waaqayyotti Dhihaadhu” jedhummoo, kutaawwan Macaafa Qulqulluu murtaa’anirraa waa’ee Yihowaa maal barachuu akka dandeenyu addeessa. Matadureen “Gaaffii Dubbistootaa” jedhu gaaffiiwwan Macaafa Qulqulluu beekamoo ta’aniif deebii kenna. Fakkeenyaaf, namoonni baay’een, “Mootummaan Waaqayyoo Waan Garaa Namaa Keessa Jirudhaa?” jedhanii gaafatu. Deebisaa fuula 13⁠rraa argachuu dandeessa.

Matadureewwan maatii gargaaran hedduunis jiru. Matadureen “Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?” jedhu, rakkoowwan qabatamaa maatii keessa jiraniifi seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu keessatti argaman rakkoowwan kana hiikuuf akkamitti akka nu gargaaran ibsa. Mataduree maatiin ijoolleesaanii wajjin akka dubbisaniif qophaa’ummoo, “Ijoollee Keessan Barsiisaa” kan jedhu ta’a. Yeroo kun hin jirrettimmoo, mataduree ijoolleen qo’annaa Macaafa Qulqulluu akka godhan gargaaru, jechuunis mataduree “Dargaggootaaf “ jedhutu qophaa’a.

Matadureewwan muraasni garabiraanis ji’a sadiitti al tokko ba’u. Matadureen “Fakkeenya Amantaasaanii Hordofaa” jedhu, fakkeenya nama Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamee tokko akka hordofnu nu jajjabeessa. Fakkeenyaaf fuula 18 hanga 21⁠rratti, seenaa Eliyaas isa miira namaa tuqu kan dubbistu yommuu ta’u, amantiisaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti akka ta’e baranna. Matadureen “Xalayaa . . .rraa Ergame” jedhu, seenaa misiyoonotaafi namoota kutaa addunyaa addaddaa keessatti argaman garabiraa dhiheessa. Matadureen “Yesusirraa Maal Baranna?” jedhu, barumsawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu haala salphaa ta’een ibsa.

Masaraan Eegumsaa dubbistoota Macaafa Qulqulluudhaaf ulfina kennaniifi wanta macaafni kun barsiisu maal akka ta’e beekuu barbaadan hunda kan gammachiisu ta’uusaa akka itti fufu ni abdanna. Barruun kun fedhii dhugaa Macaafa Qulqulluu baruuf qabdu guutuuf kan sigargaaru akka ta’u hawwii keenyadha.

QOPHEESSITOOTA

[Footnotes]

^ key. 4 Ammaa jalqabee Masaraan Eegumsaa maxxansa lamaan qophaa’a. Maxxansi ji’a sadiitti al tokko ba’u namoota hundaaf qophaa’a. Maxxansi lammaffaammoo, Dhugaa Baatonni Yihowaa walga’iiwwansaaniirratti akka qayyabataniif kan qophaa’u si’a ta’u, namoonni kaanis walga’iiwwan kanarratti argamuu danda’u.