Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Mootummaan Waaqayyoo Maalidha?

Mootummaan Waaqayyoo Maalidha?

Mootummaan Waaqayyoo Maalidha?

IJOON lallaba Yesus maal ture? Akkuma inni jedhe Mootummaa Waaqayyoo ture. (Luqaas 4:43) Yesus yeroo namoota barsiisaa turetti irra deddeebi’uudhaan waa’ee Mootummaa kanaa caqaseera. Waa’eensaa namoota kan burjaajessu ykn dogoggorsiisu turee? Mootummaan kun maalidha jedhanii isa gaafatanii turanii? Lakki. Wangeelonni gaaffiiwwan akkasii ka’anii akka turan hin ibsan. Kanaaf, Mootummaan Waaqayyoo namoota sana biratti wanta akka gaariitti beekamu turee?

Caaffanni Qulqullaa’oon bara durii, Yihudoota biratti fudhatama argatan, maalummaa Mootummichaafi wanta inni raawwatu haala ifaafi qabatamaa ta’een ibsu. Yeroo har’aattis akkuma Yihudootaa, Macaafa Qulqulluutti fayyadamuudhaan waa’ee Mootummichaa caalaatti barachuu dandeenya. Mootummicha ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu torba haa’ilaallu. Isaan keessaa afur bara Yesusitti, akkasumas utuu inni gara lafaa hin dhufin Yihudoota biratti sirriitti kan beekaman turan. Warri hafan sadanimmoo, jaarraa jalqabaatti Yesusiin ykn ergamootasaatiin kan ibsamanidha. Inni dhumaa ifa kan ta’e bara keenyattidha.

1. Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa dhugaafi barabaraan jiraatudha. Raajiin Macaafa Qulqulluu inni jalqabaa, Waaqayyo ilmaan namootaa amanamoo ta’aniif fayyisaa akka ergu dubbateera. Inni “sanyii” jedhamee waamame kun, rakkina Addaam, Hewwaaniifi Seexanni Waaqayyorratti ka’uudhaan geessisan hundumaa balleessa. (Uumama 3:15) Yeroo dheeraa booda Daawit Mootichi amanamaa ta’e “sanyii” ykn Masiihii sana ilaalchisee wanta dinqisiisaa dubbateera. Masiihichi, Mootii Mootummaa kanaa ta’a. Mootummaan kunis, barabaraaf waan jiraatuuf warra kaan hundarra addadha.—2 Saamu’el 7:12-14.

2. Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsota ilmaan namaa hunda ni balleessa. Daani’el raajichi, mootummoonni gurguddaan addunyaarratti olaantummaa qaban duraa duubaan yommuu ka’an mul’ataan argee ture. Dhumni guddaan mul’atichaa inni dinqisiisaan maal akka jedhu qalbeeffadhu: “Bara mootota [ilmaan namootaa warra dhumaa] sanaatti Waaqayyo inni waaqa irraa mootummaa deebi’ee matumaa hin badne, isa mo’ichi isaas saba biraatti hin darbine dhaabuuf jira; inni mootummoota sana hundumaa caccabsee in hurreessa, badduus isaan in baasa; ofii isaatii immoo bara baraan jabaatee in dhaabata.” Kanaaf, mootummoonni hundi ykn bulchitoonni biyya lafaa waraana, cunqursaafi malaammaltummaa raawwataa turan hundi barabaraaf balleeffamu. Akkuma raajiin Daani’el lakkoofsi ittaanu argisiisutti, Mootummaan Waaqayyoo dura samiirratti kan hundaa’u si’a ta’u, yeroo dhi’oottimmoo guutummaa biyya lafaa bulcha. (Daani’el 2:44, 45) Mootummaan kun jiraataa ta’uusaarrayyuu, lafa kana kan bulchus isa qofa ta’a. *

3. Mootummaan Waaqayyoo waraana, dhukkuba, beela, du’allee ni balleessa. Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu, wantoota dinqisiisaa Mootummaan Waaqayyoo lafa kanarratti raawwatu ibsu. Bulchiinsi kun wanta bulchitoonni ilmaan namaa hanga har’aatti hin goone ykn gochuu hin dandeenye raawwata. Yeroo meeshaan waraanaa hundi barabaraaf itti balleeffamu mee yaadi! “Inni hamma andaara lafaatti duulli akka dhaabatu in godha.” (Faarfannaa 46:9) Ogeeyyiin fayyaa, manneen yaalaa ykn dhukkubni kamiyyuu hin jiraatu. “Namni tokko illee, ‘Na dhukkuba’ kan jedhu hin jiru.” (Isaayaas 33:24) Beelli, hanqina nyaataafi nyaata madaalamaa dhabuun tasumaa hin jiraatu. ‘Biyyicha keessa midhaan baay’atee irraa hafa.’ (Faarfannaa 72:16) Sirni awwaalchaa, reeffa eegaa buluun, bakki awwalchaa, manni reeffi keessa kaa’amu ykn rakkoowwan isaanii wajjin walqabatan hin jiraatan. Dhumarratti, duuti inni diina keenya gara jabeessa ta’es ni bada. Waaqayyo, “raawwatees du’a in balleessa, Waaqayyo gooftaan imimmaan ija nama hundumaattii in haqa.”—Isaayaas 25:8.

4. Bulchaan Mootummichaa Waaqayyoon kan filatamedha. Masiihiin kun ofiisaatiin kan of muude ykn ilmaan namootaa cubbamoo ta’aniin kan filatame miti. Kan isa filate Yihowaadha. Maqaawwansaa Masiihiifi Kiristos jedhaman Waaqayyoon kan muudame ta’uusaa kan argisiisan yommuu ta’u, hiiknisaaniis “Kan Dibame” jechuudha. Kanaaf mootiin kun kan dibame ykn hojiisaa akka raawwatuuf Yihowaadhaan kan filatamedha. Isa ilaalchisee Waaqayyo akkas jedheera: “Kunoo, garbichi koo inni ani ol ol qabu, inni ani fo’adhe, inni ani jaalladhu isa kana! Ani hafuura koo isaaf kenneera, inni firdii qajeelaa saba lafa irraatiif in baasa.” (Isaayaas 42:1; Maatewos 12:17, 18) Bulchaa nubarbaachisu Uumaa keenya caalaa kan beekuu danda’u jiraa?

5. Bulchaan Mootummaa Waaqayyoo ilmaan namaatiif faayidaa kan argamsiisu ta’uusaa argisiiseera. Yesus inni Naazireet Masiihii isa abdachiifame ta’uusaa mirkaneesseera. Maatii Waaqayyo filate keessatti dhalate. (Uumama 22:18; 1 Seenaa 17:11; Maatewos 1:1) Yeroo lafarra turetti, raajiiwwan Masiihii ta’uusaa mirkaneessaniifi waggoota dhibbaan lakkaa’aman dura dubbataman raawwateera. Samiirraas Masiihii ta’uunsaa mirkaneeffameera. Akkamitti? Waaqayyo samiirraa dubbachuudhaan Ilmasaa ta’uusaa beeksiseera; ergamoonnis, Yesus Masiihii isa abdachiifame ta’uusaa ibsaniiru; Yesusis humna Waaqayyootti fayyadamuudhaan ija namoota dhibbaan ykn kumaan lakkaa’aman duratti dinqii raawwateera. * Yesus Bulchaa akkamii akka ta’e irra deddeebi’ee argisiiseera. Humna nama gargaaruu qofaa utuu hin ta’in fedhasaas qaba ture. (Maatewos 8:1-3) Inni ofittoo utuu hin ta’in, gara laafessa, ija jabeessaafi kan gad of qabu ture. Namoonni hundi jireenyasaa lafarraa ilaalchisee Macaafa Qulqulluurraa dubbisuu danda’u.

6. Mootummaan Waaqayyoo bulchitoota Kiristosii wajjin bitan 144,000 ta’an qaba. Ergamootasaa dabalatee namoonni kaan samiirratti isaa wajjin akka bulchan Yesus dubbateera. Garee kanas “karra xinnayyoo” jedhee waameera. (Luqaas 12:32) Boodas, Yohannis ergamaan lakkoofsi karra xinnayyoo kanaa 144,000 akka ta’an caqaseera. Mirga dinqisiisaa samiirratti Kiristosii wajjin moototaaf luboota ta’uudhaan bulchuu qabu.—Mul’ata 5:9, 10; 14:1, 3.

7. Mootummaan Waaqayyoo yeroo ammaa samiirratti bulchaa kan jiru yommuu ta’u, guutummaa lafaarrattis bulchuu jalqabuuf qophiirra jira. Dhugaan dhumarratti ibsame kun, dhugaa hanga har’aatti baranne kan caaludha. Ragaawwan Macaafa Qulqulluu Yesus samiirratti Mootii akka ta’uuf aangoon akka kennameef ibsan hedduutu jira. Amma achirratti bulchaa kan jiru si’a ta’u, yeroo dhi’oottimmoo bulchiinsasaa guutummaa biyya lafaarratti bal’ifachuudhaan raajiiwwan armaan olitti caqasne raawwata. Haata’u malee, Mootummaan Waaqayyoo yeroo ammaatti bulchaa akka jiru akkamitti mirkanaa’oo ta’uu dandeenya? Biyya lafaa bulchuu kan jalqabu yoomi?

[Footnotes]

^ key. 5 Raajiiwwan kun akka ibsanitti, Mootummaan Waaqayyoo akka namoonni baay’een yaadanitti wanta garaa keenya keessa jiru miti. Mataduree “Gaaffii Dubbistootaa “ jedhuufi ful. 13⁠rra jiru ilaali.