Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Mootummaan Waaqayyoo Yoom Dhufa?

Mootummaan Waaqayyoo Yoom Dhufa?

Mootummaan Waaqayyoo Yoom Dhufa?

“YAA GOOFTAA, si’a kana Israa’eliif mootummaa deebiftaafii ree?” (Hojii Ergamootaa 1:6) Ergamoonni yeroo Yesus Mootummaasaa itti hundeessu beekuuf hawwanii turan. Waggaan 2,000 erga darbee booda har’as namoonni: Mootummaan Waaqayyoo yoom akka dhufu beekuuf hawwu.

Bu’uurri lallaba Yesus Mootummicha waan tureef, gaaffii kanaaf deebii kenneera jettee yaaduu dandeessa. Kan inni godhes akkasuma ture! Milikkitoota ‘argamuusaa’ ibsan ilaachisee wanta baay’ee dubbateera. (Maatewos 24:37, NW) Argamuunsaa hundeeffamuu Mootummaa Masihiichaa wajjin kan walqabatedha. Argamuunsaa kun maalidha? Argamuu Kiristos ilaalchisee dhugaawwan Macaafni Qulqulluun ibsu afur haa’ilaallu.

1. Argamuun Kiristos kan jalqabu, erga inni du’ee yeroo dheeraa boodadha. Yesus nama “mootummaa fudhatee deebi’uudhaaf, biyya fagoo dhaqe[e]” turetti of fakkeesseera. (Luqaas 19:12) Raajiin akka fakkeenyaatti dubbatame kun kan raawwatame akkamitti? Yesus erga du’aa ka’ee booda “biyya fagoo” jechuunis gara samii dhaqe. Yesus akkuma fakkeenya sanarratti dubbatetti, humna mootummaatiin deebi’ee kan dhufe “yeroo dheeraa booddee” ture.—Maatewos 25:19.

Yesus gara samiitti erga deebi’ee waggoota muraasa booda, Phaawulos akkas jedhee barreesseera: “Kristos garuu al tokko aarsaa dhi’eessee, bara baraan gara mirga Waaqayyoo taa’e. Achi taa’ee diinonni isaa ejjeta miilla isaa hamma godhamanitti in eeggata.” (Ibroota 10:12, 13) Kanaaf, Yesus gara samiitti erga ol ba’ee booda yeroo dheeraadhaaf eeguu qaba ture. Dhumarrattis, Yihowaan Ilmisaa inni Mootii Mootummaa Masihiichaa akka ta’u yeroo dheeraa dura abdachiifame, mootii akka ta’u godhetti, wanti eegamaa ture raawwatameera. Argamuun Kiristos kan jalqabe yeroo kanatti ture. Namoonni lafarratti argaman haala dinqisiisaa kana ijaan arganiiruu?

2. Argamuunsaa ija ilmaan namootaatiin kan mul’atu miti. Yesus argamuusaa ilaalchisee milikkita dubbachuusaa yaadadhu. (Maatewos 24:3) Argamuunsaa ija ilmaan namootaatti kan mul’atu utuu ta’ee, milikkinni ni barbaachisa turee? Dhimma kana fakkeenyaan ibsuuf: Ciisa bishaan guddaa tokko ilaaluuf adeemta haajennu. Yommuu adeemuu jalqabdu milikkitoota karaa argisiisan tokko tokko argita ta’a, haata’u malee, qarqara ciisa bishaanichaa geessee ijakeetiin ciisa bishaan guddaa utuu argaa jirtuu, barreeffama “Ciisa bishaan guddaa” ta’uusaa ibsu nan argadha jettee yaaddaa? Akka hin yaanne beekamaadha! Ciisa bishaanii guddaa ijakeetiin argaa utuu jirtuu milikkinni maalummaasaa ibsu maaliifi sibarbaachisa?

Yesus mallattoo argamuusaa ibsu yeroo dubbate, wanta namoonni ijasaaniitiin arguu danda’an utuu hin ta’in, wanta samiirratti raawwatamu hubachuu akka danda’an isaan gargaaruufidha. Kanaaf Yesus akkas jedhe: “Mootummaan Waaqayyoo ijaan argamaandhufu.” (Luqaas 17:20, 1899) Erga kana ta’e, mallattoowwan lafarratti mul’atan Yesus argamuusaa kan argisiisan akkamitti?

3. Argamuun Yesus gidiraa lafarra ga’een addaan baafamee beekama. Yesus samiirratti Mootii ta’ee yeroo argamu waraanni, beelli, socho’i lafaa, dha’ichiifi hammeenyi akka ta’u dubbateera. (Maatewos 24:7-12; Luqaas 21:10, 11) Maddi gidiraa kana hundaa maalidha? Macaafni Qulqulluun, Seexanni “inni biyya lafaa seerratu” Yesus Mootii ta’ee bulchuu jalqabuusaafi yeroo gabaabaan qofti akka isaaf hafe waan beekuuf aariidhaan akka guutame ibsa. (Yohannis 12:31; Mul’ata 12:9, 12) Yeroo keenyatti ragaawwan Seexanni aariidhaan guutamuusaafi Kiristos argamuusaa ibsan hedduutu jira. Keessumaa guyyaan barreessitoota seenaa biratti akka gaariitti beekamuufi jijjiirama guddaa geessise, jechuunis bara 1914 jalqabee ragaawwan kun haala kanaan dura argamee hin beekneen addunyaa maratti mul’ataniiru.

Kun hundumtuu oduu gaddisiisaa fakkaatus, kan nama gaddisiisu miti. Mootummaan Masihiichaa yeroo ammaatti samiirratti bulchaa akka jiru kan argisiisuudha. Yeroo dhi’oottis mootummichi lafa kana bulchuu jalqaba. Egaa, namoonni bulchiinsa Mootummaa kanaa deggeruufi isaaf bitamuuf waa’eesaa beekuu kan danda’an akkamitti?

4. Argamuun Yesus hojii lallabaa addunyaa maratti godhamuun beekama. Yesus argamuunsaa ‘bara Nohii’ wajjin akka walfakkaatu dubbateera. * (Maatewos 24:37-39) Nohi markaba ijaaruusaarrayyuu, nama “qajeelina lallabu” ture. (2 Phexros 2:5) Nohi firdiin Waaqayyoo dhufuuf akka jedhu namoota akeekkachiisee ture. Duuka buutonnisaa lafarra jiranis waanuma walfakkaatu akka godhan Yesus dubbateera. Akkas jechuudhaan raajii dubbateera: “Saba hundumaatti akka dhugaa ba’uuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama; kana booddees dhumni in dhufa.”—Maatewos 24:14.

Akkuma mataduree isa duraarratti ilaalle Mootummaan Waaqayyoo mootummoota biyya lafaa hundumaa balleessa. Hojiin lallabaa kun, bulchiinsi samii yeroo dhi’ootti tarkaanfii akka fudhatu namoota dammaqsuudhaan, badiisa dhufu jalaa ooluufi namoonni hundi Mootummichaaf kan bitaman akka ta’an carraa bana. Gaaffiin inni guddaan amma ka’u, Ati tarkaanfii akkamii fudhatta? kan jedhudha.

Mootummaan Waaqayyoo Siif Misiraachoodhaa?

Ergaan Yesus lallabaa ture abdii homtinuu isaa wajjin wal hin gitnedha. Waggoota kumaan dura yeroo Addaam Waaqayyorratti ka’e, Yihowaan Mootummaa wanta kana sirreessu hundeesse; Mootummaan kunis kaayyoo Waaqayyo ilmaan namootaa amanamoo ta’an lafa jannata taaturra akka jiraataniif jalqaba baasee ture galmaan ga’a. Mootummaan bara dheeraa dura abdachiifamee ture kun, yeroo ammaatti samiirratti bulchuu jalqabuusaa beekuu caalaa wanti nama gammachiisu jiraa? Mootummaan Waaqayyoo wanta hubatamuu hin dandeenyeefi abjuu utuu hin ta’in, bulchiinsa dhugaadha!

Yeroo ammaatti, Mootiin Waaqayyo muude diinotasaa gidduutti mo’aa jira. (Faarfannaa 110:2) Masiihiichi addunyaa jal’aafi Waaqayyorraa fagaate kana keessatti, namoota Waaqayyoon beekuu akkasumas “hafuuraa fi dhugaadhaan” isa waaqeffachuu fedhan barbaaduudhaan fedha Abbaasaa raawwachaa jira. (Yohannis 4:24) Abdiin Mootummaa Waaqayyoo jalatti barabaraaf jiraachuu sanyii, umriifi sadarkaa jireenyaatiin utuu gargar hin qoodin namoota hundaaf kan dhihaatedha. (Hojii Ergamootaa 10:34, 35) Carraa dinqisiisaa sii dhihaate kana akka fudhattu sijajjabeessina. Mootummaa Waaqayyoo isa qajeelummaan keessa buufate keessa barabaraan jiraachuuf ammuma waa’ee Mootummaa Waaqayyoo baradhu!—1 Yohannis 2:17.

[Miiljalee]

^ key. 10 Wanti Yesus dubbate yaada dogoggoraa hiikawwan Macaafni Qulqulluun tokko tokko jecha “argamuu” jedhuuf kennan sirreessuuf nugargaara. Hiikawwan Macaafa Qulqulluu afaan Oromoo wajjin walfakkaatan tokko tokko “dhufuu” ykn “deebi’uu,” jedhanii kan hiikan yommuu ta’u, jechoonni kun hundi yeroo gabaabaa argisiisu. Bishaan Badiisaa wanta al tokko raawwatame yommuu ta’u, barri Nohi garuu bara wanti guddaan itti raawwatame waan ta’eef Yesus argamuusaa Bishaan Badiisaa bara Nohi ga’ee wajjin utuu hin ta’in, wanta ‘bara Nohitti’ raawwatamee turee wajjin ta’uusaa qalbeeffadhu. Akkuma bara durii sana argamuu Kiristosittis, namoonni dhimmawwan guyyaa guyyaatiin waan muddamaniif akeekkachiisa kennamaa jiruuf xiyyeeffannaa hin kennan.

[Fakkii fuula 8rra jiru]

Oduu gadheen guyyaa guyyaan dhageenyu, dhiheenyatti waan gaariin akka dhufu mirkaneessa

[Madda]

Antiaircraft gun: U.S. Army photo