Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Phexros Yesusiin Ganuusaa

Phexros Yesusiin Ganuusaa

Dargaggootaaf

Phexros Yesusiin Ganuusaa

Qajeelfama: Qo’annaa kana bakka tasgabbaa’aa ta’etti raawwadhu. Caqasoota yeroo dubbistu, haala sana keessa akka jirtutti yaadi. Wanta naannoo sanatti raawwatamaa ture yaadaan ilaali. Wanta dubbatamu akka dhageessutti yaadi. Miirri namoota seenicharratti hirmaannaa guddaa qabanii sittis haadhaga’amu.

WANTA YEROO SANATTI RAAWWATAMERRATTI GADI FAGEENYAAN YAADI.​—MAATEWOS 26:31-35, 69-75 DUBBISI.

Wanta asirratti raawwatame keessatti namoota meeqatu hirmaate jettee yaadde?

․․․․․

Namoonni Phexrosiif gaaffii dhiheessan jaalalaan kan isa haasofsiisan sitti fakkaataa? Moo deebii argachuuf hawwuudhaan ykn aariidhaan yookiinimmoo miira kan biraatiin sitti fakkaata?

․․․․․

Phexros yeroo gaaffii akkasii gaafatamu maaltu kan isatti dhaga’ame sitti fakkaata?

․․․․․

Phexros Yesusiin kan gane maaliifi? Waan isa hin jaallanneefimoo waan kan biraatiifi?

․․․․․

QORANNAA DABALATAA GODHI.​—LUQAAS 22:31-34; MAATEWOS 26:55-58; YOHANNIS 21:9-17 DUBBISI.

Phexros garmalee ofitti amanamuunsaa dogoggoraaf akka of saaxilu kan godhe akkamitti?

․․․․․

Yesus, Phexros yeroodhaaf akka dogoggore beekus akka isa amanu kan argisiise akkamitti?

․․․․․

Phexros Yesusiin kan gane ta’uyyuu, bartoota kaan caalaa ija jabeessa ta’uusaa kan argisiise akkamitti?

․․․․․

Yesus, Phexrosiif dhiifama akka godhe kan argisiise akkamitti?

․․․․․

Yesus, si’a sadii ‘najaallattaa?’ jedhee Phexrosiin kan gaafate maaliif sitti fakkaata?

․․․․․

Erga Yesusii wajjin marii godhanii booda, Phexrositti maaltu itti dhaga’ama jettee yaadda? Maaliif?

․․․․․

WAAN BARATTE HOJIIRRA OOLCHI. WAAN BARATTE ILAALCHISEE BARUMSA ARGATTE BARREEFFADHU.

Nama sodaachuu.

․․․․․

Yesus bartoonnisaa yeroo dogoggoranittiyyuu oo’a isaaniif qabaachuusaa.

․․․․․

Seenaa kana keessaa yaanni barumsa guddaa irraa argatte isa kami? Maaliif?

․․․․․

․․․․․․