Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Rakkina Dargaggummaan Fidurraa Furmaata Argachuu

Rakkina Dargaggummaan Fidurraa Furmaata Argachuu

Rakkina Dargaggummaan Fidurraa Furmaata Argachuu

Useebiyoo Morsiiloon akka dubbatetti

Fulbaana bara 1993 mana hidhaa to’annaa cimaan itti godhamu tokkoon daawwadhe. Yeroonsaa yeroo quxisuunkoo Maariiviin isheen mana hidhaa turte itti cuuphamtu ture. Yeroon ani sirna kana geggeessu, hidhamtoonniifi abbootiin taayitaa mana hidhaa sanaa tokko tokko kabaja guddaadhaan daawwatu turan. Isheenis taate ani akkamitti achi akka dhaqne dubbachuukoo dura, jireenya keenya isa isaan duraan isiniif ibsa.

CAAMSAA 5, 1954, biyya Ispeenitti kanan dhaladhe yommuu ta’u, ijoollee saddeet keessaa ani hangafa, Maariiviinimmoo shanaffaadha. Akkoon keenya Kaatolikoota cimoo gootee nu guddiste; ijoollummaakootti yeroon ishee wajjin ture Waaqayyoof kanan bule akkan ta’e waan natti dhaga’amuuf, gammachuudhaanan guddadhe. Haalli warrakoo garuu jireenya hafuuraarraa kan fagaate ture. Abbaan keenya yeroo hundumaa Haadha keenyas ta’e nuun ni reeba ture. Jireenyi keenya sodaadhaan kan guutame yommuu ta’u, Haatikoo yeroo rakkattu arguun baay’ee na dhiphisa ture.

Mana barumsaattis haalawwan rakkisaa ta’an garabiraatu na mudata ture. Luba kan ture barsiisaan keenya tokko, gaaffii gaafatamnuuf deebii sirrii yoo deebisuu baanne, mataa keenya keenyanitti rukuta. Lubni kan biraan tokkommoo, hoji manee barattootaa ilaaluuf isaan beellamuudhaan daa’imman gudeeda. Kana malees, barumsawwan Kaatolikii, kan akka ibiddaan gubachuu kan na shakkisiisan ta’uusaaniirrayyuu, na sodaachisu turan. Sana booda nama Waaqayyoo ta’uukoo dhiisuun jalqabe.

Jireenya Kaayyoo Hin Qabne Jiraachuun Jalqabe

Qajeelfama karaa Waaqayyoorra na buusu waanan hin arganneef, namoota hamoo seeraan ala ta’anii wajjin yerookoo mana daansiitti dabarsuun jalqabe. Yeroo baay’ee cuubeedhaan, fuuncaadhaan, birciqqoodhaan, akkasumas wanta akka barcumaatiin wal lolla. Yeroo tokko, lola ka’e keessatti hirmaannaa guddaa kanan hin qabne ta’uyyuu, hamman of wallaalutti rukutameera.

Booddee haalli akkasii kun waan na nuffisiiseef mana daansii tasgabbii qabu barbaaduun jalqabe. Iddoowwan akkasiittis yoo ta’e, qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuun kan barame ture. Qorichi sammuu hadoochu gammachuufi nagaa naa kennuu mannaa, gara of wallaaluufi dhiphinatti na geessuu jalqabe.

Kanaan gammachuu kanan hin arganne ta’us, quxisuukoo Hoosee Luyisiifi hiriyaan itti siqu tokko jireenya akkasiittan isaan galche. Dargaggoota yeroo sanatti Ispeen keessa jiranii wajjin kiyyoo biyya lafaatiin qabamnee turre. Qarshii qoricha sammuu hadoochu bituuf na gargaaru argachuuf waanan hin goone hin qabun ture jechuu nan danda’a. Salphina guddaa keessan gale.

Yihowaan Na Oolche

Yeroo kanatti, Waaqayyo jiraachuusaafi kaayyoo jireenyaa ilaalchisee hiriyootakoo wajjin yeroo baay’ee nan mari’adhan ture. Nama ani waliin mari’adhu barbaachuudhaan, waa’ee Waaqayyoo barachuuf carraaqqii gochuuttan ka’e. Namoota naa wajjin hojjetan keessaa Firaansiiskoon nama adda ta’e ta’uusaa nan hubadhe. Gammachuu kan qabu, amanamaafi nama gaarii waan fakkaatuuf, iccitiikoo itti himuudhaafan murteesse. Firaansiiskoon Dhugaa Baatuu Yihowaa waan ta’eef, Masaraa Eegumsaa waa’ee qoricha sammuu hadoochu dubbatu naa kenne.

Barruu sana ergan dubbisee booda, Waaqayyo akka na gargaaru akkas jechuudhaan nan kadhadhe: “Yaa Gooftaa, ati akka jirtu beeka, si beekuufi fedhakee raawwachuu nan barbaada. Maaloo na gargaari!” Firaansiiskooniifi Dhugaa Baatonni kaan Macaafa Qulqulluutti fayyadamanii na jajjabeessaniiru; barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaa’anis naa kennaniiru. Gargaarsa ani Waaqayyoon kadhadhe sana naa gochaa akka jiran nan hubadhe. Baay’ee utuu hin turin, waanan baradhe hiriyootakoofi Hoosee Luyisitti himuun jalqabe.

Gaaf tokko hiriyootakoo wajjin muuziqaa argisiisuuf yeroo deemne, isaanirraan adda of baase. Nama gocha sana hin deggerre ta’een isaan ilaala ture; achiis sababii qoricha sammuu hadoochuun amalli keenya akkam ciiggaasisaa akka ta’een hubadhe. Yeruma sana jireenya akkasiirraa fagaachuuf nan murteesse, achiis Dhugaa Baatuu Yihowaan ta’e.

Firaansiiskoon Macaafa Qulqulluu akka naa kennu isan gaafadhe, innis Macaafa Qulqulluu tokkoofi kitaaba Dhugaa Jireenya Barabaraatti Nama Geessu jedhamu naa kenne. * Waaqayyo imimmaan hundumaa haquufi du’allee hambisuuf abdii kennuusaa yeroon dubbisu, dhugaa ilmaan namootaa bilisa baasu akkan argadhe hin shakkine. (Yohannis 8:32; Mul’ata 21:4) Booddee, walga’ii Galma Mootummaa Dhugaa Baatota Yihowaatti godhamurratti nan argame. Michoomniifi jaalalli ani achitti arge baay’ee na ajaa’ibsiise.

Wanta Galma Mootummaa sanatti na mudate warra kaanitti himuuf waanan jarjareef, yeruma sana Hoosee Luyisiifi hiriyootakoo walitti qabeen waan hundumaa isaanitti hime. Guyyoota muraasa booda hundi keenya walga’iirratti argamne. Intalli nu fuuldura teesse tokko garagaltee nu ilaalte. Tuuta dargaggootaa mataa dhedheeraa kana yeroo ilaaltu baay’ee sodaattee kan turte ta’uyyuu, lammata ofirra garagaltee akka nu hin ilaalle of eeggatte. Torban ittaanutti uffata guutuufi karabaataa godhannee gara Galma Mootummaa waan dhufneef, baay’ee ajaa’ibsiifachuu hin ooltu.

Sana booda baay’ee utuu hin turin, Miigeeliifi ani walga’ii aanaa Dhugaa Baatota Yihowaarrattis argamneerra. Achitti kan argine namoota umrii addaddaarra jiran gidduutti obbolummaa dhugaa kan argine si’a ta’u, sanaan dura wanta akkasii arginee hin beeknu. Kan nama dhibummoo, walga’ichi kan geggeeffame, mana tiyaatiraa yeroo muraasa dura qophii muuziqaa itti geggeessine keessatti ture. Yeroo kanatti garuu haalli jiruufi muuziqaan dhageenye kan nama jajjabeessudha.

Hundi keenya Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabne. Ji’oota saddeet booda, Adoolessa 26, 1974 aniifi Miigeel ni cuuphamne. Lamaan keenyayyuu umriin keenya waggaa 20 ture. Tuuta sana keessaa dargaggoonni afur ji’oota muraasa booda cuuphaman. Leenjiin Macaafa Qulqulluurraa argadhe, mana keessatti hojjechuudhaan haadhakoo ishee obsituu taate gargaaruufi amantiikoo isa haaraa itti himuudhaaf na kakaase. Baay’ee walitti dhihaanne. Quxisuuwwankoo gargaaruufis yeroo dabalataan ramade.

Yeroo booda, obbolootakoo keessaa tokkorraa kan hafe, haatikoofi obboloonnikoo kaan dhugaa Macaafa Qulqulluu baratanii Dhugaa Baatota Yihowaa ta’uudhaan cuuphamaniiru. Bara 1977⁠tti obboleettii Sooledaad jedhamtun fuudhe. Isheenis intala yeroo jalqabaatiif Galma Mootummaa keessatti yommuu nu argitu naatee turtedha. Ji’oota muraasa booda lamaan keenyayyuu qajeelchaa, jechuunis Dhugaa Baatota Yihowaa yeroo guutuu misiraachicha lallaban taane.

Obboleettiinkoo Bilisa Baate

Quxisuukoo kan taate Maariiviin xinnummaasheetti gudeedamuunshee dhiibbaa gadhee isheerra geessiseera. Umrii kurnanii keessa utuu jirtuu qoricha sammuu hadoochu fudhachuu, hannaafi ejja raawwachuu dabalatee jireenya gadhiisii jiraachuu jalqabde. Yeroo umriinshee 23 ta’etti mana hidhaa kan galte si’a ta’u, achittis jireenya akkasii kana jiraachuushee itti fufte.

Yeroo sanatti daawwataa olaanaa aanaan ture. Bara 1989⁠tti Sooldaadiifi ani naannoo Maariiviin itti hidhamtetti ramadamne. Abbootiin taayitaa mucaashee irraa fudhachuusaaniitiin kan ka’e guutummaatti abdii waan kutatteef, sana booda lubbuudhaan jiraachuu hin barbaaddu turte. Gaaf tokko dhaqee ishee gaafadhee, waliin Macaafa Qulqulluu akka qayyabannu yeroon itti himu, tole jette. Ji’a tokkoof erga qayyabannee booda, qoricha sammuu hadoochu fudhachuufi tamboo xuxuushee dhiiste. Yihowaan jireenyashee keessatti jijjiiramawwan akkasii akka gootu ishee jajjabeessuusaa ilaaluunkoo na gammachiiseera.—Ibroota 4:12.

Maariiviin qayyabannaa erga jalqabdee baay’ee utuu hin turin, namoota ishee wajjin hidhamaniifi namoota mana hidhaa sana keessatti aangoo qabanitti dhugaa Macaafa Qulqulluu himuu jalqabde. Mana hidhaa tokkoo isa kaanitti geeffamtuyyuu, lallabuushee ittuma fufte. Mana hidhaa tokkotti, kutaa tokkoo gara isa kaanii dhaquudhaan lallabdi turte. Waggoota murtaa’aniif, Maariiviin namoota mana hidhaa keessa jiraniifi murtoon addaddaa isaanii kennameef qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabdeetti.

Gaaf tokko Maariiviin, Yihowaadhaaf of murteessuufi cuuphamuu akka barbaaddu natti himte. Haata’u malee, mana hidhaatii baatee akka deemtus ta’e namni tokko achi seenee ishee cuuphuudhaaf heyyama hin arganne. Mana hidhaa haalli manca’aan keessa guute sana keessa dabalataan waggaa afuriif turte. Amantaashee kan isheedhaaf jabeesse maal ture? Yeroo gumiin naannoo sana jiru walga’ii godhutti, kutaa itti hidhamte keessatti ofiisheetiif sagantaa walfakkaatu geggeeffatti turte. Kana malees, utuu walirraa hin kutin Macaafa Qulqulluu ni qayyabatti, ni kadhattis.

Yeroo booda, Maarviin mana hidhaa eegumsi cimaan itti godhamuufi bakka bishaan daakaa qabutti ergamte. Haalli haaraan kun cuuphamuuf akka ishee dandeessisu itti dhaga’ame. Maariiviin akkuma yaaddee turte heyyama argatte. Yeroo isheen cuuphamte haasawaa cuuphaa kennuu kanan danda’e sababii kanaan ture. Jireenyashee keessatti yeroo baay’ee barbaachisaa ta’ettin ishee wajjin ture.

Maariiviin haala jireenyaashee isa darbeen kan ka’e Eedsiidhaan qabamteetti. Ta’us, amala gaarii qabaachuusheetiin kan ka’e yeroon itti faradame utuu hin dhumin Bitootessa, bara 1994⁠tti mana hidhaatii gadhiifamte. Waggaa lama turtee du’uushee dura, haadhakoo wajjin jiraachuudhaan Kiristiyaana dammaqxuu taatee jiraatteetti.

Yaadawwan Nama Jeeqan Mo’uu

Anis rakkina jireenyikoo inni durii fiderraa guutummaatti walaba hin taane. Miidhaan abbaankoo narraan geessises ta’e jireenyi ani umrii kurnanii keessa yeroon turetti dabarse, amalakoorratti dhiibbaa geessisaniiru. Umrii ga’eessummaakootti, balleessaankoo natti dhaga’amuunsaafi ofiif kabaja dhabuunkoo baay’ee na rakkisa ture. Yeroo tokko tokko garmaleen abdii kutadha ture. Ta’uyyuu, Dubbiin Waaqayyoo miirawwan na jeeqan kanaa wajjin akkan qabsaa’u gargaarsa guddaa naa godheera. Caqasawwan akka Isaayaas 1:18⁠fi Faarfannaa 103:8-13⁠rratti irra deddeebi’ee xiinxaluunkoo, waggoota dheeraadhaaf balleessaa natti dhaga’amu hir’isuuf na gargaareera.

Miira nama gatii hin qabne akkan ta’e natti dhaga’amu ofirraa ittisuuf, meeshaan waraana hafuuraa ani itti fayyadamu inni kaanimmoo kadhannaadha. Yeroo baay’ee imimmaankoo dhangalaasuudhaan Yihowaa nan kadhadha. Ta’ullee, yaanni 1 Yohannis 3:19, 20⁠rra jiru na jajjabeessa; akkas jedha: “Nuyi kan dhugaa ta’uu keenya kanaan hubachuuf jirra, fuula Waaqayyoo durattis garaa keenya calluma in jechisiifna. Garaan keenya yeroo nutti faradutti immoo, Waaqayyo garaa keenya irra caalee waan hundumaa akka hubatu in beekna.”

Garaa ‘cabaadhaaf bullaa’aadhaan’ gara Waaqayyotti waanan dhihaadhuuf, akkan kanaan dura yaadaa turetti nama gadhee akkan hin taane beeka. Macaafni Qulqulluun, Yihowaan namoota isa barbaadaniifi cubbuu kanaan dura hojjetanitti garaadhaa gadduudhaan, amma fedhasaa raawwachuu jalqaban hunda akka hin tuffanne mirkaneessa.—Faarfannaa 51:17.

Yeroon abdii kutadhu hundatti, yaadawwan gaggaarii ta’an, kan akka yaadawwan hafuuraa Filiphisiiyus 4:8⁠rratti argamaniitiin sammuukoo guutuun yaala. Faarfannaa 23⁠fi Lallaba Gaararraa nan yaadadha. Yaanni nama dhiphisu gara sammuukootti yommuu dhufu, yaadawwan Caaffata Qulqullaa’oorratti hundaa’an kanan of yaadachiisa. Keessumaa halkan yeroon hirriba dhabu, yaadawwan akkasii sammuukoo keessaa qulqulleessuun na gargaara.

Haati manaakoofi Kiristiyaanonni cimoo ta’an kaan na galateeffachuunsaaniis na gargaareera. Jalqabarratti wanta isaan ana jajjabeessuuf dubbatan fudhachuun kan natti ulfaate ta’uyyuu, Macaafni Qulqulluun jaalalli ‘hundumasaa akka amanu’ akkan hubadhu na gargaareera. (1 Qorontos 13:7) Kana malees, suuta suuta gad of qabuudhaan dadhabbii qabaachuukoofi humnikoo murtaa’aa ta’uusaa amanuu danda’eera.

Yaada dogoggoraa natti dhaga’amuu wajjin waldhaansoo gochuunkoo, daawwataa olaanaa rakkinni namaa galuuf akkan ta’u nagargaaruudhaan bu’aa gaarii argamsiiseera. Haati manaakoofi ani misiraachicha lallabuudhaan tajaajiltoota yeroo guutuu taanee gara waggaa soddomaa dabarsineerra. Gammachuun ani warra kaan tajaajiluudhaan argadhe, miira dogoggoraafi yaada gochakoo kanaan duraa isa ciiggaasisaadhaan jeeqamuukoo dhiisaa akkan dhufu na gargaareera.

Amma isa darbe yeroon yaaduufi eebba Yihowaan naaf dhangalaaserratti yeroon xiinxalu, akkuma faarfatichaa akkas jechuufan kaka’a: “Waaqayyoon ulfinaan jajadhu, . . . Inni yakka kee siif in dhiisa, dhukkuba kee hundumaattiis si fayyisa; Jireenya kee awwaalamuu in oolcha, gaarummaa fi oo’a si gonfa.”—Faarfannaa 103:1-4.

[Miiljalee]

^ key. 14 Dhugaa Baatota Yihowaatiin Maxxanfamaa kan tureefi yeroo ammaa kan hin maxxanfamnedha.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 30rra jiru]

Balleessaankoo natti dhaga’amuunsaafi ofiif kabaja dhabuunkoo baay’ee na rakkisa ture. Ta’uyyuu, Dubbiin Waaqayyoo miirawwan na jeeqan kanaa wajjin akkan qabsaa’u gargaarsa guddaa naa godheera

[Fakkii fuula 27rra jiru]

Obboleessikoo Hoosee Luyisiifi hiriyaankoo Miigeel fakkeenyakoo isa gadhees ta’e isa gaarii hordofaniiru

[Fakkii fuula 28, 29rra jiru]

Maatii Morseeloo bara 1973⁠tti

[Fakkii fuula 29rra jiru]

Maariiviin mana hidhaa utuu jirtuu

[Fakkii fuula 30rra jiru]

Haadha manaakoo Soledaad wajjin