Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Fayyinni Isaan Barbaachisa!

Fayyinni Isaan Barbaachisa!

Fayyinni Isaan Barbaachisa!

BAKKI albuuda dhagaa kasalaa baasaniifi naannoo Piitisbarg Pensilvaaniyaa Yuunaayitid Isteetisitti argamu tokko, akka tasaa bishaan liitrii miliyoonaan lakkaa’amuun guutame. Kanaafuu, namoonni albuuda baasan sagal boolla meetira 73 gad fagaatu keessatti awwaalaman. Guyyaa sadii booda miidhaan tokko utuu isaanirra hin ga’in boollicha keessaa ba’an. Akkamitti ooluu danda’an?

Namoonni hojii lubbuu oolchuurratti bobba’an kaartaa albuuda dhagaa kasalaafi meeshaa Giloobaal Poozishiniing Siiystam jedhamuun fayyadamanii boolla seentii meetira 65 bal’atu qotuudhaan meeshaa shiboorraa hojjetameefi guuboo fakkaatu erganii tokko tokkoon baasuudhaan du’arraa isaan oolchaniiru. Namoonni kun hundi boolla kana keessaa ba’uufi ooluusaaniitiin guddaa kan gammadan ta’uusaaniirrayyuu, namoota du’arraa isaan oolchanis galateeffataniiru.

Baay’een keenya akka namoota salgan albuuda kasalaa baasan kanaa boolla keessaa karaa baanu dhabuu ykn balaan du’aaf nu saaxilu nurra hin ga’u ta’a. Haata’u malee, hundi keenyayyuu dhukkubaafi dulluma booda gara du’aatti nu geessu jalaa kan nu oolchu nu barbaachisa. Iyoob inni Waaqayyoof amanamaa ture wanta hubate akkas jedhee ibseera: “Nama ta’ee lafa irratti kan dhalate, barri isaa gabaabaa dha, rakkinni isaa immoo baay’ee dha; inni akka daraaraatti ol in ba’a, in coollagas; akka gaaddisaatti in darba, hin turus.” (Iyo. 14:1, 2) Jechoonni kun naannoo waggoota 3,500 dura kan dubbataman ta’anillee, har’as dhugaa ta’uunsaa ifatti mul’ata; sababiinsaa, nu keessaa du’a isa diina ta’e jalaa miliquu kan danda’u jiraa? Bakka kamiyyuu yoo jiraanne fayyaa keenya eeguuf kunuunsa akkamiiyyuu yoo goone, rakkina, dullumaafi du’a jalaa kan nu oolchu nu barbaachisa.

Saayintiistonnis ta’an namoonni kaan umriin namootaa isa beekamaa ta’erraa akka dheeratu gochuuf yaalii guddaa godhu. Dhaabbanni tokko kaayyoonsaa, “du’a hin oolle injifachuu” akkasumas “miseensonni dhaabbatasaa carraaqqii namoonni akka hin duuneef godhu akka milkaa’an gargaaruu” ta’uusaa ibseera. Haata’u malee, saayinsiin ammayyaafi fedhiin milkaa’uuf qaban waggaa Museen waggoota 3,500 dura 70 ykn 80 jedhee caqaserraa akka siqu gochuu hin dandeenye.—Faarfannaa 90:10.

Ilaalcha Iyoob jireenyaafi du’aaf qabu fudhattes fudhachuu baates, waggoonni yommuu darbaa adeeman atis michoota, maatii, manakeefi wantoota horatte hundaarraa addaan baatee ‘akka gaaddisaatti darbuunkee’ ykn du’uunkee hin oolu. Solomoon Mootichi Israa’el inni ogeessaafi bara duriitti ture, “Warri jiran akka du’an beeku, warri du’an garuu waan tokko iyyuu hin beekan, gatii dadhabbii isaaniis deebi’anii hin argatan, seenaan isaaniis hin yaadatamu” jedhee barreesseera.—Lallaba 9:5.

Akka Macaafni Qulqulluun jedhutti duuti ilmaan namootaarratti akka mootii hamaatti ‘mo’uunsaa’ dhugaa hin haalamneefi nama gaddisiisudha. Eeyyee, duuti diina ilmaan namootaa isa guddaadha; kanaaf, ilmaan namootaa kan isaan oolchuu isaan barbaachisa. (Roomaa 5:14; 1 Qorontos 15:26) Hojjettoonni balaa akka tasaatti ga’uuf akka gaariitti leenjifamaniifi meeshaa barbaachisaa ta’e hundaa qabanillee du’a jalaa barabaraaf si oolchuu hin danda’an. Haata’u malee, Uumaa namootaa kan ta’e Yihowaan barabaraaf ilmaan namootaa oolchuuf qophii godheera.

[Fakkii fuula 3rra jiru]

Photo by Gene J. Puskar-Pool/Getty Images