Galmawwan Mootummaa Yihowaadhaaf Ulfina Fidan Ijaaruu
Galmawwan Mootummaa Yihowaadhaaf Ulfina Fidan Ijaaruu
“Ijakoo amanuu hin dandeenye. Galma Mootummaa bareedaafi Yihowaadhaaf ulfina fidu akkasiitti wal geenya jedhee matumaa yaadee hin beekun ture. Gammachuu natti dhaga’ame akkasii qarshiidhaan bituun hin danda’amu!”—MAARIYAA, MEEKSIIKOORRAA.
DHUGAA BAATONNI YIHOWAA waa’ee Dubbii Waaqayyoo kan ta’e Macaafa Qulqulluu barachuuf walitti qabamuun isaan gammachiisa. (Faarfannaa 27:4; Ibroota 10:23-25) Keessumaa kana gochuu kan danda’an iddoowwan waaqeffannaadhaaf mijaa’aa ta’anitti yommuu wal ga’anidha. Waggoottan muraasa darbanitti addunyaa maratti iddoowwan waaqeffannaa Galmawwan Mootummaa jedhaman hedduu ijaaraniiru.
Galmawwan kana hunda akka ijaaran kan isaan godhe maalidha? Hojiisaa kan hojjetu eenyu? Ijaarsi kun namoota hojicharratti hirmaatanirratti dhiibbaa gaarii akkamii geessisa? Gaaffiiwwan kanaaf deebii argachuuf wanta Meeksiikoofi Beeliizitti raawwatamaa jiru ilaalaa.
Galmawwan Mootummaa Kumaan Lakkaa’aman Ni Barbaachisu!
Kanaan dura Dhugaa Baatonni Yihowaa Meeksiikootti argaman bakkuma argatanitti jechuunis, mana duubatti, mana Dhugaa Baatotaatti, magaazina keessatti, mana konkolaataan itti haareffamu ykn galmawwan kireeffatan keessatti waaqeffannaadhaaf walitti qabamaa turaniiru. Yeroo kanatti, Dhugaa Baatonni amanamoo ta’an kun utuu Galamawwan Mootummaa mataasaanii ijaaraniiru ta’ee gaarii akka ta’e isaanitti dhaga’amaa tureera.
Bara 1994tti Dhugaa Baatonni Meeksiikootti argaman 388,000 turan. Bara sanatti, hundisaanii bakka waaqeffannaa itti geggeessan akka argataniif, Galmawwan Mootummaa 3,300 ta’an ijaaruun akka barbaachisu obboloonni itti gaafatamummaa qaban murteessanii turan. Kunimmoo hojii guddaadha!
Yeroo sanatti gumiiwwan hedduun Galmawwan Mootummaa mataasaanii ijaarrachaa turan. Haata’u malee, waggoottan shanan darbaniif, guddina jiruu wajjin haala wal simuun galmawwan Mootummaa dabalataa atattamaan ijaaruun akka barbaachisu hubatamee ture. Hojiin kun hundi akkamitti raawwatama?
Tuutawwan Dandeettii Qabaniifi Fedhiisaaniitiin Bakka Addaddaa Dhaqanii Hojjetan
Bara 1999tti sagantaan ijaarsaa haaraa tokko ni jalqabame. Tuutni Ijaarsa Galma Mootummaa guutummaa Meeksiikootti hundeeffamuu jalqabe. Dhugaa Baatonni Yihowaa biyyattiitti argamaniifi isaan keessaa baay’eensaanii dandeettii ijaarsaa qaban, hojii nama gammachiisu kana hojjechuuf fedhiidhaan of dhiheessaniiru. Meeksiikoon yeroo ammaatti tuuta akkasii 35 kan qabdu yommuu ta’u, tuutni tokkos Beeliizitti hundeeffameera.
Tuutni Ijaarsa Galma Mootummaa kun gara namoota saddeetii kan qabate yommuu ta’u, isaanis dhiiraafi dubartii kaffaltii malee yeroo guutuu hojjetanidha. Namoonni gammadoon fedhiidhaan of dhiheessan kun, biyyattii keessa naannoo tokkoo gara kaanii adeemuudhaan hojii ijaarsaa kanarratti
warra kaan leenjisu. Hundisaanii Wiixataa hanga Jimaataatti guyyaatti sa’aatii saddeet kan hojjetan yommuu ta’u, ji’attimmoo Sanbadduraa lama hojjetu. Ganama sa’aatii 1:00tti caqasa Macaafa Qulqulluu tokkorratti erga mari’atanii booda ciree nyaatu. Hundisaanii waan gaafataman hojjechuuf fedhii qabu. Fakkeenyaaf, dubartoonni warra dhiiraa wajjin hojii maraggii, suphee afuufi halluu dibuurratti hirmaatu.Gumiin naannoo sanaa bakka bultii qopheessuudhaan, uffatasaanii miiccuufi nyaata bilcheessuudhaan isaan gargaara. Obboloonni kun Dhugaa Baatota naannoo sanatti argamanii wajjin Galma Mootummaa ijaaruu qofa utuu hin ta’in, walga’iirratti akkasumas hojii lallabaa manaa gara manaatti godhamurratti isaanii wajjin hirmaachuuf carraa argatu.
Eebbawwan Fedhiidhaan Of Dhiheessuurraa Argaman
Obboloonni kun hojii kanaaf ilaalcha akkamii qabu? Obboleessi Daani’el jedhamuufi waggaa sadii oliif fedhiidhaan hojii kanarratti hirmaate akkas jedheera: “Dhugaadha, aduu keessattis qorra keessattis ni hojjenna, nyaata hin beekne nyaanna, yeroo baay’ee asiif achi adeemna, maatii keenyarraa fagaannee jiraanna, yeroo baay’ee wantoota ammayyaa hin argannu. Ta’us, eebba argannee wajjin yommuu waliin ilaalamu rakkoowwan kun hundi wayittuu hin lakkaa’aman.”
Eebbawwan kana keessaa tokko tokko maalfa’i? Warri fedhiidhaan hojjetan hedduun dandeettii haaraa mana ijaaruuf isaan gargaaru argataniiru. Haata’u malee, obboleessi Kaarloos jedhamuufi itti gaafatamaa tuuta guddaa tokkoo ture wanti isatti dhaga’ame hundarra caalaa faayidaa akka qabu yommuu ibsu akkas jedheera: “Akka maatii miseensota 20 qabuutti wal ilaalla, waliin nyaanna, waliin hojjenna, waliin qayyabanna, waliin kadhanna. Gidduu keenyatti hiriyummaa cimaan uumameera.”
Tuutawwan kun gumiiwwan gargaaran kanaa wajjinis hiriyummaa cimaa ni uumu. Obboleessi Hoosee jedhamuufi ijaarsa Galma Mootummaa 100 ol ta’anirratti hirmaate akkas jedheera: “Dhugaa Baatonni naannoo tokkoo hawwiin Galma Mootummaa haaraa ijaarachuuf qaban isaaniif dhugoomusaatiin, dinqisiifannaadhaan yommuu gammadanii boo’an ilaaluun baay’ee kan nama gammachiisudha.” Itti dabaluudhaanis akkas jedheera: “Galma garabiraa waaqeffannaa dhugaan itti geggeeffamu ijaaruudhaan, shoorri xinnoon nuti qabnu amantaa warra kaanii akka cimse beekuun keenya baay’ee nu gammachiisa.”
Wanti Raawwatame Baay’ee Nama Ajaa’ibsiisa!
Manneetiin waaqeffannaa kun garmalee kan miidhagfaman ykn naa argaadhaaf kan hojjetaman miti. Kanaa mannaa, diizzaayinoonni Galmawwan Mootummaa kanaa salphaa kan ta’an, akkasumas yeroo gabaabaafi baasii xinnoodhaan ijaaramuu kan danda’anidha. Hanga danda’ametti meeshaafi mala ijaarsaa naannoo sanaatiin fayyadamu. Akka kanaan, galmi haaraan tokko torban ja’a gidduutti hojjetamee xumurama!
Gumiiwwan Beeliizitti argaman hundi 2007 eegalee Galmawwan Mootummaa haaraa 17 argataniiru. Bara 1999 jalqabee Meeksiikootti galmaawwan 1,400 ol ta’an ijaaramaniiru!
Maatewos 9:37) Lakkoofsi Dhugaa Baatota Meeksiikootti argamanii 600,000 ol kan ta’e yommuu ta’u, hundisaanii Dubbii Waaqayyoorraa barachuuf torbanitti al sadii walga’ii godhu. Kanaan kan ka’es, galmawwan haaraan 2,000 ta’an ammayyuu ni barbaachisu. Hojiin fedhiidhaan hojjetamu kun guutummaatti carraaqqii namaarratti kan hundaa’e utuu ta’ee, galma kanarra ga’uun hin danda’amu ture. Haata’u malee, wanti raawwatame gargaarsa Yihowaatiin ‘wanti hundinuu akka danda’amu’ ni argisiisa.—Maatewos 19:26.
Hojii gaarii hedduun kan hojjetame ta’us, ammas hojiin hojjetamuu qabu hedduun jira. ([Fakkii fuula 18rra jiru]
Galma Mootummaa Ooreenji Wook, Beeliizitti argamu
[Fakkii fuula 19rra jiru]
Galma Mootummaa Tilaaskaalaa, Meeksiikootti argamu
[Fakkii fuula 19rra jiru]
Galma Mootummaa Akaappulkoo, Meeksiikootti argamu
[Fakkii fuula 19rra jiru]
Miseensota Tuuta Ijaarsa Galma Mootummaa Meeksiikootti Argaman
[Fakkii fuula 18rra jiru]
“Waan Jedhan Ni Raawwatu”
Hojiin ijaarsa Galma Mootummaa dhiibbaa gaarii kan geessisu Dhugaa Baatota Yihowaa naannoo sanatti argamanirratti qofa miti. Fakkeenyaaf, yommuu Galmi Mootummaa tokko Beeliizitti ijaaramu, namichi tokko, yommuu Dhugaa Baatonni Yihowaa “waldaasaanii” ijaaranii xumuran walga’iisaaniirratti argamuu akka barbaadu haadha manaasaa ishee amantaa Phenxeqostee hordoftutti hime. Fedhii akkasii akka qabaatu kan godhe maalidha? “Waaqayyo akka isaanii wajjin jiru argeera. Yommuu waliin hojjetan wal hin lolan. Waan dubbatan ni raawwatu” jedheera.
[Fakkii fuula 19rra jiru]
Carraaqqii Addunyaa Maratti Godhamu
Tuutni Ijaarsa Galma Mootummaa biyyoottan 120 ta’anitti hundeeffameera. Biyyoottan tajaajiltoonni fedhiidhaan of dhiheessan kun gammachuudhaan itti hojjetan keessaa muraasni armaan gaditti ibsamaniiru:
Angoolaa, Booliiviyaa, Kiroo’eeshiyaa, Dominikaan Rippuubliikii, Itoophiyaa, Fiijii, Gaanaa, Hoong Koong, Hindi, Jaamaayikaa, Kaazaakistaan, Laayibeeriyaa, Moldoovaa, Naayijeeriyaa, Paappuwaa Niwuu Giinii, Ruwaandaa, Tuvaaluu, Yukreen, Veenezuweelaa, Zaambiyaa.