Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Isa Deebisee Nama Jiraachisu

Isa Deebisee Nama Jiraachisu

Waaqayyotti Dhihaadhu

Isa Deebisee Nama Jiraachisu

Luqaas 7:11-15

NAMNI jaallattu tokko si jalaa du’ee beekaa? Taanaan, jireenyakee keessatti wanta nama gaddisiisu keessaa inni guddaan sirra ga’eera jechuudha. Uumaan keenya gaddakee sii hubata. Gaddakee hubachuu qofa utuu hin ta’in wantoota duuni geessisu balleessuu danda’a. Inni lubbuu kan kennu qofa utuu hin ta’in lubbuu bades kan deebisu ta’uusaa argisiisuuf, du’aa ka’uun kanaan dura raawwatame Macaafa Qulqulluu keessatti akka galmeeffamu godheera. Mee amma du’aa ka’uu inni ilmasaa Yesus Kiristosiif humna kennuudhaan akka raawwatamu godhe tokko haa ilaallu. Seenaan dinqii kana ibsu Luqaas 7:11-15⁠rratti argama.

Yeroonsaa Dh.K.B. bara 31 ture. Yesus gara magaalaa warra Galiilaa Naayin jedhamtuu deemaa ture. (Lakkoofsa 11) Magaalattiitti yommuu dhihaatu galgalaa’ee ture. Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Inni balbala kellaa mandarichaatti yommuu dhi’aate, kunoo namoonni reeffa baatanii itti dhufan; inni du’e immoo haadha hiyyeessaa tokkoof ilma tokkicha ture. Namoonni baay’eenis mandaricha keessaa haadha isaa wajjin duukaa in bu’u turan.” (Lakkoofsa 12) Gadda haadha hiyyeessaa sanarra ga’e tilmaamuu dandeessaa? Tokkichi ilmashee du’uunsaa, yeroo lammataatiif nama wanta isheedhaaf barbaachisu dhiheessuufi ishee eegu ishee dhabsiiseera.

Yesus kan xiyyeeffate haadha gaddi cimaan irra ga’e kanarratti yommuu ta’u; isheenis namoota reeffa ilmashee baatanii adeeman cina deemaa kan turte fakkaata. Seenaansaa akkas jedha: “Gooftaan yommuu ishee arge oo’eefii, ‘Hin boo’in!’ jedheen.” (Lakkoofsa 13) Yesus haadha hiyyeessaa gadda guddaarra jirtu kanaaf baay’ee gadde. Tarii waa’ee haadhasaa yeroo sanatti haadha hiyyeessaa turteefi yeroo dhihoo boodamoo isaaf gaddituu yaadee ta’uu danda’a.

Yesus reeffichatti kan dhihaate namoota sanaa wajjin gara awwaalchaa deemuuf hin turre. Haala aboo qabaachuusaa argisiisuun ‘siricha harkaan qabee’ warra reefficha baatan dhaabe. Achiis sagalee nama du’arratti aboo qabuutiin: “‘Dargaggeessa nana, siin nan jedha ka’i!’ jedheen. Achumaan inni du’ee ture ol jedhee taa’ee, dubbachuus jalqabe; Yesus akkasitti haadha isaatiif isa deebise.” (Lakkoofsa 14, 15) Mucichi yommuu du’e haatisaa isa dhabdee turte. Kanaaf yommuu Yesus, “haadha isaatiif isa deebise” deebi’anii maatii tokko ta’an. Gaddi garaa haadha hiyyeessaa sana keessa ture imimmaan gammachuutti akka geddarame hin shakkisiisu.

Atoo gammachuu akkasii argachuuf jechuunis michuuwwankee du’anii wajjin wal arguuf ni hawwitaa? Waaqayyo gaddakee akka sii hubatu hin shakkin. Yesus amala Abbaasaa akka gaariitti kan calaqqisu waan ta’eef, gadduunsaa, Waaqayyo hangam gara laafessa akka ta’e kan argisiisudha. (Yohannis 14:9) Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo namoota du’anii yaadannoosaa keessa jiran gara jireenyaatti deebisuuf akka hawwu barsiisa. (Iyoob 14:14, 15) Dubbiisaa kan ta’e Macaafni Qulqulluun, lafa jannata taaturra akka jiraannuufi michuuwwan keenya yommuu du’aa ka’an arguuf abdii gammachiisaa akka qabnu nutti hima. (Luqaas 23:43; Yohannis 5:28, 29) Waa’ee isa deebisee jireenya namaa kennuufi abdii kana akkamitti argachuu akka dandeessu maaliif hin barattu?

[Fakkii fuula 29rra jiru]

“Inni du’ee ture ol jedhee taa’ee, dubbachuus jalqabe; Yesus akkasitti haadha isaatiif isa deebise”