Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Saantimni lamaan haati hiyyeessaa sun kennite gatiinsaa hammam ture?

Dhaloota Kiristos booda jaarraa jalqabaatti, gibirri waggaa Yihudoonni mana qulqullummaadhaaf kaffalan “meetii akka birrii lamaa,” yommuu ta’u, kunimmoo mindaa hojii guyyaa lamaaf kaffalamuu wajjin kan wal gitudha. (Maatewos 17:27 ) Yesus gatiin simbirroota “akka saantima tokkootti” gurguraman lamaafi mindaan hojii daqiiqaa 45f hojjetamuuf kaffalamu qixxee ta’uusaa wal bira qabee ibseera. Saantima lamaan, jechuunis miindaa hojii daqiiqaa 90f kaffalamuun simbirroota shan bituun ni danda’ama ture.—Maatewos 10:29; Luqaas 12:6.

Kennaan Yesus haati hiyyeessaa sun mana qulqullummaadhaaf utuu kennituu arge, gatii simbirroonni shan ittiin bitamanii gadi ture. Bara sanatti saantimoonni ykn leeptan kun lamaan Israa’el keessatti saantimoota sibiila diimaarraa hojjetamaniifi baay’ee gadaanaa turan. Saantimoonni kun lamaan mindaa guyyaa tokkoo harka 64 keessaa harka tokko qofa ykn namni tokko giddu galeessaan guyyaatti sa’aatii 12 hojjeteera jedhamee yoo yaadamellee, miindaa daqiiqaa 12f kaffalamuu gadi ta’aa jechuudha.

Haata’u malee, Yesus Kiristos namoota “bultoo isaanii irraa hafee” kennan caalaa, kennaa haati hiyyeessaa kun kenniteef bakka guddaa kenneera. Maaliif? Seenaansaa akka ibsutti, haati hiyyeessaa kun “horii sibiilaa diddiimtuu kan akka saantiima lamaa” kan qabdu waan ta’eef, tokko kennitee tokko hambifachuu dandeessi turte. Ta’us, “bultoo isheetiif waan qabdu hundumaa qodicha keessa buufte.”—Maarqos 12:41-44; Luqaas 21:2-4.

Saa’ol maqaa Phaawulos jedhamuun caalaatti beekamuu kan jalqabe yoomi?

Phaawulos ergamaan Ibricha lammii Roomaa ta’uu argatee dhalatedha. (Hojii Ergamootaa 22:27, 28; Filiphisiiyus 3:5) Kanaaf, ergamaan kun ijoollummaasaatii kaasee maqaa Ibrootaa isa Saa’ol jedhamuufi maqaa warra Roomaa isa Phaawulos jedhamu utuu hin qabaatin hin oolu. Haaluma wal fakkaatuunis, firoottan Phaawulos tokko tokko maqaa warra Roomaafi maqaa warra Giriikii qabu turan. (Roomaa 16:7, 21, hiika bara 1899) Yihudoonni yeroo sanatti turan, keessumaammoo kan Israa’elii ala jiraatan gidduuttis maqaa lama qabaachuun beekamaa ture.—Hojii Ergamootaa 12:12; 13:1.

Ergamaan kun gara Kiristiyaanummaatti erga geddaramee booda waggoota kudhanii ol ta’aniif, caalaatti maqaa Ibrootaa isa Saa’ol jedhamuun kan beekamu fakkaata. (Hojii Ergamootaa 13:1, 2) Ta’us, adeemsa misiyoonummaa isa jalqabaarratti, jechuunis Dh.K.B. naannoo bara 47/48 dura maqaa warra Roomaa isa Phaawulos jedhamuun gargaaramuu filatee ta’uu danda’a. Saa’ol hojiin namoota Yihudoota hin taaneef lallabuu waan itti kennameef, maqaasaa isa kan warra Roomaatiin yoo gargaarame caalaatti fudhatama akka argatu yaadee ta’uu danda’a. (Hojii Ergamootaa 9:15; 13:9; Galaatiyaa 2:7, 8) Sababii garabiraan maqaasaa isa Phaawulos jedhamuun fayyadamuu barbaademmoo, tarii maqaansaa inni kan Ibrootaa afaan Giriikiitiin yommuu waamamu jecha Giriikii hiika gadhee dabarsuu wajjin baay’ee kan wal fakkaatu waan ta’eef ta’uu danda’a. Sababiiwwan inni maqaasaa itti geddare maaliyyuu yoo ta’e, Phaawulos “karaadhuma hundumaan namoota muraasa illee oolchuudhaaf, namoota hundumaa biratti waan fakkaatu hundumaa ta’eera.”—1 Qorontos 9:22.

[Fakkii fuula 20⁠rra jiru]

Suura guddina sirrii hamma leeptan ga’u argisiisu