Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Maqaa Yesusiin Kan Kadhannu Maaliifi?

Maqaa Yesusiin Kan Kadhannu Maaliifi?

Maqaa Yesusiin Kan Kadhannu Maaliifi?

YESUS yeroo baay’ee waa’ee kadhannaa barsiiseera. Yeroo Yesus lafarra ture geggeessitoonni amantii Yihudii “karaa gurguddaa irra” dhaabatanii kadhatu turan. Maaliif? “Namootatti mul’achuudhaaf” ture. Ifatti hubachuun akka danda’amutti, namoota biratti jajamuu barbaadu turan. Namoonni hedduun “baay’ina dubbii isaaniitiif” kadhannaansaanii kan dhaga’amu waan isaanitti fakkaatuuf, dubbii waa’ee hin baafne keessa deddeebi’uudhaan kadhannaasaanii dheeressu. (Maatewos 6:5-8) Yesus barsiifanni akkasii kan waa’ee hin baafne ta’uusaa erga dubbatee booda, namoonni garaa qajeelaa qaban yommuu kadhannaa godhan maalirraa fagaachuu akka qaban isaanitti himeera. Haata’u malee, akkamitti kadhachuu akka qaban qofa utuu hin ta’in kana caalaas wanta gochuu qaban isaan barsiiseera.

Yesus kadhannaan keenya maqaan Waaqayyoo qulqulluu ta’ee akka eegamu, Mootummaansaa akka dhufuufi jaalallisaa akka raawwatamu kan barbaannu ta’uusaa haala argisiisuun dhihaachuu akka qabu barsiiseera. Soora guyyaa guyyaan nu barbaachisu akka nuu kennu kadhachuunis barbaachisaa ta’uusaa barsiiseera. (Maatewos 6:9-13; Luqaas 11:2-4) Kadhannaan keenya Yihowaa biratti fudhatama akka argatu yoo barbaanne, cimina, amantaafi amala gad of deebisuu argisiisuu akka nu barbaachisu fakkeenyaan gargaaramee barsiiseera. (Luqaas 11:5-13; 18:1-14) Ofiisaatii fakkeenya gaarii ta’uudhaanis barumsasaa jabeesseera.—Maatewos 14:23; Maarqos 1:35.

Qajeelfamoonni kun bartoonni Yesus kadhannaasaanii caalaatti fooyyessuuf akka isaan gargaare hin shakkisiisu. Haata’u malee, Yesus kadhannaa ilaalchisee wanta bakki guddaa kennamuufii qabu tokko hanga galgala dhuma jireenyasaa isa lafaarratti bartootasaatti utuu hin himin tureera.

“Jijjiirama Guddaa Seenaa Kadhannaa Keessatti Godhame”

Yesus galgala dhumaa jireenyasaa isa lafarraa, gara caalaa bartootasaa jajjabeessurratti dabarse. Yeroon kun wanta haaraa tokko ibsuuf mijaa’aa ture. Yesus, “Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta’e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu” jedheera. Yeroo muraasa boodas akkas jedhee waadaa galeef: “Abbaan ilma isaatiin ulfina akka argatutti, waanuma isin maqaa kootiin kadhattan ani nan raawwadha. Waanuma tokko isin maqaa kootiin yoo kadhattan, ani nan raawwadha.” Itti fufuunis akkas jechuudhaan haasawaasaa xumure: “Hamma ammaatti isin maqaa kootiin waan tokko illee hin kadhanne; egaa gammachuun keessan guutuu akka ta’uuf kadhadhaa, in fudhattus!”—Yohannis 14:6, 13, 14; 16:24.

Jechoonni kun hiika guddaa qabu. Galmeen Macaafa Qulqulluu tokko kana ilaalchisee, “jijjiirama guddaa seenaa kadhannaa keessatti godhame” jechuudhaan dubbateera. Yesus kadhannaan Waaqayyoof dhihaatu isaaf dhihaachuu akka qabu dubbachuusaa hin turre. Kanaa mannaa, kadhannaadhaan gara Yihowaatti dhihaachuuf daandii haaraan akka baname ibsuusaa ture.

Waaqayyo yeroo hundumaa kadhannaa tajaajiltootasaa warra amanamoo akka dhaga’u homaa hin shakkisiisu. (1 Saamu’el 1:9-19; Faarfannaa 65:2) Israa’eloonni saba Waaqayyoo warra isaa wajjin kakuutti galan erga ta’anii jalqabee, namoonni kadhannaansaanii akka isaaniif dhaga’amu barbaadan sabni Israa’el saba Waaqayyoon filataman ta’uusaanii amanuu qabu turan. Bara bulchiinsa Solomoonittimmoo, manni qulqullummaa sun bakka sabni Waaqayyoo warri filataman aarsaa itti dhiheessan ta’uusaa amanuu qabu turan. (Keessa Deebii 9:29; 2 Seenaa 6:32, 33) Haata’u malee, waaqeffannaan akkasii dhaabbataa hin turre. Phaawulos ergamaan, Seera saba Israa’eliif kennameefi aarsaawwan mana qulqullummaa keessatti dhihaatan ilaalchisee, “gaadidduu wanta gaggaarii dhufuuf jiran sanaa ti malee, bifa dhugaa isa isaan ittiin mul’atan miti” jechuudhaan barreesseera. (Ibroota 10:1, 2) Gaaddidduun bifa isa dhugaa sanaan bakka bu’a. (Qolosaayis 2:17) Dhaloota Kiristos booda bara 33 jalqabee hariiroon namni tokko Yihowaa wajjin qabu Seera Museetiif ajajamuurratti kan hundaa’e ta’uunsaa ni hafe. Kanaa mannaa, Kiristos Yesus isa Seerichi isaaf gaaddidduu ta’eef abboomamuurratti kan hundaa’e ta’e.—Yohannis 15:14-16; Galaatiyaa 3:24, 25.

Maqaa “Isa Maqaa Kam Irra Iyyuu Caalu”

Yesus Yihowaatti dhihaachuuf bu’uura hunda caalu kaa’uufi akka michuu jabaatti eenyummaasaa ibsuudhaan kadhannaan keenya Waaqayyo biratti akka dhaga’amuufi deebii akka argatuuf karaa banuusaa ibseera. Yesus karaa kana nu banuuf ga’eessa kan isa taasise maalidha?

Hundi keenya cubbamoota taanee waan dhalanneef, hojii akkamiiyyuu yoo hojjenne ykn aarsaa akkamiiyyuu yoo dhiheessine cubbuu kanattii qulqullaa’uu ykn mirga Yihowaa Waaqa isa qulqulluu ta’ee wajjin hariiroo uumuuf nu dandeessisu nuu argamsiisuu hin danda’u. (Roomaa 3:20, 24; Ibroota 1:3, 4) Haata’u malee, Yesus lubbuusaa isa mudaa hin qabne ilmaan namootaatiif aarsaa godhee dhiheessuudhaan Waaqayyoof furii dhiheesseera. (Roomaa 5:12, 18, 19) Amma namoonni dhiifama cubbuu argachuu barbaadan hundi, Yihowaa duratti ejjennoo gaarii argachuufi ‘ija jabinaan’ isa duratti dhihaachuuf carraa gaariin kan isaaniif baname yommuu ta’u, kun ta’uu kan danda’u garuu, aarsaa Yesusirratti amantaa cimaa qabaachuufi maqaasaatiin yoo kadhatan qofadha.—Efesoon 3:11, 12.

Yommuu maqaa Yesusiin kadhannu, ga’eewwan gurguddaa inni kaayyoo Waaqayyoo galmaan ga’uurratti raawwatu keessaa yoo xinnaate sadansaaniirratti amantaa akka qabnu argisiisna: (1) Inni “hoolicha Waaqayyoo” isa dhiifama cubbuu argamsiise ta’uusaa. (2) Yihowaan du’aa akka isa kaaseefi yeroo ammaatti “angafa lubootaa isa guddicha” ta’uudhaan faayidaa furiinsaa argamsiise hojiirra oolchaa kan jiru ta’uusaa. (3) Kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaachuuf “karichi” isa qofa ta’uusaa.—Yohannis 1:29; 14:6; Ibroota 4:14, 15.

Maqaa Yesusiin kadhachuun Yesusiif ulfina kennuudha. Jaalalli Yihowaas, ‘maqaa Yesusiif jilbeenfatanii akka sagadaniifi arrabni hundinuu ulfina Waaqayyoo abbaatiif, Yesus Kiristos gooftaa akka ta’e akka beeksisan’ waan ta’eef ulfinni akkasii barbaachisaadha. (Filiphisiiyus 2:10, 11) Hundumaa caalaa maqaa Yesusiin kadhachuun Yihowaa isa nuuf jedhee Ilmasaa kenneef ulfina fida.—Yohannis 3:16.

Macaafni Qulqulluun aboo guddaa Yesus qabu hubachuu akka dandeenyuuf maqaa aboo garagaraatiin Yesusiin waama. Kunis, wantoota inni godhe, gochaa jiruufi gara fuulduraatti raawwatuun eebbawwan hedduu akka nuu argamsiisu hubachuuf nu gargaara. (Saanduqa “Ga’ee Guddaa Yesus Qabu” jedhuufi fuula 14⁠rra jiru ilaali.) Dhugumayyuu, Yesusiif “maqaa isa maqaa kam irra iyyuu caalu” kennameera. * Gooftummaan hundinuu waaqaafi lafarratti isaaf kennameera.—Filiphisiiyus 2:9; Maatewos 28:18.

Kadhannaan Maqaa Yesusiin Dhihaatu Akka Barsiifataatti Kan Dhihaatu Ta’uu Hin Qabu

Kadhannaan keenya Yihowaa biratti akka dhaga’amuuf, maqaa Yesusiin dhiheessuu qabna. (Yohannis 14:13, 14) Haata’u malee, jechi “maqaa Yesusiin” jedhu waan barameef qofa akkasumaan barsiifata goonee irra deddeebi’uu hin barbaannu. Maaliif?

Mee fakkeenya tokko ilaali. Xalayaan nama hojii daldalaa raawwaturraa yommuu si ga’u, xumurasaarratti jecha beekamaa “nagaa wajjin” jedhuufi xumura xalayaa ta’e qaba. Jechi kun miira daldaltichaa isa dhugaa kan argisiisudha jettee yaaddamoo, jecha seera xalayaan ittiin barreeffamu guutuuf barreeffame gootee ilaalta? Dhugumayyuu, haalli kadhannaa keenya keessatti maqaa Yesusiin itti fayyadamnu, jecha xumura xalayaa dhaabbata tokkorraa ergame argisiisuuf galu caalaa hiika guddaa akka qabaatu gochuu barbaanna. Kanaaf, ‘kadhachuu keenya itti fufna,’ kana kan goonummoo “garaa guutuudhaan” malee akkasumaan barsiifataan miti.—1 Tasaloniiqee 5:17; Faarfannaa 119:145.

Jecha “maqaa Yesusiin” jedhu akkasumaan akka barsiifataatti itti fayyadamuurraa of qusachuu kan dandeessu akkamitti? Amaloota Yesus warra gaariirratti maaliif hin yaaddu? Wanta inni kanaan dura sii godheefi gara fuulduraatti sii godhurratti yaadi. Kadhannaa keerratti Yihowaa galateeffadhu, akkasumas karaa dinqisiisaa inni Ilmasaa kanaan itti fayyadamuuf isa jajadhu. Akkas kan gootu yoo ta’e, Yesus: “Waanuma isin maqaa kootiin isa kadhattan abbaan isiniif in kenna” jedhee waadaa gale akka raawwatu mirkanaa’aa ta’uu dandeessa.—Yohannis 16:23.

[Miiljaleewwan]

^ key. 14 Akka Eksipooziitarii Dikshinarii oov Teestaamant Wordis ibsetti, jechi Giriikii “maqaa” jedhamee hiikame “maqaan wantoota karaa kallattii hin taaneen ibsaman hundaa, jechuunis aboo, amala, sadarkaa, surraa, humnaa [fi] dandeettii guddaa” kan argisiisudha.

[Fakkii fuula 23rra jiru]

Barsiifataan utuu hin ta’in “garaa guutuudhaan” kadhachuu qabna

[Saanduqa/Fakkii fuula 24rra jiru]

Ga’ee Guddaa Yesus Qabu

Ga’ee Yesus qabu guutummaatti hubachuuf maqaawwan ulfinaa inni qabu, ibsawwan isa ilaalchisanii kennamaniifi maqaawwan isaaf kennaman haa ilaallu.

Ameen.2 Qorontos 1:19, 20; Mul’ata 3:14.

Ergamaa.Ibroota 3:1.

Isa Namoota Gara Jireenyaatti Geessu.Hojii Ergamootaa 3:15.

Kiristos/Masiihicha.Maatewos 16:16 hiika bara 1899; Yohannis 1:41.

Abbaa Bara Baraa.Isaayaas 9:6.

Dhuga-Baatuu Amanamaa.Mul’ata 1:5.

Tiksee Gaarii.Yohannis 10:11.

Mataa Waldaa Kiristiyaanaa.Efesoon 5:23.

Angafa Lubootaa.Ibroota 4: 14, 15.

Amaanu’el.Maatewos 1:23.

Abbaa Firdii.Hojii Ergamootaa 10:42.

Mootii.Mul’ata 19:16.

Hoolicha Waaqayyoo.Yohannis 1:29.

Addaam Isa Lammaffaa.1 Qorontos 15:45.

Geggeessaa.Maatewos 23:10.

Gooftaa.Yohannis 13:13.

Isa Gidduu Dhaabatu.1 Ximotewos 2:5.

Mikaa’el Isa Angafa Ergamootaa.1 Tasaloniiqee 4:16; Yihudaa 9.

Waaqa Jabaa.Isaayaas 9:6.

Angafa Nagaa.Isaayaas 9:6.

Fayyisaa.Luqaas 2:11.

Ilma Waaqayyoo.Yohannis 1:34.

Ilma Namaa.Maatewos 8:20.

Barsiisaa.Yohannis 13:13.

Sagalee.Yohannis 1:1.

Gorsaa Dinqii.Isaayaas 9:6.