Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Biyya Lafaa Gadhiisii Ta’e Keessatti Ijoollee Guddisuu

Biyya Lafaa Gadhiisii Ta’e Keessatti Ijoollee Guddisuu

Biyya Lafaa Gadhiisii Ta’e Keessatti Ijoollee Guddisuu

MUCAA wanti hiriyoonnisaa qabaniifi warrisaa bituufii hin barbaanne tokko akka isaa bitaniif isaan rakkisu, yookiinimmoo mucaa asiifi achi fiigee taphachuu barbaaduun warrisaa, ennaa “Adabadhuu taa’i” jedhaniin argitee beektaa? Warri kan akkas godhan wanta ijoolleesaaniitiif gaarii ta’e gochuu waan barbaadaniif akka ta’e beekamaadha. Ta’uyyuu, yeroo baay’ee warri, ijoolleensaanii wanta barbaadan akka argataniifi akka godhan heyyamu. Yeroo irra deddeebi’anii watwaatan, wanta hin ta’u jedhan sana deebisanii tole jedhu.

Warri baay’een, haadha ykn abbaa gaarii ta’uu jechuun, waan ijoolleen barbaadan hunda isaanii gochuu itti fakkaata. Fakkeenyaaf, Yuunaayitid Isteetsitti ijoollee 750, umriinsaanii waggaa 12 hanga 17 ta’erratti qorannoon geggeeffamee ture. Yeroo warrisaanii wanti tokko hin ta’u isaaniin jedhan maal akka godhan ennaa gaafataman, ijoolleen gara dhibbeentaa 60 ta’an kadhachuusaanii akka itti fufan ibsaniiru. Isaan keessaa dhibbeentaa 55 kan ta’an, malli kun yeroo baay’ee bu’aa akka isaanii argamsiise dubbataniiru. Warrisaanii, tole jechuunsaanii ijoolleesaaniitiif jaalala akka qaban kan argisiisu itti fakkaachuu danda’a. Kun garuu sirriidhaa?

Fakkeenyi gaariin bara duriitti dubbatame tokko, “Namni garbicha isaa mucummaa isaatii jalqabee qanansiisu, dhuma irratti tuffatamuu ofitti in fida [‘mucichi galata kan hin qabne akka ta’u isa godha,’ NW]” jedha. (Fakkeenya 29:21) Ijoolleen garba miti. Haata’u malee, seerri bu’uuraa fakkeenya kanaa ijoollee guddisuurrattis akka hojjetu hin amantuu? Wanta barbaadan hunda isaanii kennuudhaan ijoollee qanansiisuun, yommuu guddatan ‘galata kan hin qabne’ jechuunis amala kan badan, wantin ani jedhe ta’u malee kan jedhaniifi dinqisiifannaa kan hin qabne akka ta’an godha.

Haala kanarraa adda ta’een Macaafni Qulqulluun, “Akka itti jiraachuun ta’u mucaa barsiisi!” jechuudhaan warra gorsa. (Fakkeenya 22:6) Warri ogeeyyii ta’an, seerawwan ifa, dhaabbataafi sirrii ta’an baasuufi eegsisuudhaan qajeelfama kana hordofu. Jaalala jechuun gadhiisiitti guddisuu jechuu akka hin taane ni hubatu. Kana malees, ijoolleensaanii waan boo’aniif, waan watwaataniif ykn waan dallananiif qofa wanta barbaadan isaanii hin godhan. Kanaa mannaa, yaada Yesus, “Dubbii keessan keessatti eyyeen keessan eyyee haa ta’u, waawuun keessanis waawuu haa ta’u!” jechuudhaan dubbaterratti walii galu. (Maatewos 5:37) Haata’u malee, ijoollee leenjisuun maalfaa dabalata? Fakkeenya gaarii armaan gaditti argamu ilaalaa.

‘Akka Xiyya Harka Keessa Jiruu’

Macaafni Qulqulluun, ijoolleen qajeelfamni warrasaanii akka isaan barbaachisu ibsa. Faarfannaan 127:4, 5, “Ilmaan dargaggummaadhaan godhatan, akka xiyya harka jagnaa keessa jiruu ti. Namni warra akka xiyyaa kana mana guuttate, haa gammadu!” jedha. Asirratti ijoolleen xiyyatti, warrimmoo jagnatti fakkeeffamaniiru. Namni xiyya darbatu tokko, xiyyisaa carraadhaan alaamaasaa akka hin rukunne akkuma beeku, warri ijoolleesaanii jaallatanis ijoolleensaanii carraadhaan akka hin guddanne beeku. Ijoolleensaanii “alaamaa” akka rukutan, jechuunis ga’eessota gammadoofi itti gaafatamummaan isaanitti dhaga’amu ta’anii jireenya gaarii akka jiraatan barbaadu. Ijoolleensaanii filannaawwan gaarii akka godhan, ogeeyyii ta’uudhaan rakkoowwanirraa akka of eeganiifi galmawwan faayidaa qabanirra akka ga’an barbaadu. Wantoonni kun garuu hawwii qofaadhaan kan argaman miti.

Xiyyi tokko alaamaasaa akka rukutu gochuuf maaltu barbaachisa? Xiyyichi akka gaariitti qopheeffamuu, eegamuufi gara alaamichaatti humnaan darbatamuu qaba. Akkuma kanaan, ijoolleenis adeemsa gara ga’eessummaatti godhaniin akka milkaa’ina argataniif qopheeffamuu, eegamuufi qajeelfamuun isaan barbaachisa. Mee amma akkaataawwan ijoolleen itti guddifamuu qaban sadan tokko tokkoon haa ilaallu.

Xiyyicha Akka Gaariitti Qopheessuu

Bara Macaafni Qulqulluun barreeffametti, xiyyi warri xiyya darbatan itti fayyadaman, of eeggannoodhaan qopheeffama ture. Xiyyi kun tarii muka salphaarraa, harkaan soofamee hamma danda’ame qajeelaa akka ta’u godhama ture. Fiixeensaa qara ta’uu qaba ture. Duuba xiyya kanaatti baalleen kan qabsiifamu si’a ta’u, kunis xiyyichi akka asiif achi hin jenneefi kallattiisaa akka hin gadhiisne godha.

Warri, ijoolleensaanii akka xiyya sanaa qajeeloofi dogoggorarraa kan fagaatan akka ta’an barbaadu. Kanaafuu, ogeeyyii yoo ta’an, dogoggora guddaa akkasumatti bira darbuu mannaa, jaalalaan kaka’anii, ijoolleensaanii dogoggora kana akka sirreessaniifi deebi’anii akka hin raawwanne isaan gargaaru. “Wallaalumni yaada mucaatti qabamee” waan jiruuf, ijoollee sirreessuuf carraaqqiin godhamuu qabu baay’een jira. (Fakkeenya 22:15) Macaafni Qulqulluun warri ijoolleesaanii akka adaban kan gorsu kanaafi. (Efesoon 6:4) Dhugumayyuu, adabni, sammuufi amala ijoollee qajeelchuurratti ga’ee guddaa qaba.

Kanaan kan ka’es, Fakkeenyi 13:24, “Namni ilma isaa karaabaadhaan reebuu dhiisee qusatu isa jibbuu isaa ti, namni ilma isaa dafee adabu garuu isa jaallachuu isaa ti” jechuunsaa nama hin dinqisiisu. Caqasa kana keessatti yaanni karaabaadhaan reebuu jedhame, karaa qajeelfamni itti kennamu hunda kan argisiisudha. Warri adaba jaalalarratti hundaa’e kennuudhaan dogoggora ijoolleensaanii raawwatan sirreessuuf yaalu. Kun ta’uu baannaan garuu, dogoggorri akkasii kun hundee godhatee yeroo ga’eessota ta’anitti rakkina baay’ee isaanitti fiduu danda’a. Kanaaf, ijoollee adabuurraa of qusachuun jibba kan argisiisu si’a ta’u, isaan adabuun garuu jaalala isaaniif qabnu argisiisa.

Warri ijoolleesaanii jaallatan, ijoolleensaanii sababii seerri tokko itti ba’e akka hubatan isaan gargaaru. Kanaafuu, adabni, ajaja kennuufi dhaanuu qofa utuu hin ta’in, wanta caalaatti barbaachisaa ta’e, jechuunis ijoolleen ajaja isaanii kenname akka hubatan gochuu dabalata. Macaafni Qulqulluun, “Namni seera eegu ilma hubataa dha” jedha.—Fakkeenya 28:7.

Baalleen namni xiyya darbatu duuba xiyyasaarratti qabsiisu, xiyyichi qajeeltootti akka balali’u godha. Haaluma wal fakkaatuun, barumsawwan Macaafa Qulqulluu Waaqayyo inni Hundeessaa maatii ta’e kenne, erga ijoolleen of danda’anii jiraachuu jalqabanii boodallee isaanii wajjin turuudhaan, jireenyasaanii guutuu faayidaa isaanii argamsiisuu danda’u. (Efesoon 3:14, 15) Haata’u malee, warri barumsiwwan kun ijoolleesaaniitti akka “hidhaman” gochuu kan danda’an akkamitti?

Gorsa Waaqayyo bara Museetti, “Dubbiin ani har’a si abboomu kunis garaa kee keessa haa taa’u! Isas keessa deddeebi’ii ijoollee kee barsiisi!” jechuudhaan Israa’eloota ijoollee qabaniif kenne hubadhu. (Keessa Deebii 6:6, 7) Kanaafuu, warri waan lama gochuu qabu. Dura ofiisaaniitiif Dubbii Waaqayyoo barachuufi hojiirra oolchuudhaan, seerawwan Waaqayyoo akka jaallatan argisiisuu qabu. (Faarfannaa 119:97) Sana booda wanta caqasichi lammaffaarratti dubbatu, jechuunis ijoolleesaanii seerawwan Waaqayyoo ‘keessa deddeebi’anii barsiisuu’ danda’u. Kunis, karaa bu’a qabeessa ta’een yeroo hunda irra deddeebi’anii itti himuudhaan, faayidaa seerri akkasii qabu isaan hubachiisuu jechuudha.

Seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu barsiisuu ykn dogoggora cimaa sirreessuuf jaalalaan adaba kennuun, wanta yeroon itti darbe akka hin taane ifadha. Malawwan kun, adeemsi “xiyyawwan” gati jabeessa ta’an gara ga’eessummaatti godhan qajeelaafi amansiisaa akka ta’u gochuuf baay’ee barbaachisaadha.

Xiyyichaaf Eegumsa Gochuu

Mee Fakkeenya Faarfannaa 127:4fi 5⁠rratti, [hiika bara 1899] kennametti haa deebinu. Namichi xiyya darbatu, xiyyaadhaan “mann’eesaa kan guuttate” ta’uusaa yaadadhu. Xiyyi takkaa erga qopheeffamee booda eegumsi godhamuufii qaba. Kanaafis namichi xiyya darbatu mann’eesaa keessatti, jechuunis bakka salphaatti baduu ykn cabuu hin dandeenyetti qabata. Kan nama dinqisiisummoo, Masiihichi xiyya qaramaa Abbaansaa ‘mann’eesaa keessa isa kaa’ate’ akka ta’e Macaafa Qulqulluurratti raajiidhaan dubbatameera. (Isaayaas 49:2) Yihowaan inni Abbaa hunda caalaa jaalala qabeessa ta’e, akka raajiidhaan dubbatametti hamma yeroon Masiihichi itti ajjeefamu ga’utti, Ilmasaa Yesus isa jaallatamaarra miidhaan tokkoyyuu akka hin geenye isa eegeera. Yeroo sanattis yoo ta’e, Waaqayyo Ilmisaa gara samiitti deebi’ee barabaraaf akka jiraatu gochuudhaan, du’ee akka hin hafne godheera.

Haaluma wal fakkaatuun, warri gaariinis ijoolleesaanii balaa biyyi lafaa manca’aan kun geessisurraa eeguu barbaadu. Kana kan godhanis, ijoolleensaanii sochiiwwan dhiibbaa gadhee isaanirra geessisan akka hin raawwanne dhowwuudhaan ta’uu danda’a. Fakkeenyaaf, warri ogeeyyii ta’an seera bu’uuraa, “Hiriyaan gadheen amala gaarii in mancaasa” jedhuuf xiyyeeffannaa guddaa kennu. (1 Qorontos 15:33) Ijoolleen, warra seera amalaa Macaafa Qulqulluu hin kabajne hiriyoota akka hin godhanne eeguun, dogoggora rakkina guddaa ykn du’allee geessisuu danda’urraa isaan oolchuu danda’a.

Ijoolleen eegumsa warrisaanii isaanii godhaniif yeroo hundumaa hin galateeffatan ta’a. Ijoollee keessaniif eegumsa gochuu jechuun, yeroo baay’ee wanta barbaadan tokko isaan dhowwuu waan ta’eef, yeroo tokko tokko isinitti mufatu ta’a. Dubartiin kitaabota waa’ee guddisa ijoollee dubbatan qopheessitu tokko akkas jetteetti: “Ijoolleen yeroo hundas ta’e battaluma sanatti akka isin galateeffatan argisiisuu baataniyyuu, warrisaanii akka isaan eeganiifi akka isaan qajeelchan ni barbaadu. Warra itti gaafatamummaan nutti dhaga’amu taanee, amala akkamii qabaachuu akka qaban murteessuudhaan kana gochuu dandeenya.”

Eeyyee, ijoollee keessan wanta nagaasaanii, qulqullummaasaanii ykn ejjennoo gaarii Waaqayyo biratti qaban isaan dhabsiisu hundarraa isaan eeguun keessan, akka isaan jaallattan karaa itti argisiistan keessaa isa tokkodha. Yeroo booda, jaalalaan kakaatanii eegumsa isaanii gochuu keessaniif isin galateeffachuunsaanii hin oolu.

Xiyyicha Sirriitti Darbachuu

Faarfannaan 127:4fi 5, warra ‘jagnatti’ akka fakkeessu hubadhu. Kana jechuun ijoollee barsiisuurratti ga’ee guddaa kan qabu abbaa qofadha jechuudhaa? Matumaa akkas jechuu miti. Seerri bu’uuraa fakkeenya kanaa haadhaafis ta’e abbaadhaaf, akkasumas warra hiriyaa gaa’elaa malee ijoollee guddisaniif ni hojjeta. (Fakkeenya 1:8) Jechi “jagna” jedhu, xiyyicha iddaadhaan darbachuuf humni guddaan akka barbaachisu kan argisiisudha. Bara Macaafni Qulqulluun barreeffametti, iddaan yeroo tokko tokko sibiila boorrajjiitiin kan uwwifamu ennaa ta’u, loltuun tokko ‘iddaarra akka ejjetu’ dubbatama. Kana kan godhu tarii iddicha dhisee walitti hidhuuf ta’a. (Ermiyaas 50:14, 29, NW) Dhugumayyuu, fo’aa dhisamaa sana harkisuudhaan xiyyawwan sana bakka barbaadamanitti darbachuun, humnaafi carraaqqii guddaa kan gaafatudha!

Ijoollee guddisuunis carraaqqii guddaa gaafata. Xiyyi tokko gara alaamaasaatti akkuma ofiin hin darbatamne, isaanis ofumasaaniitiin guddachuu hin danda’an. Yeroo har’aa warri hedduun carraaqqii barbaachisaa ta’e gochuuf fedhii kan hin qabne ta’uunsaanii nama gaddisiisa. Mala salphaa ta’e filatu. Wanta sirriifi dogoggora ta’e, akkasumas waa’ee amalaafi waa’ee saalqunnamtii ilaalchisee ijoolleensaanii televijiinii, mana barumsaafi hiriyootasaaniirraa akka baratan godhu. Waanuma ijoolleensaanii barbaadan hunda isaanii godhu. Hin ta’u jedhanii waa dhowwuun yommuu isaan nuffisiisu, yeruma sana haa ta’u jedhanii heyyamu. Murtoo akkasii kan godhan ijoolleesaanii mufachiisuu waan hin barbaanneef akka ta’e dubbachuudhaan, sababii hin taane dhiheessu. Dhugaasaa dubbachuuf garuu, ijoolleesaaniirra barabaraaf miidhaa guddaa kan geessisu waan isaan barbaadan hundumaa tole jechuusaaniiti.

Ijoollee guddisuun hojii cimaadha. Hojii kana garaa guutuufi qajeelfama Dubbii Waaqayyoo hordofuudhaan raawwachuun ulfaataa ta’us, eebba hangana hin jedhamne kan argamsiisudha. Barruun Paareentis jedhamu akkas jechuudhaan gabaaseera: ‘Ijoolleen warra jaalala qabeeyyii ta’aniin, itti gaafatamummaan itti dhaga’amuufi ilaalcha ijoolleesaanii kabajaniyyuu seera hin jijijjiiramne baasaniin guddatan, ijoollee gadhiisiidhaan guddatan caalaa, barumsasaaniitti cimoo kan ta’an, namootaa wajjin walitti dhufeenya gaarii kan qaban, ofiisaaniitiif ilaalcha gaarii kan qabaniifi gammachuu kan qaban ta’uusaanii qorannaawwan addaddaa mirkaneessaniiru.’

Eebbi kanarra caalus jira. Hamma ammaatti kan ilaalle, Fakkeenya 22:6 keessaa yaada jalqabaa, “Akka itti jiraachuun ta’u mucaa barsiisi!” jedhu qofadha. Caqasni kun, “Innis yommuu dulloomu iyyuu irraa hin kaatu” jechuudhaan yaada nama gammachiisu dubbata. Fakkeenyi geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame kun, yeroo hunda akka milkoofnu kan mirkaneessudhaa? Ta’uu dhiisuu danda’a. Ijoolleen keessan yommuu guddatan filannaa mataasaanii gochuu danda’u. Ta’uyyuu, caqasni kun warraaf maal mirkaneessa?

Ijoollee keessan akka gorsa Macaafa Qulqulluutti yoo leenjistan, ga’eessota gammachuu qaban, milkaa’oofi itti gaafatamummaan itti dhaga’amu akka ta’an gochuuf carraa guddaa qabdu. (Fakkeenya 23:24) Kanaaf, hamma dandeessanitti “xiyyawwan” gati jabeessa ta’an kana qopheessaa, eegaa, isaan darbachuufis carraaqqii godhaa. Kana gochuu keessanitti matumaa hin gaabbitan.

[Fakkii fuula 21rra jiru]

Warri wanta ijoolleensaanii gaafatan hunda isaanii gochuunsaanii akka isaan jaallatan argisiisaa?

[Fakkii fuula 23rra jiru]

Warri jaalala qabeeyyii ta’an, seerri maatiidhaaf baasan sababiinsaa maal akka ta’e ibsu

[Fakkii fuula 23rra jiru]

Warri gaariin balaawwan biyyi lafaa inni manca’aan kun geessisurraa ijoolleesaanii ni eegu

[Fakkii fuula 24rra jiru]

Ijoollee guddisuun hojii cimaa ta’us, bu’aa hangana hin jedhamne argamsiisa