Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jaalalli Waaqayyoo, Jaalala Haadhaarratti Ni Mul’ata

Jaalalli Waaqayyoo, Jaalala Haadhaarratti Ni Mul’ata

Jaalalli Waaqayyoo, Jaalala Haadhaarratti Ni Mul’ata

“Haati mucaa ishee isa harma hodhu irraanfachuu in dandeessii? Mucaa ishee isa ofii deesseef hin ootuu ree? Utuma isheen isa irraanfattee iyyuu, ani matumaa si hin irraanfadhu!”—ISAAYAAS 49:15.

HAATI tokko daa’imashee reefuu deesse harkasheerra ciibsitee harma hoosifti. Haalli kun gara laafinaafi jaalala haati ilmoosheetiif qabdu kan argisiisudha. Haati Paam jedhamtu tokko, “Yeroo jalqabaatiif yommuun mucaakoo hammadhu, baay’een isa jaalladhe; itti gaafatamummaa guddaa akkan qabus natti dhaga’ame” jetteetti.

Kun waan haaraa fakkaachuu baatuyyuu, jaalalli haati qabdu guddina daa’imasheerratti jijjiirama akka fiduu namoonni qorannaa godhan mirkaneessaniiru. Barreeffamni Sagantaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatiin maxxanfame tokko, Fayyaa Sammuu ilaalchisee, “Daa’imman haadhotiinsaanii isaan dhiisaniifi isaanirraa adda ba’an, gammachuu kan hin qabneefi kan dhiphatan, takka takkas kan rifatan ta’uusaanii qorannaawwan ni ibsu” jechuudhaan gabaaseera. Kana malees barreeffamni kun, daa’imman ijoollummaasaaniitti jaalalaafi xiyyeeffannaa argatan, daa’imman xiyyeeffannaa hin arganne caalaa dandeettii sammuu akka qaban qorannaa godhamerraa caqasuudhaan ibseera.

Yuunaayitid Isteetsitti Mana Barumsaa Qorichaa UCLA jedhamutti Piroofeesara yaalii sammuu kan ta’an Aalan Shoor, jaalalli haadhaa ijoolleedhaaf barbaachisaa ta’uusaa yommuu ibsan, “Walitti dhufeenyi daa’imni tokko jalqaba haadhasaa wajjin qabu, walitti dhufeenya gara fuulduraatti namootaa wajjin qabaaturratti dhiibbaa guddaa waan geessisuuf baay’ee murteessaadha” jedhaniiru.

Kan nama gaddisiisu, haati tokko dhiphinni, dhukkubni ykn rakkoo garabiraan yoo isheerra ga’e, mucaashee “isa harma hodhu irraanfachuu” dandeessi. (Isaayaas 49:15) Kun, waan yeroo baay’ee uumamu miti. Haadhotiin uumamaan ijoolleesaanii ni jaallatu. Namoonni qorannoo godhan akka hubatanitti, qaamni haadhotii yeroo da’umsaatti hormoonii (xannacha) oksiitosiin jedhamu baay’inaan oomisha. Xannachi kunimmoo gadameessi akka walitti shuntuuruufi harmi aannan akka maddisiisu godha. Xannachi dhiironnis ta’e dubartoonni qaban kun, haadhotiin ijoolleesaanii akka jaallataniifi haala ofittummaarraa walaba ta’een akka isaan kunuunsan godha jedhamee amanama.

Maddi Jaalalaa Eenyu?

Namoonni barumsa jijjiirama tirannaatti amanan, jaalalli ofittummaarraa walaba ta’eefi haadhaaf ilmoo gidduu jiru kun akkuma carraa kan argame yommuu ta’u, warra amala kana argisiisan kan fayyadu waan ta’eefis hanga yoonaatti jiraachuu danda’eera jedhu. Fakkeenyaaf barruun intarneetiidhaan dhihaatuufi Maazariing Meegaazin jedhamu akkas jedheera: “Kutaan sammuu keenyaa inni gara fuullee jiruufi bineensota lo’anirraa dhaalle, limbik siistam kan jedhamu yommuu ta’u, innis bakka miirri keenya itti uumamudha. Kutaan sammuu inni haadhaafi ilmoo wal jaallachiisu isa kanadha.”

Dhugaadha, qorannaan godhame, qaamni sammuu keenyaa inni limbik siistam jedhamu miira keenyaa wajjin haala wal qabateen shoora guddaa akka qabu ibsa. Haata’u malee, jaalalli haati mucaasheetiif qabdu akkuma tasaatti kan argameefi suutuma suuta bineensota lo’anirraa guddachaa dhufee kan argamedha jedhamuunsaa sirrii sitti fakkaataa?

Yaada kanaa gadiimmoo ilaali. Macaafni Qulqulluun namoonni akka bifa Waaqayyootti uumamuusaanii dubbata. Kana jechuunimmoo namoonni amalawwan Waaqayyoo qabu jechuudha. (Uumama 1:27) Amalawwan Waaqayyoo keessaa inni guddaan jaalaladha. Yohannis ergamaan, “Waaqayyo jaalala waan ta’eef, namni hin jaallatin, Waaqayyoon hin beekne” jechuudhaan barreesseera. (1 Yohannis 4:8) Caqasni kun Waaqayyo jaalala qaba akka hin jenne hubadhu. Kanaa mannaa Waaqayyo jaalaladha jedha. Waaqayyo Madda jaalalaati.

Macaafni Qulqulluun jaalala akkas jechuudhaan ibsa: “Jaalalli danda’aa dha, gaarummaas in argisiisa; jaalalli hin hinaafu, of hin jaju, of hin bokoksus; jaalalli lafa salphinaa hin ijaajju, waan isatti tolu duwwaas hin barbaadu, hin dallanu, waan hamaas nama irratti hin lakkaa’u. Jaalalli qajeelina dhugaatti gammada malee, jal’inatti hin gammadu. Jaalalli karaa tokko illee nama hin lafafu, hunduma isaa in amana, hunduma isaa abdata, hunduma isaas obsa. Jaalalli yoom iyyuu hin badu.” (1 Qorontos 13:4-8) Amalli gaariin hundarra caalu kun, akkuma carraatti argame jedhanii amanuun sirriidhaa?

Beekumsi Kun Maaltu Akka Sitti Dhaga’amu Godha?

Keeyyata olitti ibsamerratti ibsa jaalalaaf kenname yommuu dubbistu, namni tokko jaalala akkasii akka sitti argisiisu hawwiteettaa? Fedhii akkasii qabaachuunkee sirriidha. Maaliif? ‘Nuyi sanyii Waaqayyoo waan taaneefi.’ (Hojii Ergamootaa 17:29) Jaalala akkasii warra kaanirraa akka argannuufi akka isaanitti argisiisnuuf uumamne. Waaqayyo jaalala guddaa akka nuuf qabu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. (Yohannis 3:16; 1 Phexros 5:6, 7) Caqasni jalqaba mataduree kanaatti caqasame, jaalalli Waaqayyo nuuf qabu jaalala haati tokko mucaasheetiif qabdu caalaa guddaafi bara baraan kan jiraatu ta’uusaa ibsa.

Haata’u malee, ‘Waaqayyo ogeessa, humna qabeessaafi jaalala qabeessa yoo ta’e, rakkina maaliif hin balleessu? Daa’imman yommuu du’an maaliif callisee ilaala? Hacuuccaan maaliif jiraate? Lafti kun rakkina bulchiinsaafi sassataan yommuu mancaatu maalif callisee ilaala? jettee yaadda ta’a. Gaaffiiwwan kun barbaachisaafi deebii sirrii ta’e argachuu kan qabanidha.

Namoonni Waaqayyo jiraachuusaa beekuun hin danda’amu jedhan maaliyyuu yoo jedhan, gaaffiiwwan kanaaf deebii quubsaa argachuun ni danda’ama. Namoonni miliyoonaan lakkaa’amaniifi biyyoottan dhibbaan lakkaa’aman keessa jiran, Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan deebii kana argataniiru. Qopheessitoonni barruu kanaa atis kana akka gootu si afeeru. Dubbiisaa qayyabachuufi waa’ee uumamawwansaa barachuudhaan beekumsi Waaqayyoon ilaalchisee qabdu yommuu guddachaa adeemu, inni nurraa kan fagaateefi qaama waa’eesaa beekuun hin danda’amne akka hin taane hubatta. Kanaa mannaa, Waaqayyo “hunduma keenyattii fagoo” akka hin taane amanuunkee hin oolu.—Hojii Ergamootaa 17:27

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 8rra jiru]

Jaalalli Waaqayyo nuuf qabu, jaalala haati tokko mucaasheetiif qabdu caalaa bara baraan kan jiraatudha