Lafti Ni Baddii?
Lafti Ni Baddii?
‘LAFTI KUN gara fuulduraatti maal taati laata?’ jettee yaaddee beektaa? Namoonni baay’een wanta lafa bareedduu kanarra ga’aa jiru yommuu argan, lafti ni baddi jedhanii amanu.
Dhugaadha, yeroo ammaa qabeenyawwan lafaa warri faayidaa guddaa qaban, jechuunis bishaan, bosonnii, qilleensi naannoofi k.k.f manca’aa jiru. Kana malees, saayintiistonni tokko tokko, urjiin furguggifamu, urjiin dho’u ykn boba’aan haayidiroojiinii aduu keessaa dhumaa deemuunsaa, lafas ta’e lubbuu lafarra jiru hunda balleessuu danda’u jedhanii akeekkachiisu.
Saayintiistonni, lafti kun suutuma suutaan, tarii waggoota biliyoonaan lakkaa’aman booda, ilmaan namootaa jiraachisuu dadhabdi jedhanii amanu. Insaayikilooppeediyaa Biriitaanikaan, “wanti hundi yeroo booda baduunsaa akka hin oolle” ibseera.
Macaafni Qulqulluun, Yihowaan lafti kun akka baddu ykn ona akka taatu akka hin heyyamne kan nuu mirkaneessu ta’uunsaa nama gammachiisa. Inni, Uumaafi daangaa malee “humna-qabeessa” waan ta’eef, uumamni cufti barabaraaf akka jiraatu gochuu danda’a. (Isaayaas 40:26) Kanaafuu, jechoota kanaa gadiitti amanuu dandeessa: ‘Waaqayyo lafa hundeesaarra dhaabe, innis yeroo hundumaa baruma baraan iddoo isaatii hin bututu.’ “Biiftuu fi ji’i isa jajadhaa, urjoonni calaqqiftanis isa jajadhaa! . . . Inni abboomnaan . . . uumaman . . . Inni yeroo hundumaaf baruma baraan cimsee isaan dhaabe.”—Faarfannaa 104:5; 148:3-6.
Kaayyoo Waaqayyo Lafaaf Qabu
Kaayyoon Waaqayyoo, lafti akka yeroo ammaa kanatti badiisni akka isheerra ga’uufi akka mancaatu hin turre. Kanaa mannaa, Waaqayyo namoota jalqabaa jechuunis Addaamiifi Hewwaaniin uumee, bakka ashaakiltii bareedaa ta’e keessa isaan kaa’ee ture. Jannanni kun ofumasaatiin bareedaa ta’ee akka itti hin fufne beekamaadha. Kanaafuu, Waaqayyo, bakka sana ‘akka tolchaniifi akka eegan’ isaanitti himee ture. (Uumama 2:8, 9, 15) Waaqayyo warra keenya warra yeroo tokko cubbuurraa walaba turaniif, hojii nama gammachiisu kennee ture!
Kaayyoon Waaqayyo lafaaf qabu, bakki ashaakiltii jalqabaa sun akka kunuunfamu gochuu qofa hin turre. Guutummaan lafaa jannata akka taatu barbaadee ture. Waaqayyo Addaamiifi Hewwaaniin, “Horaa, baay’adhaas, lafa guutaa, isas harka jala galfadhaa! Qurxummii galaanaa irratti, simbirroota qilleensa keessa balali’an irratti, uumama lafa irra munyuuqan hundumaa irrattis mootummaa qabaadhaa!” jechuudhaan kan ajaje kanaaf ture.—Kan nama gaddisiisu garuu, ergamaan of tuulaan booddee Seexana jedhame tokko kaayyoo Waaqayyoo morme. Addaamiifi Hewwaan akka isa waaqeffatan hawwe. Kanaafuu, bofatti fayyadamee dubbachuudhaan, bulchiinsa Waaqayyoorratti akka ka’an godhe. (Uumama 3:1-6; mul’ata 12:9) Ofittoo ta’uufi dinqisiifannaa dhabuunsaanii, Uumaa keenya baay’ee gaddisiiseera! Haata’u malee, mormiinsaanii kun kaayyoon Waaqayyo lafaaf qabu akka jijjiiramu hin goone. Yihowaan, “Dubbiin afaan koo keessaa ba’u, wanta ani fedhe hojjetee, wanta ani itti erges in raawwata malee, harka duwwaa gara kootti hin deebi’u” jedheera.—Isaayaas 55:11.
Yihowaan, hamminni Seexanaa hamma bara keenyaatti akka itti fufu kan godhe sababii ga’aa waan qabuufidha. Yeroowwan kanatti, ilmaan namootaa ofiin of bulchuuf sirna bulchiinsaa hedduu yaalaniiru. Haata’u malee, akka Seexanni jedhetti bulchiinsa Waaqayyoo mormanii ofiin of bulchuun rakkina akka fidu mirkanaa’eera. *—Ermiyaas 10:23.
Karaa biraatiin garuu, waggoota kumaatama darban keessatti Waaqayyo namoota qajeeloo ta’an tokko tokko eebbiseera. Kana malees, bu’aan namoonni isaaf abboomaman argataniifi rakkinni warra seerasaa tuffatanirra ga’e, Macaafa Qulqulluu keessatti akka galmeeffamu godheera. Akkasumas, Yihowaan gara fuulduraatti faayidaa nuu argamsiisuuf jecha wantoota dinqisiisaa ta’an raawwateera. Daandii jireenyaa isa hunda caalaa gaarii ta’e akka nu barsiisuufi lubbuusaa dabarsee akka nuu kennu, jaalalaan kaka’ee Yesus Kiristos Ilmasaa isa jaallatamaa Fayyisaa godhee nuu ergeera. (Yohannis 3:16) Yesus, duuti isaaf hin malu ture. Kanaan kan ka’es Waaqayyo du’a Ilmasaatti fayyadamee wanta Addaamiifi Hewwaan nu dhabsiisan, jechuunis abdii lafa jannata taaturra bara baraan jiraachuuf qabnu deebisnee akka argannu godheera. * Kana galmaan ga’uufis Yihowaan Mootummaa ilmaan namootaa hunda bulchu samiirratti hundeesseera. Ilmisaa Yesus Kiristos inni du’aa ka’e Mootii Mootummaa kanaa akka ta’u isa muudeera. Qophii dinqisiisaan kun, kaayyoon Waaqayyo lafaaf qabu akka raawwatamu godha.—Maatewos 6:9, 10.
Kanaafuu abdii dinqisiisaa Macaafa Qulqulluu armaan gaditti galmeeffamerratti amantaa guddaa qabaachuu dandeessa. Akkas jedha: “Warri jal’oonni lafa irraa in balleeffamu, warri Waaqayyoon eeggatan garuu lafa in qabaatu. Warri qajeelonni biyya in qabaatu, yeroo hundumaafis keessa in taa’u.” “‘Kunoo, iddoon Waaqayyo buufatu namoota gidduu dha, inni isaan bira buufachuuf jira, isaanis saba isaa ta’uuf jiru; Waaqayyo ofii isaa isaanii wajjin jiraachuuf jira, Waaqayyo isaaniis ta’uuf jira. Inni imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; wanti duraa waan darbeef, egaa duuni deebi’ee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis si’achi hin jiru!’ jedhe. Inni teessoo irra taa’e immoo, ‘Kunoo, ani waan hundumaa haaraa nan godha!’ jedhe.”—Faarfannaa 37:9, 29; Mul’ata 21:3-5.
Yaanni Macaafa Qulqulluu Wal Hin Faallessu
Haata’u malee, namoonni tokko tokko, ‘Caqasawwan Macaafa Qulqulluu armaan olitti ibsaman, caqasawwan lafti akka baddu dubbatan fakkaatanii wajjin akkamitti wal simsiisuu dandeenya?’ jedhanii gaafatu ta’a. Fakkeenyawwan tokko tokko haa ilaallu. Qorannaa akkasii gochuun, yaanni Macaafa Qulqulluu akka wal hin faallessine nuu mirkaneessa.
Saayintiistonni wantoonni hundi ‘yeroo booda baduunsaanii akka hin oolle’ hubachuusaanii waggoota dheeraa dura, faarfataan Faarfannaa 102:25-27.
Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame tokko akkas jechuudhaan barreesseera: “Ati [jechuunis Waaqayyo] hundee lafaa in keesse, bantiiwwan waaqaas hojii harka keetii ti. Isaan baduuf jiru, ati garuu haftee in jiraatta; isaan hundinuu akka uffataa in ciccitu, ati akka uffataatti baaftee isaan in gatta, isaanis in dhidhimu! Ati garuu isuma sana, waggoonni kees dhuma hin qaban.”—Faarfatichi yaada akkasii barreessuunsaa, kaayyoo barabaraa Waaqayyo lafaaf qabu mormuusaa hin turre. Kanaa mannaa, Waaqayyo barabaraaf kan jiraatu ta’uusaafi wantoonni inni uume hundi garuu baduu kan danda’an ta’uusaanii wal bira qabee dubbachuusaa ture. Waaqayyo barabaraaf wantoota haaromsuuf humnasaatti utuu hin fayyadamu ta’ee, sirni aduu ifaafi humna irraa argannu, akkasumas marsaa lafaa dabalatee uumamni cufti kun, seera dhabuufi dhumarratti baduu danda’a ture. Lafti kun utuu akkasumatti dhiifamteetti ta’ee, ‘in ciccitti’ turte.
Caqasoonni irra keessa yommuu ilaalaman kaayyoo Waaqayyo lafaaf qabuu wajjin kan wal faallessan fakkaatan kan biraanis jiru. Fakkeenyaaf, Macaafni Qulqulluun bantiin waaqaafi lafti ‘akka darban’ ni dubbata. (Mul’ata 21:1) Jechoonni kun, abdii Yesus, “Warri garraamiin haa gammadan, isaan biyya isa abdachiifame in argatu [“lafa in dhaalu”, hiika bara 1899]” jechuudhaan kennee wajjin wal hin faallessan. (Maatewos 5:5) Ergasuu, Macaafni Qulqulluun bantiin waaqaafi lafti ‘akka darban’ yommuu dubbatu maal jechuusaati?
Yeroo baay’ee Macaafni Qulqulluun jecha “lafa” jedhutti kan fayyadamu fakkeenyaan ennaa ta’u, innis hawaasa ilmaan namaa kan argisiisudha. Fakkeenyaaf caqasa, “Yaa lafaa! Yaa lafaa! Yaa lafaa! Dubbii Waaqayyoo dhaga’i!” jedhu hubadhu. (Ermiyaas. 22:29) Asirratti “lafa” kan jedhu namoota yeroo sana lafarra turaniin akka ta’e beekamaadha. Fakkeenyi kaanimmoo, Faarfannaa 114:7rratti kan argamu yommuu ta’u, innis, “Yaa lafaa, fuula gooftaa duratti, fuula Waaqayyo isa kan Yaaqoob duratti holladhu!” jedha. Asirrattis ta’e caqasawwan kan biraa hedduurratti, jechi “lafa” jedhu namoota kan argisiisu ta’uunsaa ifadha.—Faarfannaa 96:13.
Macaafni Qulqulluun, yeroo tokko tokko humnoota bulchiinsaa lafarra jiran, samii ykn qaamota samii wajjin wal fakkeessa. Fakkeenyaaf, bulchitoonni Baabilon warri namoota cunqursaa turan, warra naannoosaanii jiranirratti waan of gurguddisaniif akka urjii akka ta’an ibsameera. (Isaayaas 14:12-14) Akkuma raajiidhaan dubbatame, “bantiiwwan waaqaa” warra Baabilon kan ta’an bulchitoonnisaaniifi “lafti” jechuunis deggertoonni bulchitoota sanaa, Dh.K.D. bara 539tti badaniiru. (Isaayaas 51:6) Kun ta’uunsaa, Yihudoonni qalbii jijjiirratan Yerusaalemitti, jechuunis bakka “bantiiwwan waaqaa haaraa” ykn bulchitoonni haaraan, “lafa haaraa” ykn hawaasa qajeelaa ta’e itti bulchanitti akka deebi’an godheera.—Isaayaas 65:17.
Macaafni Qulqulluun samiifi lafti ‘akka badan’ dubbachuunsaa, bulchitoonni ilmaan namootaa hamooniifi deggertoonnisaanii warri jal’oon yeroo ammaatti argaman akka badan kan argisiisudha. (2 Phexros 3:7) Badiisnisaanii kun bulchiinsi samii inni haaraan Waaqayyo fidu ilmaan namootaa qajeeloo ta’an akka eebbisu karaa waan banuuf, “Akka abdii inni nuuf kenneetti, bantiiwwan waaqaa haaraa, lafa haaraas warra qajeelummaan keessa buufatu in eegganna.”—2 Phexros 3:13
Kanaaf, abdii Waaqayyo lafti kun barabaraaf akka jiraattu kennerratti amantaa qabaachuu dandeessa. Kana malees, Macaafni Qulqulluun, yeroo ajaa’ibsiisaa guutummaan lafaa jannata taatu sanatti jiraachuuf maal gochuu akka qabdu sitti hima. Yesus, “Si Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti” jedheera. (Yohannis 17:3) Abdii Laftiifi ilmaan namootaa qaban ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu qoruuf maaliif galma hin baafattu? Gama kanaan Dhugaa Baatonni Yihowaa naannookee jiran si gargaaruuf fedhii qabu.
[Miiljaleewwan]
^ key. 10 Waaqayyo rakkinni akka jiraatu kan heyyame maaliif akka ta’e yaada dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e, fuula 106-114 ilaali.
^ key. 11 Yesus du’a aarsaa du’uusaa ilaalchisee yaada dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu fuula 47-56 ilaali.
[Fakkii fuula 20rra jiru]
Macaafni Qulqulluun lafti kun bara baraaf akka jiraattu abdachiisa
[Madda fakkii fuula 18rra jiru]
Background globe: NASA/The Visible Earth (http://visibleearth.nasa.gov/); polar bear: © Bryan and Cherry Alexander Photography