Namoota Du’a Jala Ga’an Jajjabeessuu
Namoota Du’a Jala Ga’an Jajjabeessuu
“Dhukkubni haadhakootii ishee ajjeesuuf akka jedhu jalqaba yommuun beeku amanuu hin dandeenye. Haatikoo isheen jaallatamtuun du’uuf akka jettu amanee fudhachuu waanan dadhabeef baay’een dhiphadhe.”—Grees, Kaanaadaarraa.
NAMNI jaallannu tokko dhukkubsatee du’a jala yommuu ga’u, maatiinsaas ta’an hiriyoonnisaa baay’ee dhiphachuufi waan godhan wallaaluu danda’u. Namoonni tokko tokko waa’ee dhukkubasaa nama dhukkubsatetti dhugaasaa himuun sirrii ta’uufi dhiisuusaa shakku. Warri kaanimmoo, namni jaallatan yommuu dhiphatuufi rakkoowwan dhukkubasaa wajjin wal qabatanii dhufaniin yommuu qaana’u arguun akka isaanitti ulfaatu itti dhaga’ama. Namoonni hedduun, namni dhukkubsate yommuu du’uuf jedhu waan jedhan ykn waan godhan dhabuudhaan dhiphatu.
Yommuu wanti nama gaddisiisu akkasii si mudatu wanta gochuu dandeessu ilaalchisee maal hubachuu qabda? Yeroo rakkisaa kanatti nama dhukkubsate kana jajjabeessuufi gargaaruudhaan “hiriyaa dhugaa” ta’uukee akkamitti argisiisuu dandeessa?—Fakkeenya 17:17, [NW].
Waan Nama Hundatti Dhaga’amu
Namni jaallannu tokko dhukkuba cimaadhaan yommuu qabamu dhiphachuun kanuma jirudha. Doktaroonnillee yeroo baay’ee yommuu namoonni du’an kan argan ta’us, namni baay’ee dhukkubsate tokko qaamnisaas ta’e miirrisaa miidhamaa adeemuusaa yommuu argan baay’ee dhiphatu.
Atis namni jaallattu tokko yommuu dhiphatu ilaaluun miirakee akka hin to’anne si gochuu danda’a. Hozaan isheen biyya Biraaziil jiraattuufi obboleettiinshee garmalee dhukkubsatte tokko, “Namni baay’ee jaallattu tokko boqonnaa malee yommuu dhiphatu arguun baay’ee rakkisaadha” Lakkoobsa 12:12, 13.
jetteetti. Museen inni Waaqayyoof amanamaa ture, yommuu obboleettiinsaa dhukkuba lamxiitiin qabamte, “Yaa Waaqayyo! Maaloo ishee fayyisi!” jedhee kadhateera.—Namni jaallannu tokko yommuu dhukkubsatu dhiphachuun keenya, bifa Waaqa keenya Yihowaa isa oo’a qabeessa ta’eetiin uumamuu keenya argisiisa. (Uumama 1:27; Isaayaas 63:9) Namoonni yommuu rakkatan Yihowaatti maaltu dhaga’ama? Wanta Yesusitti dhaga’ame ilaali. Yesus amala Abbaasaa sirriitti argisiiseera. (Yohannis 14:9) Yesus namoota dhukkubsatan “gara laafinaan” gargaareera. (Maatewos 20:29-34; Maarqos 1:40, 41) Michuunsaa Alaazaar du’uunsaa maatichaafi hiriyootasaarratti gadda guddaa akka geessise arguudhaan waan dhiphateef, “Yesus imimmaan isaa dhangalaase.” (Yohannis 11:32-35) Macaafni Qulqulluun duuti diina ta’uusaa kan ibsu yommuu ta’u, yeroo dhihootti dhukkubnis ta’e duuti akka badu abdii kenna.—1 Qorontos 15:26; Mul’ata 21:3, 4.
Namni jaallattu tokko garmalee dhukkubsachuusaa yommuu argitu nama ta’e tokko komachuunkee hin oolu. Haata’u malee, Doktarri Maartaa Ortiiz jedhamtuufi namoota garmalee dhukkubsatan ilaalchisee barreeffama qorannaarratti hundaa’e qopheessite tokko gorsa akkas jedhu kenniteetti: “Haala namni garmalee dhukkubsate keessa jiru ilaalchisee, tuuta wal’aansa fayyaa, narsoota ykn of hin komatin. Kana gochuunkee walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabdu balleessuufi wanta dursi kennamuufii qabu, jechuunis wanta nama dhukkubsate sanaaf barbaachisu gochuurraa si dhowwa malee faayidaa garabiraa hin qabu.” Namni jaallattu tokko dhukkubasaa akka danda’u ykn du’asaa akka eeggatu gargaaruuf maal gochuu dandeessa?
Namicharratti Malee Dhukkubasaarratti Hin Xiyyeeffatin
Tarkaanfiin inni duraa, jijjiirama dhukkubichi qaama namichaarratti geessiserratti utuu hin ta’in namicharratti xiyyeeffachuudha. Kana gochuu kan dandeessu akkamitti? Narsiin Saaraa jedhamtu akkas jetteetti: “Yeroo ramadeen suuraa namni dhukkubsate sun yommuu fayyaa
turetti ka’en ilaala. Wanta kanaan dura raawwate yommuu natti himu xiyyeeffannaadhaanan dhaggeeffadha. Kunimmoo haala namichi amma irratti argamu qofarratti xiyyeeffachuu mannaa, jireenyaafi seenaasaa akkan yaadadhu na gargaara.”Narsiin Aan Kaatriin jedhamtummoo, haala nama baay’ee dhukkubsateerratti utuu hin ta’in, wanta inni kanaan dura godherratti xiyyeeffachuuf kan ishee gargaare maal akka ta’e ibsiteetti. “Ija nama dhukkubsate kanaa keessan ilaala; achiis nama kana gargaaruuf maal gochuu akkan danda’un yaada” jetteetti. Kitaabni, Za Niids oov za Daayiing—Ee Gaayid foor Briingiing Hoop, Koomfart, eend Laav tuu Laayifs Faayinaal Chaaptar jedhamu akkas jedha: “Namni jaallattan dhukkubaan ykn balaadhaan yommuu miidhamu garmalee dhiphachuun kanuma jirudha. Haala akkasii keessatti wanti hundarra caalu, ija namichaa keessa ilaaluufi amma dhukkuba akkamiitiiniyyuu yoo qabame namni kun eenyu akka ta’e yaadachuudha.”
Kun, of to’achuufi gara kuteeyyii ta’uu kan gaafatudha. Kiristiyaanni ilaaltuu olaanaa ta’eefi Joorji jedhamu, namoota garmalee dhukkubsatan yeroo baay’ee kan gaafatu yommuu ta’u, “Jaalalli michuu keenyaaf qabnu, dhukkuba sana caalaa cimaa ta’uu qaba” jechuudhaan wanta itti dhaga’amu ibseera. Dhukkubicharratti utuu hin ta’in namicharratti yoo xiyyeeffatte, ofis ta’e nama jaallattu sana fayyaduu dandeessa. Dubartiin Ivoon jedhamtuufi daa’imman dhukkuba kaansariitiin miidhaman wal’aantu tokko akkas jetti: “Namoonni dhukkubsatan kabaja ofiif qaban akka hin dhabne gargaaruu akka dandeessu hubachuunkee, qaamnisaanii yeroo dadhabaa adeemu abdii akka hin kutanne si gargaara.”
Dhaggeeffachuuf Of Qopheessi
Namoonni, nama tokko baay’ee kan jaallatan yoo ta’eyyuu, du’a jala ennaa ga’u isa arguu hin barbaadan ta’a. Maaliif? Isa bira yoo dhaqne wanta dubbannu dhabna jedhanii yaadda’u. Haata’u malee, dubartiin Aan Kaatriin jedhamtuufi hiriyaashee baay’ee dhukkubsatte tokkoof kunuunsa gochaa turte, callisuun yeroo itti barbaachisu akka qabu dubbatteetti. “Dubbiidhaan qofa utuu hin ta’in, haala keenyaanis warra kaan jajjabeessuu dandeenya. Teessoo keenya harkifannee itti siqnee taa’uun, harkasaanii qaqqabuufi wanta isaanitti dhaga’amu yommuu dubbatan boo’uun keenya, akka isaaniif yaannu argisiisa” jetteetti.
Namni jaallattan kun dhoksaa tokko malee miirasaa ibsuun isa barbaachisa ta’a. Yeroo baay’ee garuu, namni garmalee dhukkubsate tokko michoonnisaa dhimmawwan gurguddaa kaasanii isa biratti haasa’uu akka hin barbaanne beeka. Namoonni isa jaallataniifi maatiinsaa, haala fayyaasaa dabalatee dhimmawwan nama sana yaaddessan kaasanii mari’achuurraa of qusatu. Haata’u malee, dhoksaan akkasii balaa akkamii qaba? Doktarri namoota garmalee dhukkubsataniif wal’aansa godhu tokko, nama dhukkubsate tokkotti dhugaasaa himuu dhiisuun, dhukkubasaa akka hin dandeenyeefi waa’eesaa ifatti akka hin dubbanne, akkasumas namoonni isa jaallatan isa gargaaruuf humna akka dhaban akka godhu dubbateera. Kanaaf, namni dhukkubsate sun yoo barbaade, haala irra jiruufi tariimmoo du’uu akka danda’u ifatti akka dubbatu isaaf heyyamuun barbaachisaadha.
Tajaajiltoonni Waaqayyoo warri durii, du’a jala ennaa ga’an sodaasaanii Yihowaatti himataniiru. Fakkeenyaaf, Hisqiyaas Mootichi yeroo umriinsaa 39 ta’etti akka du’u erga beekee booda, gaddasaa ibseera. (Isaayaas 38:9-12, 18-20) Namoonni dhukkuba du’aaf nama saaxiluun qabamanis, jireenyisaanii gabaabbachuusaatiin gadda isaanitti dhaga’ame akka ibsan heyyamamuufii qaba. Tarii biyyoota addaddaa dhaquuf, maatii godhachuuf, ijoolleen ijoolleesaanii guddatanii arguuf ykn guutummaatti Waaqayyoon tajaajiluuf kaayyoo qabanirra ga’uu dadhabuusaaniitti ni gaddu ta’a. Yookiinimmoo, michoonniifi miseensonni maatii keenya maal akka godhan wallaaluudhaan nurraa fagaatu jedhanii sodaatu ta’a. (Iyoob 19:16-18) Baay’ee na dhukkuba, qaamakoo to’achuun dadhaba ykn nan du’a jedhanii yaadda’uunillee isaan dhiphisuu danda’a.
Aan Kaatriin akkas jetti: “Michuunkee yommuu dubbatu gargar kutuu ykn isatti faraduufi sodaachuunsaa sirrii akka hin taane dubbachuu mannaa, yaadasaa akka ibsu gochuunkee barbaachisaadha. Kana gochuunkee, wanta isatti dhaga’amu, fedhasaa, sodaasaafi abdiisaa beekuuf baay’ee si gargaara.”
Wanta Isa Barbaachisu Hubadhu
Dhukkubni michuukeetii yaalii cimaa isaaf godhameefi rakkina yaalii sanaan itti dhufeen kan ka’e itti cimuunsaa, wanta isa barbaachisu, jechuunis mirga murtoo mataasaa gochuuf qabu akka dagattu si gochuu danda’a.
Biyyoota tokko tokkotti, maatiin nama dhukkubsate tokkoo haala inni keessatti argamu isa dhoksuufi yaalii fayyaa isaaf godhamu ilaalchisee wanta murteessan isa dhoksuunsaanii akka isa fayyadu itti dhaga’ama. Biyyoota kan biraattimmoo rakkoo kanarraa adda ta’etu uumama. Fakkeenyaaf, narsii kan taate Jeeriin, “Yeroo tokko tokko namoonni dhukkubsaticha gaafachuu dhufan, akka waan inni achi hin jirreetti isuma bira dhaabatanii waa’eesaa haasa’uu jaallatu” jetteetti. Gochi kunis ta’e inni duraa ulfina nama dhukkubsate sanaa kan hir’isudha.
Wanta isa barbaachisu keessaa inni kaanimmoo abdiidha. Biyyoota yaaliin fayyaa gaarii ta’e itti argamutti, yeroo baay’ee abdiin kan wal qabatu yaalii fayyaa gaarii ta’e argachuu wajjinidha. Misheel isheen haadhashee ishee al sadii dhukkuba kaansariitiin qabamte gargaaraa turte, “Haatikoo yaalii fayyaa kan biraa godhachuu ykn doktara kan biraa mariisiisuu utuu barbaaddee, wanti barbaadde akka godhamun ishee gargaara. Keessa kootti wanta ta’uuf jedhu amanee fudhachuu, afaankootiin garuu wanta ishee jajjabeessu dubbachuu akkan qabu hubadheera” jetteetti.
Dhukkubsatichi akka hin fayyine yoo mirkanaa’ehoo maaltu godhamuu qaba? Namni dhukkuba isa ajjeesuun qabame, waa’ee du’aa ifatti haasa’uun akka isa barbaachisu hin dagatin. Joorji inni ilaaltuu olaanaa ta’eefi armaan olitti caqasame, “Namni kun dhiheenyatti akka du’u isa dhoksuun barbaachisaa miti. Kun ta’uunsaa, dhukkubsatichi qophii barbaachisaa ta’e akka godhuufi du’asaatiif akka of qopheessu isa gargaara” jedheera. Kunimmoo, du’uusaa dura wanta gochuu barbaadu akka raawwatuufi warra kaanirratti ba’aa akka ta’e akka isatti hin dhaga’amne godha.
Dhugaadha, wanta akkasiirratti waliin haasa’uun ni ulfaata. Haata’u malee, akkasitti ifatti waliin haasa’uun keessan, miirakee akka gaariitti ibsuuf carraa sii bana. Namni du’uuf jedhu sun, wal dhabiinsa kanaan dura uumameef furmaata kennuu, akka gaabbe ibsuu ykn dhiifama gaafachuu barbaada ta’a. Mariin akkasii kun, walitti dhufeenya nama kanaa wajjin qabdan isinii cimsuu danda’a.
Yeroo Duutisaa Dhihaatu Isa Jajjabeessuu
Nama du’uu jala ga’e jajjabeessuu kan dandeessu akkamitti? Doktar Ortiz, inni armaan olitti caqasame, “Namni dhukkubsate sun, wanta barbaade akka gaafatu godhi. Sirriitti isa dhaggeeffadhu. Yoo dandeesse wanta inni barbaade sana godhiif. Kana gochuun hin danda’amu taanaanimmoo, dhugaasaa itti himi” jedheera.
Namni du’uuf jedhu tokko, yeroo kamiyyuu caalaa michootasaa wajjin ta’uun akka isa barbaachisu itti dhaga’amuu danda’a. Joorji, “Dhukkubsatichi humna dhabuusaatiin kan ka’e baay’ee waliin haasa’uu kan hin dandeenye ta’uyyuu, namoota jaallatu akka argatu godhi” jedheera. Wal arguu kan danda’an bilbilaan qofallee yoo ta’e, karaa kanaan waliin haasa’uunsaanii akka wal jajjabeessaniifi akka waliin kadhatan carraa argamsiisaaf. Lammii biyya Kaanaadaa kan taate Kiristiinaan, namoonni jaallattu sadii walumatti aansanii kan jalaa du’an yommuu ta’u, “Yeroo du’a jala ga’an, kadhannaa Kiristiyaanonni kaan isaaniif godhanitti caalaatti amanamuu jalqaban” jetteetti.
Nama jaallattu sana biratti boo’uun si qaanessuu qabaa? Matumaa si qaanessuu hin qabu. Yoo boosse, michuunkee inni du’uuf jedhu akka si jajjabeessu carraa laattaaf. Kitaabni, Za Niids oov za Daayiing jedhamu, “Namni du’uuf jedhu nu jajjabeessuunsaa garaa namaa kan tuqu yommuu ta’u, kana gochuunsaa faayidaa guddaa isaaf argamsiisa” jedha. Namni kunuunsi baay’een godhamaafii jiru kun, warra kaan jajjabeessuunsaa, innis akka michuu, abbaa ykn haadhaa ta’ee
warra kaan kunuunsuu akka danda’u akka itti dhaga’amu godha.Yeroo michuunkee du’a jala ga’utti isaa wajjin akka hin taane haalli tokko tokko si dhowwuu akka danda’u beekamaadha. Hospitaalattis ta’e manatti, michuukee kanaa wajjin ta’uu yoo dandeesse garuu, hamma du’utti harkasaa qabauuf yaali. Yeroon kun, miira sanaan dura hin ibsine ibsuuf carraa akka argattu si gargaara. Inni deebii sii deebisuu baatuyyuu, nagaatti isaan jechuu, akkasumas akka isa jaallattuufi yeroo du’aa ka’u isa arguuf abdii akka qabdu ibsuurraa duubatti hin jedhin.—Iyoob 14:14, 15; Hojii Ergamootaa 24:15.
Yeroo xumuraa sanatti akka gaariitti yoo fayyadamte wanti yeroo booda si gaabbisiisu hin jiraatu. Yeroo kanatti jaalala ho’aa akka isatti argisiiste yaadachuudhaan gara fuulduraatti jajjabina argatta. “Yeroo gidiraatti” michuu dhugaa akka taates ni mirkaneessita.—Fakkeenya 17:17, [hiika bara 1899].
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 14rra jiru]
Dhukkubicharratti utuu hin ta’in namicharratti xiyyeeffachuunkee, siifis ta’e nama jaallattu sanaaf faayidaa qaba
[Saanduqa/Fakkii fuula 16rra jiru]
Karaa Mirgi Dhukkubsataa Tokkoo Itti Kabajamu
Biyyoota baay’eetti namoonni du’a jala ga’an, mirgi nagaafi ulfinaan du’uuf qaban akka isaanii kabajamu carraaqqiin ni godhama. Barreeffamni fedhii dhukkubsatichaa ibsu dursee qophaa’uunsaa baay’ee barbaachisaadha. Kana gochuun, mirgisaa kuniifi fedhiin namni kun manasaatti ykn mana yaalaatti du’uuf qabu akka kabajamu godha.
Barreeffamni dursee qophaa’e faayidaawwan armaan gadii qaba:
• Ogeessonni fayyaafi firoottansaa akka isaa wajjin walii galan godha
• Maatiinsaa yaaliin fayyaa akkamii akka isaaf godhamu murteessuuf akka hin rakkanne gargaara
• Yaaliin fayyaa faayidaa hin qabne, rakkisaa ta’eefi baasii baay’ee gaafatu akka hin godhamne gargaara
Barreeffamni kun yaadawwan armaan gadii kan qabate ta’uu qaba:
• Yaalii fayyaa sii godhamu ilaalchisee maqaa nama siin bakka bu’ee murtoo godhuu
• Fayyuuf abdii hin qabdu yoo ta’e, yaalii fayyaa akka sii godhamu barbaadduufi hin barbaanne
• Kan danda’amu taanaan, maqaa ogeessa fayyaa filannaakee beekuu
[Fakkii fuula 13rra jiru]
Haala nama dhukkubsate sanaarratti qofa utuu hin ta’in, jireenyaafi seenaasaarratti xiyyeeffadhu