Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waan Arginu Qofatti Amanuu Qabnaa?

Waan Arginu Qofatti Amanuu Qabnaa?

Waan Arginu Qofatti Amanuu Qabnaa?

Namoonni tokko tokko, “Waaqayyo jiraachuusaafi jireenya bara baraa ilaalchisee, barumsa Kiristiyaanonniifi namoonni amantii garabiraa hordofan itti amanan mirkaneessuun hin danda’amu. Dhimma kana tarii gara fuulduraatti beekuun ni danda’ama ta’a yoo jedhameyyuu, yeroo ammaatti garuu beekuun hin danda’amu” jedhanii yaadu.—HAYYUU FALAASAMAA KAN TA’AN BERTIRAAND RAASIL, 1953.

NAMNI yeroo jalqabaatiif Waaqayyo jiraachuusaa beekuun hin danda’amu jedhe, Toomaas Haaksileey kan jedhamu yommuu ta’u, innis nama waa’ee bineensotaa qoratu ture. Haaksileey, bara 1825⁠tti kan dhalate yommuu ta’u, nama bara Chaarlas Daarwiinitti jiraateefi barumsa jijjiirama tirannaa deggeru ture. Haaksileey, bara 1863⁠tti ‘akka Kiristiyaanonni jedhanitti ragaa Waaqni nu jaallatuufi waa’ee keenya yaadu jiraachuusaa’ mirkaneessu tokkollee akka hin arganne barreesseera.

Yeroo ammaatti namoonni hedduun, wanta ijaan argan qofatti akka amanan dubbachuudhaan, yaada namoonni beekamoo jedhaman qaban kanatti akka walii galan argisiisu. Namoonni kun, qaama ykn wanta ragaa hin qabnetti amanuun gowwummaadha jedhanii yaadu ta’a.

Macaafni Qulqulluun ragaa tokko malee Waaqayyotti akka amannu nu jajjabeessaa? Matumaa. Kanaa mannaa wanta kanarraa faallaa ta’e nu barsiisa. Macaafni Qulqulluun yaadawwan ragaa hin qabnetti amanuun gowwummaa ta’uusaa ibsa. “Namni wallaalaan dubbii hundumaa amana, namni hubataan garuu lafa dhaqu in ilaallata” jedha.—Fakkeenya 14:15.

Waaqayyotti amanuu jechuun, wanta ragaa hin qabnetti amanuu jechuudhaaree? Waaqayyo nu jaallachuunsaafi nuu yaaduunsaa hafee, ragaan innumti jiraachuusaa argisiisu jiraa?

Amalawwan Waaqayyoo Mul’ataniiru

Namoota Macaafa Qulqulluu barreessan keessaa tokko kan ta’e Phaawulos, Waaqayyo, “biyya lafaa, kan isa keessa jirus hundumaa kan uume” ta’uusaa, namoota Ateenaa warra barumsa guddaa qabanitti himeera. Phaawulos, namoota shakkiidhaan isa dhaggeeffachaa turanitti, Waaqayyo ilmaan namootaatiif kan yaadu ta’uusaafi ‘hunduma keenyarraa fagoo akka hin taane’ dubbateera.—Hojii Ergamootaa 17:24-27.

Phaawulos, Waaqayyo akka jiruufi namoota uumeef akka yaadu kan amane maaliif ture? Ergaa Kiristiyaanota Roomaa jiraniif barreesserratti, sababii Waaqayyo jiraachuusaa isa amansiise tokko ibseera. Phaawulos, Waaqayyoon ilaalchisee, “Bifni isaa ijaan hin argamne; . . . erga biyyi lafaa uumamee jalqabee waan inni uume irratti qalbifatamee yaadatti argamuu in danda’a” jechuudhaan barreesseera.—Roomaa 1:20.

Matadureewwan ittaanan, amalawwan Waaqayyoo wantoota inni uumerratti mul’atan sadii ibsu. Yommuu yaadawwan kana qorachaa adeemtu, ‘Waa’ee amalawwan Waaqayyoo beekuunkoo maal akkan godhu na kakaasuu qaba?’ jedhii of gaafadhu.

[Fakkii fuula 3rra jiru]

Macaafni Qulqulluun ragaa tokko malee Waaqayyotti akka amannu nu hin jajjabeessu