Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ximotewos Tajaajiluuf Fedhiidhaan Of Qopheessee Ture

Ximotewos Tajaajiluuf Fedhiidhaan Of Qopheessee Ture

Ijoollee Keessan Barsiisaa

Ximotewos Tajaajiluuf Fedhiidhaan Of Qopheessee Ture

GAAFFII “Qophoofteettaa?” jedhu gaafatamtee beektaa? Namni gaaffii akkasii si gaafatu qophaa’uukee beekuu akka barbaade beekamaadha. Namni kun, ‘Kitaaba ittiin qayyabattu qabatteettaa? Wanta barattu dubbisteettaa?’ jechuusaa ta’uu danda’a. Seenaa kanaa gadi jirurraa hubachuun akka danda’amutti Ximotewos qophaa’ee ture.

Ximotewos fedhiis qaba ture. Kana jechuun maal jechuu akka ta’e beektaa? Ximotewos yommuu tajaajila Waaqayyootiif afeerame, ilaalcha tajaajilaa Waaqayyoo, “Kunoo, ani jira, ana ergi” jedhe tokkoo wajjin wal fakkaatu akka qabu argisiiseera. (Isaayaas 6:8) Ximotewos tajaajiluuf, fedhiidhaan of qopheessee waan tureef, jireenya gammachuu qabu jiraateera. Waa’ee kanaa beekuu barbaaddaa?

Naannoo bara Yesus Yerusaalemitti ajjeefametti, Ximotewosimmoo Lisxiraa ishee magaalaa kanarraa kiilomeetira dhibbaan lakkaa’amu fagaattee jirtutti dhalate. Akkoonsaa Lo’isiifi haatisaa Ewuniiqeen Caaffata Qulqullaa’oo akka gaariitti kan baratan si’a ta’u, kanas xinnummaasaatii kaasanii Ximotewosiin barsiisaa turan.—2 Ximotewos. 1:5; 3:15.

Phaawulos ergamaafi Barnaabaas Lisxiraa kan daawwatan adeemsa lallabaasaanii isa dheeraafi isa jalqabaarratti yommuu ta’u, yeroo kanatti Ximotewos umriinsaa gara waggaa 17 ture. Haatiifi akkoon Ximotewos Kiristiyaanota kan ta’an yeroo kanatti ta’uu hin oolu. Rakkina yeroo sanatti Phaawulosiifi Barnaabaasirra ga’e beekuu barbaaddaa? Namoonni Kiristiyaanota jibban, Phaawulosiin dhagaadhaan rukutanii erga kuffisanii booda gototanii magaalaadhaa isa baasan. Yeroo kanatti du’eera jedhanii yaadanii turan.

Haata’u malee, namoonni wanta inni barsiisetti amanan yommuu isatti marsan Phaawulos lafaa ni ka’e. Guyyaa itti aanutti Phaawulosiifi Barnaabaas naannoo sanaa kan adeeman yoo ta’eyyuu, sana booda utuu hin turin Lisxiraatti deebi’aniiru. Yeroo kanatti Phaawulos, “Gidiraa baay’ee keessa darbuudhaan mootummaa Waaqayyootti galuun nuuf in ta’a” jechuudhaan bartoota jajjabeesseera. (Hojii Ergamootaa 14:8-22) Phaawulos maal jechuusaa akka ture beektaa? Namoonni kaan warra Waaqayyoon tajaajilanirratti rakkina akka uuman dubbachuusaa ture. Phaawulos yeroo booda, “Nama Waaqayyoo ta’ee jiraachuu kan hawwu hundinuu ari’atamuuf jira” jechuudhaan Ximotewosiif barreesseera.—2 Ximotewos 3:12; Yohannis 15:20.

Phaawulosiifi Barnaabaas Lisxiraadhaa gara biyyasaaniitti deebi’an. Ji’oota muraasa booda, Phaawulos Siilaasiin fudhatee bartoota haaraa bakka duraan itti lallabe jiran jajjabeessuuf deebi’ee deeme. Yommuu Lisixiraa ga’an, Ximotewos Phaawulosiin lammata arguusaatti baay’ee akka gammade beekamaadha. Phaawulosiifi Siilaasii wajjin akka adeemu yommuu afeeramemmoo caalaatti gammadeera. Ximotewos afeerrii isaa dhihaate kana kan fudhate yommuu ta’u, isaanii wajjin adeemuuf fedhiidhaan of qopheessee ture.—Hojii Ergamootaa 15:40–16:5.

Sadansaanii kiilomeetira hedduu miillaan erga deemanii booda markaba yaabbatan. Achiis markabarraa bu’anii, Tasaloniiqee ishee biyya Giriikitti argamtu dhaqan. Iddoo kanatti namoonni baay’een Kiristiyaanota ta’aniiru. Haata’u malee, warri kaan waan aaraniif jeequmsa uumanii turan. Phaawulos, Siilaasiifi Ximotewos balaadhaaf saaxilamanii waan turaniif gara Beriyaa deeman.—Hojii Ergamootaa 17:1-10.

Phaawulos, waa’een bartoota haaraa Tasaloniiqee jiranii waan isa yaaddesseef, Ximotewosiin deebisee achitti erge. Maaliif akka ta’e beektaa? Phaawulos yeroo booda Kiristiyaanota Tasaloniiqeetiin, ‘Namni tokkollee abdii akka hin kutannetti akka isin jabeessuuf, cimsees akka isin gorsuufidha’ jechuudhaan sababiisaa ibseera. Phaawulos haala rakkisaa akkasii keessatti, Ximotewos isa dargaggeessa ture erguu kan filate maaliif akka ta’e beektaa? Ximotewos mormitoota sana biratti akka gaariitti kan hin beekamne ta’uusaarrayyuu, dhaquuf fedhii qaba ture. Kana gochuun ija jabina guddaa gaafata ture! Daawwannaansaa kun bu’aa akkamii argamsiise? Ximotewos yommuu gara Phaawulositti deebi’e amanamummaa warra Tasaloniiqee isatti himeera. Kanaan kan ka’es, Phaawulos “Waa’ee . . . keessaniin jajjabina arganneerra” jechuudhaan isaanii barreesseera.—1 Tasaloniiqee 3:2-7.

Ximotewos sana booda Phaawulosii wajjin waggaa kudhaniif tajaajileera. Achiis Phaawulos Roomaatti mana hidhaa kan gale yommuu ta’u, Ximotewos inni dhiheenyatti mana hidhaatii ba’e isaa wajjin ta’uuf isa bira dhaqe. Phaawulos utuu hidhamee jiruu, warra Filiphisiiyusiif xalayaa kan barreesse Ximotewositti fayyadamee ta’uu danda’a. Phaawulos, “Ximotewosin gara keessanitti erguuf nan abdadha. Ani nama akka kootti garaa qulqulluudhaan waa’ee keessaniif yaadu isa malee hin qabu” jedhee ture.—Filiphisiiyus 2:19-22; Ibroota 13:23.

Ximotewos jechoota kanatti baay’ee gammadee akka ture hin shakkisiisu! Ximotewos tajaajiluuf fedhii kan qabuufi qophaa’aa waan tureef, Phaawulos baay’ee isa jaallateera. Atis akkasuma akka taatu ni abdanna.

Gaaffiiwwan:

Ximotewos eessatti guddate? Yommuu Phaawulos yeroo jalqabaatiif iddoo sana daawwate maaltu raawwatame?

Ximotewos, Phaawulosiifi Siilaasii wajjin akka adeemu yommuu afeerame maal godhe?

Ximotewos ija jabeessa ta’uusaa kan argisiise akkamitti? Phaawulos kan isa jaallate maaliif ture?

[Fakkii fuula 30rra jiru]

Maaltu raawwatamaa jira?