Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yesus Dinqiidhaan Namoota Fayyise

Yesus Dinqiidhaan Namoota Fayyise

Dargaggootaaf

Yesus Dinqiidhaan Namoota Fayyise

Qajeelfama: Qorannaa kana bakka tasgabbaa’aa ta’etti godhi. Caqasoota yeroo dubbistu, seenaa sana keessatti hirmaachaa akka jirtutti yaadi. Wanta naannoo sanatti raawwatamaa ture yaadaan ilaali. Wanta dubbatamu akka dhaga’aa jirtu godhii yaadi. Seenaawwan kun dhugumaan akka raawwatamaa jiran godhii yaadi.

WANTA YEROO SANATTI RAAWWATAMERRATTI GADI FAGEENYAAN YAADI.MAATEWOS 15:21-28 DUBBISI.

Haati kun maaltu isheetti dhaga’amee ture jettee yaadda?

․․․․․

Yesus caqasoota kanaa gadi jiranirratti sagalee akkamiitiin yommuu dubbatu “dhageessa”? 24 _______ 26 _______ 28 _______

QORANNAA DABALATAA GODHI.

Yesus intala dubartii kanaa akka hin fayyisne, jechasaatiin ykn gochasaatiin si’a meeqa argisiise?

․․․․․

Yesus, jalqabarratti ishee fayyisuu kan dide maaliif ture?

․․․․․

Booda garuu Yesus kan ishee fayyise maaliifi?

․․․․․

WANTA BARATTE HOJIIRRA OOLCHI. BARUMSA ARGATTE BARREEFFADHU.

Yesus akka haalasaatti yaadasaa kan jijjiiru ta’uusaa ilaalchisee.

․․․․․

Walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabdurratti amala akkasii akkamitti argisiisuu akka dandeessu

․․․․․

WANTA YEROO SANATTI RAAWWATAMERRATTI GADI FAGEENYAAN YAADI.—MAARQOS 8:22-25 DUBBISI.

Mandara kana keessattis ta’e isaa alatti wanti akkamii kan mul’atuufi sagaleen akkamii kan dhaga’amu sitti fakkaata?

․․․․․

QORANNAA DABALATAA GODHI.

Yesus namicha fayyisuusaa dura mandaricha keessaa kan isa baase maaliif sitti fakkaata?

․․․․․

WANTA BARATTE HOJIIRRA OOLCHI. BARUMSA ARGATTE BARREEFFDHU.

Yesus ofiisaa hir’ina qaamaa kan hin qabne ta’uyyuu, namoota rakkina akkasii qabaniif kan gaddu ta’uusaarraa.

․․․․․

SEENAAWWAN MACAAFA QULQULLUU LAMAAN KANA KEESSAA KAN BAAY’EE SI TUQE ISA KAMI? MAALIIF?

․․․․․