Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Akkaataa Warra Kaan Itti Qabnu Ilaalchisee

Akkaataa Warra Kaan Itti Qabnu Ilaalchisee

Yesusirraa Maal Baranna?

Akkaataa Warra Kaan Itti Qabnu Ilaalchisee

Gaarummaa argisiisuu kan qabnu maaliifi?

Yeroo namoonni sitti hammaatanillee gaarummaa ni argisiistaa? Fakkeenya Yesus hordofuu yoo barbaanne, warra nu jibbaniifillee gaarii ta’uu qabna. Yesus akkas jedheera: “Warra isin jaallatan duwwaa yoo jaallattan, galanni keessan maali ree? Warri hin amanne iyyuu warra isaan jaallatan in jaallatu. . . . Isin garuu diinota keessan jaalladhaa, . . . ijoollee aabbaas in taatu; innoo warra galata hin qabnee fi warra hamootaaf iyyuu arjaa dha.”—Luqaas 6:32-36; 10:25-37.

Dhiifama gochuu kan qabnu maaliifi?

Dogoggora yeroo hojjennu Waaqayyo dhiifama akka nuu godhu barbaanna. Yesus, Waaqayyo dhiifama akka nuu godhu kadhachuun barbaachisaa akka ta’e barsiiseera. (Maatewos 6:12) Haata’u malee, Yesus, Waaqayyo dhiifama kan nuu godhu, warra kaaniif dhiifama yoo goone ta’uusaas dubbateera. “Namootaaf irra-daddarbaa isaanii yoo dhiiftaniif, abbaan keessan inni waaqa irraa immoo isiniif in dhiisa. Garuu isin namootaaf yoo dhiisuufii baattan, abbaan keessan immoo irra-daddarbaa keessan isiniif hin dhiisu” jedheera.—Maatewos 6:14, 15.

Maatiin gammachuu argachuu kan danda’u akkamitti?

Yesus gaa’ela godhatee kan hin beekne ta’uyyuu, akkaataa maatiin gammachuu itti argatu ilaalchisee isarraa barumsa argachuu dandeenya. Dubbiisaatiinis ta’e gochasaatiin, fakkeenya gaarii nuu ta’eera. Qabxiiwwan sadan kanaa gadi jiran ilaali:

1. Abbaan manaa haadha manaasaa akka dhagnasaatti jaallachuu qaba. Yesus abbootii manaatiif fakkeenya ta’eera. Bartootasaatiin, “Akka isin wal jaallattaniif abboommii haaraa isiniif nan kenna” erga jedhee booda, “Ani akkuman isin jaalladhe” jechuudhaan, hammam wal jaallachuu akka qaban ibseera. (Yohannis 13:34) Macaafni Qulqulluun, abbootiin manaa seera bu’uuraa kana hojiirra oolchuu akka qaban yommuu ibsu akkas jedha: “Kristos akkuma waldaa kristiyaanaa jaallate, waldaadhaafis dabarsee of kenne, akkasuma abbaan manaas haadha manaa isaa haa jaallatu! Akkasuma immoo abbaan manaa akkuma dhagna ofii isaa jaallatutti, haadha manaa isaa jaallachuun in ta’aaf; namni haadha manaa isaa jaallatu ofii isaa in jaallata. Namni foon isaa in soora, in dhimmaaf malee, takkaa foon isaa jibbee hin beeku; Kristosis waldaadhaaf akkasuma godhe.”—Efesoon 5:25, 28, 29.

2. Hiriyoonni gaa’elaa waliif amanamoo ta’uu qabu. Hiriyaa gaa’elaatiin alatti saalqunnamtii raawwachuun, Waaqayyorratti cubbuu hojjechuu yommuu ta’u, maatiis ni diiga. Yesus akkas jedhe: “Hin dubbifnee ree? . . . ‘Sababii kanaaf dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in ta’u.’ Egaa isaan lama miti, foon tokko malee; kanaafis waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar hin baasin! . . . Ani isinittan hima, yoo isheen ejjite malee, namni haadha manaa isaa baasee kan biraa fuudhe in ejja.”—Maatewos 19:4-9.

3. Ijoolleen warrasaaniitiif abboomamuu qabu. Yesus cubbuu kan hin qabne, warrisaammoo cubbuu kan dhaalan ta’us, ijoollummaasaatti isaaniif ajajameera. Macaafni Qulqulluun, Yesus yeroo umriinsaa waggaa 12 turetti, “Abbaa isaa fi haadha isaa wajjin Naazireetitti deebi’ee, isaaniif abboomamaas jiraate” jedha.—Luqaas 2:51; Efesoon 6:1-3.

Seerawwan bu’uuraa kana hojiirra oolchuu kan qabnu maaliifi?

Yesus, barumsa bartootasaatiif kenne ilaalchisee, “Kana erga beektanii, akkuma kanaatti yoo hojjettan kan ayyaanomtanii dha” jedheera. (Yohannis 13:17) Kiristiyaanota dhugaa ta’uu yoo barbaanne, akkaataa warra kaan itti qabnu ilaalchisee gorsa Yesus nuu kenne hojiirra oolchuu qabna. Yesus, “Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku” jedheera.—Yohannis 13:35.

Yaada dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu boqonnaa 14 ilaali *

[Miiljalee]

^ key. 14 Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan qophaa’e.

[Fakkii fuula 30rra jiru]

Fakkeenyi Yesus waa’ee mucaa qarshiisaa bittinse tokkoo dubbate, gaarummaa argisiisuufi dhiifama gochuun barbaachisaa ta’uusaa nu barsiisa.—Luqaas 15:11-32

[Fakkii fuula 31rra jiru]

Hiriyoonni gaa’elaa waliif amanamoo ta’uu qabu