Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Bishaan Badiisaa Bara Nohi, Addunyaa Maratti Kan Ga’e Turee?

Bishaan Badiisaa Bara Nohi, Addunyaa Maratti Kan Ga’e Turee?

Gaaffii Dubbistootaa

Bishaan Badiisaa Bara Nohi, Addunyaa Maratti Kan Ga’e Turee?

Bishaan Badiisaa bara Nohi kan ga’e waggaa 4,000 dura ture. Kanaafuu, namni badiisa sanarraa oolee waa’ee dhimma kanaa nutti himu hin jiru. Ta’us seenaan waa’ee badiisa sanaa dubbatuufi barreeffamaan taa’e, Bishaan Badiisaa sun gaarawwan dhedheeraa yeroo sanatti turanillee liqimsee akka ture ibsa.

Seenaan kun, “Bishaan badiisaa guyyaa afurtama itti fufee lola’ee lafa in fudhate; bishaanichi lafa irra guutee, . . . Bishaanichi lafa irratti humna godhatee, tulloota dhedheeroo guutummaa bantii waaqaa jala jiran hundumaa in dhokse. Bishaanichi tulloota irra iyyuu dhundhuma kudha shan [meetirii 6.5] ol darbuudhaan isaan in dhokse” jedha.—Uumama 7:17-20.

Namoonni tokko tokko, seenaan lafti guutummaatti bishaaniin uwwifamtee turte jedhu, afooladha ykn kan arbeeffamedha jedhanii yaadu. Yaanni kun garuu matumaa sirrii miti! Dhugaasaa dubbachuuf, ammayyuu harki caalaan lafa kanaa bishaaniin uwwifameera. Lafti dhibbeentaa 71 galaanaan kan uwwifamtedha. Kanaaf, Bishaan Badiisaa ammayyuu lafuma kanarra jira jechuun ni danda’ama. Cabbiin andaara lafaarra jiru utuu baqee, galaanni guutee magaalaawwan akka Niiwu Yoorkiifi Tookiyoo jiran uwwisuu danda’a.

Namoonni kaaba Yunaayitid Isteetsitti qorannaa dachee godhan, bara duriitti yoo xinnaate al 100 naannoon sun bishaaniin akka balleeffame ni amanu. Bishaan naannoo sana balleessan keessaa inni tokko ol dheerina meetira 600 kan qabuufi sa’aatii tokkotti kiilomeetira 105 kan fiigu ture. Bishaan kun naannoo kiilomeetira 2,000 kan uwwisuufi toonii tiriiliyoona lama caalaa kan ulfaatu ture. Qorannaawwan godhaman kun, saayintistoonni kaanis addunyaa maratti Bishaan Badiisaa ga’ee ta’uu akka danda’u akka amanan godheera.

Haata’u malee, namoonni Macaafni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo ta’uusaa amanan, Bishaan Badiisaa biyya lafaarratti ga’ee akka ture hin shakkan. Yesus Waaqayyoon, “Dubbiin kee dhugaa dha” jedheera. (Yohannis 17:17) Phaawulos ergamaanis Waaqayyo, “namni hundinuu akka fayyu, dhugaa beekuu biras akka ga’u” fedhii qabaachuusaa barreesseera. (1 Ximotewos 2:3, 4) Dubbiin Waaqayyoo afoola utuu ta’ee, Phaawulos duuka buutota Kiristos barumsawwan dhugaa barsiisuu hin danda’u ture.

Yesus, Bishaan Badiisaa ga’uusaa qofa utuu hin ta’in, badiisni kun guutummaa biyya lafaarratti akka ga’es ni amana ture. Raajii waa’ee argamuusaafi dhuma bara si’anaa ilaalchisee dubbate, wanta bara Nohitti raawwatamee wajjin wal qabsiisee ibseera. (Maatewos 24:37-39) Phexros ergamaanis, “Bishaanuma sanaan immoo biyyi lafaa inni yeroo sana ture sun liqimfamee [balleeffame]” jechuudhaan waa’ee Bishaan Badiisaa bara Nohi barreesseera.—2 Phexros 3:6.

Seenaan waa’ee Nohis ta’e Bishaan Badiisaa addunyaa maratti ga’ee dubbatu afoola utuu ta’ee, akeekkachiisni Phexrosis ta’e Yesus namoota bara dhumaatti argamaniif kennan hiika hin qabaatan ture. Bishaan Badiisaa bara Nohitti ga’e afooladha yaanni jedhu, namni tokko akeekkachiisa Macaafa Qulqulluu keessatti argamu akka shakku, akkasumas badiisa bara Nohitti ga’erra caaluufi dhiheenyatti dhufurraa akka hin oolle godha.—2 Phexros 3:1-7.

Waaqayyo sabasaatiif dhiifama akka godhu akkas jechuudhaan mirkaneesseera: “Bara Nohitti, ‘Ani si’achi lolaa bishaaniitiin lafa hin balleessu’ jedhee akkuman kakadhe, akkasuma amma immoo, ‘Ani sitti hin dheekkamu, si’achis si hin ifadhu.’” Bara Nohitti Bishaan Badiisaa lafa kanarra guutee akkuma ture, gaarummaan Waaqayyoos namoota isatti amanamaniif akka baay’atu hin shakkisiisu.—Isaayaas 54:9.