Dhugaa Baatonni Yihowaa Waraanarratti Kan Hin Hirmaanne Maaliifi?
Gaaffii Dubbistootaa
Dhugaa Baatonni Yihowaa Waraanarratti Kan Hin Hirmaanne Maaliifi?
Dhugaa Baatonni Yihowaa eessayyuu jiraatan, waraana saboota gidduuttis ta’e loltoota biyya tokkoo gidduutti godhamu kamirrattiyyuu hirmaachuu dhiisuudhaan seenaa yeroo dheeraa qabu. Jaarraa walakkaa dura, Awustiraaliyaan Insaayikilooppeediyaan, “Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo duulaatti garee kamiyyuu hin deggeran” jechuudhaan gabaaseera.
Sababiin guddaan Dhugaa Baatonni waraanarratti hin hirmaanneef, walitti bu’iinsa akkasiirratti hirmaachuun yaada garaasaanii kan xureessu waan ta’eefi. Yaanni garaasaanii ajajaafi fakkeenya Gooftaasaanii Yesus Kiristosiin leenjifameera. Yesus, duuka buutonnisaa namoota akka jaallatan isaan ajajeera. Kana malees, “Diinota keessan jaalladhaa warra isin jibbaniifis gaarii godhaa” jechuudhaan ajaja kenneera. (Luqaas 6:27; Maatewos 22:39) Bartootasaa keessaa tokko, billaadhaan diinotasaa isarraa ittisuuf yeroo yaalee turetti, Yesus, “Billaa kee mann’ee isaatti deebisi; warri billaa luqqifatan hundinuu billaadhaan in badu” jedheen. (Maatewos 26:52) Kanaafuu, jechaanis ta’e fakkeenya ta’uudhaan duuka buutonnisaa meeshaa waraanaa hidhatanii waraanarratti hirmaachuu akka hin qabne argisiiseera.
Sababiin Dhugaa Baatonni Yihowaa waraanarratti hin hirmaanneef inni kaanimmoo, miseensota tuuta amantoota addunyaa maraa waan ta’aniifidha. Waraanni, namni tokko obboleessasaa wajjin akka wal lolu godha; kunimmoo ajaja Yesus, ‘jaalala akka waliif qabaatan’ kennee wajjin wal faallessa.—Yohannis 13:35.
Dhugaa Baatonni Yihowaa, waa’ee seerawwan bu’uuraa jaalala ilaalchisee armaan olitti ibsamanii dubbachuu qofa utuu hin ta’in, hojiirras ni oolchu. Fakkeenyaaf, Waraana Addunyaa Isa Lammaffaa bara 1939-1945tti godhame ilaalchisee tarkaanfii akkamii akka fudhatan ilaali. Yuunaayitid Isteetis keessatti, Dhugaa Baatonni 4,300 caalan waraanarratti hirmaachuu waan didaniif mana hidhaa galaniiru. Biriitaaniyaa keessatti, dubartoota 300 ol ta’an dabalatee Dhugaa Baatonni 1,500, hojiiwwan waraanaa wajjin wal qabatan hojjechuu diduusaaniitiin mana hidhaa galaniiru. Naazii Jarmanitti, Dhugaa Baatonni 270 ol ta’an waraanarratti hirmaachuu waan didaniif ajaja mootummaatiin ajjeefamaniiru. Bulchiinsa Naazii jalatti, Dhugaa Baatonni 10,000 caalan mana hidhaa galaniiru. Dhugaa Baatota Jaappaan keessa turanirras rakkinni guddaan ga’eera. Namni Waraana Addunyaa Isa Lammaffaarrattis ta’e waraana sana booda godhamerratti nama jaallatu tokko du’aan dhabe kamiyyuu, Dhugaa Baatuun tokkoyyuu warra du’an sanaaf itti gaafatamuu akka hin dandeenye mirkanaa’aa ta’uu qaba.
Wanti dargaggeessi Voolfigaang Kusaroo jedhamu tokko ajjeefamuusaa dura dubbate, ilaalcha Dhugaa Baatonni Yihowaa waraanaaf qaban akka gaariitti ibsa. Bara 1942 warri Naazii dargaggeessi waggaa 20, nama Jarman ture kun waraana dhaquu diduusaatiin morma irraa kutanii ajjeesaniiru. (Isaayaas 2:4) Dargaggeessi kun, dhaddacha loltootaa duratti yommuu dhiheeffame akkas jedhee ture: “Ani dubbii Waaqayyoo isa Caaffata Qulqullaa’oo keessatti argamu barachuudhaan Dhugaa Baatuu ta’een guddadhe. Seera inni ilmaan namootaatiif kenne keessaa inni hunda caalaa guddaafi qulqulluu ta’e, ‘Waaqayyo kee waan hundumaa caalaa jaalladhu; nama akka ofii keetti jaalladhu’ jedha. Abboommiin kaanimmoo, ‘Hin ajjeesin!’ jedha. Uumaan keenya abboommiiwwan kana kan barreessise mukaafiiree?”—Maarqos 12:29-31; Ba’uu 20:13.
Dhugaa Baatonni Yihowaa, lafarratti nagaa barabaraa kan fidu Waaqa hundumaa danda’u kan ta’e Yihowaa qofa ta’uusaa amanu. Abdiin inni “hamma andaara lafaatti duulli akka dhaabatu” gochuuf kenne hamma raawwatamutti hawwiidhaan isa eeggatu.—Faarfannaa 46:9.