Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Fedhii Waa Beekuuf Qabdutti Sirriitti Itti Fayyadami

Fedhii Waa Beekuuf Qabdutti Sirriitti Itti Fayyadami

Fedhii Waa Beekuuf Qabdutti Sirriitti Itti Fayyadami

“Namni uumama gaaffii gaafatudha. Yeroo dhalannee kaasnee gaaffii gaafachuu jalqabna . . . Seenaan ilmaan namootaa, gaaffiifi deebii nuyi uumneen kan guutamedha jechuun ni danda’ama.”—Barreessaa walaloo lammii Meeksiikoo, Oktaabiyoo Paaz.

NAMNI nyaata qopheessu tokko nyaata haaraa akka hojjetu kan isa kakaasu maalidha? Qorataan tokko naannoowwan fagoo dhaquudhaan lubbuusaa balaarra akka buusu kan isa godhu maalidha? Mucaa xinnoon tokko gaaffiiwwan hedduu akka gaafatu kan isa kakaasu maalidha? Yeroo baay’ee namoonni akkas akka godhan kan isaan kakaasu fedhii waa beekuuf qabanidha.

Atoo? Yaada haaraa tokko ykn deebiin gaaffii nama hawwisiisu tokkoo maal akka ta’e beekuuf ni hawwitaa? Fakkeenyaaf, jireenya kan arganne akkamitti? Lafarra kan jiraannu maaliifi? Waaqayyo jiraa? Fedhiin waa beekuuf qabnu, ijoollummaadhaa kaasee baay’een keenya gaaffiiwwan kanaafi kana fakkaatan gaafachuuf nuu kakaaseera; wantoonni tokko tokko maaliif akka ta’an beekuu barbaanna. Wanta tokko beekuuf yommuu hawwinu, wanta sana beekuuf waan dandeenye hunda goona. Kanaafuu, waan tokko beekuuf hawwuun faayidaawwan hedduu qabaachuu danda’a. Haata’u malee, hawwiin kun rakkina namatti fiduufi balaarra nama buusuus ni danda’a.

Of Eeggachuufi Ilaalcha Sirrii Qabaachuun Barbaachisaadha

Namoonni baay’een mammaaksa, “Indaanqoon haatee haatee haaduu ittiin qalan baafti” jedhu beeku. Eeyyee, namni tokko fedhii waa beekuuf qabutti karaa sirrii hin taaneen yoo fayyadame, balaan isarra ga’uu danda’a. Fakkeenyaaf, daa’imni tokko hawwiisaarraa kan ka’e ibidda tuquufi balaadhaaf of saaxiluu danda’a. Karaa biraatiin garuu, gaaffii gaafachuu kan jaallannu ta’uun keenya, beekumsa keenya bal’ifachuufi waan tokko gadi fageenyaan hubachuuf nu gargaaruu danda’a. Kana jechuun garuu, waan nu hawwisiise hunda beekuuf yaaluun sirriidha jechuudhaa?

Beekumsi miidhaa geessisuufi barbaachisaa hin taane akka jiru beekamaadha. Fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan, gochawwan hafuurota xuraa’oo, barumsa gantootaa ykn waa’ee dhaadhessitootaa beekuuf hawwuun, balaadhaaf nu saaxiluu danda’a. Karaa kanaanis ta’e kan biraatiin, Faarfataa Ibricha, “Ija koo wanta waa’ee hin baafne ilaaluu irraa jal’isi” jechuudhaan kadhate fakkaachuu qabna.—Faarfannaa 119:37.

Kana malees, miidhaa qabaachuu baatullee, beekumsi gatii hin qabneefi barbaachisaa hin taane jira. Fakkeenyaaf, waa’ee jireenya taatota fiilmii ykn namoota beekamoo ta’anii beekuun faayidaa maalii qaba? Waa’ee gareewwan ispoortiifi taphattootasaanii waan hunda beekuun, waa’ee meeshaawwan elektirooniksii ykn waa’ee konkolaattota modeela haaraa beekuun faayidaa maalii qaba? Namoonni hedduun karaa kanaan “hayyoota” ta’uunsaanii faayidaa tokkoyyuu isaaniif hin argamsiisne.

Fakkeenya Gaarii

Waan tokko beekuuf hawwuun faayidaas qabaachuu akka danda’u beekamaadha. Haala Aleeksaandar Voon Haamboolti isa jaarraa 19⁠ffaatti Jarman keessatti qorataa uumamaa turee ilaali. Iddoon Haamboolti Karanti jedhamuufi qarqara lixaa Kibba Ameerikaatti dhihoo jiru, maqaa nama kanaatiin moggaafame.

Yeroo tokko Haamboolti, “Ijoollummaa kootii kaasee, iddoowwan fagoo namoonni Awurooppaa yeroo baay’ee daawwatanii hin beekne dhaquuf hawwii guddaan qaba ture” jechuudhaan dubbateera. Fedhii akkasii kan qabaate, ‘wanti barachuu danda’u hedduun akka jiru waan isatti dhaga’ameefi beekuuf hawwii guddaa waan qabuuf’ akka ta’e ibseera. Yeroo umriinsaa waggaa 29 ta’u gara Giddu Galeessaafi Kibba Ameerikaa kan deeme yommuu ta’u, waggaa shaniif achi tureera. Booddees, odeeffannoowwan walitti qabuudhaan, kitaaba waa’ee adeemsasaa dubbatuufi jildii 30 qabu qopheesseera.

Wantoonni xiyyeeffannaa Haamboolti harkisan, ho’a galaanichaa, qurxummiiwwan achi keessa jiraniifi biqiltuuwwan adeemsasaarratti argedha. Namni kun, gaarota ba’eera, lageen ilaaleera, akkasumas markabaan galaanarra deemeera. Qorannaan inni godhe, guddina saayinsii ammayyaatiif bu’uura ta’eera. Kana hundumaa gochuuf kan isa kakaase, fedhii guddaa waa beekuuf qabuufi hawwii umriisaa guutuu beekumsa argachuuf qabudha. Abbaan barroo Ameerikaa keessa jiraatuufi Raalfi Waakdoo Eemarsan jedhamu, “Haamboolti, namoota dinqisiisoo . . .  dandeettii sammuu namaa nu hubachiisaniifi darbee darbee argaman keessaa tokkodha” jedheera.

Wanta Qoratamuu Qabu

Baay’een keenya, qorattoota ta’uufis ta’e guddina saayinsiitiif gumaacha gochuuf carraa baay’ee akka hin qabne beekamaadha. Haata’u malee, beekumsi sammuu keenyaatti fayyadamnee argachuu dandeenyu jira. Carraaqqiin beekumsa akkamiiyyuu argachuuf goonu, bu’aa gaarii beekumsa kanaan argannuu wajjin kan wal gitu miti. Yesus Kiristos beekumsa kana ilaalchisee, “Si Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti” jechuudhaan Abbaasaa isa samiitti kadhannaa dhiheesseera.—Yohannis 17:3.

Nama beekumsa barbaaduuf, waa’ee Yihowaa isa waaqa dhugaafi waa’ee Ilmasaa Yesus Kiristos beekuu caalaa beekumsi faayidaa gaarii argamsiisu hin jiru. Gaaffiiwwan jireenya ilaalchisee seensa mataduree kanaarratti ibsaman yaadadhu. Gaaffiiwwan kanaa gadi jiran kaasuun keenyas barbaachisaadha: Biyya lafaarratti rakkinniifi dhiphinni hamma kana kan baay’ate maaliifi? Namoonni lafa kana mancaasanii ni balleessuu laata? Waaqayyo ilmaan namootaarra rakkinni akkasii akka hin geenye kan godhu akkamitti? Gaaffiiwwan kanaaf deebii argachuuf kan carraaqnu, beekumsa argachuu waan barbaannuuf qofa miti. Kanaa mannaa, akkuma Yesus jedhe, deebii gaaffiiwwan kanaa beekuun keenya “jireenya bara baraa” nuu argamsiisa. Waa’ee kanaa mirkanaa’oo ta’uu kan dandeenyu akkamitti?

Macaafni Qulqulluun, Dubbii Waaqayyoo isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffamedha. Dubbii kana ilaalchisee Phaawulos ergamaan, “Caaffanni qulqullaa’aan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame; barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis leejjisuudhaaf dhimma in baasa. Namni Waaqayyoo waa gochuuf kan danda’e, hojii gaarii hundumaafis kan qophaa’e akka ta’u in godha” jechuudhaan barreesseera.—2 Ximotewos 3:16, 17.

Ergamaan kun, Macaafni Qulqulluun beekumsa waan gaarii hunda gochuuf gargaaru kan qabate ta’uusaa akka ibse hubadhu. Macaafni Qulqulluun, ilaalcha akka Waaqayyoo qabaachuuf nu gargaara. Beekumsiifi ogummaan Waaqayyoommoo kan eenyuurrayyuu akka caalu beekna. Isaayaas geggeessaa hafuuraatiin, “Waaqayyo, ‘Yaadni koo akka yaada keessanii, karaan koos akka karaa keessanii miti; akkuma waaqni lafa irraa ol fagaatu, akkasuma karaan koo karaa keessan irraa, yaadni koos yaada keessan irraa in fagaata’” jechuudhaan barreesseera.—Isaayaas 55:8, 9.

Karaafi yaada Waaqayyoo isa hundarra caalu beekuu ni barbaaddaa? Dubbii Waaqayyoo kan ta’e Macaafni Qulqulluun, waa’ee karaawwaniifi yaadawwan Waaqayyoo maal akka jedhu beekuuf ni hawwitaa? Tarkaanfii Waaqayyo rakkinaafi dhiphina balleessuuf fudhatu, akkasumas wanta gaarii inni namoota ajajamoo ta’aniif qopheesse beekuu ni barbaaddaa? Macaafni Qulqulluun, “Gaarummaan Waaqayyoo attam akka ta’e, isin miyeeffadhaa ilaalaa! Namni isatti kooluu gale haa gammadu!” jechuudhaan si afeera.—Faarfannaa 34:8.

Namni garaa qajeelaa qabu tokko dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu yommuu baratu wanti isatti dhaga’amu, wanta namni tokko yeroo jalqabaatiif yommuu ifa argu isatti dhaga’amuu wajjin wal fakkaata. Phaawulos, “Badhaadhummaan araara Waaqayyoo hammam guddata! Ogummaan isaa fi beekumni isaa hammam gad fagaata! Akka inni itti murtoo godhu, namni qoree bira hin ga’u! Karaa isaas namni faana dha’ee hin hubatu!” jedheera. (Roomaa 11:33) Beekumsaafi ogummaa Waaqayyoo guutummaatti hubachuu akka hin dandeenye beekamaadha. Yeroo gammachiisaan, utuu hin nuffin yeroodhaa gara yerootti waan haaraa itti barannu fuuldura keenyaa nu eega.

Fedhii Waa Beekuuf Qabdu Hin Dhabin!

Baay’een keenya, qorattoota ykn namoota waa uumuudhaan beekamnu ta’uu akka hin dandeenye beekamaadha. Kana malees, umriin keenya gabaabaa waan ta’eef, wanta beekuu barbaannu hunda beekuu hin dandeenyu. Kana jechuun garuu, waan tokko beekuuf fedhii qabaachuu hin qabdu jechuu miti. Waaqni keenya inni jaalala qabeessa ta’e, waa beekuuf fedhii akka qabaannu godhee waan nu uumeef, fedhiin akkasii kun akka badu gochuu hin qabdu.

Kennaa gaarii Waaqayyorraa argatte kanatti akka gaariitti fayyadamuudhaan, waa’ee Macaafa Qulqulluu isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffamee beekumsa sirrii argadhu. Kana yoo goote, yeroo ammaa jireenya gaarii gammachuu qabu kan jiraattu ta’uusaarrayyuu, yeroo beekumsa argachaa barabaraaf itti jiraattu hawwiidhaan eeggachuu dandeessa. Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo wanta hundumaa yeroo isaatti miidhagsee uumeera, hawwii wanta bara dheeraa booddee ta’u beekuus yaada ilmaan namootaa keessa kaa’eera; haa ta’u iyyuu malee, namni wanta Waaqayyo jalqabaa jalqabee hamma dhumaatti hojjete, beekuu hin danda’u” jedha.—Lallaba 3:11.

[Saanduqa fuula 21rra jiru]

Kana Beektaa?

• Kolombasiifi Maajelaan lafti bifa akkamii akka qabdu dubbachuusaanii jaarraawwan hedduu dura, Macaafni Qulqulluun ardiin kun battee utuu hin ta’in geengoo akka taate ibseera.Isaayaas 40:22.

• Qorattoonni hawaa, lafti kun utubaa malee dhaabachuushee ibsuusaanii yeroo dheeraa dura, Macaafni Qulqulluun homtuu utuu jala hin jiraatin rarra’uushee dubbateera.Iyoob 26:7.

• Ogeessa fayyaa biyya Ingiliiz kan ta’e Wiiliyaam Haarveey, seera marsaa dhiigaa qaama keessatti raawwatamu ilaalchisee waan tokkorra ga’uusaa gara waggoota 2,500 dura, Macaafni Qulqulluun, onneen burqaa jireenyaa ta’uusaa dubbateera.Fakkeenya 4:23, NW.

• Gara waggoota 3,000 dura, Macaafni Qulqulluun hurkuun bishaanii, wantoota lubbuun lafarratti argamu akka itti fufu godhan keessaa tokko ta’uusaa, karaa namni hundi hubachuu danda’uun ibseera.Lallaba 1:7.

Dhugaawwan kunis ta’an kan biraan, saayinsiidhaan beekamuusaanii bara dheeraa dura, Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamuunsaanii nama hin ajaa’ibsiisuu? Macaafa Qulqulluu keessatti beekumsi jireenyaaf barbaachisaa ta’eefi gatiidhaan hin shallagamne kuufamee jira. Atis beekumsa kana argachuu dandeessa.

[Fakkii fuula 19rra jiru]

Aleeksaandar voon Haamboolti