Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Karaa Barbaanneen Waaqayyoon Yoo Waaqeffanne Jijjiirama Fidaa?

Karaa Barbaanneen Waaqayyoon Yoo Waaqeffanne Jijjiirama Fidaa?

Karaa Barbaanneen Waaqayyoon Yoo Waaqeffanne Jijjiirama Fidaa?

“AMANTIIN, fedhii namoota keessatti uumamedha.” Yaada armaan olii, Piroofeesar Aliistar Haardiitu kitaaba za Ispiriichuwaal Neechar oov Maan jedhamurratti dubbate. Qorannaan dhiheenyatti godhames yaada kana kan deggerudha. Qorannaan kun, namoota addunyaa maratti argaman keessaa dhibbeentaan 86, amantii akka qaban dubbachuusaanii ibseera.

Kana malees qorannaan kun, amantoonni kun amantiiwwan gurguddaa 19 keessatti akka hammatamaniifi namoonni Kiristiyaana ofiin jedhanimmoo amantii 37,000 akka qaban ibseera. Kun ta’uunsaa, waaqeffannaawwan addadda kun, Waaqayyo biratti qixxuma fudhatama qabuu jettee akka of gaafattu si hin godhuu? Karaa barbaanneen Waaqayyoon yoo waaqeffanne jijjiirama fidaa?

Gaaffii baay’ee barbaachisaa ta’e kanaaf, ilaalcha dhuunfaa keenyarratti hundoofnee deebii kennuu hin dandeenyu. Dhimma kanarratti ilaalchi Waaqayyoo maal akka ta’e beekuun keenya barbaachisaadha. Kanaaf, Dubbii Waaqayyoo kan ta’e Macaafni Qulqulluun maal akka jedhu beekuu qabna. Maaliif? Yesus Kiristos kadhannaa Waaqayyoof dhiheesserratti, “Dubbiin kee dhugaa dha” jedheera. (Yohannis. 17:17) Phaawulos ergamaanis, “Caaffanni qulqullaa’aan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame; barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf” jechuudhaan barreesseera.—2 Ximotewos 3:16.

Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo biratti fudhatama kan qabu waaqeffannaa hundumaa akka hin taane ibsa. Waaqeffannaawwan Waaqayyo biratti fudhatama qabaniifi hin qabne ilaalchisee seenaa darberraa barumsa argachuu dandeenya. Seenaawwan kana ofeeggannoodhaan qoruudhaan, waaqeffannaan keenya Waaqayyoon kan gammachiisu akka ta’u, maal gochuufi maal gochuu dhiisuu akka qabnu barachuu dandeenya.

Fakkeenya Bara Durii

Yihowaan, Museetti fayyadamee Israa’elootaaf seerawwan hedduu karaa fudhatama qabuun akkamitti isa waaqeffachuu akka qaban ibsan isaanii kenneera. Sabichi, wanta seerawwan yeroo baay’ee Seera Musee jedhaman sun isaan ajajan yoo raawwatan, Waaqayyo akka sabasaatti kan isaan ilaalu yommuu ta’u eebbasaas ni argatu turan. (Ba’uu 19:5, 6) Sabni Israa’el eebba Waaqayyoo kan argate ta’uyyuu, waaqeffannaa isa biratti fudhatama qabu sana hin hordofne. Irra deddeebi’anii Yihowaa ganuudhaan, gochawwan waaqeffannaa saboota naannoosaanii hordofaniiru.

Bara Hisqi’eliifi Ermiyaas raajota turanitti, Dh.K.D. jaarraa torbaffaa keessa, Israa’eloonni hedduun Seera Waaqayyoo cabsanii saboota ollaasaanii michoota godhatanii turan. Israa’eloonni, aadaawwan saboota sanaa fudhachuufi ayyaanotasaaniirratti hirmaachuudhaan, amantii wal makaa ta’e hordofu turan. Israa’eloonni hedduun, “Kottaa akka saba lafa irraa, akka gosoota biyya sanaa mukaa fi dhagaatti in sagannaa” jedhu turan. (Hisqi’el 20:32; Ermiyaas 2:28) Yihowaa waaqeffanna jechaa, hamma daa’immansaanii aarsaa godhanii dhiheessanitti “waaqayyolii tolfamoo isaanii” waaqeffatu turan.—Hisqi’el 23:37-39; Ermiyaas 19:3-5.

Arkiyoolojistoonni, waaqeffannaan akkasii amantii walitti makuu, jechuunis waaqolii addaddaa yeroo tokkotti waaqeffachuu ta’uusaa dubbatu. Yeroo har’aa namoonni baay’een, hawaasa amantii addaddaa hordofu kana keessatti amantii dabalatee waan hundumaa fudhachuuf of qopheessuu qabna jedhanii yaadu. Kanaafuu, karuma fedhaniin Waaqayyoon waaqeffachuunsaanii dogoggora akka hin qabne isaanitti dhaga’ama. Ilaalchi kun sirriidhaa? Namoonni kun namoota yaada bal’aa qabanidha jechuudhaa? Waaqeffannaan Israa’eloonni amanamoo hin taane dhiheessaa turaniifi namoota hedduu biratti fudhatama argate sun maal akka fakkaatuufi maal akka isaanirraan geessise ilaali.

Waaqeffannaa Wal Makaa Israa’eloonni Dhiheessaa Turan

“Iddoowwan sagadaa warri ol ka’oon” ykn iddoowwan qulqullaa’aan, bakka Israa’eloonni waaqeffannaa wal makaa itti dhiheessan turan. Bakki kun, iddoo aarsaa, iddoo aarsaa ixaanaa, utuboota dhagaa qulqullaa’aafi mukkeetii qiqqirixamanii hojjetaman, jechuunis bifa Asheeraa waaqayyittii hormaataa warra Kana’aan kan qabu ture. Iddoowwan sagadaa ol ka’oo ta’an akkasii, Yihudaa keessatti baay’inaan argamu turan. Mootota Isa Lammaffaa 23:5, 8, “iddoowwan ol ka’oo mandaroota Yihudaa irratti, naannoo Yerusaalemitti . . . Gebaadhaa [daangaa kaabaatii] hamma Bersheebaatti [daangaa kibbaatti]” babal’atanii akka turan ibsa.

Israa’eloonni iddoowwan ol ka’oo kanarratti “Ba’aalii fi biiftuudhaaf, ji’aaf, urjootaa fi macca waaqa keessaa hundumaafis ixaana” aarsaniiru. Da’oon “ejjitoota warra dhiiraatiif mana qulqullummaa keessatti hojjetame” jira ture. Ijoolleesaaniis “Moleek Waaqayyo tolfamaadhaaf” aarsaa godhanii dhiheessu turan.—2 Mootota 23:4-10.

Arkiyoolojistoonni, Yerusaalemiifi Yihudaa keessatti bifawwan namaa supheerraa hojjetamaniifi dhibbaan lakkaa’aman ona manneetii dhuunfaa keessatti argataniiru. Fakkiiwwan kana keessaa baay’eensaanii, bifa dubartii harma gurguddaa qabduufi qullaashee taatee kan argisiisanidha. Hayyoonni, fakkiiwwan kun, fakkii waaqayyolii Ashtaarotiifi Asheeraa waaqayyolii hormaataa ta’uusaanii ibsaniiru. Fakkiiwwan kun, “dubartoonni akka ulfaa’aniifi akka da’an godhu” jedhamee amanama.

Israa’eloonni, iddoowwan sagadaa ol ka’oo waaqeffannaa wal makaa itti geggeessan kanaaf ilaalcha akkamii qabu turan? Yunivarsiitii Hibruu keessatti kan hojjetu, Piroofeesar Eefrem Istarn, iddoowwan olka’oo sana keessaa hedduunsaanii “Yaahweedhaaf [Yihowaadhaaf] kan murteeffaman” ta’uu akka hin oolle hubataniiru. Barreeffamoonni qorannaa dacheetiin argaman yaada kana kan deggeran fakkaata. Fakkeenyaaf, barreeffamni inni tokko, “[Maqaa] Yaahwee isa Samaariyaafi Asheeraasaatiin sin eebbisa” kan jedhu yommuu ta’u, inni kaanimmoo, “[Maqaa] Yaahwee isa kan Temaaniifi Asheeraasaatiin sin eebbisa!” jedha.

Fakkeenyiwwan kun, Israa’eloonni waaqeffannaa dhugaa Yihowaadhaaf dhihaatu, waaqeffannaa gantootaa yeellaasisaa ta’ee wajjin wal makuudhaan akkamitti akka isa ganan argisiisu. Kunimmoo akka xuraa’aniifi karaa hafuuraa dukkana keessa akka galan isaan godheera. Waaqayyo, waaqeffannaa gantummaa kanaaf ilaalcha akkamii qaba ture?

Tarkaanfii Waaqayyo Fudhate

Waaqayyo, waaqeffannaa yeellaasisaa Israa’eloonni dhiheessan kanatti aaruusaarrayyuu, isaan balaaleffateera. Kanas, karaa Hisqi’el akkas jechuudhaan ibseera: “Iddoon aarsaa keessanii onee akka diigamutti, waaqayyolii tolfamoon keessan caccabanii akka balleeffamanitti, iddoon ixaanni irratti aarfamus akka muramutti, wanti isin hojjettan lafa irraa akka badutti, iddoo isin jiraattan hundumaatti mandaroonni keessan in onu; iddoowwan sagadaa keessan warri ol ka’oonis in onu.” (Hisqi’el 6:6) Yihowaan waaqeffannaa akkasii kana akka hin fudhanneefi akka jibbe beekamaadha.

Yihowaan jarri kun akkamitti akka balleeffaman raajiidhaan dubbateera. Akkas jedhe: “Ani kunoo, . . . Nebukadnezaar mootii Baabilon isa garbicha koo ta’es isinii fi biyya kanatti, warra biyya kana keessa jiraatanitti, saba naannoo biyya kanaa jiraatan irrattis waamee nan fida; ani raawwadhee isaan nan balleessa, . . . Biyyi kun guutummaatti onee in bada.” (Ermiyaas 25:9-11) Akkuma raajii kanarratti dubbatame, Dh.K.D. bara 607⁠tti namoonni Baabilon Yerusaalemiifi mana qulqullummaashee guutummaatti balleessan.

Piroofeesar Istarn inni olitti ibsame, ragaawwan qorannaa dacheetiin argaman, “caqasawwan Macaafa Qulqulluu” akkaataa Yerusaalem itti badduufi itti gubattu, akkasumas “akkaataa manneeniifi dallaawwanshee itti kufan ibsan (2 Mootota 25:8; 2 Seenaa 36:18-19) akka gaariitti kan deggeran” ta’uusaanii dubbateera. Itti dabaluudhaanis, “Wanta seenaa Yerusaalem keessatti raawwatame ilaalchisee ragaan qorannaa dacheetiin argame kun, . . . ragaawwan dinqisiisaa iddoowwan Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman kaan ilaalchisee argaman keessaa tokkodha” jedheera.

Kanarraa Maal Baranna?

Barumsi guddaan kanarraa argannu, barumsawwan Macaafa Qulqulluu, seera, duudhaafi barsiifata amantii kan biraa wajjin walitti makuudhaan waaqeffannaa dhiheessuun, Waaqayyo biratti fudhatama kan hin qabne ta’uusaati. Phaawulos ergamaan, barumsa kana akka gaariitti hubatee hojiirra oolcheera. Fariisota Yihudii keessaa tokko ennaa ta’u, seera amantii sanaa barateera; leenjiis fudhateera. Yeroo booda, Yesus Masiihicha abdachiifame ta’uusaa yommuu barateefi amanetti maal godhe? “Kristosiif jedhee, wanta bu’aa anaaf qaba ture hundumaa akka waan gatameetti lakkaa’eera” jedheera. Akkaataa jireenyasaa isa durii dhiisee, guutummaatti Kiristos duukaa bu’eera.—Filiphisiiyus 3:5-7.

Phaawulos, misiyoonii daawwataa ta’e waan tureef, gochawwan amantiifi falaasama saboota addaddaa akka gaariitti beeka ture. Kanaafuu, Kiristiyaanota gumii Qorontosiif akkas jechuudhaan barreesseera: “Ifnii fi dukkanni tokkummaa maalii qabu ree? Kristosii fi Seexanni attamitti walii galu ree? Inni amane isa hin amanne biraa qooda maalii qaba ree? Manni qulqullummaa Waaqayyoo immoo waaqayyolii tolfamanii wajjin walii galtee maalii qabu? . . . ‘Isaan keessaa adeemaa, ittii gargar ba’aas; wanta xuraa’aa harkaan hin qabinaa! Anis isinan simadha,’ jedha gooftaan.”—2 Qorontos 6:14-17.

Karaa barbaanneen Waaqayyoon waaqeffachuun keenya jijjiirama kan fidu ta’uusaa erga hubannee, akkas jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Waaqayyo waaqeffannaa akkamiitti gammada? Waaqayyotti dhihaachuu kanan danda’u akkamitti? Karaa fudhatama qabuun Waaqayyoon waaqeffachuuf maal gochuun qaba?’

Dhugaa Baatonni Yihowaa, gaaffiiwwan kanaafi Macaafa Qulqulluu wajjin walitti dhufeenya qaban kaaniif deebii akka argattu si gargaaruu barbaadu. Galma Mootummaa naannookee jiru dhaqxee, Dhugaa Baatota akka haasofsiistu ykn yeroofi bakka siif mijaa’aa ta’etti kaffaltii malee Macaafa Qulqulluu akka si qayyabsiisan gaafachuuf qopheessitoota barruu kanaatiif akka barreessitu si afeerra.

[Fakkii fuula 16rra jiru]

Mana sagadaa waaqolii tolfamoon dur itti waaqeffataman, teel araad, israa’el keessatti argamu

[Madda]

Garo Nalbandian

[Fakkii fuula 16rra jiru]

Fakkiiwwan Ashtaarot, manneen yihudoota durii keessaa argaman

[Madda]

Photograph © Israel Museum, Jerusalem; courtesy of Israel Antiquities Authority