Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Nohi Waaqayyo Biratti Fudhatama Kan Argate Maaliifi? Dhimmi Kun Nu Yaaddessuu Kan Qabu Maaliifi?

Nohi Waaqayyo Biratti Fudhatama Kan Argate Maaliifi? Dhimmi Kun Nu Yaaddessuu Kan Qabu Maaliifi?

Nohi Waaqayyo Biratti Fudhatama Kan Argate Maaliifi? Dhimmi Kun Nu Yaaddessuu Kan Qabu Maaliifi?

BAAY’EEN keenya yommuu oduu adda ta’e tokko itti dhageenye ni yaadanna. Yeroo sanatti eessa akka turreefi maal gochaa akka turre qofa utuu hin ta’in, maaltu akka nutti dhaga’ames ni yaadanna. Nohi, yeroo Yihowaa isa uumama cufaarratti Olaantummaa qaburraa dubbii adda ta’e tokko itti dhaga’e, matumaa akka hin irraanfanne beekamaadha. Oduun kana caalaa barbaachisaa ta’e jiraa? Yihowaan ‘uumama foon uffate hundumaa’ balleessuuf akka murteesse dubbate. Nohi, inniifi maatiinsaa akkasumas bineensonni gosa hundumaa badiisarraa akka oolaniif markaba guddaa akka hojjetu itti himame.—Uumama 6:9-21.

Nohi maal godhe? Oduu kana dhaga’uusaatti ni gammademoo ni gadde? Oduu kana haadha manaafi maatiisaatiif akkamitti ibse? Macaafni Qulqulluun waa’ee kanaa hin dubbatu. Wanti barreeffame, “Nohi akkuma Waaqayyo isa abboometti kana hundumaa hojjetee in raawwate” kan jedhu qofadha.—Uumama 6:22.

Caqasni kun, Nohi Waaqayyo duratti fudhatama kan argate maaliif akka ta’e hamma tokko waan nutti himuuf baay’ee barbaachisaadha. Nohi wanta Waaqayyo isa ajaje raawwachuuf fedhiidhaan of dhiheessee ture. (Uumama 6:8) Sababii garabiraan Nohi Waaqayyo biratti fudhatama akka argatu godhe maalidha? Nuyis yommuu Waaqayyo hammina lafarraa balleessu, akkuma Nohi badiisarraa ooluu waan barbaannuuf, deebii gaaffii kanaa beekuun keenya barbaachisaadha. Amma garuu, Nohi Bishaan Badiisaa dura akkamitti jiraachaa akka ture haa ilaallu.

Hafuuronni Hamoon Gara Lafaa Dhufan

Nohi kan dhalate, namni inni jalqabaa erga uumamee, naannoo waggaa kuma tokkoo booda ture. Akka namoonni baay’een yaadanitti, namoonni bara sanaa bosona keessa kan jiraatan, qaamnisaanii rifeensaan kan uwwifameefi beekumsa kan hin qabne hin turre. Bara sanatti meeshaawwan sibiilaafi sibiila diimaarraa tolfaman kan turan yommuu ta’u, Nohis markaba kan ijaare meeshaawwan kanatti fayyadamee ta’uu hin oolu. Kana malees, meeshaawwan muuziqaa jiru turan. Namoonni bara sanaa kan wal fuudhan, ijoollee kan guddisaniifi horii qe’ee kan qaban turan. Bittaafi gurgurtaanis jira ture. Karaawwan kanaan, jireenyi bara sanaa isa kan ammaa wajjin baay’ee wal fakkaata.—Uumama 4:20-22; Luqaas 17:26-28.

Wantoonni tokko tokko garuu isa ammaarraa baay’ee adda turan. Isaan keessaa inni tokko, yeroo sanatti namoonni umrii dheeraa jiraatu turan. Bara sanatti namni tokko waggaa 800 ol jiraachuunsaa kan nama ajaa’ibsiisu hin turre. Nohi waggaa 950, Addaam waggaa 930, akaakayyuun Nohi Matusaalaanimmoo waggaa 969 jiraataniiru. *Uumama 5:5, 27; 9:29.

Garaagarummaan inni kaanimmoo Uumama 6:1, 2⁠rratti kan ibsame yommuu ta’u, innis akkas jedha: “Yeroo namoonni biyya lafaa irratti baay’achuu jalqabanitti, durboonnis yeroo dhalataniifitti, warri waaqa irraa ‘ilmaan Waaqayyoo’ jedhaman, durboonni namootaa mimmiidhagoo akka ta’an arganii, isaan keessaa akkuma fo’atanitti fuudhanii haadha manaa godhatan.” Warri waaqarraa “ilmaan Waaqayyoo” jedhaman kun, ergamoota akka namootaatti foon uffatanii gara lafaatti dhufanidha. Ergamoonni kun kan dhufan, ajaja Waaqayyootiin ykn ilmaan namootaa gargaaruuf hin turre. Kanaa mannaa, ‘lafa taa’umsasaanii [samii] kan gadhiisan,’ dubartoota mimmiidhagoo lafarratti argamanii wajjin saalqunnamtii raawwachuuf ture. Sana booda hafuurota hamoo ta’an.—Yihudaa 6.

Ergamoonni hafuurota hamoo ta’an kun, humnaanis ta’e qaroominaan namootarra waan caalaniif, ilmaan namootaarratti dhiibbaa gadhee geessisaniiru. Namoota to’annaasaanii jala akka galchaniifi isaanirratti mootii akka ta’an haalasaarraa hubachuun ni danda’ama. Hojii gadhee kan hojjetan, akka nama yakka raawwatutti dhoksaadhaan hin turre. Kanaa mannaa, seera Waaqayyoo mormuudhaan ifatti hojii nama yeellaasisu hojjetu turan.

Hafuuronni hamoon kun, dubartootaa wajjin saalqunnamtii kan godhan yommuu ta’u, dubartoonni kunis ijoollee humna guddaa qaban godhatan. Ijoolleen kun afaan Ibrootaatiin “Neefliimota” jedhamu. Seenaan kun, “Bara sanatti, isa booddees gootonni hojjaadhaa fi humnaan fagoo nama caalan biyya lafaa irra turan; jagnoonni bara durii maqaa qaban kun, erga warri waaqa irraa ‘ilmaan Waaqayyoo’ jedhaman durboota namootaa bira ga’anii, isaan irraa ijoollee godhatanii argaman” jedha. (Uumama 6:4) Neefliimonni baay’ee kan sodaataman turan. “Neefliim” jechuun “Kan lafaan dha’an” jechuu waan ta’eef, namoonni kun warra kaan lafaan dha’u turan. Jarri kun, warra seenaansaanii mammaaksa durii keessatti ibsameefi gara jabinaan namoota ajjeesan ta’uu hin oolan.

Gadda Qajeelotaa

Macaafni Qulqulluun dhaloonni sun baay’ee manca’aa ta’uusa akkas jechuudhaan ibsa: ‘Jal’inni namaa lafarratti baay’atee, wanti namni guyyaa hundumaa garaasaatti yaadee qopheessu hundinuus jal’aa duwwaa ta’e, humnaan walirratti ka’uudhaanis in guute; uumamni foon uffate hundinuus adeemsasaa lafarratti mancaase.’—Uumama 6:5, 11, 12.

Nohi kan jiraate addunyaa akkasii keessa ture. Namoota naannoosaa turanirraa haala adda ta’een, ‘Nohi nama qajeelaafi karaa Waaqayyoorra deddeebi’uudhaan Waaqayyoo wajjin jiraate ture.’ (Uumama 6:9) Namoota qajeeloo hin taane gidduu jiraachuun, nama qajeelaadhaaf salphaa miti. Nohi, wanta namoonni dubbatanittis ta’e godhanitti baay’ee gaddee akka ture beekamaadha. Nohi tarii, akkuma Loox isa nama qajeelaa tureefi Bishaan Badiisaa booda jiraatee itti dhaga’amee ta’uu danda’a. Loox inni namoota gadhee biyya Sodoom jiran gidduu ture, “gad-dhiisatti jiraachuu warra jal’ootaatti yaadaan rakkachaa ture.” Kana malees, “waan arguu fi waan dhaga’uun, lubbuun isaa isheen qajeeltuun sababii hojii isaanii isa seeraan walii hin galleef guyyaa guyyaatti isa keessatti in rakkatti turte.” (2 Phexros 2:7, 8) Kanaaf, rakkinni akkasii Nohirras ga’uu hin oolle.

Atoo wantoonni nama suukanneessaniifi sabqunnamtiirraa dhageessu ykn gochi namoonni Waaqayyoon hin beekne naannookeetti raawwatan si dhiphisaa? Taanaan haala Nohi keessa ture ni hubatta jechuudha. Nohi yommuu Bishaan Badiisaa ga’etti umriinsaa waggaa 600 waan tureef, waggoota kana hundumaatiif namoota qajeelota hin taanee wajjin jiraachuun hangam rakkisaa akka itti ta’u mee yaadi. Boqonnaa argachuuf baay’ee hawwee akka ture hin shakkisiisu!—Uumama 7:6.

Nohi Warra Kaanirraa Adda Ta’uuf Ija Jabina Argisiiseera

Nohi, “dhaloota sana keessatti nama qajeelaa, nama balleessaa hin qabnes ture.” (Uumama 6:9) Macaafni Qulqulluun, Nohi akka ilaalcha dhaloota sanaatti utuu hin ta’in, dhaloota sana gidduutti qajeelaa ture akka jedhu hubadhu. Kana jechuun, Nohi nama qajeelaa kan ta’e akka ilaalcha Waaqayyootti ture; ilaalcha namoota Bishaan Badiisaa dura turaniitiin garuu, nama yaada sirrii hin qabne ture. Nohi, yaada namoota baay’ee biratti fudhatama qabuun akka hin geggeeffamne ykn bashannanaafi sochiiwwan namoonni Waaqayyoon hin gammachiisnee raawwatan keessatti akka hin hirmaanne mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. Yommuu markaba ijaaruu jalqabe, namoonni akkamitti isa ilaalaa akka turan mee yaadi! Itti kolfuufi itti ga’isuu hin oolan. Wanti inni jedhu ni raawwatama jedhanii hin amanne.

Kana malees, Nohi amantii hordofu kan qabu yommuu ta’u, amantiisaa kana warra kaanitti himeera. Macaafni Qulqulluun inni nama “qajeelina lallabu” akka ture dubbata. (2 Phexros 2:5) Nohi mormiin akka isarra ga’u akka beeku hin shakkisiisu. Akaakiliisaa kan ture Henok, nama qajeelaa yommuu ta’u, Waaqayyo hamoota akka balleessu raajii dubbateera. Lallabni Henok ari’atama kan itti fide ta’uyyuu, Waaqayyo mormitoonnisaa akka isa ajjeesan hin heyyamne. (Uumama 5:18, 21-24; Ibroota 11:5; 12:1; Yihudaa 14, 15) Yeroo Seexanni, hafuuronni hamooniifi Neefliimonni jiran sanatti, akkasumas yeroo namoonni dantaa hin qabne ykn isa mormaa turan sanatti, Nohi ija jabeessa ta’uufi Yihowaan akka isa eegu amanuu qaba ture.

Yeroo hunda namoonni Waaqayyoon hin tajaajille, warra Waaqayyoon tajaajilan ni ari’atu. Yesus jibbameera; namoonni isa duukaa bu’anis ni jibbamu. (Maatewos 10:22; Yohannis 15:18) Kana gochuun namoota baay’ee biratti fudhatama kan hin qabne yoo ta’eyyuu, Nohi ija jabinaan Waaqayyoon tajaajileera. Waaqayyo biratti fudhatama argachuun, namoota isa morman biratti fudhatama argachuu caalaa barbaachisaa akka ta’e hubateera. Kanaan kan ka’es Waaqayyo biratti fudhatama argateera.

Nohi Hubataa Ture

Akkuma olitti ilaalle, Nohi warra kaaniif ija jabinaan lallabeera. Namoonni ergaasaa fudhataniiruu? Macaafni Qulqulluun haala Bishaan Badiisaa dura ture akkas jechuudhaan ibsa: “Hamma gaafa Nohi markabatti galetti, namoonni nyaachaa, dhugaa, fuudhaa, heerumaas turan. Isaan hamma gaafa bishaan badiisaa dhufee hunduma isaanii haree sokketti, utuu hin beekin [turan].” Akeekkachiisa isaanii kenname utuu hin fudhatin hafaniiru.—Maatewos 24:38, 39.

Yesus bara keenyattis wanti kanaa wajjin wal fakkaatu akka raawwatamu dubbateera. Dhugaa Baatonni Yihowaa, Waaqayyo abdii addunyaa haaraa qajeelummaan keessa buufatu fiduuf gale raawwachuuf tarkaanfii gurguddaa akka fudhatu, waggaa dhibbaa oliif akeekkachiisaa turaniiru. Namoonni miliyoonaan lakkaa’aman akeekkachiisa kana kan fudhatan yoo ta’eyyuu, namoonni biliyoonaan lakkaa’amaniifi lafarratti argaman garuu ergaa kana utuu hin hubatin hafaniiru. Namoonni kun Bishaan Badiisaa ga’ee akka tureefi nuufimmoo hiika akkamii akka qabu ‘yaadachuu dadhabaniiru.’—2 Phexros 3:5, 13.

Nohi garuu akeekkachiisa isaaf kenname hubateera. Wanta Yihowaan itti hime amaneera. Ajajamuunsaammoo fayyina isaaf argamsiiseera. Phaawulos, “Nohi amantiidhaan isa Waaqayyo waa’ee waan yeroo sanatti ija namaatti hin mul’anneetiif akeekkachiise dhaga’ee sodaatee, warra mana isaa oolchuufis bidiruu tolfate” jechuudhaan barreesseera.—Ibroota 11:7.

Fakkeenya Hordofuu Qabnu

Markabni Nohi ijaare, baay’ee guddaa yommuu ta’u, bal’innisaa dirree kubbaa miillaarra kan caaluufi ol dheerinnisaa hamma fooqii darbii sadii kan ta’udha. Markabni kun, dheerinnisaa markaba Waayoomiing jedhamtuufi markaboota hamma yoonaatti mukaan hojjetaman hunda caalturra meetirii 30 caala. Dhugaadha, markabichi markaboota amma jiranii wajjin wal hin fakkaatu. Markabni kun bishaanirra akka taa’uuf qofa kan hojjetame ture. Haata’u malee, markabicha ijaaruuf beekumsi guddaan ni barbaachisa ture. Keessisaas ta’e allisaa leeleedhaan maragamuu qaba ture. Markaba kana ijaaruun waggoota 50 ol fudhatee ta’uu danda’a.—Uumama 6:14-16.

Hojiin Nohi kana qofa hin turre. Waggaa tokkoof nyaata isaafi maatiisaatiif akkasumas bineensota hundaaf ga’u sassaabuu qaba ture. Bishaan Badiisaa dura, bineensonni hundi walitti qabamuufi gara markabichaatti galfamuu qabu turan. “Nohis kana hundumaa akkuma Waaqayyo isa abboometti in raawwate.” Yommuu hojiin hundi xumuramuufi Yihowaan balbala markabichaa cufu, Nohi boqonnaa akkamii argatee ture laata?—Uumama 6:19-21; 7:5, 16.

Sana booda Bishaan Badiisaa ni dhufe. Bokkichi guyyaa 40fi halkan 40 roobe. Markabicha keessa kan jiran hundi, hanga bishaanichi hir’atutti waggaa tokkoof achuma keessa taa’uu qabu turan. (Uumama 7:11, 12; 8:13-16) Namoonni hamoon hundi ni balleeffaman. Badiisarraa oolanii, lafa qulqulloofterra jiraachuu kan danda’an Nohiifi maatiisaa qofadha.

Macaafni Qulqulluun, Bishaan Badiisaa bara Nohitti ga’e, ‘wanta dhufuuf jiruuf fakkeenya’ ta’a jedha. Karaa kamiin? “Bantiiwwan waaqaa fi lafti, warri amma jiran kun immoo sagalee Waaqayyoo sanaan ibiddaan balleeffamuudhaaf qopheeffamanii, hamma guyyaa warri Waaqayyo malee jiraatan firdii argatanii badaniitti kaa’amanii jiru” jedha. Haata’u malee, akkuma bara Nohi yeroo kanattis namoonni badiisarraa oolan ni jiraatu. “[Yihowaan], namoota Waaqayyoof bulan qorama keessaa baasuu” akka danda’u mirkanaa’aa ta’i.—2 Phexros 2:5, 6, 9; 3:7.

Nohi nama Waaqayyoo kan ta’eefi nama dhaloota hamaa keessatti qajeelaa turedha. Guutummaatti Waaqayyoof abboomameera. Kana gochuunsaa namoota Waaqayyoon hin tajaajille biratti akka tuffatamuufi akka jibbamu kan isa godhu ta’uusaa yoo beekeyyuu, wanta sirrii ta’e gochuuf ija jabina argisiiseera. Karaawwan kanaan fakkeenya Nohi hordofuudhaan, Waaqayyo biratti fudhatama argachuufi addunyaa haaraa yeroo dhihootti dhuftutti galuuf abdachuu dandeenya.—Faarfannaa 37:9, 10.

[Miiljalee]

^ key. 7 Dammaqaa! Adoolessa 2007 ful. 30⁠rratti mataduree “Dhuguma Waggaa Hammanaa Jiraataniiruu?” jedhu ilaali. (Amaariffa)

[Fakkii fuula 11rra jiru]

Hamminni Neefliimonni raawwatan, mammaaksawwan durii keessatti ibsameera

[Fakkii fuula 13rra jiru]

Fakkeenya Nohi hordofuudhaan, Waaqayyo biratti fudhatama argachuu dandeenya

[Madda fakkii fuula 31rra jiru]

Alinari/Art Resource, NY