Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Abbaa Gaarii Ta’uu Kan Dandeessu Akkamitti?

Abbaa Gaarii Ta’uu Kan Dandeessu Akkamitti?

Abbaa Gaarii Ta’uu Kan Dandeessu Akkamitti?

“Abboota nana! Yaadni isaanii akka hin badnetti ijoollee keessan tuttuqxanii hin aarsinaa!”—Qolosaayis 3:21.

ABBAAN tokko ijoolleensaa akka hin aarre gochuu kan danda’u akkamitti? Itti gaafatamummaa abbaa ta’uun fidu sirriitti hubachuun baay’ee barbaachisaadha. Barruun waa’ee fayyaa sammuu dubbatu tokko, “Abbaa ta’uun itti gaafatamummaa guddaa miiraafi ilaalcha ijoolleerratti dhiibbaa guddaa geessisudha” jedheera.

Ga’een abbaa maalidha? Maatiiwwan hedduu keessatti ijoollee adabuun ga’ee abbaa akka ta’etti ilaalama. Haadhotii hedduun mucaansaanii yommuu isaan rakkisu, ‘Afachu abbaankee siif haa dhufu!’ jedhanii dubbachuunsaanii wanta beekamaadha. Ijoolleen seera qabeeyyii akka ta’aniif, adaba sirrii ta’e kennuun yeroo barbaachisuttimmoo ejjennoo hin gegeddaramne qabaachuun barbaachisaadha. Abbaa gaarii ta’uun garuu wanta kana caalu gochuu gaafata.

Kan nama gaddisiisu garuu ijoolleesaaniitiif fakkeenya gaarii kan ta’an abbootii hunda miti. Namoonni tokko tokko abbaa malee guddatan. Karaa kaaniinimmoo, namoonni abbootii fuullisaanii hin hiikamneefi waan jedhanirraa hin jal’anne keessatti guddatan, ijoolleesaanii haala wal fakkaatuun guddisu ta’a. Abbaan tokko karaa itti guddateen ijoolleesaa guddisuuf yaaluu mannaa abbaa gaarii ta’uu kan danda’u akkamitti?

Maddi gorsa faayida qabeessaafi amansiisaan abbaa gaarii ta’uuf gargaaru tokko jira. Macaafni Qulqulluun jireenya maatii ilaalchisee gorsa hunda caalu qabateera. Gorsi achirratti argamu yaada dhugaa ta’uufi dhiisuunsaa sirriitti hin beekamne waan hin taaneef, qajeelfamasaa hordofuun matumaa miidhaa nurraan ga’u hin qabu. Gorsi Macaafa Qulqulluurra jiru, ogummaa Yihowaa isa Madda kitaabichaa ta’eefi maatii hundeesse akka gaariitti kan argisiisudha. (Efesoon 3:14, 15) Abbaa yoo taate, gorsa Macaafni Qulqulluun warraaf kennu qoruunkee gaariidha. *

Abbaa gaarii ta’uun, nageenya qaamaafi miira ijoolleerratti qofa utuu hin ta’in, hariiroo isaan Waaqayyoo wajjin qabanirrattis dhiibbaa gaarii geessisa. Mucaan jaalala cimaa qabuufi abbaasaa wajjin hariiroo gaarii qabu, Waaqayyoo wajjin walitti dhihaachuun isa hin rakkisu. Kanaaf, Macaafni Qulqulluun Yihowaan Uumaa keenya waan ta’eef, Abbaa hunda keenyaa akka ta’e dubbata. (Isaayaas 64:8) Amma wantoota ijoolleen abbaasaaniirraa barbaadan ja’a haa ilaallu. Xuqaawwan hundaarratti, seerawwan bu’uuraa Caaffata Qulqullaa’oo abbootiin wanta ijoolleensaanii isaanirraa barbaadan guutuuf gargaaran ilaalla.

1 Ijoolleen Jaalala Abbaasaanii Argachuu Barbaadu

Yihowaan abbootiif fakkeenya hunda caalu ta’a. Macaafni Qulqulluun Waaqayyo, waa’ee Yesus Ilmasaa isa angafaaf maaltu akka itti dhaga’amu yommuu ibsu, “Abbaan ilma isaa in jaallata” jedha. (Yohannis 3:35; Qolosaayis 1:15) Yihowaan Ilmasaa akka jaallatuufi akka isa dinqisiifatu irra deddeebi’ee ibseera. Yihowaan yommuu Yesus cuuphame, “Ati ilma koo isa jaallatamaa dha; gammachuun koos sitti in raawwatama” jedhee samiirraa dubbateera. (Luqaas 3:22) Yesus Abbaansaa akka isa jaallatu matumaa shakkee hin beeku. Abbootiin fakkeenya Waaqayyoorraa barumsa maalii argachuu danda’u?

Ijoolleekee akka jaallattu itti himuu hin seesin. Keelviin inni abbaa ijoollee shanii akkas jedha: “Ijoolleekoo akkan jaalladhu itti himuu qofa utuu hin ta’in, tokkoon tokkoonsaaniitiif xiyyeeffannaa kennuudhaan akkan isaaniif yaadu ibsuuf yeroo hunda carraaqqii gochaan ture. Uffata fincaansaanii geddaruudhaan dhagnasaanii nan dhiqan ture.” Kana malees, ijoolleenkee akka ati isaan dinqisiifattu beekuu barbaadu. Kanaaf, garmalee kan ceephaatuufi waan hundaatti kan dheekkamtu hin ta’in. Kanaa mannaa carraa argattu hundaatti isaan galateeffadhu. Doonizeet inni ijoollee durbaa umrii kurnanii keessatti argaman lama qabu, “Abbaan tokko carraa itti ijoolleesaa galateeffatu argachuuf carraaqqii gochuu qaba” jedheera. Ijoolleenkee akka isaan dinqisiifattu beekuunsaanii ilaalcha sirrii akka ofiif qabaatan gargaaruu danda’a. Kunimmoo, caalaatti Waaqayyotti akka dhihaatan isaan gargaara.

2 Ijoolleen Nama Fakkeenya Gaarii Ta’uuf Barbaadu

Yohannis 5:19⁠rrattti, Yesus “isa abbaan isaa hojjetu ilaalee in hojjeta” jedhameera. Caqasichi Yesus isa abbaansaa “hojjetu” ilaalee akka hojjetu ibsuusaa qalbeeffadhu. Ijoolleenis yeroo baay’ee wanta kanaa wajjin wal fakkaatu hojjetu. Fakkeenyaaf, abbaan haadha manaasaa ulfinaan kan qabu taanaan, mucichis yeroo guddatu dubartoota ulfinaan qabuu danda’a. Fakkeenyi abbaansaanii argisiisu ijoollee dhiiraarratti qofa utuu hin ta’in, ilaalcha ijoolleensaa durbaa dhiirotaaf qabanirrattis dhiibbaa geessisa.

Ijoolleenkee dhiifama gaafachuun isaanitti ulfaataa? Asirrattis fakkeenya gaarii ta’uunkee barbaachisaadha. Keelviin, ijoolleensaa dhiiraa lamaan kaameeraa gatii mi’aadhaan bitame yommuu cabsan haala uumamee ture ni yaadata. Baay’ee waan aareef minjaala abootteedhaan dha’ee bakka lamatti gargar baase. Keelviin gochasaatti kan gaabbe si’a ta’u, of to’achuu dadhabuusaatiifis haadha manaasaafi ijoolleesaa dhiifama gaafate. Dhiifama gaafachuunsaa ijoolleesaarratti dhiibbaa gaarii geessiseera jedhee yaada; ijoolleensaas dhiifama gaafachuun isaanitti hin ulfaatu.

3 Ijoolleen Maatii Gammachuu Qabu Barbaadu

Yihowaan, “Waaqa gammadaadha.” (1 Ximotewos 1:11, NW) Yesus Abbaasaa wajjin jiraachuun kan isa gammachiisu ta’uunsaa nu dinqisiisuu hin qabu. Fakkeenyi 8:30⁠ni hariiroon Yesusiifi Abbaasaa gidduu jiru maal akka fakkaatu hubachuuf nu gargaara: ‘Ani yommus [“isa [Abbaa] biratti hojjetaadhanture,” hiika bara 1899] yeroo hundumaa fuula isaa duratti nan gammadan ture.’ Dhugumayyuu, Abbaafi Ilma gidduu hariiroo cimaatu jira ture!

Ijoolleenkee maatii gammachuu qabu keessa jiraachuu barbaadu. Yeroo fudhattee ijoolleekee wajjin kan haasoftu taanaan, maatiin keessan gammadaa ta’a. Warri ijoolleesaanii wajjin kan taphatan taanaan hariiroon gidduusaanii jiru cimaa ta’a. Feeliksi yaada kanaa wajjin walii gala. Mucaa umrii kurnanii keessatti argamu tokko kan qabu si’a ta’u akkas jedha: “Mucaakoo wajjin bashannanuuf yeroo ramaduunkoo, hariiroon keenya caalaatti akka jabaatu godheera. Taphawwan garagaraa waliin taphanna; michoota keenyaa wajjin yeroo gaarii dabarsina; akkasumas naannoowwan nama gammachiisan dhaqna. Kunis, hariiroo maatii keenyaa caalaatti jabeesseera.”

4 Ijoolleen Waa’ee Waaqayyoo Baruu Isaan Barbaachisa

Yesus Abbaasaarraa barateera. Kanaaf Yesus, “[Abbaakoo] Isa na erge irraa waanan dhaga’e, biyya lafaatti nan dubbadha” jedheera. (Yohannis 8:26) Waa’ee amalaafi waa’ee Waaqayyoo barsiisuuf abbaan Waaqayyo duratti itti gaafatamummaa qaba. Itti gaafatamummaa abbaa ta’uun sitti fidu keessaa tokko, seerawwan bu’uuraa sirrii ta’an garaa ijoolleekee keessatti akka guddatu gochuudha. Leenjiin akkasii ijoollummaatti jalqabuu qaba. (2 Ximotewos 3:14, 15) Feeliksi mucaasaatiif daa’imummaa kaasee seenaa Macaafa Qulqulluu dubbisuufii jalqabe. Seenaa gammachiisaa halluu garagaraatiin qophaa’eefi Kitaaba koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu jedhamurratti argamu dubbisaaf ture. * Ilmisaa guddachaa yommuu adeemuttis, barreeffamoota garabiraa Macaafa Qulqulluurratti hundaa’aniifi umriisaa wajjin wal gitaniin fayyadamee barsiisuu filate.

Doonizeet, akkas jedha: “Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu maatiidhaan goonu gammachiisaa akka ta’u gochuun carraaqqii cimaa gaafata. Warri ijoolleesaaniitiin akkas godhaa jechaa ofiisaaniitiif kan hin goone taanaan, ijoolleen kana salphaatti hubachuu danda’u.” Kaarlos inni ijoollee dhiiraa sadii qabus akkas jedheera: “Walga’ii torbanii wantoota maatichaaf barbaachisanirratti itti mari’annu qabna. Miseensi maatii hundi xuqaawwan irratti mari’annu filachuu danda’a.” Keelviin ijoolleensaa eessayyuu yoo jiraatan ykn wanta kamiyyuu yoo hojjetan carraa argate hunda waa’ee Waaqayyoo barsiisuuf itti fayyadama. Yaanni Keelviin kenne jecha Musee isa akkas jedhu nu yaadachiisa: “Dubbiin ani har’a si abboomu kunis garaa kee keessa haa taa’u! Isas keessa deddeebi’ii ijoollee kee barsiisi! Yeroo mana kee keessa teessu, karaa irra yeroo adeemtu, yeroo ciiftu, yeroo kaatus waa’ee isaa dubbadhu!”—Keessa Deebii 6:6, 7.

5 Ijoolleen Adabni Isaan Barbaachisa

Ijoolleen yommuu guddatan bu’a qabeeyyiifi itti gaafatamummaan kan itti dhaga’amu akka ta’an barbaannaan adabni isaan barbaachisa. Warri tokko tokko ijoollee adabuun, doorsisuu, jecha hin taaneen isaan arrabsuu dabalatee gara laafina malee adabuu isaanitti fakkaata. Ta’us, Macaafni Qulqulluun adaba warri ijoolleesaaniitiif kennan gara laafina malee ga jabina akka ta’e hin argisiisu. Kanaa mannaa, akkuma Yihowaa warris ijoolleesaanii jaalalaan adabuu qabu. (Ibroota 12:4-11) Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Abboota nana! Adabaa fi barsiisa gooftaatiin ijoollee keessan guddisaa malee, isaan aarsuudhaaf isaan hin tuttuqinaa!”—Efesoon 6:4.

Yeroo tokko tokko ijoollee adabuun barbaachisaa ta’uu danda’a. Ta’us mucaan tokko maaliif akka adabame beekuu qaba. Warri matumaa mucaan tokko akka hin jaallatamne akka itti dhaga’amu karaa taasisuun adabuu hin qaban. Macaafni Qulqulluun karaa miidhaa geessisuun mucaa reebuu ni balaaleffata. (Fakkeenya 16:32) Keelviin akkas jedheera: “Balleessaa cimaa raawwachuusaaniitiin ijoolleekoo yommuun adabu, waanan isaan jaalladhuuf akkan isaan adabu akka hubatan gochuufan carraaqa.”

Ijoolleen Eegumsi Isaan Barbaachisa

Ijoolleen wantoota miidhaa isaanirraan ga’aniifi hiriyyummaa gadheerraa eegumsa argachuu isaan barbaachisa. “Namoonni hamoonni” ijoollee homaa hin beekne hawwiisaanii isa jal’aadhaaf itti fayyadaman jiraachuunsaanii nama gaddisiisa. (2 Ximotewos 3:1-5, 13) Ijoolleekee eeguu kan dandeessu akkamitti? Macaafni Qulqulluun gorsa armaan gadii kenna: “Namni hubataan wanta hamaa in arga, jalaas in dhokata, namni wallaalaan garuu itti in adeema, in adabamas.” (Fakkeenya 22:3) Dammaqinaan ijoolleekee balaarraa eeguudhaan isaan oolchuu dandeessa. Haalawwan rakkoo isaanirraan ga’an dursitee hubachuufi balaarraa isaan oolchuuf wanta dandeessu hundaa gochuu qabda. Fakkeenyaaf, ijoolleenkee Intarneetiitti akka fayyadaman heyyamnaan, karaa balaa isaanirraan hin geenyeen itti fayyadamuu kan danda’an akkamitti akka ta’e beekuusaanii mirkaneessuu qabda. Kompiitara isaan itti fayyadaman bakka salphaatti arguu dandeessu kaa’uun gaarii ta’uu danda’a.

Abbaan tokko balaa biyyi lafaa inni manca’aan ijoolleesaarraan ga’u mo’uu akka danda’aniif dursee leenjisuu qaba. Namni tokko bakka ati hin jirretti ijoolleekee gudeeduu yoo yaade maal gochuu akka qaban beekuu? * Ijoolleenkee kutaa qaamasaanii namoonni kaan itti bu’uu hin qabne ilaalchisee itti fayyadama sirrii ta’eefi hin taane adda baasanii beekuu isaan barbaachisa. Keelviin akkas jedheera: “Namoonni kaan, barsiisonnillee leenjii akkasii ijoolleekoof akka kennan matumaa hin heyyamne. Hojiin waa’ee saalaafi waa’ee namoota ijoollee gudeedanii barsiisuu kankoo akka ta’e natti dhaga’ama.” Ijoolleen Keelviin yeroo ammaatti haala gaariin guddatanii maatii gammachuu qabu dhaabbataniiru.

6 Gargaarsa Waaqayyoo Argachuuf Carraaqi

Kennaa guddaa abbaan tokko ijoolleesaatiif kennuu danda’u keessaa hundarra kan caalu Waaqayyoo wajjin hariiroo cimaa akka qabaatan gargaaruudha. Gama kanaan abbootiin fakkeenya gaarii ta’uunsaanii baay’ee barbaachisaadha. Doonizeet akkas jedheera: “Abbootiin, hariiroo Waaqayyoo wajjin qabaniif bakka guddaa akka kennan argisiisuu qabu. Keessumaa yeroo haalli rakkisaan isaan mudatu kun ifatti mul’achuu qaba. Abbootiin yeroo akkasiitti kana kan godhan taanaan, garaa guutuudhaan Yihowaatti akka amanaman argisiisu. Abbootiin, maatiidhaan yeroo waliin kadhatan gaarummaasaatiif Waaqayyoon irra deddeebi’anii kan galateeffatan taanaan, ijoolleen akka michuutti Waaqayyootti dhihaachuunsaanii barbaachisaa ta’uusaa isaan hubachiisa.”

Erga akkas ta’ee abbaa gaarii ta’uuf wanti barbaachisu maalidha? Ijoollee guddisuu ilaalchisee, gorsa Yihowaa isa hunda caalaa beekumsa qabu barbaaduuf carraaqi. Ijoolleekee qajeelfama Dubbii Waaqayyoorraa argamuun yoo leenjiste, bu’aa Fakkeenya 22:6⁠rratti, “Innis yommuu dulloomu iyyuu irraa hin kaatu” jedhu argamsiisu ilaaluu dandeessa.

[Miiljaleewwan]

^ key. 6 Gorsawwan Caaffata Qulqulluu asirratti argaman gara caalaa ga’ee abbootiin qabanirratti kan xiyyeeffate ta’us, seerawwan bu’uuraa asirratti argaman haadhotiifis ni hojjetu.

^ key. 18 Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan qophaa’e.

^ key. 25 Namoota ijoollee gudeedan ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, barruu Dammaqaa! Onkoloolessa 2007, ful. 3–11⁠rra jiruufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e ilaali. (Amaariffa)

[Fakkii fuula 25rra jiru]

Abbaan ijoolleesaatiif fakkeenya gaarii ta’uu qaba

[Fakkii fuula 26rra jiru]

Abbaan wanta karaa hafuuraa ijoolleesaatiif barbaachisu guutuu qaba

[Fakkii fuula 27rra jiru]

Ijoolleen adabni jaalalarratti hundaa’e isaan barbaachisa