Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Abbaakee Isa Samii Beektaa?

Abbaakee Isa Samii Beektaa?

Abbaakee Isa Samii Beektaa?

ABBAAKEE hamma beekta? Maatii jaalala qabu keessatti guddatte taanaan gaaffiin kun si dinqisiisa ta’a. ‘Kun gaaffii maalii qaba, akka gaariittan isa beeka!’ jettee deebista. Eeyyee namoonni baay’een abbaansaanii maal akka jaallatuufi jibbu, haalawwan tokko tokko yommuu isa mudatan maal akka godhuufi maatiisaatiif hamma akka yaadu beeku.

Ta’us, amala matumaa argisiisuu hin qabne argisiisuusaatti yeroon itti dinqifatte jira ta’a. Fakkeenyaaf mucaan tokko hanga balaan tokko ga’utti abbaansaa callisaafi gabii kan qabu ta’uusaa beeka ta’a. Akka tasaa balaan tokko yommuu uumamu, abbaansaa maatiisaa balaarraa eeguuf tarkaanfii jabaa yommuu fudhatu arga.

Waa’ee Uumaa keenyaa maal jechuutu danda’ama? Isa ilaalchisee Macaafni Qulqulluun, “Nuyi isatti in jiraanna, in sochoona” jedha. (Hojii Ergamootaa 17:28) Jireenya kan arganne Waaqayyorraa waan ta’eef, Inni Abbaa hunda keenyaati. (Isaayaas 64:8) Atis Waaqayyoon akka abbaakeetti ilaaluu hin ooltu; kunis ilaalcha sirriidha. Waa’eesaa wantoonni beekuufi barachuu qabnu hedduun kan jiran si’a ta’u, akkas gochuunimmoo bu’aafi gammachuu nuuf argamsiisa.

Abbaakee baraa yommuu adeemtu, ulfinni ati isaaf qabdus caalaatti dabalaa adeema. Haaluma wal fakkaatuunis, Waaqayyoon baraa yommuu adeemtu michoomni ati isaa wajjin qabdu caalaatti jabaata. Waaqayyoon sirriitti kan beektuufi jaalalasaa kan raawwattu taanaan, innis rakkoowwan si mudatan akka mootu si gargaara.

Waaqayyo, Waaqa akkamiiti? Amalawwan Waaqayyoo beekuunkee ilaalcha keerratti dhiibbaa gaarii akkamii geessisa? Isa beekuunkee wantoota tokko tokko akka raawwattu itti gaafatamummaa sitti fidu qabaa? Mataduree ittaanurratti deebii gaaffiiwwan kanaa argatta.

[Fakkii fuula 3rra jiru]

Nama tokko baraa yommuu adeemtu ilaalchi ati isaaf qabdus caalaatti guddachaa adeema