Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Abbaan Keenya Inni Samii Dhugumaan Waaqa Akkamiiti?

Abbaan Keenya Inni Samii Dhugumaan Waaqa Akkamiiti?

Abbaan Keenya Inni Samii Dhugumaan Waaqa Akkamiiti?

NAMOONNI hedduun, kadhannaa Yesus bartootasaa barsiiseefi Yaa Abbaa Keenyaa jedhu yaadatti qabachuudhaan kadhachuu ni danda’u. (Maatewos 6:9-13) Yeroo kadhannaa kana godhan hundaatti, Waaqayyoon “Yaa abbaa keenyaa!” jedhanii waamu. Haata’u malee, Waaqayyoon sirriittan beeka jechuu kan danda’an meeqansaaniiti?

Atoo, Waaqayyoon hammam beekta? Isaa wajjin michooma cimaa qabdaa? Kadhannaan isatti ni dhihaattaa? Gaddaafi gammachuukee isatti himtaa? Waaqayyoon sirriitti beekuu jechuun maal jechuudha?

Maqaansaa “Yihowaadha”

Mucaan kurkuru tokko waa’ee abbaasaa kan beeku abbayye jedhee waamuun qofa ta’uu danda’a. Yeroo guddachaa adeemu garuu maqaafi eenyummaa abbaasaa hubachuu qofa utuu hin ta’in, isatti boonuunsaa hin oolu. Waa’ee Abbaa keenya isa samiifi isa jireenya nuu kennee maal jechuutu danda’ama? Maqaasaafi hiika maqaan kun qabu beektaa?

Namoonni baay’een kadhannaa Yaa Abbaa Keenyaa jechuun beekamu yommuu godhan “maqaan kee qulqulluu ta’ee haa eegamu” jedhanii kadhatanis, “Maqaan kun eenyu?” jedhamanii yommuu gaafataman deebiisaa hin beekan. Samiin urjootaan guutame, tulloonni surra-qabeeyyiifi uumamawwan dinqisiisoon galaana keessaa Waaqayyo jiraachuusaatiif ragaa guddaa ta’u. Ta’us maqaan Waaqayyoo eenyu akka ta’e nutti hin himan. Waa’ee maqaa kanaa Macaafa Qulqulluurraa baruu dandeenya. Gabaabaadhumatti, maqaansaa “Yihowaa” akka ta’e nutti hima.—Ba’uu 15:3, NW.

Waaqayyo maqaasaa isa Yihowaa jedhamuun akka isa beeknu barbaada. Maaliif? Maqaansaa eenyummaasaa waan bakka bu’uufidha. Maqaan kun kallattiin yommuu hiikamu “Akka Ta’u Godha” jechuudha. Karaa garabiraa, kaayyoosaa galmaan ga’uuf wanta ta’uu barbaadu hundaa ta’a jechuudha. Mee karaa kanaan yaadi: Abbaan tokko maatiisaa kunuunsuuf, akka haala maatiisaatiif barbaachisutti kan bulchu, kan gorsu, kan faradu, kan araarsu, maatiisaa kan eeguufi kan barsiisu ta’ee hojjeta. Maqaan Yihowaa jedhus, namoota isa tajaajilan eebbisuuf waadaa gale akka hin raawwanne wanti isa dhowwu tokkoyyuu akka hin jirre nuu mirkaneessa.

Waaqni keenya inni jaalala qabeessi, wantoota haala maqaasaa wajjin wal qabateen raawwate haa ilaallu. Kunis, Yihowaan Waaqa akkamii akka ta’e beekuufi isatti dhihaachuuf maal gochuu akka qabnu hubachuuf nu gargaara.

‘Waaqa Jaalalaafi Nagaa Qabu’

Phaawulos ergamaan, Uumaa keenya ‘Waaqa jaalalaafi nagaa qabu’ jedhee waameera. (2 Qorontos 13:11) Maaliif? Yesus Kiristos dursee akkas jedheera: “Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!” (Yohannis 3:16) Waaqayyo jaalala guddaa ilmaan namootaaf qabuun kaka’ee Ilmasaa isa jaallatu furii godhee kan kenne si’a ta’u, kunis namoonni Ilmasaatti amanan hundi rakkinaafi dhiphina bu’aa cubbuu ta’erraa walaba ba’anii barabaraaf akka jiraatan isaan dandeessisa. Phaawulosis akkas jechuun kan dubbate kanumaafidha: “Beenyaan nama cubbuu hojjetuu du’a; kennaan Waaqayyoo inni Kristos Yesus gooftaa keenyaa wajjin tola kennamu garuu jireenya bara baraa ti.” (Roomaa 6:23) Kun Waaqayyoon jaallachuufi isatti dhihaachuuf nu kakaasuu hin qabuu?

Waaqayyo ilmaan namootaa guutummaatti qofa utuu hin ta’in, namoota amanamoo ta’anis dhuunfaatti akka jaallatu argisiiseera. Museen Israa’eloota mata-jabeeyyii ta’aniin akkas jedheera: “Ati yaa saba gowwaadhaa fi qalbii hin qabne, kan ati Waaqayyoof deebiftu kanaa? Inni abbaa kee fi isa si uume mitii? Isa mitii kan si tolche, kan si dhaabes?” (Keessa Deebii 32:6) Kun maal jechuu akka ta’e qalbeeffatteettaa? Yihowaan sabnisaa hanqina qabaachuusaanii beekus, akka abbaa jaalala qabeessa tokkootti isaan kunuunseera. Soorata isaan barbaachisu, wantoota miiraanis ta’e hariiroo isaa wajjin qaban isaanii jabeessu hundaa guuteeraaf.

Hundi keenya bu’aa ba’iin jireenyaa hedduun waan nu mudataniif, al tokko tokko dhiphachuu darbees gadduu dandeenya. Yeroo akkasiitti, nama haalaafi rakkoo nu mudateef ilaalcha sirrii akka qabaannu nu gargaaru barbaanna. Eenyutu nu gargaaruu danda’a? Yihowaan karaa Macaafa Qulqulluu gorsa nuu kennuudhaan nu kunuunsa. Macaafni kun, rakkinni baay’een kan nurra ga’u maaliif akka ta’eefi haala kana karaa bu’a qabeessa ta’een akkamitti mo’uu akka dandeenyu nutti hima. Abbaan jaalala qabu, mucaasaa kufee miidhame akkuma gargaaru, Yihowaanis gargaarsa barbaachisu nuu kennuuf gadi jechuudhaan jaalalasaa isa guddaa nutti argisiisa. Dhugumayyuu, Yihowaan namoota isatti amanan gargaaruuf harkisaa gabaabaa miti.—Isaayaas 59:1.

‘Kadhata namootaa kan dhaga’u’ ta’uunsaas akka nu jaallatu argisiisa. (Faarfannaa 65:2) Kadhata keenya kan dhaga’u ta’uunsaa akka nu jaallatu kan argisiisu akkamitti? Phaawulos akkas jechuun ibseera: “Waan hundumaatti, kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa malee, waanuma tokkotti yaaddoo hin qabaatinaa! Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caalus, karaa Kristos Yesus garaa keessanii fi yaada keessan in eega.” (Filiphisiiyus 4:6, 7) Atis kadhannaa garaadhaa madde Waaqayyoof dhiheessuufi qajeelfamoota Dubbiisaarratti argaman hojiirra oolchuudhaan ‘nagaa Waaqayyo isa hubannaa nama hundaarra caalu’ argachuu dandeessa.

‘Waaqayyo Beekaadha’

Macaafni Qulqulluun Yihowaan ‘beekumsatti hir’ina akka hin qabne’ ibsa. ‘Waaqayyo beekaa’ waan ta’eef, akkaataa uumama ilmaan namootaas ta’e wantoota isaan barbaachisan eenyuyyuu caalaatti beeka. (Iyoob 36:4; 1 Saamu’el 2:3) Karaa Musee hojjetaasaa, “namni dubbii afaan Waaqayyoo keessaa ba’uun malee, buddeena duwwaadhaan akka hin jiraanne” dubbateera. (Keessa Deebii 8:3; Maatewos 4:4) Kunis gammachuu dhugaa argachuuf, wanti soora nu barbaachisu caalu akka jiru argisiisa.

Uumaan keenya karaa Macaafa Qulqulluu gorsaafi qajeelfama gaarii nuu kenna. Macaafa Qulqulluu yommuu qayyabannuufi gorsa Waaqayyoo yommuu hojiirra oolchinu, “dubbii afaan Waaqayyoo keessaa” ba’urraa faayidaa arganna. Fakkeenyaaf, dubartiin Kiristiyaanni Zuuzaanaa jedhamtu jireenya maatiishee ilaalchisee akkas jetteetti: “Macaafa Qulqulluu waliin dubbisuun, walga’iiwwan Kiristiyaanaarratti waliin argamuun, wantoota baranne warra kaanitti himuufi qajeelfama Waaqayyo nuu kennuuf abboomamuun, gaa’ela keenya nuu jabeessuurrayyuu, galma wal fakkaatu akka qabaannuufi hariiroon keenya jabeessuuf nu gargaareera.”

Atoo gorsaafi qajeelfama Waaqayyoorraa fayyadamuu barbaaddaa? Yeroo hundaa Macaafa Qulqulluu qo’achuufi gorsasaa hojiirra oolchuudhaan, karaa hafuuraa eebba hammana hin jedhamne argachuu dandeessa.—Ibroota 12:9.

Waaqa Fayyisaa’

Yeroo ammaatti biyyi lafaa walitti bu’iinsaan kan guutamedha. Namoonni wanta fuulduraatti ta’u beekuu hin danda’an. Biyya waraanaan hunkuramu keessa jiraatta taanaan, nagaa hawwuunkee hin ooluu. Namoonni baay’een biyyoota garagaraa keessa jiraatanimmoo, yakki, walirratti ka’uun, haalli dinagdee tasgabbii dhabuunsaafi balaa shororkeessitoonni geessisan isaan dhiphisa. Rakkoo kana hundaarraa eenyutu nu oolcha? Yeroo har’aa, ilmaan namootaa yeroo kamiyyuu caalaatti nama eegumsa isaanii godhuufi isaan oolchu barbaadu.

Macaafni Qulqulluun, “Maqaan Waaqayyoo [“Yihowaa,” NW] gimbii jabaa dha, namni qajeelaan gara isaatti baqatee in oola” jedha. (Fakkeenya 18:10) Maqaa Waaqayyoo beekuufi isatti amanamuun, Inni namoota isatti amanaman oolchuuf wanta inni raawwateefi tarkaanfii inni gara fuulduraatti fudhaturratti akka yaannu nu taasisa. Yihowaan Waaqa sabasaa oolchuu danda’u ta’uusaa mirkaneesseera. Fakkeenyaaf, humna waraanaa Fara’ooniifi konkolaattotasaa fardeeniin harkifaman balleessuudhaan Israa’eloota oolcheera. Yihowaan, Waaqa amanamaa namoota rakkina keessa jiran yaadatuufi isaaniif jechas tarkaanfii fudhatu ta’uusaa argisiiseera.—Ba’uu 15:1-4.

Jireenya barabaraa argachuun, Yihowaan fayyisaa ta’uusaa amanuu keenyarratti kan hundaa’edha. Daawit Mootichi inni rakkina hedduu keessa darbeefi mootii Israa’el durii ture, ‘Ati Waaqayyo isa na fayyisudha’ jedhee waa’ee Yihowaa yommuu barressu, amantii akkasii akka qabu argisiiseera. (Faarfannaa 25:5) Phexros ergamaanis, “Gooftichi, namoota Waaqayyoof bulan qorama keessaa baasuu . . . beeka” jedhee amantii guutuun dubbateera.—2 Phexros 2:9.

Waaqayyo nama akka inni isa gargaaru isatti amanamu ilaalchisee, “waan inni maqaa koo beekuufis, eegumsaan ol isa nan qaba” jechuudhaan waadaa galeera. (Faarfannaa 91:14) Tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo har’aatti argamanis waadaan kun dhugaa ta’uusaa hubataniiru. Henriik inni biyya Poolaand rakkinniifi ari’atamni irra ga’us, waggaa 70f amanamummaan Yihowaa tajaajileera. Henriik yommuu umriinsaa 16 ture abbaansaa mana hidhaa Oshwiitisitti ergame. Henriikiifi obboleessisaammoo, mana hidhaa Naazii bakka amalli dargaggootaa itti sirreeffamutti ergaman. Isa boodas mana hidhaa garagaraa keessatti hidhameera. Henriik haala yeroo sanatti ture yaadachuun akkas jedha: “Haalawwan rakkisoo ani keessa ture hundaatti matumaa Yihowaan na hin dhiisne.” Yeroo hedduu haalawwan gara du’aatti na geessan na mudatanis, yeroo hundaa amanamummaakoo eegee akkan jiraadhu na gargaaraa tureera.” Eeyyee, Yihowaan tajaajiltoonnisaa jabaatanii akka dhaabataniif amantiifi jabina kennaaf.

Waaqayyo yeroo dhihootti, namoota isatti amananiifi fayyina inni isaaniif fidu eeggatan hunda ni oolcha. “Ana duwwaatu Waaqayyoo dha, ana malee fayyisaan kan biraa hin jiru” jechuun dubbateera. (Isaayaas 43:11) Yihowaan, “lola guyyaa isa guddicha kan Waaqayyoo hundumaa danda’u” sanatti, hamoota lafarraa kan balleessu si’a ta’u, namoota qajeeloo garuu ni oolcha. (Mul’ata 16:14, 16; Fakkeenya 2:21, 22) Yihowaan, “Warri garraamonni garuu lafa in qabaatu, [“indhaalu,” hiika bara 1899] isaanis nagaa guutuutti jiraachuu isaaniitiin sonaan in gammadu” jechuun nuu mirkaneesseera.—Faarfannaa 37:11.

“Ijoollee Waaqayyoo” Ta’uu

Israa’eloonni bara Miikiyaas, Yihowaan Abbaasaanii akka ta’e dubbatu turan. Ta’us, kennaa midhaanii isa xuraa’aa, horii jaamaafi naafa aarsaa godhanii dhiheessuudhaan, Yihowaaf ulfina hin kennin hafaniiru; isaafis amanamoo hin turre. Yihowaan, “egaa ergan abbaa ta’ee ulfinni anaaf ta’u meerre ree?” jedhee kan isaan gaafates kanaaf ture.—Miilkiyaas 1:6.

Dogoggora Israa’eloonni amanamoo hin taane godhan raawwachuu hin qabdu. Kanaa mannaa, waa’ee Yihowaa akka beektuufi isatti akka dhihaattu si jajjabeessina. Yaaqoob inni bartuu Kiristos ta’e, “Waaqayyotti dhi’aadhaa, innis isinitti in dhi’aata” jechuun jajjabeesseera.—Yaaqoob 4:8.

Yihowaa akka Abbaatti ilaaluun, itti gaafatamummaa tokko tokko fida. Guutummaa jireenya keetti ulaagaa Yihowaan baase guutuudhaan isa kabajuuf yoo carraaqxe, carraaqqiikee matumaa hin irraanfatu. Kanaa mannaa, daandii sirrii gara addunyaa haaraa abdachiifametti geessuufi ‘duuni, gaddi, iyyi, waraansis deebi’ee hin jiraannerra’ akka deddeebitu si gargaara. (Mul’ata 21:4) Yeroo sanatti ilmaan namootaa ajajamoo ta’an hundi, “garbummaa isa wanta badu isa godhe jalaa luba in ba’a; luba ba’uun kun gara birmadummaa ijoollee Waaqayyoo warra ulfina qabaniitti in geessa.”—Roomaa 8:21.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 5rra jiru]

Waaqayyo, maqaasaa isa Yihowaa jedhamuufi kallattiin yommuu hiikamu “Akka Ta’u Godha” jedhu akka barannu barbaada

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 6rra jiru]

“Haalawwan rakkisoo ani keessa ture hundaatti matumaa Yihowaan na hin dhiisne.”—HENRIIK

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 7rra jiru]

“Macaafa Qulqulluu waliin dubbisuun, walga’iiwwan Kiristiyaanaarratti waliin argamuun, wantoota baranne warra kaanitti himuufi qajeelfama Waaqayyo nuu kennuuf abboomamuun, gaa’ela keenya nuu jabeessuurrayyuu, galma wal fakkaatu akka qabaannuufi hariiroon keenya jabeessuuf nu gargaareera.”—ZUUZAANAA