Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Akka Obboloota Yoseef Namatti Hinaaftee Beektaa?

Akka Obboloota Yoseef Namatti Hinaaftee Beektaa?

Ijoollee Keessan Barsiisaa

Akka Obboloota Yoseef Namatti Hinaaftee Beektaa?

HINAAFFAAN maal akka ta’e haa mari’annu. Warri kaan nama tokkoon inni gaarii, miidhagaa ykn qaxaleedha jedhanii yommuu jajan nama sana jaallachuun sitti ulfaataa? *— Akkas taanaan namichatti hinaafteetta jechuudha.

Warri, mucaa tokko isa kaanirra caalchisanii kan jaallatan taanaan, maatii keessatti hinaaffaan mul’achuu jalqaba. Macaafni Qulqulluun rakkoo guddaa maatii tokko keessatti hinaaffaan geessisee ture ibsa. Rakkina hinaaffaan kun geessisee tureefi barumsa isarraa argannu haa ilaallu.

Yoseef ilmaan Yaaqoob keessaa 11⁠ffaa si’a ta’u, obboloonnisaa warri haadha garbiraarraa dhalatan isatti hinaafanii turan. Maaliif akka ta’e beektaa?— Yaaqoob, Yoseefiin baay’isee waan jaallatuuf ture. Fakkeenyaaf Yaaqoob, Yoseefiif uffata miidhagaa hojjechiiseef. Yaaqoob, Yoseefiin kan jaallatu “ilma dulluma isaa jala argate waan ta’eef,” akkasumas ilma jalqabaa haadha manaasaa Raahel ishee baay’ee jaallaturraa waan dhalateefidha.

Macaafni Qulqulluun ‘obboloonnisaa akka abbaansaanii hundumaa caalaatti isa jaallate yommuu argan Yoseefiin in jibban’ jedha. Gaaf tokko Yoseef abjuudhaan abbaasaa dabalatee maatiinsaa hundi yeroo isaan isaaf gugguufan arguusaa itti hime. Macaafni Qulqulluun, ‘obboloonnisaa isatti akka hinaafan,’ abbaansaallee abjuu kana waan isatti himeef akka itti dheekkame dubbata.—Uumama 37:1-11.

Yeroo boodas Yoseef umriinsaa 17 ennaa ta’u, obboloonnisaa kiilomeetira hedduu manarraa fagaatanii hoolotaafi re’oota maatiisaanii tiksu turan. Kanaaf Yaaqoob, ijoollee kana akka ilaaluuf Yoseefiin erge. Fagootti yeroo isa argan baay’eensaanii maal akka isa gochuu barbaadan beektaa?— Ajjeesuunii barbaadan. Ta’us isaan keessaa Ruubeniifi Yihudaan kana raawwachuu hin barbaanne.

Daldaltoonni tokko Gibxiin dhaqaa utuu jiranii waan arganiif Yihudaan, “Kottaa isa in gurgurraa!” isaaniin jedhe. Akkuma yaadan ni gurguraniin. Achiis reettii tokko qalanii uffata Yoseef dhiigicha keessa cuuphan. Booda uffaticha abbaasaaniitti yommuu argisiisan innis, ‘Bineensa hamaatu Yoseefiin nyaate’ jedhee boo’e.—Uumama 37:12-36.

Yeroo booda Yoseef Fara’oon mootii Gibxii biratti jaallatamaa ta’e. Kun kan ta’es Yoseef gargaarsa Waaqayyootiin abjuu Fara’oon abju’ate lama waan hiikeef ture. Inni jalqabaa waa’ee saawwan gabbatoo torbaafi saawwan huqqatoo torba dubbata. Abjuu inni lammaffaan mataa midhaanii torba iji isaa gugguuteefi mataa midhaanii torba ijisaa coollige ibsa. Abjuu lamaanirratti Yoseef waggaan torba waggaa gaarii midhaan itti galchan, waggaan torbammoo yeroo itti beelli ta’u akka ta’e ibse. Fara’oon bara beelaa sanaaf midhaan akka walitti sassaabuuf Yoseefiif aboo kenne.

Beelli dubbatame sun yeroo dhufetti maatiin Yoseef warri kiilomeetira hedduu isarraa fagaatanii jiran midhaanni isaan barbaachise. Yaaqoob obboloota Yoseef angafaa kudhan midhaan akka bitaniif Gibxiitti erge. Yoseef duratti dhihaatanis isa hin barre turan. Eenyummaasaa utuu itti hin himin obboloonnisaa haala suukanneessaa ta’een wanta isarratti raawwataniif hammam akka gaabban qoree isaan hubateera. Achiis inni Yoseef akka ta’e isaanitti hime. Deebi’anii wal arguusaanitti gammachuu itti dhaga’ame mee yaadi.—Uumama, boqonnaa 40 hanga 45.

Seenaa Macaafa Qulqulluu kanarraa waa’ee hinaaffaa maal baratta?— Hinaaffaan rakkina guddaa geessisuu, kaanillee hafee namni tokko obboleessasaa amma miidhutti geessisuu danda’a! Hojii Ergamootaa 5:17, 18fi 7:54-59 erga dubbisnee booda, hinaaffaadhaan kaka’anii namoonni gocha isaan bartoota Yesusirratti raawwatan haa ilaallu.— Amma hinaafuurraa of eeguu kan qabnu maaliif akka ta’e hubattee?—

Yoseef waggaa 110 jiraate. Ijoollee kan godhate si’a ta’u; ijoollee ijoolleesaafi akaakilii argeera. Yoseef ijoolleen kun akka wal jaallataniifi hinaaffaan gidduusaaniitti akka hin uumamne yeroo mara akka isaan barsiise mirkanaa’uu dandeenya.—Uumama 50:22, 23, 26.

[Miiljaleewwan]

^ key. 3 Mucaa tokkoo wajjin dubbisaa jirta taanaan, bakki duwwaan kun takka dhaabachuudhaan mucichi waa’ee ofiisaa akka dubbatu jajjabeessuuf kan gargaarudha.

Gaaffiiwwan:

Hinaafuu jechuun maal jechuudha?

Hinaaffaan obboloonni Yoseef maal akka godhan kakaaseera?

Yoseef obbolootasaaf dhiifama kan godhe maaliifi?

Seenaa kanarraa maal baranna?