Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jechoota Afaaniin Dubbatamanirraa Gara Barreeffama Caaffata Qulqullaa’ootti Barreessuufi Kiristiyaanota Durii

Jechoota Afaaniin Dubbatamanirraa Gara Barreeffama Caaffata Qulqullaa’ootti Barreessuufi Kiristiyaanota Durii

Jechoota Afaaniin Dubbatamanirraa Gara Barreeffama Caaffata Qulqullaa’ootti Barreessuufi Kiristiyaanota Durii

AMANTOONNI baroota dheeraadhaa kaasee jiraatan hedduun, barreeffamoota beekamoo Caaffata Qulqullaa’oo afaan Giriikii hanga har’aatti Kakuu Haaraa jedhamuun beekaman dubbisuu, qayyabachuufi qoruudhaan yeroo dheeraa dabarsaniiru. Barreeffamoonni kun kutaawwan Macaafa Qulqulluu kaan dabalatee, addunyaarratti amala ilaalchisee seera baasuuf, ogbarruufi ogummaa harkaaf ka’umsa ta’uudhaan dhiibbaa guddaa geessisaniiru. Hunda caalaa, tarii siinis dabalatee namoonni miliyoonaan lakkaa’aman waa’ee Waaqayyoofi waa’ee Yesus beekumsa sirrii akka argatan gargaaraniiru.—Yohannis 17:3.

Wangeelonnis ta’an kutaawwan Caaffata Qulqullaa’oo afaan Giriikii kaan akkuma Yesus du’een hin barreeffamne. Maatewos Wangeelasaa kan barreesse Yesus du’ee waggaa 7 ykn 8 booda si’a ta’u, Yohannisis kan barreesse waggaa 65 boodadha. Wantoota Yesus dubbateefi raawwate sirriitti barreessuu kan danda’an akkamittiree? Hafuurri qulqulluu isaan geggeessuurratti ga’ee guddaa akka qabu beekamaadha. (Yohannis 14:16, 26) Barumsawwan Yesus barsiise sirriitti darbuu, yeroo boodas kutaa Caaffata Qulqullaa’oo ta’uu kan danda’an akkamitti?

“Dubbisuufi Barreessuu Hin Danda’an Turanii”?

Jaarraawwan darbanitti namoonni tokko tokko, bartoonni Yesus barumsaafi wantoota inni raawwate barreeffamaan utuu hin ta’in afaanumaan dabarsaa akka turan dubbatu. Fakkeenyaaf, hayyuun tokko akkas jedhaniiru: “Namoonni Wangeela barreessan waa’ee tajaajila Yesus isa lafarraa kan barreessan, Yesus kana raawwatee waggoonni kudhaniin lakkaa’aman baay’een erga darbanii boodadha. Waggoota kana keessatti waa’een Yesus namaa gara namaatti kan darbu afaaniin ture.” Qorattoonni tokko tokko bartoonni Yesus durii “dubbisuufi barreessuu kan hin dandeenye turan” jechuun ni danda’ama jedhanii falmu. * Kana malees, wantoonni Yesus raawwate yeroo afaaniin darban waggoota hedduu kudhaniin lakkaa’aman kanatti akka jijjiiraman, akka arbeeffaman ykn yaanni tokko tokko akka itti dadabalaman dubbatamu. Kanaaf, seenaawwan achi keessatti galmeeffaman dhugaarraa kan fagaatanidha jedhu.

Ilaalchi hayyoota tokko tokko biratti fudhatama argate kaanimmoo, bartoonni Yesusitti dhihaataniifi mala barumsaa barsiisota amantii Yihudootaa isa waan tokko irra deddeebi’uudhaan yaadatti qabatan hordofuudhaan barumsi kun sirriitti akka darbuuf gargaarsa gochuu hin oolu kan jedhudha. Bartoonni Yesus seenaawwan waa’ee tajaajila Yesus ibsan namootaaf kan dabarsan afaaniinmoo barreeffamaani? Afaaniin ykn barreeffamaan dabarsan jedhanii dubbachuun rakkisaa ta’us, barreessuun seenaa tajaajila Yesus tursuuf gumaacha guddaa godheera.

Barreeffamni Kutaa Jireenya Guyyaa Guyyaa Ture

Jaarraa tokkoffaatti namoonni hundi dubbisuufi barreessuu danda’u turan. Kana ilaalchisee, piroofeesar Alan Milardi jedhaman afaan Ibrootaafi afaan warra Seem durii qoratan akkas jedhaniiru: “Afaan Giriikii, Aramaayikiifi afaan Ibrootaatiin barreessuun babal’atee waan tureef, namoonni barreessuu danda’an hawaasa hundumaa keessatti argamu turan.” Itti dabalaniis, “Yesus haala akkasii keessatti tajaajilaa ture” jedhaniiru.

Piroofeesar Milardi Wangeelonni “haawaasa tasumaa dubbisuufi barreessuu hin dandeenye keessatti barreeffaman” jedhu ilaalchisee akkas jechuun barreessaniiru: “Namoota bakka kamiyyuu jiraatan keessatti barreeffamni kan barame waan tureef, akkas ta’a jedhanii yaaduun waan hin fakkaannedha. . . . Kanaaf, ofiisaaniitiif yaadannoo qabachuufis ta’e namoota kaanitti himuuf namoonni barsiifata barreessanii ka’uu qaban jiru turan.”

Yeroo sanatti, gabateewwan gagaa dibamaniifi irratti barreeffaman argachuun salphaa waan tureef, odeeffannoo barreessuuf itti hin fayyadamin hin oolan. Akka fakkeenyaatti seenaa Luqaas boqonnaa tokkorra jiru haa ilaallu. Zakaariyaas dandeettii dubbachuusaa yeroof dhabee kan ture si’a ta’u, maqaa ilmasaatiif akka ba’u barbaadu isa gaafatan. Lakkoofsi 63, “[Mallattoodhaan] waan [“gabatee,” NW] irratti caafu akka isaaf kennaniif gaafatee maqaan isaa Yohannis jedhama jedhee” barreesse. Galmeen jechoota Macaafa Qulqulluu jecha “gabatee” jedhu, mukarraa kan hojjetameefi gagaan itti dibamee kan irratti barreeffamu jedhee hiika. Zakaariyaas battaluma sanatti barreessuu kan danda’e, namoota achi turan keessaa tokko gabatee irratti barreeffamu qabatee waan tureef ta’uu danda’a.

Fakkeenya namoonni yeroo sanatti turan gabateerratti barreessaa akka turan argisiisu kan biraa haa ilaallu. Macaafa Hojii Ergamootaa keessatti, Phexros namoota naannoo mana qulqullummaatti sassaabamanii turaniin, “Yaada garaa keessanii geddaradhaa, inni cubbuu keessan akka isiniif haxaa’utti” jechuun isaan gorse dubbisna. (Hojii Ergamootaa 3:11, 19) Kitaabni Za Niiwu Intarnaashinaal Dikshinarii oov Niiwu Teestaamanti Ti’ooloojii jedhamu, yaada kana yeroo ibsu akkas jedheera: “Yaanni asirrattis ta’e bakkawwan biraatti jechi kun dabarsu, gabatee gagaa dibamee yeroo lammataaf faayidaarra akka ooluuf wanta achirratti barreeffame haxaa’uu kan argisiisu hin ta’in hin oolu.”

Seenaawwan Wangeelarra jiranis, duuka buutota Kiristosiifi namoota isa dhaggeeffataa turan keessaa tokko tokko jireenyasaanii guyyaa guyyaa keessatti barreeffamatti fayyadamaa akka turan kan argisiisanidha. Fakkeenyaaf, Maatewosiifi Zakewos warra qaraxa sassaaban (Maatewos 9:9; Luqaas 19:2); geggeessituu mana sagadaa (Maarqos 5:22); angafa dhibbaa (Maatewos 8:5); Yo’aanaa, haadha manaa mana eegduu Herodis (Luqaas 8:3); barreessitoota, Fariisota, Saduqootaafi miseensota yaa’ii warra Yihudootaa muraasasaaniiti. (Maatewos 21:23, 45; 22:23; 26:59) Hunda ta’uu baatanis, ergamoonniifi bartoonni Yesus baay’eensaanii barreessuu kan danda’an akka turan hin shakkisiisu.

Barattoota, Barsiisotaafi Barreessitoota

Ergamoonni Yesus Kiristiyaanummaa barsiisuuf, wanta inni barsiise qofa utuu hin ta’in Seerri Musees ta’e raajiiwwan Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa keessatti caqasaman, Kiristosirratti akkamitti akka raawwataman hubachuu qabu turan. (Hojii Ergamootaa 18:5) Kan nama dhibu garuu, Luqaas Yesus erga du’aa ka’e yeroo muraasa booda maree bartootasaa muraasaa wajjin godhee ture barreesseera. Yeroo kanatti Yesus maal godhe? “Macaafa Musee fi macaafota raajotaa hundumaa keessatti iddoo itti waa’ee isaatiif dubbatu hundumaa isaaniif hiike.” Yesus yeroo muraasa boodas bartootasaatiin akkas jedheera: “‘Yommuun isinii wajjin ture waa’ee kootiif seera Musee, macaafa raajotaa fi, macaafa faarfannaa keessatti kan caafame hundinuu raawwatamuuf akka jiru, kan ani isinitti hime, kunoo, isa kana’ isaaniin jedhe. Ergasii macaafa haa hubataniif sammuu isaanii ibseef.” (Luqaas 24:27, 44, 45) Boodas, bartoonni Yesus wanta inni isaanitti himee ture “in yaadatan.”—Yohannis 12:16.

Seenaawwan kun, ergamoonniifi bartoonni waa’ee Gooftaasaanii waa’ee Yesus Kiristos kan arganiifi kan dhaga’an guutummaatti hubachuuf Caaffata Qulqullaa’oo qoruu, akkasumas qo’achuuf carraaquu akka qaban kan ibsudha. (Luqaas 1:1-4; Hojii Ergamootaa 17:11) Kana ilaalchisee, Piroofeesar Haarii Y. Gaambil Yuunivarsiitii Varjiiniyaatti qorataa amantii ta’an akkas jechuun barreessaniiru: “Jalqabumaa kaasee hiika Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa hubachuuf, tariimmoo Kiristiyaanonni gareen qoratan akka turan hin shakkisiisu; Kiristiyaanonni kun caqasawwan amantiisaaniitiif ragaa ta’an achirraa sassaabaa kan turan ta’uusaarrayyuu, hojii lallabaarratti itti fayyadamu turan.”

Kun hundumtuu ergamoonni Yesus durii afaaniin ergaa kan dabarsan qofa utuu hin ta’in kan qayyabatan, kan dubbisaniifi kan barreessan akka turan argisiisa. Barattoota, barsiisotaafi barreessitoota turan. Hunda caalaa namoota hafuuraa, geggeessaa hafuura qulqulluutti amanaman turan. Yesus ‘hafuurri dhugaa’ ‘waan inni isaanitti hime hundumaa akka isaan yaadachiisu’ waadaa galeefii ture. (Yohannis 14:17, 26) Hafuurri Waaqayyoo, lallaba dheeraa Yesus Gaararratti kenne dabalatee wantoota Yesus raawwateefi dubbate akka yaadatan, darbees akka barreessan isaan gargaareera. (Maatewos, boqonnaa 5-7) Akkasumas hafuurri qulqulluun yeroo Yesus lafarra turetti, wanta isatti dhaga’ameefi maal jedhee akka kadhate akka barreessan barreessitoota Wangeelaa geggeesseera.—Maatewos 4:2; 9:36; Yohannis 17:1-26.

Kanaaf barreessitonni Wangeelaa odeeffannoo dabarsuuf afaaniifi barreeffamaan fayyadamuunsaanii shakkii qabaachuu baatus, wantoonni isaan barreessan Yihowaa isa Waaqa amanamaafi hunda caalurraa kan argamanidha. ‘Caaffanni qulqullaa’aan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin waan caafamaniif,’ wantoota Waaqayyoon gammachiisan akka raawwannu nu barsiisuufi nu geggeessuu akka danda’an guutummaatti amanamuu dandeenya.—2 Ximotewos 3:16.

[Miiljaleewwan]

^ key. 5 Saanduqa “Ergamoonni Dubbisuufi Barreessuu Hin Danda’an Turanii?” jedhu ful. 15⁠rraa ilaali.

[Saanduqa/Fakkii fuula 11rra jiru]

Ergamoonni Dubbisuufi Barreessuu Hin Danda’an Turanii?

Bulchitoonniifi jaarsoliin Yerusaalem turan, “Phexrosii fi Yohannis ija jabinaan akka dubbatan yommuu caqasan, barumsa dheeraa akka hin qabne, kan hin beekamnes akka ta’an hubatanii, in dinqifatan.” (Hojii Ergamootaa 4:13) Dhuguma ergamoonni Yesus dubbisuufi barreessuu hin danda’an turanii? Kana ilaalchisee, kitaabni Za Niiwu Intarpiriitarsi Baayibil jedhamu yaada akkas jedhu kenneera: “Jechi kun Phexros [fi Yohannis] kan hin baranne ykn dubbisuufi barreessuu kan hin dandeenye kan isaan fakkeessu waan ta’eef kallattiin fudhatamuu hin qabu. Namoonni sun akkas kan jedhan iddoo ergamoonni kun hawaasicha keessatti qaban isaanirratti faraduuf ta’anirraa baay’ee adda akka ta’an ibsuuf jedhaniiti.”

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 10rra jiru]

Duuka buutota Yesus keessaa tokko tokko jireenyasaanii guyyaa guyyaa keessatti barreeffamatti hin fayyadamin hin oolan

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 11rra jiru]

Hafuurri Waaqayyoo duuka buutonni Yesus durii, wanta inni raawwateefi dubbate akka yaadatan, darbes akka barreessan gargaareera

[Fakkii fuula 9rra jiru]

Gabatee gagaa dibameefi meeshaalee ittiin barreessan jaarraa tokkoffaa ykn lammaffaatti hojjetaman

[Fakkii fuula 9rra jiru]

“Waan [gabatee] irratti caafu akka isaaf kennaniif gaafatee maqaan isaa Yohannis jedhama, jedhee [caafe]”

[Madda]

© British Museum/Art Resource, NY