Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Yesus hojii muka soofuurratti wantoota akkamii hojjechaa ture?

Yoseef inni akka abbaatti Yesusiin guddise muka sooftuu ture. Yesusis hojii kanaan wal fakkaatu hojjeta ture. Yesus tajaajilasaa yeroo jalqabu gara “waggaa soddomaa” kan ture si’a ta’u, namoonni “ilma isa muka sooftichaa” ta’uusaa qofa utuu hin ta’in, innumtiyyuu muka sooftuu ta’uusaa beeku turan.—Luqaas 3:23; Maatewos 13:55; Maarqos 6:3.

Magaalaa Yesus guddatetti, namoonni meeshaalee qonnaa, kan akka gindiifi waanjoo hojjetan kan jiran si’a ta’u, isaanimmoo gara caalaatti mukarraa hojjetamu turan. Meeshaaleen namoonni hojii muka soofuu hojjetan keessaa, minjaala, barcuma, dombiifi saanduqa mi’a keessa kaa’an, akkasumas balbala, foddaa, danqaraafi utubaa manaa hojjetu turan. Hojiin muka soofuu kun hojii ijaarsaarratti hirmaachuus kan dabalatudha.

Yohannis Cuuphaan fakkeenya dubbate tokkorratti waa’ee qottoo kan dubbate si’a ta’u, Yesusis ta’e namoonni muka soofan kaan muka muruuf meeshaa kanatti hin fayyadamin hin oolle. Achiis muka muran sana bakkuma inni jirutti utubaa manaatiif akka ta’utti sirreessu ykn bakka hojiisaaniitti geessu. Hojiin akkasii jabina qaamaa guddaa akka gaafatu beekamaadha. (Maatewos 3:10) Isaayaas meeshaa namoota hojii mukaa hojjetaniifi barasaatti turan ilaalchisee, “Namni muka soofuu beeku duraan dursee mukicha safaree, bifa namaa cilaattiidhaan irratti kaasee, isa kaase sana qirixiidhaan qirixee bifa itti baasa” jechuudhaan dubbateera. (Isaayaas 44:13) Namoonni durii magaazii sibiilarraa hojjetamaniin, burruusa dhagaarraa hojjetamaniifi mismaara nahaasarraa hojjetamanitti fayyadamaa akka turan ragaawwan qorannoo dachee mirkaneessaniiru. (Ba’uu 21:6; Isaayaas 10:15; Ermiyaas 10:4) Yesus wantoota kanatti fayyadamaa ture jechuun ni danda’ama.

Fakkeenya Yesus dubbate tokko keessatti “warra dhalatti fuudhan” kan jedhaman eenyufa’i? Kan hojjetan akkamitti?

Yesus, gooftaan tokko hojjetaasaa dhibaa’aa ta’een, “Ati meetii koo warra dhalatti fuudhan bira anaaf kaa’uutu si irra ture; ani immoo deebii kootti kan koo dhala isaa wajjin nan fudhadhan ture” jedhee akka itti dheekkame ibsee ture.—Maatewos 25:27.

Bara Yesusitti, akka yeroo keenyatti dhaabbileen baankii gurguddaan hin jiran turan. Haata’u malee, Yesus dhufuusaa yeroo dheeraa duraa jalqabee namoonni qarshii liqeessan qarshii yeroo dheeraa akka isaan bira turuuf fudhataniif hiiqii kaffaluun, akkasumas hiiqii guddaadhaan warra kaaniif liqeessuun wanta beekamaa ture. Akka galmeen Za Ankar Baayibil Dikshinarii jedhutti, Dh.K.D. jaarraa afuraffaatti qarshii hiiqiidhaan liqeessuun wanta baramaa ture. Bara warri Roomaa nagaan akka dagaagu godhanii turanitti, guutummaa Roomaa keessaa hiiqiin waggaatti liqiif kaffalamu dhibba keessaa harka 4 hanga 6⁠tti ture.

Seerri Musee Israa’eloota hiyyeeyyiif hiiqiidhaan liqeessuu ni dhorka ture. (Bau. 22:25) Seerri kun keessumaa namoota hiyyeeyyii ta’aniif hiiqiidhaan liqeessuu kan dhorku hin ta’in hin oolu. Ta’us, akkuma fakkeenya Yesus dubbate keessatti ibsame, namoonni warra qarshii liqeessan ykn warra ‘dhalatti fudhatanii’ qarshii kaa’anirraa hiiqii fudhachuunsaanii wanta beekamaa ture. Kanaaf, Yesus akkuma yeroo kaanii asirrattis wanta dhaggeeffattoonnisaa beekan akka fakkeenyaatti fayyadameera.