Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Raajiiwwan Masiihicha Ilaalchisee Dubbataman

Raajiiwwan Masiihicha Ilaalchisee Dubbataman

Raajiiwwan Masiihicha Ilaalchisee Dubbataman

YIHUDOONNI raajii Isaayaasiifi raajonni kaan Masiihicha ilaalchisee barreessan waan beekaniif, dhufaatii Masiihichaa eeggachaa turan. Bara Yesusitti, Yihudoonni baay’een dhufaatii Masiihichaa “eeggachaa” turan. (Luqaas 3:15) Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu, jireenya Masiihichaa ilaalchisee ibsa bal’aa kennuunsaanii xiyyeeffannaa namaa kan hawwatudha. Namni kamiyyuu, raajii bal’aa kana dursee dubbachuu ykn jireenya Yesus keessatti akka raawwataman gochuu hin danda’u.

Ibsa Bal’aa Dhalachuu Masiihichaa Wajjin Walitti Dhufeenya Qabu. Isaayaas, Masiihichi ykn Kiristos durbarraa akka dhalatu dursee dubbateera. Maatewos ergamaan Yesus haala dinqii ta’een dhalachuusaa erga ibsee booda, “Kun hundinuu inni Waaqayyo gooftaan afaan raajichaatiin dubbate akka raawwatamuuf ta’e. Innoo, ‘Kunoo, durbi in ulfoofti ilmas in deessi’” jechuun barreesseera. (Maatewos 1:22, 23; Isaayaas 7:14) Kana malees, Isaayaas, Iseyi abbaa Daawit maqaadhaan caqasuun Kiristos hidda dhalootaa Daawit keessaa akka dhufu dubbateera. Dhugumayyuu, Yesus kan dhalate hidda dhalootaa Daawit keessaa ture. (Maatewos 1:6, 16; Luqaas 3:23, 31, 32) Kanaaf, Gabri’el ergamaan Yesus dhalachuusaa dura Maariyaam haadha Yesusiin, “Waaqayyo gooftaanis teessoo abaabilii isaa Daawit in kennaaf” jedheera.— Luqaas 1:32, 33; Isaayaas 11:1-5, 10; Roomaa 15:12.

Ibsa Bal’aa Jireenya Masiihichaa Wajjin Walitti Dhufeenya Qabu. Yesus erga guddatee booda mana sagadaa Naazireetitti argamu tokkotti raajii Isaayaas keessaa jecha armaan gadii dabalatee kutaa murtaa’e sagaleesaa ol fuudhee dubbiseera: “Hafuurri gooftichaa ana irra jira, sagalee misraachoo warra gadadamootti himuudhaaf na dibeera.” Yesus raajicha kan dubbatu waa’eesaa akka ta’e ibsuuf, “Kunoo, dubbiin macaafaa kun akkuma dhageessanitti har’a raawwatame” jedheera. (Luqaas 4:17-21; Isaayaas 61:1, 2) Kana malees Isaayaas, Yesus namoota fayyuun isaan barbaachisu gaarummaa, gara laafinaafi gad of deebisuudhaan akka gargaaru raajii dubbateera. Maatewos akkas jechuun barreesseera: “Namoonni baay’eenis isa duukaa dhaqnaan warra dhukkubsatan hundumaa fayyise; jarri immoo namootatti akka isa hin beeksifne cimsee isaan dhowwe. Kunis isa Isaayaas raajichaan dubbatame raawwachuudhaaf ta’e; . . . Inni hin wacu, hin caraanus, . . . inni jajjaba buruqfamaa hin cabsu.”—Maatewos 8:16, 17; 12:10-21; Isaayaas 42:1-4; 53:4, 5.

Ibsa Bal’aa Dhiphina Masiihicharra Ga’u Ilaalchisee Kenname. Isaayaas Israa’eloonni baay’een Masiihicha akka hin simanne, kanaa mannaa “dhagaa nama gufachiisu” akka isaanitti ta’u raajii dubbateera. (1 Phexros 2:6-8; Isaayaas 8:14, 15) Yesus raajiiwwan baay’ee raawwatullee sabichi “isatti hin amanne. Kun immoo dubbiin raajicha Isaayaas akka raawwatamuuf, isa inni, ‘Yaa gooftaa, eenyutu waan nuyi dhageenyee itti himne amane?’” jedhu dhugaa ta’uusaa argisiisa. (Yohannis 12:37, 38; Isaayaas 53:1) Wantoota Yihudoonni Yesus Masiihii ta’uusaa amananii akka hin fudhanne taasisan keessaa inni tokko Masiihichi battaluma sanatti bulchiinsa warra Roomaa jalaa nu baasee mootummaa karaa hidda dhaloota Daawit hundeeffame deebisee lafarratti hundeessa jedhanii dogoggoraan yaaduusaaniiti. Yesus dhiphatee waan du’eef Yihudoonni baay’een akka Masiihiitti isa hin simanne. Ta’us, Isaayaas Masiihichi Mootii ta’uusaa dura, dhiphinaafi gidiraan akka irra ga’u dursee raajii dubbatee ture.

Macaafni Isaayaas Masiihicha ilaalchisee, “Ani dugda koo warra na rukutanitti, . . . nan qabe; fuula koo warra anatti tufanii fi warra anatti ga’isan jalaa hin dhoksine” jedheera. Maatewos wanta Yesus yommuu gara firdiitti dhihaate raawwatame yeroo ibsu, “Yommus fuula isaatti tufanii, isa abootan; warri kaanis [isa] kakkabalan” jedheera. (Isaayaas 50:6; Maatewos 26:67) Isaayaas, “Isa in cunqursan, in dhiphisanis, inni garuu waan tokko iyyuu hin dubbanne” jechuun barreesseera. Kanaaf, Philaaxos, himata Yihudoonni irratti dhiheessaniif deebii akka kennu yommuu isa gaafatu, Yesus “garuu dubbii tokkoof iyyuu deebii isaaf hin laanne; bulchaan biyyaas kanatti guddaa dinqifate” jedhe.—Isaayaas 53:7; Maatewos 27:12-14; Hojii Ergamootaa 8:28, 32-35.

Ibsawwan Bal’aa Du’a Masiihichaa Wajjin Walitti Dhufeenya Qabu. Raajiiwwan Isaayaas dubbate, yeroo Yesus du’etti qofa utuu hin ta’in, sanaan boodas raawwii argachuusaanii itti fufaniiru. Isaayaas, “Awwaalli isaa warra jal’oota gidduutti yaadamee ture, inni garuu warra sooressoota gidduutti in awwaalame” jechuun dubbateera. (Isaayaas 53:9) Raajiin waan wal faallessu fakkaatu kun akkamitti raawwatame? Yesus ajjeefamee saamtota lama gidduutti fannifame. (Maatewos 27:38) Yeroo booda garuu, Yoseef inni sooressi mandara Armaatiyaa awwaala isa haaraa reefuu ofiisaatiif tolfate keessatti isa awwaale. (Maatewos 27:57-60) Dhumarrattis, duuti Yesus raajii Isaayaas warra gurguddaa keessaa inni baay’ee barbaachisaa ta’e tokko akka raawwatamu godheera. Isaayaas Masiihicha ilaalchisee, “Garbichi koo inni qajeelaan beekumsa isaatiin namoota baay’eedhaaf in farada, yakka isaaniis isaaniif in baata” jechuun dubbateera. Dhugumayyuu, duuti Yesus namoonni amanamoon hundi waanjoo cubbuu jalaa walaba akka ba’aniif furii ta’eera.—Isaayaas 53:8, 11; Roomaa 4:25.

Raajiiwwan Hin Raawwatamin Hin Hafne

Yesusiifi ergamoonnisaa ragaa Macaafa Qulqulluu eenyummaa Masiihichaa adda baasee ibsu dhiheessuuf jecha, Macaafota Qulqulluu kaan caalaatti macaafa Isaayaasirraa caqasaniiru. Ta’us, raajiiwwan waa’ee gara fuulduraa dubbatan kan qabate macaafa Isaayaas qofa miti. Raajiiwwan waa’ee Yesus, waa’ee Mootummaasaafi wantoota gaarii Mootummaan kun raawwatu ilaalchisee dubbatamaniifi Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaarratti argaman kaaniis raawwatamuusaanii itti fufu. * (Hojii Ergamootaa 28:23; Mul’ata 19:10) Raajiiwwan kun akka raawwataman hangam mirkanaa’oo ta’uun danda’ama ture? Yesus Yihudoota isa dhaggeeffachaa turaniin akkas jedheera: “Seeraa fi barsiisa raajotaa [jechuunis, Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa] diiguudhaaf waanan dhufe hin se’inaa, ani isaan raawwachuudhaafan dhufe malee, diiguudhaaf hin dhufne. Ani dhuguman isinitti hima, hamma waaqnii fi lafti badanitti seericha keessaa fidalli xinnaan tokko yookiis gar tokkoon fidalaa utuu fiixaan hin ba’in hin badu.”—Maatewos 5:17, 18.

Yesus raajiiwwan waa’eesaa ilaalchisee dubbataman dabalatee, raajiiwwan Macaafa Qulqulluu kaanis akkamitti akka raawwataman ibseera. (Daani’el 9:27; Maatewos 15:7-9; 24:15) Akkasumas, Yesusiifi bartoonnisaa wantoota yeroo ammaatti biyya lafaarratti argaa jirru hedduu dabalatee, wantoota bara isaan turan booda raawwataman ilaalchisee raajii dubbataniiru. Matadureen ittaanu, wantoota kanaafi raajiiwwan Macaafa Qulqulluu gara fuulduraatti raawwataman garabiraa ibsa.

[Miiljaleewwan]

^ key. 9 Raajiiwwan Yesusirratti raawwataman ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’ee ful. 200 ilaali.

[Fakkii fuula 14rra jiru]

“Durbii . . . ilma in deessi”

[Fakkii fuula 15rra jiru]

“Fuula koo warra anatti tufanii fi warra anatti ga’isan jalaa hin dhoksine”