Raajiiwwan Waa’ee Bara Keenyaa Dubbataman
Raajiiwwan Waa’ee Bara Keenyaa Dubbataman
MACAAFNI QULQULLUUN, Mootummaan Waaqayyoo nagaafi gammachuu barabaraa akka fidu dubbateera. (Daani’el 2:44) Kadhannaa Yaa Abbaa Keenyaa jedhamu keessatti, Yesus bartootasaa, “Mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee waaqa irratti akka ta’u, akkasuma immoo lafa irratti haa ta’u!” jedhanii akka kadhatan barsiiseera. (Maatewos 6:10) Yesus raajii beekamaa Gaara Ejersaarratti bartootasaatti himerratti wantoota Mootummichi dhufuusaa dura raawwataman dubbateera. Mallattoowwan kun walumatti qabaatti namoota garaa qajeelaa qabaniifi kana hordofaniif ragaa ifa ta’anidha. Mallattoowwan armaan gadii keessaa warri kam yeroo raawwataman argiteetta?
Waraanawwan Biyyoolessaa. Yesus, “Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti in ka’a” jechuun raajii dubbateera. (Maatewos 24:7) Waraana addunyaa tokkoffaa bara 1914 godhame dura, waraanonni godhaman bakkawwan muraasatti qofa ture. Waraanni Addunyaa Tokkoffaan kutaawwan addunyaa baay’eetti kan raawwatame qofa utuu hin ta’in, meeshaalee guutummaatti ilmaan namootaa fixan oomishuun yeroo itti jalqabamedha. Fakkeenyaaf, xiyyaarawwan haaraan yeroo sanatti hojjetaman namoota waraanarratti hin hirmaanerratti boombii harcaasuuf tajaajilaniiru. Meeshaaleen waraanaa baay’inaan oomishamuun lakkoofsi namoota kanaan dura waraanaan dhumanii haala hangana hin jedhamneen akka baay’atu taasisaniiru. Loltoota miliyoona 65 yeroo sanatti waraanarratti hirmaatan keessaa walakkaa kan ta’an, lubbuusaanii dhabaniiru ykn miidhaan isaanirra ga’eera. Ilmaan namootaa jaarraa 20ffaatti yeroo seenanittis lakkoofsi namoota du’anii haaluma wal fakkaatuun dabaleera. Barreessaan seenaa tokko, loltootaafi namoota waraanarratti hin hirmaanne kan Waraana Addunyaa Lammaffaatti du’an “hangam akka ta’an beekuun tasumaa hin danda’amu” jedhaniiru. Hanga ammaattillee waraanni itti fufeera.
Beela Bakka Hundaatti Babal’ate. Yesus, “Beelli . . . in ta’a” jechuun raajii dubbateera. (Maatewos 24:7) Bara 2005tti, barruun Saayins jedhamu akkas jedheera: “Namoonni addunyaa miliyoona 854 (uummata addunyaa keessaa harka 14) kan ta’an yeroof ykn tasumaa hanqina midhaan nyaataatiin hubamaa jiru.” Bara 2007tti, gabaasni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniirraa argame, biyyoonni 33 ta’an nyaata ga’aa uummatasaaniif dhiheessan akka hin qabne ibseera. Oomishni midhaanii dabalaa kan adeemu ta’us, haalli kun uumamuu kan danda’e akkamitti? Tokkoffaa, laftiifi midhaan boba’aa konkolaataa etaanol jedhamu oomishuuf waan ooluufidha. Gaazexaan Afriikaa Kibbaa Za Wiitnes jedhamu akkas jechuun gabaaseera: “Midhaan boba’aa etaanolii konkolaataa guddaa tokko al takkaa guutuuf faayidaarra oolu, nyaata waggaa nama tokkoo ta’uu danda’a.” Biyyoonni guddatanis, gatiin midhaanii dabaluunsaa wantoota barbaachisaa kan akka nyaataafi qorichaa keessaa tokko akka filatan isaan dirqisiiseera.
Socho’a Lafaa Gurguddaa. Yesus, “Socho’i lafaa gurguddaan . . . in ta’a” jedheera. (Luqaas 21:11) Yeroo har’aatti, yeroo kamiyyuu caalaa namoonni socho’a lafaatiin hubamaa akka jiran kan sitti dhaga’amu taanaan hin dogoggorre. Bara 2007tti lammiin Hindii Raajendar K. Chaadaa jedhamaniifi waa’ee socho’a lafaa qoratan, “Yeroo dhihoo asitti addunyaa maratti socho’i lafaa garmalee babal’achuusaa hubanneera” jechuun dubbataniiru. Itti dabalaniis “Sababiisaa garuu eenyuyyuu hin beeku” jedhaniiru. Kana malees, namoonni naannoowwan socho’a lafaatiif saaxilaman jiraatan saffisaan dabalaa adeemuunsaa, lakkoofsi namoota socho’a lafaatiin du’an akka dabalu taasiseera. Dhaabanni Qorannaa Ji’ooloojii Yuunaayitid Isteetis akka jedhetti, socho’i lafaa bara 2004tti Garba Hindii rukuteefi sunaamiin isatti aansuun ga’e, “socho’a lafaa waggaa 500 darbanitti namoota hedduu galaafatan keessaa isa lammaffaa” isa taasiseera.
Dhukkuboota To’annaa Ala Ta’an. Yesus, “Dha’ichis . . . in ta’a” jedheera. (Luqaas 21:11) Addunyaa maratti dhukkuboonni turanis ta’e haaraan namoota hedduu hubaa kan jiran si’a ta’u, dhukkuboota kanaaf qoricha argachuun rakkisaa ta’aa dhufeera. Fakkeenyaaf, dhukkubni busaa to’annaa ala ta’aa waan jiruuf, karoorawwan dhukkuba kana balleessuuf baafamanirratti yeroo baay’ee sirreeffama gochuun barbaachisaa ta’eera. Kana malees, namoonni miliyoonaan lakkaa’aman dhukkuboota durii jechuunis dhukkuba sombaa dabalatee, dhukkuboota haaraa akka Eedsii jiranii wajjin ta’uudhaan namoota miliyoonaan lakkaa’aman galaafachaa jiru. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa, “Namoota addunyaa keessaa harka sadii kan ta’an baakteeriyaa dhukkuba sombaatiin qabamaniiru” jechuun gabaaseera. Dhaabbanni kun biyyoota hedduutti dhukkubni kun akka babal’atu gumaacha kan godhe Eedsii akka ta’es ibseera. Sekoondii tokko keessatti namni tokko dhukkuba sombaatiin kan qabamu si’a ta’u, qorichis dhukkuba kana fayyisuu dadhabeera. Bara 2007tti barruun Niiwu Saayintiisti jedhamu, Awurooppaatti namni dhukkuba sombaatiin qabame tokko “qorichi qabnu kamiyyuu yoo kennameef fayyuu hin danda’u” jechuun gabaaseera.
Kufaatii Amalaafi Hawaasaa. Yesus, “Seera malee jiraachuun waan baay’atuuf, jaalalli namoota baay’ee qabbanaa’aa in adeema” jedheera. (Maatewos 24:12) Raajii Yesus dubbate malees, Phaawulos ergamaan kufaatiin amalaafi hawaasaa akka ta’u dubbateera. Mootummaan Waaqayyoo sirna kana balleessuusaa dura haalawwan “Guyyoota gara dhumaa” nama dhiphisan ibseera. Akkas jedhe: “Namoonni warra ofittoo, sassatoota, of-jajoo, afuufamoo, arrabsituuwwan, warra abboota isaanii fi haadhota isaaniif hin abboomamne, galata hin qabnee, warra wanta qulqullaa’aadhaan morman in ta’u. Warra jaalala of keessaa hin qabne, warra araara hin jaallanne, warra maqaa namaa balleessan, warra of hin qabne, warra namatti hin madaqne, warra waan gaarii jibban, warra dabarsanii nama kennan, warra eeggannaa hin qabne, warra of arguu dhabuudhaan of bokoksan, Waaqayyoon jaallachuu caalaa, warra waan isaan gammachiisu jaallatan ta’uuf jiru. Akka bakkeedhaan mul’atutti nama Waaqayyoo in fakkaatu, humna isa nama akkasii keessa jiru garuu in ganu.” (2 Ximotewos 3:1-5) Namoonni amalawwan gadhee akkasii yeroo argisiisan hin hubannee?
Yesusis ta’e Phaawulos, seenaa, haawaasaafi haala siyaasaa wantoota yeroo ammaa addunyaarra jiraniif sababii ta’an guutummaatti hin ibsine. Ta’us, raajiiwwan isaan dubbatan wantootaafi amalawwan namootaa yeroo har’aatti arginu sirriitti kan ibsanidha. Waa’ee yeroo gara fuulduraahoo maal jechuutu danda’ama? Raajiin Isaayaas dhufaatii Masiihiifi eebbawwan Mootummaan Waaqayyoo lafarratti fidu ilaalchisee raajii amansiisaa ta’e dubbateera. Matadureen ittaanu waa’ee kanaa ibsa.
[Fakkii fuula 16rra jiru]
“Sabni saba irratti . . . in ka’a”
[Fakkii fuula 17rra jiru]
“Dha’ichis . . . in ta’a”
[Madda]
© WHO/P. Virot