Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waa’ee Gara Fuulduraa Eenyutu Beekuu Danda’a?

Waa’ee Gara Fuulduraa Eenyutu Beekuu Danda’a?

Waa’ee Gara Fuulduraa Eenyutu Beekuu Danda’a?

“Ani Waaqayyoo dha, . . . , ani wanta booddee dhufuuf jiru duraan dursee himeera, durii durii jalqabees wanta amma iyyuu hin ta’in jiru dubbadheera.” —Isaayaas 46:9, 10.

YEROO haalawwan itti gegeddaraman kanatti, namoonni waa’ee siyaasaa, maallaqaafi dhimma hawaasaarratti yaada kennan seenaafi haala yeroo keenyatti argamu qo’achuudhaan waa’ee gara fuulduraa dubbachuuf yaalu. Kaanimmoo yeroon gara fuulduraa maal akka isaaniif qabate baruu waan hawwaniif, namoota urjii lakkaa’an ykn gara hafuurota hamoo dhaqu. Namoonni akkasii haallisaa yeroo baay’ee akka isaan yaadan waan hin taaneef abdii kutatu. Kana jechuun, waa’ee maatiikeefi waa’eekee dabalatee wanta addunyaa kanarra ga’u matumaa beekuun hin danda’amu jechuudhaa? Waa’ee gara fuulduraa sirriitti beekuu kan danda’u jiraa?

Yihowaan, Waaqni inni Waan Hundumaa Danda’u yaada seensaa armaan olitti argamurratti karaa raajiisaa Isaayaas, waa’ee gara fuulduraa beekuuf dandeettii akka qabu ibseera. Waaqayyo, Israa’eloonni durii boojuu Baabilonii walaba ba’anii biyyasaaniitti deebi’uudhaan Yerusaalemiifi mana qulqullummaashee deebisanii akka ijaaran karaa Isaayaas dursee dubbatee ture. Raajiin kun odeeffannoo sirrii akkamii qabatee ture? Isaayaas, mootiin Baabiloniin injifatu maqaansaa Qiiros akka jedhamu naannoo waggaa 200 dura sirriitti raajii dubbateera. Akkasumas, Isaayaas karaa Lagni Efraaxiis inni magaalittii balaarraa eeguuf tajaajilu irra yaa’u geddaruudhaan, mala waraanaa Qiiros itti fayyadamu sirriitti ibseera. Qiiros balbala magaalattii isa guddaa banamee akka argatuufi kunis injifannoosaarratti ga’ee guddaa akka qabullee dursee dubbateera.—Isaayaas 44:24–45:7.

Ilmaan namootaa Waaqayyoo wajjin yeroo waliin ilaalaman, dandeettii waa’ee gara fuulduraa beekuu hin qaban. Solomoon Mootichi inni ogeessi, “Wanta guyyaan fidu hin beektu, kanaafis wanta bor ta’uun of hin jajin!” jechuun barreesseera. (Fakkeenya 27:1) Wanti Solomoon dubbate yeroo ammaattis ni hojjeta. Namni wanta gara fuulduraatti isa mudatu beekuu danda’u hin jiru. Wanti Waaqayyoon namootarraa adda taasisu maalidha? Wantoota uume hundaa dabalatee, amalaafi fedhii namootaa guutummaatti beeka. Baruu barbaannaan Waaqayyo dhuunfaattis ta’e guutummaan, ilmaan namootaa maaltu akka mudatu beekuu danda’a. Kana malees, humna daangaa hin qabneefi wanta gara fuulduraatti ta’u to’achuuf isa dandeessisu qaba. Wanti tokko ni raawwatama jedhee karaa raajotasaa yoo dubbate, ‘wanta garboonnisaa dubbatan ni cimsa, isa ergamoonnisaa dur himanis fiixaan baasa.’ (Isaayaas 44:26) Wanta dubbate gochuu kan danda’ummoo, Yihowaa qofadha.

Isaayaas kan jiraate, Yesus inni Masiihiin dhalachuusaa waggaa 700 caalu duradha. Ta’us, Isaayaas waa’ee dhufaatii Masiihichaa raajii dubbateera. Keessumaa jaarraa 18⁠ffaa jalqabee namoonni Macaafa Qulqulluu ceepha’an macaafni Isaayaas sirrii ta’uusaa falmaa turaniiru. Namoonni kun raajiin Isaayaas dursee kan dubbatame utuu hin ta’in, erga wanti kun raawwatamee booda kan barreeffamedha jedhu. Kun dhugaadhaa? Macaafni Isaayaas macaafota maraman kaanii wajjin bara 1947⁠tti holqa naannoo Galaana Soogiddaatti ykn Galaana Du’aatti argamu keessaa argame. Hayyoonni qorannaa dachee godhan kutaan barruu kanaa kan qophaa’e Masiihiin ykn Kiristos inni ni dhufa jedhamee dubbatame utuu hin dhalatin waggaa dhibba tokko dura ta’uusaa mirkaneessaniiru. Eeyyee, Macaafni Qulqulluun waa’ee gara fuuldura sirriitti raajii dubbata!

Isaayaasiifi barreessitonni Macaafa Qulqulluu kaan, haala gara fuulduraa ilaalchisee raajii kan dubbatan beekumsasaaniitiin hin turre. Kanaa mannaa, “hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii, wanta Waaqayyo biraa fudhatan dubbataniiru.” (2 Phexros 1:21) Matadureewwan ittaananirratti raajii Isaayaas jireenya Yesus lafarratti dabarse ilaalchisee dubbate tokko tokko gadi fageenyaan ilaalla. Achiis, raajii Yesusiif bartoonnisaa bara keenyaafi waa’ee gara fuulduraa ilaalchisanii dubbatan ilaalla.