Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Wantoota Yeroo Dhihootti Akka Raawwataman Raajiin Dubbataman

Wantoota Yeroo Dhihootti Akka Raawwataman Raajiin Dubbataman

Wantoota Yeroo Dhihootti Akka Raawwataman Raajiin Dubbataman

PHEXROS ERGAMAAN haala ilmaan namootaafi biyya lafaa gara fuulduraa ilaalchisee akkas jechuun barreesseera: “Akka abdii inni [Waaqayyo] nuuf kenneetti, bantiiwwan waaqaa haaraa, lafa haaraas warra qajeelummaan keessa buufatu in eegganna.” (2 Phexros 3:13) Abdiin “bantiiwwan waaqaa haaraa fi lafa haaraa” jalqaba Isaayaas raajichaan dubbatamee ture. (Isaayaas 65:17; 66:22) Phexros raajii kana caqasuunsaa, abdiin kun bara inni turetti guutummaatti akka hin raawwatamne ibsa.

Boodas, Yohannis ergamaan Dh.K.B. naannoo 96 Mul’ata argerratti, eebba Mootummaan Waaqayyoo fidu “lafa haaraa” wajjin wal qabsiisee ibseera. (Mul’ata 21:1-4) Raajiiwwan Yesusis ta’e Phaawulos ergamaan biyya lafaarratti akka ta’an dubbatan, wantoota Mootummaan Waaqayyoo utuu hin dhufin dura ta’uu qaban raawwatamaa jiru. Kanaaf Mootummaan kun dhihootti addunyaa haaraa akka fidu abdachuu dandeenya. Addunyaa haaraan sun maal fakkaata? Macaafni Raajii Isaayaas deebiisaa nuu kenna.

Eebbawwan Addunyaa Haaraa

Addunyaa Maratti Nagaafi Waaqeffannaan Tokko Ta’a. “Isaan billaa isaanii maarashaa, eeboo isaaniis isa ittiin muka qeexxa’an in tumsiifatu; egaa sabni sabatti billaa hin luqqifatu, isaan deebi’aniis lola hin baran.”—Isaayaas 2:2-4.

Ilmaan Namootaafi Bineensota Gidduu Nagaan Ni Jiraata. “Yommus yeeyyiin ilmoolee hoolaa gidduu in jiraata; qeerransis ilmoolee reettii gidduu in ciisa, jabbiinii fi leenci saafelli walii wajjin in bobba’u, mucaan xinnoonis isaan in tiksa; saawwii fi amaaketi walii wajjin in sooratu, jabboonnii fi ilmooleen amaaketaa wal bira in ciciisu, leencis akka qotiyyoo cidii in nyaata; . . . Tulluu koo isa qulqullaa’aa irrattis nama kan miidhu, yookiis waa kan balleessu hin jiru; akkuma galaanni bishaaniin guutu, lafti beekumsa Waaqayyootiin in guuta.”—Isaayaas 11:6-9.

Hundumaaf Nyaanni Ga’aan Ni Jiraata. “Waaqayyo gooftaan maccaa tulluu kana irratti, saba hundumaaf cidha nyaataa fi dhugaatii, cidha nyaata coomaa fi daadhii waynii isa gaarii in qopheessaaf.”—Isaayaas 25:6.

Duuni Hin Jiraatu. “Raawwatees du’a in balleessa, Waaqayyo gooftaan imimmaan ija nama hundumaattii in haqa; guutummaa biyya lafaa irratti arrabsamuu saba isaa irra ture irraa in fageessa; Waaqayyo kana dubbateera.”—Isaayaas 25:8.

Namoonni Du’an Ni Ka’u. “Reeffi isaaniis du’aa in ka’a; isin warri awwaala keessa ciiftan, ka’aa, gammadaa faarfadhaa! . . . Egaa laftis ekeraa warra du’anii ol in baafti.”—Isaayaas 26:19.

Abbaa Firdii Qajeelaa Kan Ta’e Masiihiicha. “Faraduudhaaf ijaan arguu, murtoo kennuudhaafis nama irraa dhaga’uu isa hin barbaachisu; warra dhabaniif qajeelummaadhaan in farada, gadadamoota lafa irraatiif murtoo qajeelaa in kenna; dubbii afaan isaa keessaa isa akka uleetiinis biyya lafaa in rukuta.”—Isaayaas 11:3, 4.

Warri Ijisaanii Jaameefi Gurrisaanii Duude Ni Fayyu. “Iji warra jaamotaa in banama, gurri warra duudaas in saaqama.”—Isaayaas 35:5.

Gammoojjiin Midhaan Baasa. “Lafti duwwaanii fi lafti gogaan in gammadu, lafti onaanis ililchee, akka arfaasee in daraara; baay’isee in daraara, gammadees in faarfata.”—Isaayaas 35:1, 2.

Lafa Haaraa. “Ani bantiiwwan waaqaa haaraa [bulchiinsa samii haaraa] fi lafa haaraa [haawaasa ilmaan namoota qajeeloo haaraa] nan uuma; wanti dur ta’e hin yaadatamu, inni darbes yaada namaa keessa hin dhufu. . . . Isin wanta ani uumutti bara baraan gammadaa, ililchaas! . . . Isaan [namoonni addunyaa haaraa Waaqayyo abdachiise keessa jiraatan] mana ijaarratanii keessa in jiraatu, muka wayniis dhaabbatani ija isaa in nyaatu. Si’achi mana isaan ijaarratanitti namni kan biraa hin galu, muka waynii isaan dhaabbatanis ija isaa namni kan biraa hin nyaatu; sabni koo akka muka gaattiraa bara dheeraa in jiraatu, warri ani fo’adhes isa harka isaaniitiin itti dadhabanii hojjetan in nyaatu. Isaan si’achi akkasumaan dadhabanii hin hojjetan, ijoolleen isaaniis dingata du’uuf hin dhalatan; isaan ijoollee isaanii wajjin sanyii warra Waaqayyo eebbisee ta’anii in jiraatu. Yommus utuu isaan ana hin kadhatin nan deebisaaf; utuma isaan anatti himatanii hin fixinis nan dhaga’aaf.” “Akkuma bantiiwwan waaqaa haaraanii fi lafti haaraan warri ani uumu ana dura jiraatan, akkasuma sanyiin keessanii fi maqaan keessan fuula koo dura in jiraata.”—Isaayaas 65:17-25; 66:22.

Yeroo Gaarii Gara Fuulduraa Raajiin Dubbatame

Eebbawwan gara fuulduraatti dhufan kan ibsu Macaafa Raajii Isaayaas qofa miti. Macaafni Qulqulluun raajiiwwan, Waaqayyo wantoota dinqisiisoo karaa Mootummaasaa isa Kiristosiin bulchamuun akka raawwataman dubbateen kan guutamedha. * Jannata akkasii keessa jiraachuu barbaaddaa? Barbaannaan ni dandeessa! Kaayyoo gaarii Waaqayyo gara fuulduraaf qabu ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu qori; akkamitti eebba kana argachuu akka dandeessu baradhu. Dhugaa Baatonni Yihowaa si gargaaruuf qophaa’oodha.

[Miiljaleewwan]

^ key. 15 Waa’ee Mootummaa Waaqayyoofi wantoota inni raawwatu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e ful. 76-85 ilaali.

[Fakkii fuula 18rra jiru]

Ilmaan namootaafi bineensota gidduu nagaan ni jiraata

[Fakkii fuula 19rra jiru]

Namoonni du’an ni ka’u

[Fakkii fuula 20rra jiru]

Guutummaan lafaa jannata taati