Carraaqqii Nama Tokko Argachuuf Godhame
Xalayaa Ayerlaandirraa Ergame
Carraaqqii Nama Tokko Argachuuf Godhame
TIIFUUN yeroo dheeraadhaaf ture daawitii konkolaataakoorra bu’uudhaan akkan gara baadiyyaa naannookoo jiruu hin argine na dhowwa ture. Kiilomeetira 16 konkolaataadhaan ergan deemee booda, fiixee gaara magaalaa xinnoo galaana qarqaraa Weestipoorti jedhamtuufi lixa Ayerlaanditti argamtu arguuf na dandeessisurran ga’e. Dhumarratti aduun baatee duumessicha waan tamsaasteef, odoolawwan babbareedduu xixinnoo hedduu ta’aniifi naannoo qarqara galaanaa jiran nan arge. Odoolawwan kana keessaa muraasasaaniirra namoonni kan hin jirre ta’us, qonnaan bultoonni horiiwwansaanii bidiruudhaan ceesisanii irra dheechisu.
Qarqara galaanichaarra gara lixaatti gaaronni wal qabatan hedduun jiru. Aduun biqiltuuwwan gaarota sanaarratti yommuu baatu, gaaronni sun waaree booda akka sibiila diimaa calaqqisu. Gaarri luulla’aa ta’eefi Kiroo Paatriik jedhamu fagootti kan mul’atu si’a ta’u, namoonni naannoo sanaa gaara kana Riik jedhanii waamu. Achiis karaa dhiphoo magaalaa Weestipoorti ishee wanti baay’een irra darburra deemee, gaara Riik bira darbee naannoo Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo baay’ee hin dhaqnen ga’e.
Namni ani barbaadu sun, har’a garasaa akkan dhaqu hin beeku. Namichi dhiheenyatti gara kana akka dhufeefi Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin waa’ee Macaafa Qulqulluu mari’achuusaa itti fufuu akka barbaadu xalayaan na ga’ee ture. Gaaffiiwwan, ‘Umriinsaa meeqa? Fuudheeramoo hin fuune? Waa’ee maaliitu isa yaaddessa?’ jedhantu sammuutti na dhufe. Korojookoo ilaalaa, Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota Macaafa Qulqulluu addaddaa qabachuukoon yaada kootiin mirkaneeffadhe. Fedhii inni ergaa Mootummichaatiif qabu isaa guddisuuf maal akkan jedhun yaade.
Amma gaara Riik bira darbeera. Dallaawwan dhagaa baay’eensaanii bara Beela Guddaa jaarraa 19ffaatti ture keessa dirreerratti ijaaraman, akkasumas hanga galaana qarqaraatti dheerataniifi bifa gaarii qaban ni mul’atu. Anaa olitti allaattiin siigaal jedhamu tokko dadhabbii tokko malee balali’a. Fagootti yommuun ilaalu, mukeetii dhedheeraan akka nama dulloomee goophataniifi jajal’atan dugdasaanii gara qilleensaatti gatanii walitti garagalanii dhaabatu.
Manneen baadiyyaa kana keessa jiran lakkoofsa, daandiiwwansaas maqaa hin qaban. Teessoon namichaammoo maqaa manaafi gandaa kan qabatedha. Kaayyoonkoo inni jalqabaa namicha mana poostaatti hojjetuufi teessoo namoota hundaa beeku argachuu ture. Daqiiqaa soddoma booda waajjira poostaa isa manneetii hedduu tarree galan gidduu jirun argadhe. Balbalasaarratti garuu “Cufaadha” kan jedhu barreeffameera. Kanatti utuun abdii hin kutatin gara suuqii tokkoo dhaqee abbaa suuqii sanaa yeroon gaafadhu, namnin barbaadu kun qarqara magaalattii akka jiraatu natti hime.
Gara kiilomeetira 8 ergan deemee booda, mallattoon
barbaadaa turen argadhe; mallattoon kun karaa miilaa qal’oo gara mirgaatti argamurraa daandii qal’oo gara bitaatti jallatudha. Mana dhihookoo jiru tokko dhaqeen rurrukute. Maanguddoon tokko natti gadi ba’anii, umriisaanii guutuu achi akka jiraatan kooraan kan dubbatan si’a ta’u, naman barbaadu kana garuu matumaa akka hin beekne gaddanii natti himan. Achiis, bilbila bilbilanii akka naa gaafatan natti himanii gara manaatti na galchan.Utuma bilbilaan haasa’aa jiranii calluma jedhanii na ilaalu turan; yeroo kanatti eenyummaakoofi maal akkan barbaadu yaadaa akka turan hin shakkisiisu. Bifa fakkeenyaa Maariyaamii balbala biratti, fakkii guddaa Kiristosiin argisiisummoo keenyanirratti fannifameen arge. Isaan tasgabbeessuu waanan barbaadeef, “Nama kanaaf ergaa barbaachisaa hiriyootasaarraa ergameef tokkon qaba” jedheen itti hime.
Abbaan manaasaanii maree keenya gidduu galuudhaan seenaa naannoo sanaa natti himuu jalqaban. Yeroo kanatti maanguddoon sun bilbila jalqaba yaalaniin isa argachuu akka hin dandeenyeefi hamma bilbila garabiraa yaalanitti akkan turu na dirqisiisan. Namni waa’ee namichaas ta’e manasaa dhaga’ee beeku kan jiru hin fakkaatu. Sa’aatiikoon ilaale. Amma galgalaa’eera. Yeroo garabiraa dhufee yaaluu akka naa wayyun hubadhe. Gargaarsa naa godhaniif lamaansaanii galateeffadhee, konkolaataakootti deebi’uudhaan manatti galuuf karaa dheeraa na eeggatun jalqabe.
Torbee itti aanus deebi’een dhaqe. Yeroo kanatti namicha mana poostaatti hojjetu argadheen odeeffannoo ifa ta’e irraa fudhadhe. Daqiiqaa 15 booda, daandii wal qaxxaamuraa namichi natti himen argadhe. Sana booda, gara bitaatti goree mallattoo itti aanu jechuunis riqicha dulloomaa dhagaarraa hojjetame argachuuf daandii dhiphoofi bu’aa ba’ii qaburra sa’aatii hedduudhaaf deemus, iddoo kana argachuu hin dandeenye. Dhumarratti, mallattoo isa xumuraa jechuunis fiixee gaaraarratti manan hamma yoonaatti sa’aatii dheeraadhaaf carraaqqii guddaadhaan barbaadaa turen argadhe.
Misiraachicha akkamitti akkan isatti himu yeroo muraasaafan irratti yaade. Maanguddoon tokko balbala erga naa bananii booda mana bosonni dhokse tokkotti quba qabanii, “Manni ati barbaaddu kuunnoo isa gama sanaati” naan jedhan. Hawwii guddaadhaan gadi bu’een balbalicha rurrukute. Utuun hamma naa banamutti eeggachaa jiruu, fuuldurakootii fageenya meetira dhibba muraasarratti Galaana Atlaantiikiin arge. Qilleensi guddaan fagoodhaa dhufee dha’aa bishaanichaa dabaluudhaan qarqara galaanaa sanatti yommuu rukutu bishaanichi ni hoomachaa’a. Naannoo sanas ta’e manicha keessa namni tokkoyyuu hin jiru.
Iddoo kanatti al lama ergan deddeebi’ee booda dargaggeessa tokkon argadhe. Innis, “Manichi isuma kana; namichi ati barbaaddu garuu asii gadhiiseera; bakka inni dhaqe hin beeku” naan jedhe. Anis maaliif akkan achi dhaqe ergan ibseefii booda, dargaggeessi kun takkaayyuu Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin mari’atee akka hin beeknen hubadhe. Saamtonni isa saamanii kan turan yommuu ta’u, ‘Waaqayyo wanti akkasiifi wantoonni sirrii hin taane kaan akka raawwataman maaliif heyyame?’ jedhee gaafata ture. Barruulee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! dhiheenyatti ba’aniifi dhimma kanarratti ibsa kennan gammachuudhaan fudhate.
Caaffanni Qulqullaa’oon namoota garaa qajeelaa qabaniifi dhugaa barbaadan argachuuf carraaqqii cimaa akka goonu nu ajaju. Namichan barbaadu sana utuun hin argatin hafuunkoo baay’ee nama gaddisiisa. Ta’us carraaqqiinkoo bu’aa hin qabu jedhee matumaa hin yaadu. Ayerlaanditti namoonni hedduun waa’ee ergaa Mootummichaa barachuuf fedhii qabu; eebba Yihowaatiin sanyiin dhugaa garaa dargaggeessa kanaa keessatti facaafame gaaf tokko ija godhachuu danda’a.