Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Guyyaa Seenaa Keessatti Iddoo Guddaa Qabu

Guyyaa Seenaa Keessatti Iddoo Guddaa Qabu

Guyyaa Seenaa Keessatti Iddoo Guddaa Qabu

Guyyichi guyyaa Yesus Kiristos itti du’edha. Du’a Yesusiif bakka guddaa kennuun maaliif barbaachise? Sababawwan hedduun waan jiraniifidha.

Yesus hamma du’aatti amanamaa ta’uunsaa, ilmaan namootaa Waaqayyoof amanamoo ta’anii jiraachuu akka danda’an mirkaneesseera.

Kana malees, duuti Yesus ilmaan namootaa keessaa namoonni muraasni isaa wajjin samiirratti bulchuu akka danda’an carraa baneera. Akkasumas, ilmaan namootaa hedduun lafa jannata taaturratti jireenya barabaraa akka argataniif karaa baneera.

Yesus jaalalaan kaka’ee fooniifi dhiigasaa aarsaa godhee akka dhiheesse argisiisuuf jecha, galgala du’asaa dura turetti maxinoo caariggiifi wayinii diimaatti fayyadameera. Yesus bartootasaatiin, “Kanas seenaa [“Yaadannoo,” NW] kootiif godhadhaa!” jedheera. (Luqaas 22:19) Atoo ayyaana kana bakka guddaa qabu kana kabajuu barbaaddaa?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Ayyaana Yaadannoo du’a Yesus akka isaanii wajjin kabajju si afeeru. Waggaa kanatti, yaadannoon du’a Yesus Kamisa, Ebla 9, 2009 (Ebla 1, 2001) erga biiftuun lixxee booda kabajama. Galma Mootummaa naannookee jirutti argamtee ayyaanicha kabajuu dandeessa. Dhugaa Baatonni Yihowaa naannookee jiran sa’aatiifi iddoo ayyaanichi itti kabajamu sitti himuu danda’u.