Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ijoollee Leenjisuu

Ijoollee Leenjisuu

Maatii Gammachuu Qabu

Ijoollee Leenjisuu

Joon: * Warrikoo balleessaa ani raawwadheef na adabuusaanii dura, sababiifi haalawwan wanta sana akkan hojjedhu na godhan hubachuuf yaalu turan. Anis yeroon ijoolleekoo adabu fakkeenyasaanii hordofuufan yaala. Akkaataan guddinaa haadha manaakoo Aaliisan garuu addadha. Haatiifi abbaanshee jarjarsuudhaan tarkaanfii kan fudhatan turan. Haalawwan uumaman xiyyeeffannaa keessa utuu hin galchin ijoolleesaanii kan adaban ta’uu hin oolan. Al tokko tokko haati manaakoo akkuma guddatetti ijoollee keenya aariidhaan kakaatee kan adabdu natti fakkaata.

Kaaral: Abbaankoo utuun mucaa waggaa shanii jiruu maatii keenya dhiisee adeeme. Anaafis ta’e obboleettotakoo sadaniif dantaa hin qabu ture. Haatikoo wanta nu barbaachisu nuu dhiheessuuf jabaattee kan hojjettu si’a ta’u, anis quxisuuwwankoo sadan kunuunsuuf itti gaafatamummaan natti dhaga’ama ture. Ga’ee warraa raawwachaa waanan jiruuf akka ijoollee haasa’uu hin danda’un ture. Hanga ammaattiyyuu taphachuurra waa’ee itti gaafatamummaakoo yaaduun filadha. Yeroo ijoolleekoo adabuun na barbaachisutti balleessaasaaniirratti yeroo dheeraaf nan yaada. Sababii wanti tokko itti raawwatameefi yaada wanta sana raawwachuutti isaan geesse beekuun barbaada. Abbaan manaakoo, Maark garuu wanta raawwatamerratti baay’ee yaaduu hin barbaadu. Abbaa ijoolleesaatiif jaalala qabaatus, ejjennoo cimaa qabu, akkasumas haadha manaasaa akka gaariitti kunuunsutu isa guddise. Abbaan manaakoo, rakkoowwan haala ijoollee durbaa keenyaa wajjin walqabateen uumaman dafee hiika. Haalasaa gamaaggamuudhaan ni sirreessa, sana booda waa’eesaa deebisee hin yaadu.

YAANNI Jooniifi Kaaral kennan akka argisiisutti, akkaataan itti guddattan haala ijoollee keessan itti leenjistaniifi adabdanirratti dhiibbaa guddaa geessisa. Abbaan manaafi haati manaa akkaataan guddinaasaanii addadda yeroo ta’utti, haala ijoollee itti leenjisanirratti ilaalcha garagaraa qabaachuu danda’u. Kunimmoo al tokko tokko gaa’ela keessatti rakkina uumuu danda’a.

Yeroo warri dadhabanittis rakkoowwan hedduun uumamuu danda’u. Warri yeroo jalqabaatiif ijoollee godhatan, ijoollee leenjisuun kan nama dadhabsiisuufi yeroo qaban hundumaa kan nama jalaa fudhatu akka ta’e hubatu. Abbaa manaashee Daaran wajjin ijoollee durbaa lama kan guddistu Joon akkas jetteetti: “Ijoolleekoo baay’een jalladha; yeroon akka rafan barbaadutti garuu naa hin rafan. Yeroo mijaa’aa hin taanettimmoo hirribaa ka’u. Yeroon ani isaan haasofsiisuu barbaadu haasaakoo gidduutti kutu. Kophee, uffataafi meeshaa ittiin taphatan iddoosaatti hin deebisan; nyaata isaanirra hafes of jalaa hin kaasan.”

Jaak, inni haati manaasaa mucaashee ishee lammataa yeroo deessu dhiphina guddaatiin qabamte tokko akkas jedha: “Hojiitii dadhabee kanan deebi’u si’a ta’u, halkan sa’aatii dheeraadhaaf mucaa haaraa dhalatte kunuunsuudhaanan dabarsa. Kun ta’uunsaa intala keenya ishee angafaa leenjisuufi yeroo barbaachisaa ta’etti adabuun baay’ee rakkisaa akka ta’u godheera. Obboleettiishee ishee xinnoof xiyyeeffannaa kennuu keenyatti ni hinaafti turte.”

Warri utuu dadhabanii jiranii akkaataa ijoollee itti leenjisan ilaalchisee kan wal morman taanaan, walitti bu’iinsi xinnoon gara falmii guddaatti jijjiiramuu danda’a. Wal dhabiinsi hiikamuu baannaan abbaan manaafi haati manaa akka gargar ba’aniifi mucaan tokko lamaansaanii keessaa isa wanta barbaade isaa godhu akka filatu gochuu danda’a. Seerri bu’uuraa Macaafa Qulqulluu haati manaafi abbaan manaa utuma ijoolleesaanii karaa bu’a qabeessa ta’een leenjisanii hariiroonsaanii akka cimu godhu isa kamidha?

Hiriyaa Gaa’elaa Keessanii Wajjin Yeroo Ga’aa Dabarsaa

Gaa’elli utuu ijoolleen hin dhalatin dura kan hundeeffamu si’a ta’u, Waaqayyo erga ijoolleen manaa ba’anii boodas gaa’elli jabaatee akka itti fufu barbaada. Tokkummaa gaa’ela keessa jiru ilaalchisee Macaafni Qulqulluun, “Waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar hin baasin!” jedha. (Maatewos 19:6) Karaa biraatiinimmoo, boqonnaadhumti kun yeroo booda mucaan “abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa” jechuudhaan waan Waaqayyo ijoolleerraa barbaadu dubbata. (Maatewos 19:5) Dhugumayyuu, ijoollee guddisuun kutaa gaa’elaati malee, bu’uura gaa’elaa miti. Warri ijoolleesaanii leenjisuurratti yeroo baay’ee dabarsuunsaanii barbaachisaa ta’us, kana gochuuf garuu gaa’ellisaanii cimaa ta’uu akka qabu yaadachuun akka isaan barbaachisu beekamaadha.

Karaan hiriyoonni gaa’elaa yeroo ijoollee guddisanitti hariiroonsaanii cimaa akka ta’u itti godhan keessaa tokko maalidha? Hanga isinii danda’ametti, utuu ijoolleen hin jiraatin yeroo waliin dabarsuuf sagantaa dhaabbataa qabaadhaa. Akkas gochuun keessan, dhimmawwan maatii keessaniif barbaachisaa ta’anirratti mari’achuufi yeroo gammachiisaa waliin dabarsuuf isin gargaara. Dhugaa dubbachuuf, yeroo waliin dabarsuun hiriyoota gaa’elaatiif salphaa miti. Haati armaan olitti caqasamte Aaliisan akkas jetteetti: “Abbaan manaakoofi ani yeroo muraasa waliin dabarsuuf ennaa teenyu, intalli keenya isheen xinnoon xiyyeeffannaa keenya barbaaddi ykn intalli keenya isheen waggaa ja’aa qalamni halluushee akka jalaa bade dubbachuudhaan akka ‘rakkatte’ ibsiti.”

Armaan olitti kan caqasaman Jooniifi Daaran, yeroo waliin dabarsan argachuuf sa’aatii ijoolleensaanii itti rafan murteessaniiru. Joon akkas jetti: “Ijoolleen keenya guyyaa hundumaa yeroo isaaniif murteeffametti akka ciisaniifi ibsaasaanii akka dhaamu goona turre. Kunimmoo aniifi Daaran akka boqonnuufi akka waliin haasofnu nu taasiseera.”

Hiriyoonni gaa’elaa, sa’aatii ijoolleensaanii itti rafuu qaban murteessuunsaanii, yeroo waliin dabarsan argachuuf qofa utuu hin ta’in, mucaan tokko “waan yaaduun isaaf [isheef] ta’u caalaatti akka of hin yaadne” gochuuf isaan gargaara. (Roomaa 12:3) Ijoolleen sa’aatii itti rafan ilaalchisee seera isaaniif ba’e akka eegan leenjifaman, yeroo booda kutaan maatii inni barbaachisaan isaan qofa akka hin taane ni hubatu. Sagantaan maatichaa haalasaanii wajjin akka wal simu eeguu mannaa, sagantaa maatichaa wajjin wal simuu qabu.

AKKAS GOCHUUF YAALI: Sa’aatii itti rafan murteessaatii akka eegan isaan dirqisiisaa. Mucaan keessan sababii itti turuu barbaadu yoo dhiheesse, fakkeenyaaf bishaan dhuguuf xinnoo turuu yoo barbaade, al tokko heyyamtuuf ta’a. Garuu yeroo ciisichaa dabarsuuf wanta baay’ee akka isin gaafatu hin heyyaminaa. Daqiiqaa shaniif akka turu yoo isin gaafateefi heyyamuufii yoo barbaaddan, sa’aatii yeroo daqiiqaan shan dhumu bilbilamu qopheessuu dandeessu. Yeroo bilbilichi iyyu, gaaffii kan biraa akka gaafatu utuu hin heyyamaniif akka rafu godhaa. “Eeyyeen keessan eeyyee haa ta’u, waawuun keessanis waawuu haa ta’u!”—Maatewos 5:37.

Akkaataa Ijoollee Itti Leenjistanirratti Isaan Duratti Wal Hin Morminaa

Macaafni Fakkeenyaa, “Yaa ilma ko, gorsa abbaa keetii dhaga’i, barsiisa haadha keetiis hin tuffatin” jedha. (Fakkeenya 1:8) Caqasni Macaafa Qulqulluu kun abbaanis ta’e haati ijoolleerratti aboo akka qaban argisiisa. Haati manaafi abbaan manaa akkaataan guddinaasaanii wal fakkaataa yoo ta’ellee, akkaataa mucaan tokko itti adabamuufi seera maatii haala tokkorratti hojiirra ooluu qaburratti walii galuu dhiisuu danda’u. Warri rakkoo kana karaa bu’a qabeessa ta’een hiikuu kan danda’an akkamitti?

Joon, inni armaan olitti caqasame, “Ijoollee duratti wal mormuun barbaachisaa natti hin fakkaatu” jedheera. Haata’u malee, kun akkuma dubbatamu salphaa akka hin taane ni amana. Joon akkas jedha: “Ijoolleen waan hundumaa akka gaariitti hubatu. Walitti bu’insa keenya dubbachuu baannus, intalli keenya miira keenya hubachuu ni dandeessi turte.”

Jooniifi Aaliisan rakkina kana kan hiikan akkamitti? Aaliisan akkas jetti: “Akkaataa abbaan manaakoo intala keenya itti adaburratti walii hin galu taanaan, yaadakoo utuu hin ibsin dura hamma isheen bakka nu hin dhageenye dhaqxutti nan eega. Adaba ilaalchisee ilaalcha addadda qabnutti fayyadamtee waan barbaaddu akka raawwattu hin fedhu. Walitti bu’uu keenya yoo beekte, miseensi maatii hundi qajeelfamawwan Yihowaan matummaaf baase hordofuu akka qabuufi akkuma isheen aangoo keenyaaf ajajamuu qabdu, anis fedhakootiin aangoo abbaasheetiif akkan bitamu isheettan hima.” (1 Qorontos 11:3; Efesoon 6:1-3) Joonis akkas jedha: “Maatiidhaan ennaa waliin taanu, yeroo baay’ee ijoollee keenya adabuuf dursa kan fudhatu ana. Haalasaa caalaatti kan beeku Aaliisan taanaan garuu, akka isheen isaan adabdu kanan godhu si’a ta’u, anis isheen deggera. Ishee wajjin wanta tokkorratti yoo walii galuu baanne booda irratti mari’anna.”

Akkaataa ijoollee leenjistanirratti walii galuu dadhabuun keessaan, hiriyaa gaa’elaa keessanii wajjin akka walitti mufattaniifi kanaan kan ka’es kabajni ijoolleen keessan isiniif qaban akka hin hir’anne gochuu kan dandeessan akkamitti?

AKKAS GOCHUUF YAALI: Torban keessatti, akkaataa ijoollee keessan itti leenjistanirrattiifi walitti bu’iinsa isin gidduutti uumamerratti ifatti mari’achuuf sa’aatii ramaduu dandeessu. Ilaalcha hiriyaa gaa’elaa keessanii hubachuuf yaalaa; hariiroo isaan ijoolleesaanii wajjin qaban akka kabajjan argisiisaa.

Ijoollee Guddisuun Caalaatti Wal Baruuf Akka Isin Gargaaru Godhaa

Ijoollee leenjisuun hojii cimaa akka ta’e haaluun hin danda’amu. Al tokko tokko, humna keessaan kan isin jalaa fixu ta’uu danda’a. Dafaniis ta’e turanii ijoolleen keessan manaa waan ba’aniif, isiniifi hiriyaan gaa’elaa keessan akka haaraatti walitti michoomuu jalqabdu. Muuxannoon ijoollee guddisuudhaan dabarsitan, gaa’ela keessan ni jabeessamoo dhiphinaan akka guutamu godha? Deebiinsaa seera bu’uuraa Lallaba 4:9, 10⁠rratti argamu akka gaariitti hojiirra oolchuu keessanirratti kan hundaa’edha. Caqasichi, “Wanti lama ta’anii itti dadhabanii hojjetan gatii gaarii waan qabuuf, lama ta’uun kophaa ta’uu irra in wayya; inni tokko yoo kufe, hidhanni isaa lafaa isa in kaasa” jedha.

Warri wal ta’iinsaan kan hojjetan taanaan, bu’aansaa baay’ee kan nama gammachiisu ta’uu danda’a. Kaaral isheen armaan olitti caqasamte wanta isheetti dhaga’amu karaa kanaan ibsiteetti: “Abbaan manaakoo amalawwan gaggaarii baay’ee akka qabu beekus, ijoollee waliin guddisuun keenya garuu amalawwansaa gaggaarii kaanis akkan beeku na godheera. Akkaataa inni ijoollee keenya itti kunuunsu yeroon ilaalu kabajniifi jaalalli ani isaaf qabu caalaatti dabalaa adeema.” Joonis waa’ee Aaliisan akkas jedha, “Akkaataa itti haati manaakoo ijoolleeshee itti kunuunsitu arguunkoo jaalalaafi kabaja ani isheef qabu naa guddiseera.”

Yeroo ijoollee guddistanitti hiriyaa gaa’elaa keessanii wajjin yeroo ga’aa kan dabarsitaniifi isaan guddisuurratti kan waliin hirmaattan taanaan, yeroo ijoolleen keessan guddachaa adeemanitti gaa’elli keessanis caalaatti cimaa adeema. Kana caalaa ijoollee keessaniif fakkeenya akkamii ta’uu dandeessu?

[Miiljaleewwan]

^ key. 3 Maqaansaanii jijjiirameera.

AKKAS JEDHII OF GAAFADHU . . .

▪ Utuu ijoolleen hin jiraatin torban keessatti hiriyaa gaa’elaakoo wajjin yeroo hangamiin dabarsa?

▪ Hiriyaan gaa’elaakoo yeroo ijoollee adabu ykn adabdu karaa kamiinan deggeruu danda’a?