Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Macaafni Qulqulluun Jireenya Namaa Ni Jijjiira

Macaafni Qulqulluun Jireenya Namaa Ni Jijjiira

Macaafni Qulqulluun Jireenya Namaa Ni Jijjiira

Dubartiin Almaazii seeraan ala gara biyya alaatti baaftuufi nama ishee hojjechiisu jalaa hattu tokko, hojjettuu amanamtuu akka taatu kan ishee kakaase maalidha? Dubartiin yeroo lama of ajjeesuuf yaalii gootee turte tokko jireenyishee kaayyoo akka qabaatu kan ishee gargaare maalidha? Nama dhugaatii alkoolii garmalee dhuguufi qoricha samuu namaa hadoochu fudhatu tokko, araadawwan miidhaa geessisan kanarraa walaba akka ba’u kan isa gargaare maalidha? Wanta namoonni kun dubbatan qalbeeffadhu.

SEENAA JIREENYAA GABAABAA

MAQAA: MAARGAREETI DEBRUUYAN

UMRII: 45

BIYYA: BOOTISWAANAA

DALDALTUU SEERAAN ALAAFI HATTUUN TURE

JIREENYAKOO DURAA: Abbaankoo Jarmanitti kan dhalate ta’uyyuu, lammii Kibba Dhiha Afriikaa (yeroo ammaa Namiibiyaa) ture. Haatikoo kan dhalatte Bootiswaanaatti yommuu ta’u qomoonshee Maangologaa jedhama. Animmoo magaalaa Gobaabiisi Naamiibiyaattan dhaladhe.

Bara 1970mman keessa mootummaan Kibba Afriikaa, Naamiibiyaarratti dhiibbaa cimaa gochuudhaan seerri appaartaayidii (seera nama adiifi gurraacha wal caalchisee adda baasu) magaalotaafi mandaroota biyyattii hundatti akka babal’atu godhe. Warrikoo sanyii biyyoota addaddaa waan ta’aniif, akka wal hiikan dhiibbaan isaanirratti godhame. Kanaafuu, haatikoo anaafi obbolootakoo wajjin magaalaa Gaanzii Bootiswaanaa jiraachuuf deebite.

Bara 1979 hangan barumsakoo xumurutti magaalaa Lobaatisee ishee Bootiswaanaa keessa jirtu dhaqeen, warra na guddisanii wajjin jiraachuu jalqabe. Yeroo booda garaaja tokko keessattan hojii biiroo salphaa ta’e argadhe. Ijoollummaakootii kaasee, Waaqayyo namootaaf waan hin yaanneef, ofiikeetiifis ta’e maatiikeetiif waan barbaachisu dhiheessuuf sirriis ta’e dogoggora, waan gochuu barbaaddu gochuu qabda yaada jedhun qaba ture.

Bakka hojiikootti taayitaa waanan qabuuf, carraa kanatti fayyadameen meeshaa konkolaataa nama na hojjechiisu jalaa hata ture. Akkasumas aniifi hiriyoonnikoo, baaburri tokko halkan yommuu magaalaa keessa darbu yaabbannee wanta arganne hunda fudhanna turre. Kana malees, Almaazii, warqeefi nahaasa karaa seeraan ala ta’een daldaluurratti nan hirmaadhan ture. Qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuu, lola jaallachuufi hiriyoota dhiiraa hedduu godhachuuttan ka’e.

Achiis bara 1993⁠tti, utuun hatuu qabameen hojiikoorraa ari’ame. “Hiriyoonnikoos” ni qabamna jedhanii waan sodaataniif narraa baqatan. Gochisaanii kun waan na miidheef, nama tokkoyyuu hin amanu jedheen murteesse.

MACAAFNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI? Bara 1994, Dhugaa Baatota Yihowaa misiyoonota turaniifi Tiimiifi Varjiiniyaa jedhamanii wajjinan wal bare. Bakka hojiikoo isa haaraatti sa’aatii laaqanaatti kan na haasofsiisan si’a ta’u, waa’ee Macaafa Qulqulluu akkan baradhu na gargaaraniiru. Booda isaan amanuu akkan danda’u waan natti dhaga’ameef, manakoo dhufanii akka na qayyabsiisanan isaanii heyyame.

Waaqayyoon gammachiisuu yoon barbaade, akkaataa jireenyaakoorratti jijjiirama tokko tokko gochuun akka na barbaachisu hubachuuf yeroo natti hin fudhanne. Fakkeenyaaf, 1 Qorontos 6:9,10⁠rraa, “Warri halaleen, . . . warri hatan, warri sassatan, warri machaa’an, warri maqaa namaa balleessan, warri nama saamanis matumaa mootummaa Waaqayyootti hin galan” yaada jedhun baradhe. Amalawwankoo gadhee suutuma suutan dhiise. Hatuus nan dhaabe. Dargaggoota badii raawwataniifi naa wajjin guddatanirraa addaanan ba’e. Achiis gargaarsa Yihowaatiin hiriyootakoo warra dhiiraa nan dhiise.

FAAYIDAAN ARGADHE: Carraaqqii cimaa gochuudhaan, aariikoo to’achuufi ijoolleenkoo yommuu waa balleessan isaanitti iyyuu dhiisuun baradhe. (Efesoon 4:31) Karaa nagaa qabuun dubbachuufan yaala. Akkas gochuunkoo bu’aa gaarii kan argamsiise ta’uusaarryyuu, maatiin keenya akka walitti dhihaatu godheera.

Hiriyoonnikoo duriis ta’an ollaawwankoo na amanuu akka danda’an hubataniiru. Hojjettuu amanamtuu meeshaafi qarshii akka gaariitti qabdu ta’uu danda’eera. Kanaan kan ka’es, of danda’uufi yerookoo gara caalaasaa warri kaan waa’ee Macaafa Qulqulluu akka baratan gargaaruurratti dabarsuu danda’eera. Yaada Fakkeenya 10:22⁠rratti, “Eebbi Waaqayyoo nama in badhaasa, badhaadhummaattis inni rakkina hin dabalu” jedhuutti guutummaatti nan amana.

SEENAA JIREENYAA GABAABAA

MAQAA: GLOORIYAA ELIZAARAARAS DEE CHOPPEEREENAA

UMRII: 37

BIYYA: MEKSIKOO

OF AJJEESUUF YAALII GODHEEN TURE

JEREENYAKOO DURAA: Kanan guddadhe Meksikoo keessatti magaalaa Naa’uukaalpaan jedhamtuufi badhaadhinasheetiin beekamtutti ture. Ijoollummaakootii kaasee baay’ee hamtuu kanan ture si’a ta’u, yeroo hundumaa afeerriiwwanirratti argamuun jaalladhan ture. Waggaa 12⁠tti xuuxuu, waggaa 14⁠tti dhugaatii alkoolii dhuguu, waggaa 16⁠ttimmoo qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuun jalqabe. Waggoota muraasa boodas mana warrakootti galuun dhiise. Hiriyoonnikoo hedduun, maatiiwwan nagaa hin qabne keessatti kan guddataniifi qaamaan ykn jechaan miidhaan kan isaanirra ga’e turan. Jireenyi kan abdii hin qabne waan natti fakkaateef yeroo lama of ajjeesuuf yaaleera.

Waggaa 19 yommuun ta’u moodelistii ta’ee hojjechuun jalqabe. Kanaan kan ka’es, namoota dhimmawwan siyaasaafi bashannanaa keessatti hirmaatanii wajjinan michoome. Yeroo boodas, heerumeen ijoollee godhadhe; haata’u malee, murtoo maatiikoo ilaallatu hunda kan godhu ana ture. Akkasumas xuuxuufi dhuguukoo kanan itti fufe yommuu ta’u, guutummaan jireenyakootii dhimmawwan hawaasummaarratti kan xiyyeeffate ture. Haasaankoo jechoota gadheedhaan kan guutame ennaa ta’u, qoosaa gadhee dubbachuun jaalladha ture. Baay’een aara.

Namoonni ani michootakoo akka ta’an filadhe hedduunsaanii jireenya akka kootii jiraatu turan. Isaan waan hundumaa waanan qabu isaanitti fakkaata. Haata’u malee, ammas jireenyikoo duwwaa akka ta’eefi kaayyoo akka hin qabne natti dhaga’ama.

MACAAFNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI? Bara 1998 Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuun jalqabe. Macaafni Qulqulluun jireenyi kaayyoo akka qabu na barsiiseera. Yihowaan lafa gara jannataatti jijjiiruuf kaayyoo akka qabu, warra du’an akka kaasuufi anis gara fuulduraatti haala akkasii keessa jiraachuu akkan danda’un baradhe.

Akkasumas Waaqayyoof ajajamuun akkan isa jaalladhu karaan itti argisiisu ta’uusaan baradhe. (1 Yohaannis 5:3) Nama kamirraayyuu qajeelfama fudhadhee waanan hin beekneef, kana gochuun jalqabarratti rakkisaa ture. Haata’u malee, dhumarratti, jireenyakoo ofiin qajeelfachuu akkan hin dandeenye amaneen fudhadhe. (Ermiyaas 10:23) Yihowaan qajeelfama akka naa kennun kadhadhe. Haala seerawwansaa wajjin wal simuun jiraachuufi ijoolleekoo akkaataa ani itti guddadherraa adda ta’en guddisuuf akka na gargaarun isa gaafadhe.

Jijjiirama barbaachisu gochuun baay’ee na rakkisee ture. Haata’u malee, gorsa Efesoon 4:22-24⁠rratti, “Yaada namummaa moofaa isa dur itti jiraachaa turtan . . . of keessaa baasaa! . . . Namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullummaa dhugaatti, fakkaattii Waaqayyootiin uumame uffadhaa!” jedhu hojiirra oolchuun jalqabe. Anaaf, namummaa haaraa uffachuun, amalawwan xuraa’aa kan akka xuuxuu jiran dhiisuufi qooqa haaraa jecha xuraa’aa of keessaa hin qabne barachuu jechuu ture. Jijjiirama barbaachisu gochuudhaan cuuphamee Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko ta’uuf gara waggaa sadii natti fudhateera.

Kana malees, itti gaafatamummaan haadha manaafi haadha ta’uudhaan qabu akka gaariitti raawwachuun jalqabe. Gorsa 1 Phexros 3:1, 2⁠rratti akkas jedhu hojiirra oolchuun jalqabe: “Isin dubartoota nana, warra dhiiraa keessaa kaan dubbii Waaqayyoo hin amanne yoo ta’an iyyuu, isin waan tokko utuu hin dubbatin, amala isin warri haadhota manaa isaanii taatan argisiiftaniin akka mo’amanitti, abboota manaa keessaniif abboomamaa! Isaan amala keessan isa qullaa’aa fi isa sodaa Waaqayyoo argisiisu in argu.”

FAAYIDAAN ARGADHE: Jireenyi kaayyoo akka qabu waanan beekeef, Yihowaa baay’een galateeffadha. Amma nama gaarii akkan ta’eefi ijoolleekoo haala gaariidhaan guddisuu akkan danda’u natti dhaga’ama. Gochan kanaan dura raawwadheen al tokko tokko yaanni garaakoo na ceepha’us, Yihowaan garaakoo ni beeka. (1 Yohaannis 3:19, 20) Seerawwan Macaafa Qulqulluutiin jiraachuun, balaarraa akka na eegeefi nagaa akka naa kenne shakkii tokko hin qabu.

SEENAA JIREENYAA GABAABAA

MAQAA: HAAYILSON KOOREEYAA DEE OLIVEERAA

UMRII: 33

BIYYA: BIRAAZIIL

ALKOOLII GARMALEE DHUGAAFI QORICHA SAMMUU NAMAA HADOOCHU FUDHACHAAN TURE

JEREENYAKOO DURAA: Kanan dhaladhe, magaalaa Beezahaa Biraaziil keessa jirtutti yommuu ta’u, isheenis jiraattota gara 100,000 kan qabduufi daangaa Biraaziiliifi Uraaguwaay gidduu jirutti dhihoo kan taa’tedha. Hojiiwwan biyya kanatti irra caalaatti hojjetaman qonnaafi horii horsiisuudha. Kanan guddadhe naannoo hiyyeessa ta’eefi bakka dargaggoonni badii uuman yakka itti babal’isan, akkasumas dhugaatii alkooliifi qoricha sammuu namaa hadoochutti garmalee fayyadamuun dargaggoota biratti baramaa ta’ettidha.

Barumsakoo ergan xumuree booda, dhugaatii alkoolii garmalee dhuguu, maariwaanaa xuuxuufi muuziqaa heevii-meetaal jedhamu dhaggeeffachuun jalqabe. Waaqayyotti hin amanun ture. Rakkinniifi jeequmsi biyya lafaarra jiru hundi ragaa Waaqayyo akka hin jirre argisiisu akka ta’e natti dhaga’ama ture.

Gitaara kanan taphadhuufi walaloo kanan barreessu yommuu ta’u, yeroo baay’ee macaafa Mul’ataarraan yaada argadha. Tuutni muuziqaakoo akkan yaade bu’a qabeessa waan hin taaneef, qoricha garmalee sammuu namaa hadoochu caalaatti fudhachuun jalqabe. Baay’ee fudhadhee yoon du’ellee dhimma hin qabun ture. Weellistoonni ani bakka guddaa kennuuf baay’een lubbuusaanii kan dhaban karaa kanaani.

Qarshiin qoricha samuu namaa hadoochu ittiin bitadhu akkookoo ishee na guddisterraan liqeeffadha. Qarshicha maal akkan ittiin godhu yoo na gaafatte nan soba. Gochawwan hafuurota xuraa’oorratti hirmaachuunkoommoo haallisaa caalaatti rakkisaa akka ta’u godheera. Muuziqaa gaarii akkan barreessu na gargaara jedhee yaaduudhaan, namoota hafuurota xuraa’oo wajjin walitti dhufeenya qaban nan gaafadhan ture.

MACAAFNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI? Macaafa Qulqulluu qayyabachuufi walga’iiwwan Dhugaa Baatota Yihowaarratti argamuu ergan jalqabee booda, ilaalchiifi amallikoo jijjiiramuu jalqabe. Fedhiin jiraachuufi gammaduuf qabu suutuma suuta dabalaa dhufe. Ilaalcha haaraa kanaan kaka’een rifeensakoo isa dheeraa murachuuf murteesse. Rifeensikoo akka dheeratu kanan godhee, gammachuu dhabuufi hammeenyakoo argisiisuufan ture. Kana booda, Waaqayyo biratti fudhatama argachuu yoon barbaade, dhugaatii alkoolii garmalee dhuguu, qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuufi xuuxuu dhiisuu akkan qabu nan hubadhe. Muuziqaan dhaggeeffadhu jijjiiruun akka na barbaachisus nan hubadhe.

Yeroo jalqabaatiif walga’ii Dhugaa Baatota Yihowaarratti yommuun argame, caqasni Macaafa Qulqulluu tokko keenyanirratti fannifameen arge. Caqasichi Fakkeenya 3:5, 6 yommuu ta’u, “Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin! Karaa kee hundumaatti isa yaadi, innis daandii kee siif in qajeelcha” jedha. Caqasa kanarratti yaaduunkoo, yoon ani heyyameef Yihowaan jireenyakoo jijjiiruuf akka na gargaaru naa mirkaneesse.

Haata’u malee, akkaataa jireenyaakoo jijjiiruufi araadawwan gadhee kana dhiisuun, harkakoo ofirraa kutuu wajjin haala wal fakkaatuun ulfaataa ture. (Maatewos 18:8, 9) Jijjiirama akkasii suutuma suuta gochuu akkan hin dandeenye natti dhaga’ama ture. Karaa kanaan dhiisuun akka anaaf hin danda’amne beekan ture. Kanaafuu, amalawwan gadhee kana takkumaanan dhaabe. Kana malees, iddoowwaniifi namoota gara akkaataa jireenyaakoo durii isa miidhaa geessisutti na deebisuu danda’an hundarraa nan fagaadhe.

Haalawwan abdii na kutachiisanirratti xiyyeeffachuu mannaa, wantootan guyyaa guyyaadhaan hojjedhuun gammaduun baradhe. Yihowaa duratti qaamaan, amalaafi hafuuraan qulqulluu ta’uun ulfina akka ta’e natti dhaga’ama. Jireenya fuulduraarratti malee isa darberratti akkan hin yaanne akka na gargaaru Yihowaa kadhachuudhaan gargaarsasaa argadheera. Yeroo tokko tokko gara amalawwankoo warra duriittan deebi’a. Al tokko tokko machiin buleesaa rakkina kan narraan geessisu ta’uyyuu, qayyabannaan Macaafa Qulqulluukoo akka na jalaa hafu hin barbaadun ture.

Waa’ee Waaqayyoo dhugaasaa jechuunis dhuunfaatti akka nuu yaadu, amantii sobaa akka balleessuufi hojii lallabaa addunyaa maraa deggeraa akka jiru Macaafa Qulqulluurraa barachuunkoo anaaf hiika guddaa qaba ture. (Maatewos 7:21-23; 24:14; 1 Phexros 5:6, 7) Dhugaawwan kun hundi wantin baradhe sirrii ta’uusaa na hubachiisaniiru. Dhumarrattis, jireenyakoo Waaqayyoofan murteesse. Wanta inni naa godhe hundumaaf isa galateeffachuun barbaade.

FAAYIDAAN ARGADHE: Amma jireenyikoo kaayyoo akka qabu natti dhaga’ama. (Lallaba 12:13) Maatiikoo rakkisuu mannaa isaan fayyaduu danda’eera. Wantoota gaariin Macaafa Qulqulluurraa baradhe akkookootti kanan hime yommuu ta’u, isheenis yeroo ammaa Yihowaadhaaf of murteessiteetti. Miseensonni maatiikoo hedduuniifi miseensi tuuta muuziqaakoo durii tokko Dhugaa Baatota Yihowaa ta’aniiru.

Amma gaa’ela kanan godhadhe si’a ta’u, aniifi haati manaakoo namoonni dhugaa Macaafa Qulqulluu akka baratan gargaaruurratti yeroo dheeraa dabarsina. ‘Garaakoo guutuu Yihowaatti amanamuu’ waanan baradheef, badhaasa guddaa akkan argadhe natti dhaga’ama.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 29rra jiru]

“Fedhiin jiraachuufi gammaduuf qabu suutuma suuta dabalaa dhufe”