Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Haaraa Dhalachuun Akkamitti Raawwatama?

Haaraa Dhalachuun Akkamitti Raawwatama?

Haaraa Dhalachuun Akkamitti Raawwatama?

YESUS yommuu Niqoodemos wajjin dubbate, haaraa dhalachuun barbaachisaa ta’uusaa, akka dhalatu kan taasisu eenyu akka ta’efi kaayyoonsaa maal akka ta’e caqasu qofa utuu hin ta’in, akkamitti akka raawwatamus ibseera. Yesus, “Eenyu illee bishaanii fi hafuura qulqulluuttii yoo dhalachuu dhaabaate, mootummaa Waaqayyootti galuu hin danda’u” jedheera. (Yohannis 3:5) Kanaaf, namni tokko bishaaniifi hafuura qulqulluudhaan lammata dhalata jechuudha. Haata’u malee, jechi “bishaanii fi hafuura qulqulluu” jedhu maal argisiisa?

‘Bishaaniifi Hafuurri Qulqulluun’ —Maal Argisiisu?

Niqoodemos hayyuu amantii Yihudii waan tureef, jechi “hafuura qulqulluu” jedhu Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa keessatti humna Waaqayyoo isa hojiirra jiruufi namoonni hojiiwwan gurguddaa akka raawwatan gargaaru ta’uusaa akka beeku hin shakkisiisu. (Uumama 41:38; Ba’uu 31:3; 1 Saamu’el 10:6) Kanaaf, Niqoodemos, Yesus yommuu “hafuura qulqulluu” jedhu humna Waaqayyoo isa hojiirra jiru, jechuunis waa’ee hafuura Waaqayyoo dubbachuusaa akka ture hubateera jechuudha.

Yesus bishaan yommuu jedhu maal jechuusaa ture? Haalawwan haasawaa Yesus Niqoodemosii wajjin godhe duraafi duubaan galmaa’anii jiran haa ilaallu. Kunis, Yohaannis inni Cuuphaaniifi bartoonni Yesus bishaaniin cuuphaa akka turan argisiisa. (Yohannis 1:19, 31; 3:22; 4:1-3) Gochi kun Yerusaalem keessatti beekamaa ture. Kanaaf, Niqoodemos, Yesus yommuu waa’ee bishaanii dubbatu, akkasumaan waa’ee bishaanii utuu hin ta’in, waa’ee bishaan cuuphaa dubbachuusaa akka ta’e hubatee ture. *

“Hafuura Qulqulluudhaan” Cuuphamuu

‘Bishaanittii dhalachuun’ bishaaniin cuuphamuu kan argisiisu erga ta’e, ‘hafuurattii dhalachuun’ maal jechuudha? Yesus Niqoodemosii wajjin marii gochuusaa dura, Yohaannis inni Cuuphaan bishaan qofa utuu hin ta’in, hafuurris cuuphaarratti ga’ee akka qabu yeroo dubbatu, “Ani bishaaniinan isin cuuphe; inni [Yesus] garuu hafuura qulqulluudhaan isin in cuupha” jedheera. (Maarqos 1:7, 8) Barreessaan Wangeelaa Maarqos cuuphaan akkasii jalqaba yeroo itti raawwatame ibseera. Akkas jechuun barreesseera: “Bara sanatti Yesus, Naazireet mandara Galiilaatii dhufee, Yohannis Yordaanositti isa cuuphe. Yohannis akkuma Yesus bishaanicha keessaa ba’een, bantiiwwan waaqaa saaqamuu isaanii, hafuurri qulqulluunis akka gugeetti dhufee isa irra bu’uu isaa arge.” (Maarqos 1:9, 10) Yesus yommuu bishaan Yordaanos keessa lixe bishaaniin cuuphame. Yeroo hafuurri qulqulluun samiirraa isarra bu’ettimmoo, hafuura qulqulluudhaan cuuphame.

Erga cuuphaan kun raawwatamee gara waggaa sadii booda, Yesus bartootasaatiin, “Guyyaa baay’ee utuu hin turin hafuura qulqulluudhaan in cuuphamtu” jechuun waadaa galeefii ture. (Hojii Ergamootaa 1:5) Kun yoom raawwatame?

Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti bartoonni Yesus 120 ta’an mana Yerusaalem jiru tokko keessatti walitti qabamanii turan. “Dingatas huursaan waaqa irraa akka bubbee bubbisuutti dhaga’amee, manicha isaan keessa jiranis guute. Arraba ibiddaa kan fakkaatan isaanitti mul’atan, . . . . yommus hundumti isaanii hafuura qulqulluudhaan guutaman.” (Hojii Ergamootaa 2:1-4) Guyyuma sana warri Yerusaalem jiran kaanis bishaaniin akka cuuphaman jajjabeeffaman. Phexros ergamaan namoota achitti walga’aniin akkas jedhe: “Yaada garaa keessanii geddaradhaa; cubbuun keessan akka isiniif dhiifamuuf, tokkon tokkon keessan maqaa Yesus Kristositti cuuphamaa; kennaa hafuura qulqulluus in fudhattu.” Namoonni sun maal godhan? “Warri dubbii isaa fudhatan in cuuphaman; kanaaf guyyaa sanatti akki lubbuu kuma sadii isaanitti in dabalaman.”—Hojii Ergamootaa 2:38, 41.

Wantoota Haaraa Dhalachuuf Barbaachisan Lamaan

Cuuphaawwan kun lamaan waa’ee haaraa dhalachuu maal ibsu? Haaraa dhalachuun kan danda’amu wantoota lamaan jechuunis bishaaniifi hafuura qulqulluudhaan akka ta’e argisiisu. Yesus jalqaba kan cuuphame bishaaniin akka ta’e hubadhu. Achiis hafuurri qulqulluun isarra bu’e. Haaluma wal fakkaatuun bartoonni jalqaba (tokko tokkos Yohaannis isa Cuuphaadhaan) bishaaniin kan cuuphaman si’a ta’u, achiis hafuurri qulqulluun isaanirra bu’eera. (Yohaannis 1:26-36) Bartoonni haaraan 3000 ta’anis jalqaba bishaaniin kan cuuphaman si’a ta’u, boodammoo hafuura qulqulluudhaan cuuphamaniiru.

Cuuphaa Dh.K.B bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti ta’erraa ka’uudhaan, yeroo har’aa haaraa dhalachuun kan raawwatamu akkamitti jennee yaaduu qabna? Haala ergamoota Yesusiifi bartoota jaarraa jalqabaa wajjin wal fakkaatuun raawwatama. Jalqaba namni tokko yaada garaa jijjiirrata, gochasaa isa hamaarraa deebi’a, Yihowaa waaqeffachuufi isa tajaajiluuf of murteessa, kanas namoota duratti bishaaniin cuuphamuudhaan argisiisa. Achiis, Waaqayyo Mootummaasaa keessatti mootii ta’ee akka tajaajilu yoo isa filate hafuura qulqulluudhaan dibama. Wantoota lamaan haaraa dhalachuun raawwatu keessaa inni jalqabaa, (bishaaniin cuuphamuun) murtoo dhuunfaarratti kan hundaa’e si’a ta’u, inni lammaffaan, jechuunis (hafuura qulqulluudhaan kan cuuphu) garuu Waaqayyodha. Namni tokko karaa lamaaniinuu yommuu cuuphamu haaraa dhalata jechuudha.

Haallisaa erga akkas ta’ee, Yesus Niqoodemos wajjin yommuu dubbatu, jecha ‘hafuura qulqulluufi bishaanittii dhalachuu’ jedhutti kan fayyadame maaliifi? Akkas kan jedhe, namoonni bishaaniifi hafuuraan cuuphaman jijjiirama guddaa akka godhan caalaatti ibsuuf jedheeti. Matadureen ittaanu waa’ee kanaa ibsa.

[Miiljaleewwan]

^ key. 5 Haaluma wal fakkaatuun Phexros ergamaanis, sirna cuuphaa tokkorratti, “eenyutu bishaan dhowwachuu danda’a ree?” jedhee gaafatee ture.—Hojii Ergamootaa 10:47.

[Fakkii fuula 9rra jiru]

Yohaannis, Israa’eloota yaada garaasaanii geddaratan bishaaniin cuupheera