Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Haaraa Dhalachuun Maal Raawwata?

Haaraa Dhalachuun Maal Raawwata?

Haaraa Dhalachuun Maal Raawwata?

YESUS waa’ee hafuura qulqulluutiin cuuphamuu yommuu dubbatu, jecha “hafuura qulqulluuttii . . . dhalachuu” jedhutti kan fayyadame maaliifi? (Yohaannis 3:5) Jechi “dhalachuu” jedhu fakkeenyaan yommuu itti hojjetamu “jalqaba” jechuudha. Jechi “haaraa dhalachuu” jedhu “jalqabbii haaraa” kan argisiisudha. Kanaaf, jechoonni “dhalachuu” akkasumas “haaraa dhalachuu” jedhan, Waaqayyoofi namoota hafuura qulqulluutiin cuuphaman gidduutti walitti dhufeenyi haaraan akka jalqabamu kan argisiisudha. Hariiroon guutummaatti jijjiirama gochuu gaafatu kun kan raawwatamu akkamitti?

Phaawulos ergamaan, Waaqayyo ilmaan namootaa samii keessatti bulchitoota akka ta’an akkamitti akka qopheessu ibsuuf, maatii akka fakkeenyaatti itti fayyadameera. Kiristiyaanonni barasaa turan ‘ilmaan ta’anii guddifamuusaaniitiin,’ Waaqayyo akka ‘ilmaaniitti’ akka isaan ilaalu barreessee ture. (Galaatiyaa 4:5; Ibroota 12:7) Fakkeenyi guddifamuu, namni tokko yommuu hafuura qulqulluudhaan cuuphamu jijjiirama akkamii akka godhu hubachuuf nu gargaara. Fakkeenya waa’ee dargaggeessa mana barumsaa namoota magaalattiirraa fagaatanii jiran qofaaf qophaa’etti galmeeffamuu barbaaduu irra deebinee haa ilaallu.

Jijjiirama Guddifamuun Fidu

Fakkeenyicharratti dargaggeessi sun, dhalataa naannoo sanaa keessaa tokko waan hin taaneef, mana barumsaa kanatti galmeeffamuu hin dandeenye. Guyyaa tokko garuu jijjiiramni guddaan tokko akka ta’e yaadi. Abbaa dhalataa naannoo sanaatiin karaa seera qabeessa ta’een akka ilmaatti guddifame. Haalli kun dargaggeessa kanarratti jijjiirama akkamii fida? Akka ilmaatti waan guddifameef, amma mana barumsaa kanatti galmeeffamuu dabalatee, mirga dargaggoonni naannichatti dhalatan hundi qaban qabachuu danda’a. Akka ilmaatti guddifamuunsaa wanta inni hojjechuu danda’u guutummaatti jijjiireera.

Fakkeenyi kun, warri haaraa dhalatan haala kanarra caaluun jijjiirama akkamii akka godhan argisiisa. Wal fakkeenya gidduusaanii jiru tokko tokko ilaali. Dargaggeessi fakkeenyicharratti ibsame mana barumsichaatti fudhatama argateera. Galmeeffamuu kan danda’u garuu ulaagaa barattoota naannoo sanaarraa eegamu yoo guute qofadha. Ulaagaa kana garuu ofumasaatii guutuu hin danda’u. Haaluma wal fakkaatuun, ilmaan namootaa tokko tokko Mootummaa Waaqayyoo ykn bulchiinsa samii keessatti bulchitoota akka ta’an carraan isaanii banameera. Mirga kana argachuu kan danda’an garuu ulaagaa galmaa’uuf isaanirra eegamu, jechuunis “lammata dhalachuu” yoo danda’an qofadha. Haata’u malee, haaraa akka dhalatan kan taasisu Waaqayyo waan ta’eef, ulaagaa kana ofumasaaniitii guutuu hin danda’an.

Haala dargaggeessa kanaa kan jijjiire maalidha? Karaa seera qabeessa ta’een akka ilmaatti guddifamuusaati. Dhugaadha, dargaggeessi kun akka ilmaatti guddifamus wanti kun uumamasaarratti jijjiirama fide hin qabu. Ta’us, akka ilmaatti guddifamamuuf wanti karaa seeraa barbaachisu erga guutamee booda, dargaggeessi kun iddoo haaraa argata. Dhugumayyuu jalqabbii haaraa qabaata, jechuunis haaraa dhalata jechuudha. Kunis mana barumsaa galuufi miseensa maatii abbaa isa guddisee waan isa taasisuuf, mirga ilma ta’uun argamsiisu hundaa isaaf argamsiisa.

Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan karaa seera qabeessa ta’een akka ilmaaniitti isaan guddifachuudhaan, haala tuuta ilmaan namootaa cubbamoo ta’anii jijjiireera. Phaawulos ergamaan inni miseensa tuuta kanaa ta’e, namoota hidhata amantaasaa ta’aniif akkas jechuudhaan barreessee ture: “Hafuurichi isin fudhattan hafuura ilmummaatti guddifamuu ti malee, hafuura garbummaa isa sodaa jalatti isin deebisu miti; hafuura kanaanis, ‘Abbaa keenya’ jennee Waaqayyoon in waammanna. Hafuurri Waaqayyoo hafuura keenyaa wajjin walii galee, ijoollee Waaqayyoo ta’uu keenya dhugaa in ba’a.” (Roomaa 8:15, 16) Eeyyee, akka seera guddifachaatti Kiristiyaanonni kun, kutaa maatii Waaqayyoo, ykn “ijoollee Waaqayyoo” ta’aniiru.—1 Yohaannis 3:1; 2 Qorontos 6:18.

Dhugaadha, Waaqayyo namoota kana akka ilmaaniitti isaan guddisus, ammayyuu cubbamoota waan ta’aniif, kun uumamasaaniirratti jijjiirama fidu hin qabu. (1 Yohaannis 1:8) Haata’u malee, akkuma Phaawulos ibse karaa seera qabeessa ta’een erga guddifamanii booda, iddoo haaraa argatu. Yeroo kanatti hafuurri Waaqayyoo namoonni kun, ilmaan ta’anii Kiristosii wajjin samiirra akka jiraatan amantii guutuu akka qabaatan isaan godha. (1 Yohaannis 3:2) Amantii guutuun hafuura qulqulluurraa argatan kun, jireenyaaf ilaalcha guutummaatti adda ta’e akka qabaatan isaan taasisa. (2 Qorontos 1:21, 22) Eeyyee, jalqabbii haaraa qabaatu, jechuunis haaraa ta’anii dhalatu.

Macaafni qulqulluun ilmaan Waaqayyoo warra ilmummaatti guddifaman ilaalchisee, “isaanoo luboota Waaqayyoo, luboota Kiristosis ta’anii, isaa wajjin waggaa kuma tokkoof mo’uuf jiru” jedha. (Mul’ata 20:6) Namoonni ilmaan Waaqayyoo ta’anii guddifaman kun, Mootummaa Waaqayyoo ykn bulchiinsa samii keessatti Kiristosii wajjiin mootota ta’anii bulchu. Phexros ergamaan namoonni hidhata amantaasaa ta’an, “waan hin badne, waan xurii hin qabne, waan gad deebi’aa hin adeemne” akka dhaalaniifi kunis ‘waaqa keessatti isaaniif eegamee akka jiru,’ isaanitti himeera. (1 Phexros 1:3, 4) Dhugumayyuu kun dhaala bakki guddaan kennamuufidha!

Ta’us, wanti bulchiinsaa wajjin wal qabate kun gaaffii garabiraa kaasa. Warri olii ykn lammata dhalatan samiirratti mootota ta’anii kan bulchan taanaan kan isaan jalatti bulan eenyufa’i? Matadureen ittaanu waa’ee kanaa ibsa.

[Fakkii fuula 10rra jiru]

Phaawulos waa’ee guddifamuu maal jedhe?