Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kan Bulchan Muraasa, Kan Fayyadaman Hedduu

Kan Bulchan Muraasa, Kan Fayyadaman Hedduu

Kan Bulchan Muraasa, Kan Fayyadaman Hedduu

WAAQAYYO bara ergamoota Yesusii jalqabee, Kiristiyaanota amanamoo lakkoofsa muraasa qaban filachuudhaan, ijoolleesaa godhateera. Ijoolleen Waaqayyoo kun guutummaatti waan jijjiiramaniif, Macaafni Qulqulluun jijjiirama kana haaraa ta’anii dhalachuu wajjin wal fakkeessa. Kaayyoon haaraa ta’anii itti dhalataniif, tajaajiltoonni Waaqayyoo warra lammata dhalatan samiirratti bulchitoota akka ta’an qopheessuufidha. (2 Ximotewos 2:12) Namoonni kun bulchitoota ta’uuf, du’aa ka’anii jireenya samii argatu. (Roomaa 6:3-5) Akkasumas, Kiristosii wajjin samiirra taa’anii “lafa irratti mo’uuf jiru.”—Mul’ata 5:10; 11:15.

Haata’u malee, Dubbiin Waaqayyoo warra lammata dhalatan kana malees, namoonni fayyina barabaraa argatan akka jiran dubbata. Macaafni Qulqulluun (Caaffanni Qulqullaa’oo afaan Ibrootaafi afaan Giriikii) Waaqayyo tuuta lama fayyisuuf kaayyoo akka qabu dubbata. Isaanis, namoota muraasa bulchitoota ta’uudhaan samiirra jiraataniifi namoota hedduu bulchiinsa kana jalatti lafarratti jireenya barabaraa argatanidha. Fakkeenyaaf wanta Yohannis ergamaan warra hidhata amantaasaa haaraa ta’anii dhalataniif barreesse ilaali. Yesusiin ilaalchisee, “Inni furee cubbuu keenyaa [tuuta xinnoo] ti, cubbuu keenya duwwaafis miti cubbuu guutummaa biyya lafaatiifis [tuuta guddaa] malee” jedheera.—1 Yohannis 2:2.

Haaluma wal fakkaatuun Phaawulos ergamaan, “Uumamni hundinuu, [tuutni guddaan] mul’achuu ijoollee Waaqayyoo [tuuta xinnoo] dhimmanii eeggachaa jiru” jechuudhaan barreesseera. (Roomaa 8:19-21) Wanta Yohannisiifi Phaawulos barreessan kana akkamitti hubachuu qabna? Warri lammata dhalatan samiirratti bulchitoota akka ta’an hubachuu qabna. Kaayyoo maaliitiif? Namoota miliyoona hedduutti lakkaa’amaniifi bulchiinsa Waaqayyootiif abboomamuudhaan lafa kanarra jiraataniif, eebba barabaraa argamsiisuufidha. Kanaan kan ka’es Yesus bartoonnisaa, “Mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee waaqa irratti akka ta’u, akkasuma immoo lafa irratti haa ta’u!” jedhanii akka kadhatan barsiiseera.—Maatewos 6:10.

Yaanni fayyina kana kan argatan tuuta lama ta’uusaanii ibsu, Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa keessattis ni argama. Fakkeenyaaf, wanta Yihowaan Abrahaam isa akaakilii Yesus ta’etti hime ilaalaa. “Sabni biyya lafaa irraa hundinuu [tuutni guddaan] sanyii keetiin [tuuta xinnootiin] in eebbifamu” jedheenii ture. (Uumama 22:18) Eeyyee, sabni hundi karaa “sanyii” Abrahaam eebba argachuu danda’a.

‘Sanyiin’ sun eenyu? Yesus Kiristosiifi warra haaraa ta’anii dhalachuudhaan ijoollee Waaqayyoo ta’anidha. Phaawulos ergamaan, “Erga kan Kristos taatanii, yoos isin sanyii Abrahaam” jechuudhaan ibseera. (Galaatiyaa 3:16, 29) Eebbawwan saboonni hundi karaa “sanyii” kanaa argatan maalfa’i? Waaqayyo duratti fudhatama argatu; akkasumas lafa jannata taaturra barabaraan jiraatu. Daawit faarfatichi, ‘Toloonni lafa in dhaalu isarras baruma baraan in jiraatu’ jechuudhaan raajii dubbateera.—Faarfannaa 37:29 hiika bara 1899; Isaayaas 45:18; Mul’ata 21:1-5.

Dhugumayyuu samiirratti bulchuun namoota muraasaaf kan kenname ta’us, faayidaan bulchiinsa kanarraa argamu, namoota hedduudhaaf lafarratti jireenya barabaraafi eebbawwan baay’ee kan argamsiisudha. Atiifi maatiinkee, eebbawwan barabaraa Mootummaan Waaqayyoo fidu kana akka argattan hawwina.

[Fakkii fuula 12rra jiru]

Namoonni miliyoona hedduutti lakkaa’aman lafarratti jireenya barabaraa argachuudhaan eebbifamu. Atoo isaan keessaa tokko ni taataa?