Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Amantii Gaariin Wanta Gaarii Barsiisa

Amantii Gaariin Wanta Gaarii Barsiisa

Amantii Gaariin Wanta Gaarii Barsiisa

AMANTII gaariin, yaada gaarii barsiisuudhaan, amala gaarii qabaachuun akkamitti akka danda’amu ibsa. Wanta gaarii gochuuf carraaqqii goonurratti, akkasumas namoota gaarii akka taanu nu gargaara. Amantii gaariin kana akka godhu akkamitti beekuu dandeenya?

Yaada Phaawulos Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatti biyya Giriik keessa magaalaa Qorontos jiraataniif barreesse ilaali. Jiraattonni magaalattii, jireenya gadhee jiraachuudhaan kan beekaman turan. Kanaan kan ka’es Phaawulos, “Warri halaleen, warri waaqayyolii tolfaman waaqessan, warri ejjan, warri gadhaa’an, warri nama gadhoomsanis, warri hatan, warri sassatan, warri machaa’an, warri maqaa namaa balleessan, warri nama saamanis matumaa mootummaa Waaqayyootti hin galan” jedheera. Itti dabaluudhaanis, “Isin keessaa kaan warra akkasii turan, garuu maqaa gooftaa Yesus Kristosiin, hafuura Waaqayyo keenyaatiinis cubbuuttii dhiqattaniittu, warra Waaqayyoof qulqullaa’an taataniittu, Waaqayyo durattis qajeelota taataniittu” jedheera. (1 Qorontos 6:9-11) Kanaaf, amantii gaariin namoonni kanaan dura amala gadhee qaban tokko tokko, namoota qulqullummaafi qajeelummaadhaan Waaqayyoon tajaajilan akka ta’an kan isaan gargaare ta’uusaa hubadhu!

Haala kanarraa faallaa ta’een Macaafni Qulqulluun, “Barri itti namoonni barsiisa sirrii fudhachuu jibban dhufuuf jira; bara sanas akka hawwa isaaniitti, barsiisota wanta gurra isaaniitti tolu isaan barsiisan walitti in sassaabbatu” jechuudhaan akeekkachiisa.—2 Ximotewos 4:3.

Amantiiwwan ati beektu gama kanaan wanti isaan raawwatan maal fakkaata? Seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra ni oolchuu? Moo, ‘wanta gurra namootaatti tolu’ qofa barsiisuudhaan, gorsa ifa ta’eefi Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu akka laayyootti akka ilaalan godhu?

Amantiin tokko ija ba’eessa godhachaa jiraachuufi dhiisuusaa hubachuuf, yeroo fudhattee gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii argachuuf maaliif yaalii hin gootu?

MATADUREE: Gaa’ela.

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL BARSIISA?: “Gaa’elli hundumaa biratti ulfina-qabeessa haa ta’u, ciisichi gaa’elaas hin xureeffamin! Waaqayyo warra halalee fi ejjituutti faraduuf jira.”—Ibroota 13:4.

GAAFFII: Amantiin kun miseensonnisaa, dhiiraafi dubartiin waliin jiraatan, gaa’elasaanii seeraan galmeessisuu akka qaban isaanirraa eegaa?

MATADUREE: Wal hiikuu.

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL BARSIISA?: Yesus, namni tokko sababii maaliitiin hiriyaa gaa’elaasaa hiikuu akka danda’u yommuu gaafatame, “Yoo isheen ejjite malee, namni haadha manaa isaa baasee kan biraa fuudhe in ejja” jedhee deebiseera.—Maatewos 19:9.

GAAFFII: Amantiin kun, namni tokko niitiisaa hiikee, garabiraa fuudhuu kan danda’u, yoo ejjite qofa akka ta’e qajeelfama Yesus kenne ni kabajaa?

MATADUREE: Saalqunnamtii seeraan ala ta’e.

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL BARSIISA?: “Halalummaa baqadhaa! Cubbuu namni hojjetu keessaa warri kaan hundinuu dhagna namaa hin tuqan; namni halaleen garuu dhagna isaatti cubbuu hojjeta.”—1 Qorontos 6:18.

“Dubartoonni isaaniis karaa ittiin fedha fooniitiif dhiiraa wajjin wal bira ga’an isa uumamaan kennameef dhiisanii, gara isa uumamaan isaaniif hin kennaminitti diddiirratan. Warri dhiiraas akkasuma karaa ittiin fedha fooniitiif dubartootaa wajjin wal bira ga’an, isa uumamaan kennameef dhiisanii, kajeellaa walii isaaniitiin gubataniiru; warri dhiiraas walii isaanii gadhoomsanii, beekaa karaa irraa jal’isuu isaaniitiif adaba dhagna isaanii akka ta’utti fudhataniiru.”—Roomaa 1:26, 27.

GAAFFII: Amantiin kun, saalqunnamtiin namoonni wal hin fuunes ta’an, warri wal fuudhan saala wal fakkaatu gidduutti raawwatan cubbuu ta’uusaa ni barsiisaa?

MATADUREE: Miseensonnisaa seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu akka eegan ija jabinaan barsiisuu.

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL BARSIISA?: “‘Ani amaneera’ jedhee nama halalummaatti jiraatu yookiis nama sassatu yookiis nama Waaqayyo tolfamaadhaaf sagadu yookiis nama machaa’u yookiis nama nama saamuu wajjin walitti hin hidhatinaa! Isaa wajjin illee hin nyaatinaa.” (1 Qorontos 5:11) Namoonni Kiristiyaana ofiin jedhanii cubbuu raawwatan, qalbii hin geddaratan taanaan maal godhamuu qabu? Dubbiin Waaqayyoo, “Isa hamaa hojjetu of keessaa baasaa!” jedha.—1 Qorontos 5:13.

GAAFFII: Amantiin kun, namoota ulaagaa Macaafa Qulqulluu hin eegneefi qalbii hin geddaranne of keessaa ni baasaa?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 6rra jiru]

Amantiin, seera Macaafni Qulqulluun wanta gaariifi gadhee ta’e ilaalchisee baase hojiirra oolchuudhaan beekamu isa kami?